شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

kitaaba salaata taraawiihgaa

 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA

AKKAATAA SALAATA TARAAWIIHGAA
KAN KARAA FAYYAA QABUUN
NABI MAHAMMADIRRAA NU GAYE

   
 

 

الفهم الخاطئ الذي ادى الى تضليل الأمة الاسلامية

Beekkomsa akka male'ee kan ummata islaamaa  jallisu'uu

 

Wanni nama ajjabu yookaa dinqu warri taraawiiha raka'aa diiddama salaatun hin jiru, bid'aa je'u kun , kanneen dudda beekkamuu jaalatu'uuu yaabbatanii , ilmi'iifii qarumma'aan beekkamuu fedhan kun,yaada karaadharraa baye , yookaa yaada hamaa qaban. Yookaa je'an.  Yaada warra nu dura dabre hunda wallaalan darbatuun keessa jiru. Yaada ummata islaamaa hunda jallisuun keessa jiru.Yaada, yaada ulamaa'ii islaamaa ka warra duriifii ka warra ammalle'een wal dhabuun keessa jiru. yaanni jara kana  Zamana asaab umarirraa qabnee hanga zamana keenyaa kanatti isaan malee namni biraa hundi jallinarra jira je'an. isaan biratti namni taraawiiha raka'aa diiddama salaatu hundi, jallinarra jira. hanga wahi beynan isaan himatan. Nama taraawiiha kudha tokkorraa ida'ee diiddama godhee salaate , akka nama salaata zuhri'ii , raka'aa afurirra ida'ee, shan godhee salaatetti fakkeessanitti. ammallee hanga nama taraawiiha diiddama godhee salaate, nama sunnaa fajri'ii raka'aa lamaan raka'aa afur godhee salaatetti fakkeessanitti

Duuba taraawiiha,zuhri'itti fakkeessun, yookaa qiyaasun, qiyaasa badaa tayuu isaa, namaa mul'isa. ammallee waa beekhun isaanii jallina tayuu beysisa.akkasuma qalbiin isaanii, doomaa tayuu agarsiisa .

Namni gariin kitaaba barreessee akki je'e : namni taraawiiha ida'ee raka'aa diiddama godhee salaate,inni akka nama salaata nabirraa nageenyi isarratti haa jiraatuu ,karaa fayyaa qabuun dhuferra ida'ee salaateti . inni akka nama zuhrii shan godhee  ,

Sunnaa fajri'ii afur godhee, takkaa rukuu'a lama godhee ,takkaa sujuuda heddommeysee salaateti je'ee, waan kana fakkaatu kitaaba isaa keessatti dubbate .

 Haa tayuu haqaanin kakhadhaa, wanni inni dubate sun, wallaala mul'ataa,beekkomsa badaa .kan aduu wal'akkaa sami'ii  keessaa mul'atturra mul'atu.

Silaa mee akkamitti, nama beekkomsa dheera'an qaba je'u kan dubbii diin keessatti, ijtihaada godhuu himatuuf, Fardii sunna'arratti qiyaasun gaya?

Mee akkamitti nama salaata taraawiihaa, takkaa qiyaama Ramadaanaa kudha tokkorra  ida'ee salaate, akka nama salaata fardi'ii ida'ee salaate godha? si kun, akka  khillee baazanjaanitti qiyaasu'uutii mitii? Akka maymaakni je'u .

Namni waan beyne, awaamni kan fiqhii hin baratin ,nama salaata duha'aa, takkaa salaata waare'ee, raka'aa afur salaatufii, nama Maghriba raka'aa shan godhee salaatu adda baasa. salaanni duha'aa sunna'aa, hanga ida'e  ida'ee salaatuu qaba je'ee. ammoo maghribni fardi'ii, Raka'aa sadiyirra ida'ee salaatuu hin qabu je'ee,  adda beekha .yookaa adda baasa .

 Namni waan beyne doofan ,nama salaata ishaa'iidhaa ,dhiisefii ,nama salaata taraawiihaa dhiise adda baasa.adda tayuu beekha .namni salaata ishaa'iidhaa dhiise jallataa .kaafira je'ee .Waan salaata fardi'ii dhiisef

Ammoo namni salaata Taraawiihaa dhiise , nama sunnaa dhiisee  dilii hin qabu je'ee .

Duuba mee akkamitti namni wahin beekha  je'u ,kan  an mujtahida ifiin je'u, nama sunnaa taraawiihaa keessatti waa ida'e ,nama fardii keessatti waa ida'een , wal  fakkeessa  ?

Mee heera, yookaa ahkaama, hadiisafii qur'aanarraa baruu barbaadun, akkanumaa ? yaa mujtahidoota zamanaa !!

Nuti barreeffa yookaa kitaaba xiqqaa kana  keessatti, dubbiftoota keenyaf, waan sheekhul' islaam ,ibnu teymiyaan, warra akkanaa kanarratti deebisu'uu  je'ee dubbate, dhiyeessina. akka namni aylii qabu, kan ija haqaan argu qabu, dubbii nama waa beekhutiifii, dubbii nama waan beeynee adda baafatuuf jecha .Rabbiin ol taye akki je'u :

] $tBur ÈqtGó¡o? 4yJôãF{$# ç??ÅÁt7ø9$#ur ÇÊÒÈ ?wur àM»yJè=à9$# ?wur âqZ9$# (ÇËÉÈ                                                    سورة فاطر

Ma'naan isaa :{ namni ayliin isaa waa gartuufii, kan ayliin isaa waan garre, wallaala'aafii, beekan,wahi wal qixaa ? ammas dukkanaafii,ifaan wahi wal qixaa ?} jechuu.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Bakkarraa Filadhu
kh_rashad2004@hotmail.com