استدلالهم بحديث عائشة والرد عليه
Hadiisa
aa'isha'aatifii warra ragaa isa godhatu
Hadiisni giifti
aa'isha'aa ,kan bukhaari'iifi, muslim odeesse ,
hunoo ,kana :
}
ماكان
النبى
صلى
الله
عليه
وسلم
يزيد
فى
رمضان
ولا
غيره
على
احدى
عشرة
ركعة{
Ma'naan isaa
:{Nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu ,
ramadaanafii, yaroo ramdaana hin tayinillee,
salaata halkanii, rak'aa kudha tokkorra, kan
ida'u, hin taane} jechu' .
Namni gariin
taraawiiha raka'aa kudha sadiyirra ida'uun
karaadhaa miti, je'eeti, hadiisa aa'isha'aa kana
daliila godheta . yookaa raga'aa fidata. haa
tayuu hadiisni aa'ish'aa rabbiin isi'irraa haa
jaalatuu ragaa isanii hin tayu .
Wanni daliila
yookaa ragaa isaanii hin taanef, sababaa lamaaf
i:
Tokkoffaan:wanni
Aa'ishaan odoossite rabbi isi'irraa haa jaalatuu
:waan salaata nabirraa, ija isi'iitin agarte.
halkan isii bira bulu.haa tayuu sun: Nabiin
nageenyi isarratti haa jiraatuu ,sanii ol,beera
isaanii kan biraa biratti salaatu'uun, wal hin
dhabu . malif isiin, beera Nabii saylanirra
takka. Halkan hunda isii bira buluu hin turre.
kan hangas malee hin salaanne jettee moromtuuf .
isiin waanuma salaata nabirraa, nageenyi
isarrati haa jiraatuu garte nuu himte .
Haati mu'mintootaa
giifti aa'ishaan wanni jettee ragaa baate akka
sahiiha muslim keessatti odeeffame
}
ما
رأيت
رسول
الله
صلى
الله
عليه
وسلم
يصلى
سبحة
الضحى
قط
وانى
لأسبحها
لأصليها
وان
كان
رسول
الله
ليدع
العمل
وهو
يحب
ان
يعمل
به
خشية
ان
يعمل
به
الناس
فيفرض
عليهم
{رواه
مسلم
Ma'naan isaa
{ergamaa
Rabbii kan salaata duha'aa salaatu takkaa hin
agarre.an ammoo nan salaata. maalif Nabiin
nageenyi isarratti haa jiraatuu waan garii
kanuma dalaguu fedhu dalaguu dhiisa yoon dalage
ummanni dalageeti wanni sun isaanirratti wajabaa
soda'aaf } jechuu M.odeesse
Kanuma Nabiin
takkaa salaata duhaadhaa hin dhiisin , kan
takkaa salaata duhadhatti nama kaasuu hin
dhiisin , hanga abbuu hureyra'aan salaata
duha'aa hin dhiisin je'ee dhaamuf takkatti .abuu
hureyran rabbi isarraa haa jaalatuu akki je'e :
}أوصانى
حبيبى
بثلاث
لن
ادعهن
ما
عشت
:
بصيام
ثلاثة
ايام
من
كل
شهر،
وبصلاة
الضحى
وبأن
لا
أنام
حتى
اوتر{
رواه
مسلم.
Ma'naan isaa
{jaalalleen kiyya nabi muhammad nageenyi
isarratti haa jiraatuu waa sadii naa dhaamee ,waanan
jiruun, wan sadeen san hin dhiisu .sadeen sun
baati'irraa guyyaa sadii soomanuu .salaata
duha'aa salaatuu .odo'on hin rafne salaata
witri'ii salaatuu}. Jechuu
Hadiisa kana
muslimtu odeesse .
Ammas {imaam
muslim} Abdurraman ilma abbaa layla'arraa
hadiisa {duha'aa} nuu odeessee jira .inni akki
je'e
عن عبدالرحمن بن ابي ليلى قال ما اخبرني أحد ، أنه
رآى النبي صلى الله عليه وسلم يصلي الضحى الا أن
هانئ فإنها حدثت ان النبي دخل بيتها يوم فتح مكة
فصلى ثمانى ركعات ما رأيته قط صلى صلاة اخف منها
غير أنه كان يتم الركوع والسجود :
Ma`naan isaa {
Abdurramaan akki je`e nam tokkolleen nabi
muhammed kan duhaa salaatu arge je`ee naan
odeessine hadha haanii malee isiin wanni
odeessite nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu
guyyaa makka qabatan mana kiyya seenaniiti
rak`aa saddeet salaatan an takkaa isaanii salata
saniin guutan jechuu
Duuba sitti
aa'shaan nabi muhammadii salaata duha'aa salaatu
hin agarre jette'eef, nabiin nageenyi isarratti
haa jiraatuu salaata duha'a hin salaanne jennee
eehamuu dinnaa
kkasuma jechi
aa'isha'aa :
}
ماكان
النبى
صلى
الله
عليه
وسلم
يزيد
فى
رمضان
وفى
غيره
على احدى
عشر
ركعة{
kan {Nabiin
nageenyi isarratti haa jiratuu ramadaanafii
zamana biraa keessattillee raka'aa kudha
tokkorra kan ida'u hin taane } je'u keessatti
wanni isiin nuu himte takkaa nuu odeessitu waan
mana isi'ii keessatti agarte.duuba sun nabiin
nageenyi isarrtti haa jiraatuu beera isaa kaan
birattii sanirra ida'anii salaatuu hin dhoowwu.
