شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

kitaaba insaafa

 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA

GABAABAA SABABAA ASAABA`AAFII
WARRI ASAABAA BOODA DHUFE FIQHII KHEESSATTI WAL DHABEEF NAMAA IBSU

   
 

 

  Muhammed ilma idriisshaafi'ii

‎‎ الإمام محمد بن ادريس الشافعي رحمه الله‎‎

      Shaafi'iin Rabbi rahmata haa godhuufii ,eega mazhabni maalikiifii ,mazhabni abuu haniifa'aa hundeeffamee,damee godhateeyi dhufe .

 shaafi'iin dhufnaan, waan warri {madiina'aa‎‎} dalage, kan harka maalikirratti mul'ateefii,waan warri {kuufaa‎‎} dalage  kan harka abuu haniifa'aatifii, yuusufiifii Muhammedirratti mul'ate ,hunda laaleti, duuba wanni karaa jara lamaanii deemu'urraa isa dhoowwu isaaf mul'ate

 Shaafi'iin waan qaaydaa jara lamaanirratti deemuu isa dhoowwu san kitaaba isaa kan {Ummi‎‎} je'amu jalqaba isatti dubbatee jira . waan sanirraa :

 1  Wanni arge jara isa dura dabre ,kanneen hadiisa {mursal  مرسل  } je'amuufii ,hadiisa {munqaxi'  منقطع } je'amu fudhatan . kan sababaa saniin dubbiin duraa qooyte. maalif hoggaa karaan hadiisni dhufeen walitti qabamu hadiisa meeqaatamtu , bakka dhabe .ammallee meeqaatamtu kan hadiisa nabirraa odeeffameen wal dhabu argame. tanaaf jecha shaafi'iin hadiisa {mursal ