شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

kitaaba salaata taraawiihgaa

 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA

AKKAATAA SALAATA TARAAWIIHGAA
KAN KARAA FAYYAA QABUUN
NABI MAHAMMADIRRAA NU GAYE

   
 

 

بسم الله الرحمن الرحيم

Duree abbaa kitaabaa sheekh alii assaabuuni'ii

Eegan Rabbi faarsee ,ergamaa isaa ,caalaa waan Rabbiin uumee, gooftaa keenya muhammad, kan karaa gaari'iin  gara Rabbii nama yaamufii, aalii isaanitiifii, asaabaa isaanii hundarratti, ammallee warra hanga guyyaa qiyaama'atti haala bareeda'aan isaan jala deeme hundarratti, nagayaafii , rahmata buusee,

Wannin je'u:{ Kitaabni kun kitaaba waan taraawiiha yookaa qiyaama Ramadaanatti rarra'u} inni kitaaba qaamni isaa xiqqa'aa kan bu'aan isaa guddo'ooti. yoo Rabbi je'e. kitaaba haqa bakkatti deebisu. kan Ragaa jaba'aan, kijiba warri waan beyne,{ taraawiiha } raka'aa diiddama salaatun, bid'aa hamtuu je'u, deemsisu .khijiba isaan raka'aa kudha sadiyirratti gabaabbatu'uun ,sunnaa jiraachifna je'anii, lola namatti kaasan isaan akka dalagaa isaanii tanaan,haqa didanii, sunna'arraa fagaatan hin beekhan.isaan salafa ummataatifii, khalafa isaanii jallinaan darbatan .asaabonni nabii Rabbi isaanirraa haa jaalatuu ,munkararratti usanii, {taraawiiha} raka'aa diiddama salaatu'urratti walii galan ,bid'aa sunna'aan  wal dhabdu , tan umar itti ajaje asaabonni jaalate je'an .

Duuba saniin warri waan beyne kun yaada orma islaamaa balleessanii,jecha orma islaamaa adda babaasanii ,tokkummaa ummata islaamaa addaan facaasan.waan gaarii dalaynaa siya'aa badii tana hunda dalagan.jara badii akkanaa oofurratti deebisu'uu  jachan kitaaba kana allafe .yookaa barreesse .

Akkaatan kitaaba kana itti barreessu, yookaa kaayu, akka as deemu kanatti :

Duree  dubbii tanaa .

2  Hukmii yookaa murtii Taraawiihatiifii gatii yookaa  sawaaba isi'iiti .

3  Namni dura {taraawiiha} salaate  nabi  Muhammadi nageenyi isarratti haa jiraatuu .

Maalif salaanni halkan soomanaa salaatan  Taraawiiha  je'ame?

5  Waan ulamaan lakkooysa raka'aa taraawiihaa keessatti je'e .

Sunnaan taraawiihaa raka'aa diiddamaa ragaasisu.

Dalagaan harama lamaanii Ragaa taraawiini raka'aa diiddama tayu'uuti.maalif isaan Zamana asaab umarirraa qabanii, hanga ammatti, takkaa raka'aa diiddama malee hin salaanne .

Fatwaa,Ibnu teymiya'aa tan waan warri jallate je'u deebiftu .

Waan asaab umar karaa godhe qabatuun ,sunnaa nabii qabatuu je'ama. Nageenyi isarratti haa jiraatuu.

10  Waanin dardara islaamatii dhaamu . xumura dubbi'ii .

Wannin Rabbii kiyyarraa khadhadhu, balaa nama jalliftu hundarraa nu fageessuu. jaalala waan nabseen itti nama yaamtu jala deemu'urraa nu eeguu.Rabbiin niyyaa toluu nuu haa kennu.Mul'atuu jaalatuu nurraa haa fageessu .

Rabbiin kan khadhaa teenya nuu dhagayu kan waan nuti khadhanne nuu kennu.

مقدمة الكتاب

Duree kitaabaa

  Zamana heddu'uutu ummata islaamarra dabree jira .isaanii nagayaan ,obbolumma'aan, wal gargaaru. kan wal jaalalaan ,salaata taraawiihaa , ramadaana hunda, wajji salaatan. kan naannon islaamaa bal'oon, nagayaan walitti isaan qabdu .kan wanni xaliilummaa isaanii, tan wajji jireenyaa, booressu hin jirre. kan wanni addaan isaan facaasu ,hin jirre.yaroo ramadaanatiifii yaroo taanillee.

Maalif wanni isaan itti yaaddawanii dalagan ,qur'aanafii ibaadaa Rabbiiti.eegasii zamanni keenya kun dhufe. kan isa keessa, yaanni yookaa afkaarri goggogee, beekkomsi ciise duuba ormi islaamaa, waan xixiqqoo malee ,waan guddoo , itti yaaddawuun barbaadamu, ni dhabe.damee malee,hundee ni dhiise .