akka hadiisa ibnu abbaasifii, hadiisa zeydii,
ammllee hadiisa namni biraa odeesse keessatti
dhufe . akka ahmad kitaaba isaa kan musnadirra
ida'ee odeesse keessatti, Asaab aliyyi'irraa
odeesse .
asaab aliyyiin
Rabbi isarraa haa jaalatuu wanni odeesse
}كان
رسول
الله
صلى
الله
عليه
وسلم
صلى
من
الليل
ست
عشرة
ركعة
سوى
المكتوبة
{
Ma'naan isaa
:{ergamaan Rabbii nageenyi isarratti haa jiraatu
halkanirraa rak'aa kudha jaha salaatuu
ture,salaata fardi'ii malee } jechuu.
Lammaffaa :Sababni
lammafa'aa: wan Aa'ishaan bukhaari'iifii muslim
keessatti odeessite san,waan muslim ibnu
abbaasirraa odeessetu, dura dhaabbata . ibnu
abbaas akki je'e :
}
كان
رسول
الله
صلى
الله
عليه
وسلم
يصلى
من
الليل
ثلاث
عشرة
ركعة{
Ma'naan isaa
{ergamaan Rabbii halknirraa raka'aa kudha sadii
salaatuu ,ture} jechuu.
Duuba hunoo muslim
,riwaayaa tana keessatti, raka'aa kudha tokkorra
ida'ee jiraa ,hin gartuu.
Ammas waan
مسلم muslim
زيد بن خالد الجهني
Zeydii ilma khaalid juhani'irraa odeessetu,
waan Aa'ishaan jette dura dhaabbta. zeydi akki
je'e:
}لأرمقن
صلاة
رسول
الله
صلى
الله
عليه
وسلم
الليلة
،
فصلى
ركعتين
خفيفتين
،
ثم
صلى
ركعتين
طويلتين
،
طويلتين
،
طويلتين
،
ثم
صلى
ركعتين
وهما
دون
اللتين
قبلهما،
ثم
صلى
ركعتين
وهما
دون
اللتين
قبلهما
..
فذكر
الحديث
الى
ان
قال
:
ثم
اوتر
فذلك
ثلاث
عشرة
ركعة{
.
Ma'naan isaa:
{Wannin ifiin je'e : idana akkaanan salaata
nabii nageenyi isarrtti haa jiraatuu eega
je'eetan muradhe. Duuba wannin arge isaanii
raka'aa lama gabaaduu salaatee eegasii raka'aa
lama dheertuu , eegasii raka'aa lama dheertuu ,
eegasii lama dheertuu, eegasii lama ta ta
duraatii gadii salaatee, eegasii raka'aa lama ta
tan isii durarra gabaabdu'uu salaate je'ee
hadiisa hunda dubbatee,wanni je'e: eegasii
nageenyi isarratti haa jiraatuu wetrii salaate.
sun walii galatti raka'aa kudha sadiyii}.
Tanaaf jecha{
قاضي عياض }
qaadii iyad ,akki je'e :{ulamaan hadiisaa akki
je'an :hadiisota kana keessa, namuu :ibnu
abbaasifii , zeydifii, Aa'ishaan, waanuma
,ija
isaatin arge addeessu'uutu jira. hadiisa san
keessa salaanni nabii hangana, ittin hin idamu,
irraa hin ir'famu, je'amee, wassanamuun, hin
jiru .
Salaanni halkanii
,ibaadaa akkuma ida'aniin sawaabni namaa
ida'amu.haa tayuu wanni moromaan keessa jirtu,
wanni nabiin ifii maraxatee, yookaa mataa
isaatii salaatu keessa jirti} je'e . dubbiin
qaadii iyaad hangana
Haafizul'iraaqin,
الحافظ العراقي
} kitaba isaa kan
xarhuttasriib
طرح التثريب
je'amu keessatti akki je'e: {wanni ulamaan
irratti walii galte salaanni halkanii daangaa
yookaa likkiin qabu . haa tayuu waan nabiin
salaata halkanirraa salaatu keessatti oduun wal
dhabde.