Tanaaf damee heeraa keessatti wal diddaan isaan keessa facaate. hanga sun asxaa ummanni islaamaa if duuba deebi'uu taye takkatti.kan san dura ummanni islaamaa , duree  ummata addunya'aa tayanii, namaan deemuu turan .

Namni karaa islaamaa qajeela'arraa maqee, khilaafa, yookaa wal diddaa ummata jiddu'utti buusee bal'ise, warra biyyaa adda facaase sun , waa , warra waan beynee mitii. nama waa barate .kan silaa ummata walitti qabee,namaan deemun isarraa eeggamu .takkaa isarraa barbaadamu .warri adda nama facaasu, warra beekkomsa qabne je'u .kanneen beekkomsa keessatti , bakka irra hedduun ulamaa'ii zamanaa hin gayin geenye je'u. kan inumaa keessa dabranii darajaa, yookaa sadarkaa ,imaamman ,warra ijtihaadaa, waan gayan, itti fakkaatu.kan sanumaan wajji ,yaada yookaa mala,nama dinqu  baasan. yaada waan irra hedduun ulamaa'ii islaamaa , ta duriifii tan ammalleen irratti walii galeen,wal dhabu fidan .jarri sun ummata islaamaa ,warra biyyaa adda babaasu'uu jecha,yaada ulamaa'in diddu if biraa kaasanii fidan .warra akkanaa kanaatu zamana kana ummata keessatti argame .

Duuba diin islaamaa kan waliitti nama qabu ,kan tokkummaa ummataa jabeessu , sababaa wallaalatiifii ,sababaa waan nabseen feetu jala deemu'uutif, ar'a islaamni,waan adda nama facaasu ,waan obbolummaa islaamaa diigu taye.obbolummaa iimaanaa , tan Rabbiin sababaa diin islaamin walitti hidhe

 }إنما المؤمنون  اخوة فأصلحوا بين أخويكم{

je'ee.

 ma'naan isaa: mu'minni hundi ,obboleeyyanii, yoo wal dhabni isan jiddu'utti argame obboleeyyan keessan lamaan walitti tolchaa} jechuu

Yaa balaa hamtuu ummata islaamatti buute ! kan sababaa yaada sheekkotii zamanaa, warra ijtihaada himatu,kan karaa ulamaa'irraa maqe , jala deemu'urraa dhufe.kan waan xiqqo'oo jecha ibidda wal didda'aa ummata islaamaa jiddu'utti qabsiisan.takkaa itti tuqan.kan waan islaamni waan xiqqo'otti laaluu jecha ,fitnaa yookaa girgirii  guddoo kaasan .

 Waan akka tasbii ba'atu'uu ,bakka salaata keessatti harka kaayatan ,salaata taraawiihaa .aalima harka fuudhuu , keessummaadhaa dhaabbatuu,zikri'ii jecha walitti qabamuu ,namni qur'aana qara'u hoggaa qaraatii fixe{ صدق الله العظيم } je'uu , waan kana fakkaatuu jecha balaa biyyaafii ummatatti buusan .

Wanni kun hundinuu,akka diin islaamaa laalutti,waan xiqqoo moroma'atti hin haajamne . maalif isiin kanaatu kanarra caala jechaa jala seenti malee ,kun halaalii kun haraamii jala hin seentu .

Haa tayuu jarri balaa wal didda'aa ummata jiddu'utti facaasu, waan xixiqqoo tana akka waan gugurdo'oo godhanii,akka waan ummanni islaamaa itti yaaddawuun dirqi'ii godhanii, tan akka aqiida'aa Harka tokko tayu'uu , wajji dhaabbatanii waan diinifii biyya balleessu ifirraa deebisu'uu godhanii, mas'alaa xixiqqoo tana keessatti ummata Rabbashan .yookaa baraabbaran .akka waan ummanni ,nama,isaan adda babaasutti haajamuu ,godhanii ,hidhatanii, ummata adda facaasan eega isti'maarri yookaa adda isaan facaasee. takkaa adda isaan qoodee ,tuuta tuuta isaan godhe .hanga akka tuutti hundi, yaada ifii jaalattee, aada nama biraa yookaa tuuta biraa jibbitu godhetti.isaanis yaada isaanitiin ummata addaan facaasan .

Kan kanarra hama'aa warri akkatti wal diddaa, addaan ummata fottoysuu,addaan wal ciruu  oofu kun, maqaa diinif  tumsina jechu'uutin waan san hunda dalagan takkaa dalagaan tun isaanirraa argamti..gaafin maqaa sunnaa jiraachifna jechu'uutin isaanirraa argamti. hogiin maqaa warra gaggaarii {salafa} nu dura dabre jala deemna jechu'uutin dalagaan badduun sun isaanirraa argamti ammoo warri gaggaarin dalagaa badduu isaan dalagan tanarraa qulqulluu . jara maqaa kanaan ummata addaan ciru kun,akka dalagaa isaanii tanaan diinaa islaamaa karaa hin beynen miidhu'uuf, sheyxaanni itti isaan kaasu ,hin beekan .tanaaf jecha diin islaamaa miidhuudharraa hin dhaabbatan  .