Salaanni halkanii
wasana hin qabu jechu'urratti wanni ragaa tayuu,
hadiisa nabitti ol fuudhamu kan ibnu hibbaan
abuu hureyra'arraa odeesse .hadiisa san
keessatti nabiin hunoo akkana je'an :
.أوتروا
بخمس
,
أو
بسبع
،
او
بتسع
،
أو
بإحدى
عشرة
ركعة
،
أو
بأكثرمن
ذلك}
وهوحديث
صححه
الحافظ
العراقىكما
فى
نيل
الأوطار
وتحفة
الذاكرين
.
Ma'naan isaa
{Witrii raka'aa shaniin salaataa, takkaa torbaan,
takkaa sagaliin ,takkaa raka'aa kudha tokkoon
takkaa sanii oliin salaataa } jechu'.
Inni hadiisa
fayyaa qabu kan zeynuddiinil'raaqin
زين الدين العراقي
sahhahe.akka
naylul'awxaarifii , {نيل
الأوطار}Tuhfatuzzaakiriin,
keessatti dubbatame .
Sheykhul'islaam
ibnu teymiyaan{ابن
تيميان}
Fatwaa isaa, juuza duraa keessatti akki je'e:
Wanni dubbii
taraawiihaa keessatti ragga'e takkaa sabate :{ {Ubayyi
Ramadaana keessa raka'aa diiddama namaan
salaatee raka'aa sadiyiin witrii salaata jechuu.
Duuba nmni hedduun
ulamaa'iidharraa: taraawiiha diiddama salaatun
sunna'aa arge yookaa yaade. Maalif ? ubayyi
ajaja asaab umariin muhaajirootafii ansaarota
warra gugurdaa jidduu dhaabbatee salaatenii ,nam
tokkolleen maa kana dalayda je'ee harkatti hin
qabne .takkaayuu hin inkaarre.
Gariin ulama'aa
taraawiiha , raka'aa soddomii sagal salaatu'uutu,
sunnaa je'a.waa sun dalagaa warra madiina'aa ta
dur taatef.
Gariin ulama'aa
taraawiihni raka'aa kudha sadii je'a. warri
akkana je'u,kun dubbii isaanii tana keessatti
wal dhadhabe.waan taraawiiha raka'aa diiddama
salaatun, sunnaa khulafaa'otaa tayuun ragga'ee,
ummanni islaamaa itti dalageef jecha .
Dhugaan, yookaa
hayn'i haraan sadeenuu gaarii. akka imaam ahmad
dubbate. Ammas imaam Ahmad, dhaabatiinsa
ramadaana ,salaataa je'anii dhaabbatan keessatti
raka'aa hangana je'ee hin murre.
Tanaaf jecha
raka'aa heddommeysu'uufii, xiqqeessun,
dhaabbatiinsa dheeressu'uufii, dhaabbatiinsa
gabaabsu'urratti jaaramti .Nabiin nageenyi
isarratti haa jiraatuu dhaabbatiinsa dheeressuu
ture. maalif wanni karaa nagayaatin nu gaye
takkaa dhufe nabiin raka'aa tokko keessatti
suuraa baqara'aatifii aali imraanifii nisaa'ii
qara'uu turan .jechuu ..duuba qaraatii
dheeressuun , raka'ata heddommeysu'urraa,
duroomsiti.
Ubayyiin ilma
ka'bii {ابى
بن
كعبى }
gafa zamana umar namaan salaate orma islamaa
hundaa bakka takkatti jamaa'aa tokkichaan
raka'aa diiddama isaanin salaate , waan
dhaabbatiinsa dheeressuun isaanitti jabaatuf
takkaa isaan dhibuuf jecha. duuba raka'aa
heddommeysun, haa qiyaama dheeressu'urraa bakka
dhaabbatu'uufi .
Ammoo gariin warra
dur ramadaana keessa raka'aa afurtama salaata}.
dubbiin ibnu
temiya'aa asitti dhaabbatti
Duuba dubbiin
ulamaa'ii gugurdoo, warra beekkomsa dhuga'aa
qaburraa fuunee , walitti qabne tun , wanni
ibsitu akka namni waan beyne, namni raka'aa
kudha tokkorra taraawiiha ida'e ,akka nama
salaata zuhri'ii afurirra ida'ee ,shan godhee
salaatetii ,inni warra{بدعة}
bid'aa dalagee jallataa je'u , kijiba taye
addeessa. waan ulamaa'in jetti kanaan ,Rabbiin
sharrii wallaalatiiffii , sharrii warra nama
shawwashuu jalaa nagaya nu haa baasuu .