Diinni yookaa nyaabni islaamaa,wanni fedhu ,ummanni islaamaa waan guddoo dhiisee, waan xiqqo'otti gara galee, sanirratti wal nyaatu . akka laga laga goranii,walii tumsuu dhiisanii , wal dhawan fedha. Xilaanni diin islaamaa.duuba gariin orma islaamaa waan aduwwii isaanii jaalachiisu dalaga .Waan addaan isaan baasu dalagu'uun .odoo Rabbiin harka tokko tayu'utti isaan ajajee, adda babayu'urraa isaan dhoowwuu.

 Rabbiin qur'aana isaa keessatti akki  je'u:

) (#qßJÅÁtGôã$#ur È@ö7pt¿2 «!$# $Yè?ÏJy_ ?wur (#qè%§?xÿs? 4 (#rã?ä.ø?$#ur |MyJ÷èÏR «!$# öNä3ø?n=tæ ø?Î) ÷LäêZä. [ä!#y?ôãr& y#©9r'sù tû÷üt/ öNä3Î/qè=è% Läêóst7ô¹r'sù ÿ¾ÏmÏFuK÷èÏZÎ/ $Zuq÷zÎ) (      سورة آل عمران

  Ma'naan isaa:{diinaa Rabbii qabadhaa Walin didinaa.waan Rabbiin isiniin qananiise yaadadhaa . kan dur aduwwii walii tayuu turtan. kan bakka gartanitti wal ajjeeftan.. duuba islaamni dhufee ,itti amantanii ,obboleeyyan walii taatan. kan sababaa islaamatiin walii du'uu malee, wal ajjeesuu dhiiftan } jechuu .

Ammas Rabbiin akki je'u:

) ?wur (#qçRqä3s? tûïÏ%©!$%x. (#qè%§?xÿs? (#qàÿn=tF÷z$#ur .`ÏB Ï?÷èt/ $tB æLèeuä!%y` àM»oYÉi?t6ø9$# 4 y7Í´¯»s9'ré&ur öNçlm; ë>#x?tã ÒO?Ïàtã ÇÊÉÎÈ (     سورة آل عمران

Ma'naan isaa:{ yaa ummata muhammad harka tokko tayaa addan babayinaa akka warra isin dura dabretti .kanneen eeguma karaan haqaa ifa isaanii bayee,wal dhabanii, adda babayan .jara saniif azaaba jaba'aatu qophaayee taa'a. isin ormi islaamaa akka isaanii hin tayinaa .tokkummaan haqaa beytanii,walin dhabinaa .wal tayuun jannataa wal dhabuun azaabaa

Mee maaltu obboleeyyan keenya warra nuti salafa ifiin je'u rakkisa? yoo ummata islaamaa kan ramadaana taraawiiha raka'a saddeet, takkaa raka'aa diiddama, haa salaatanii, itti dhiisan ,takkaa haa harkaan, takkaa tasbi'iin,haa tasbiiha godhanii itti dhiisan ,takkaa yoo adda adaan ,takkaa tuuta tuutan, haa zikrii godhanii itti dhiisanii ,jaatanii isaanii diina takkaa aduwwii islaamaa, dura dhaabbatu'utti gara galchan maaltu isaan dhiba ? bakka orma islaamaa, warra Rabbii isaanii ibaadu, obboleeyyan isaanitti, ibidda qabsiisan mas'alaa ulamaan islaamaa ,durirraa qabee, irratti wal dhaba'aa,dhufanii  jecha .  

Mee waan nabi muhammad je'e haa yaadatanii.  Wanni babi muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu  je'e:

 } إن هذا الدين يسر ولن يشاد الدين احد الا غلبه{

ma'naan isaa :{diin kiyya kun laafa'aa ,hin jabeessinaa,namni tokkolleen diin kana ifirratti hin jajjabeessu,yoo kan diin isa injifatu ,yookaa isa dadhabsiisu taate malee} jechuu.

Ammas waan nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu  ,je'e  yaadatanii. sun maali?     

 }بشروا ولا تنفروا ويسرو ولا تعسروا{

Ma'naan isaa: {nama gammachiisa'aa, dhiyeessaa ,karaa laafa'aan ,diin islaamatti nama yaamaa.namatti waa jajjabeessitanii baaraysitanii, diinirraa naman ari'inaa. Ammas waa laaffisaa. hin jajjabeessina'aa} jechuu.

Yaa Rabbi qajeelloo teenya nu yaadachiisi. Jaalala nabseedhaa jala deemu'urraa nu tiysi .fitnaa nama jallifturraa nu fageessi .yaa Waaqa waa hunda uumee tooyatu .

Amma hunoo waan kaanefitti haa seennu. sun karaa nabii, salaata taraawiiha keessatti laalu'uu.

Duuba wanni jennu: Rabbirraa gargaasafii, qunnamsiisa  barbaada'aa

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Bakkarraa Filadhu
kh_rashad2004@hotmail.com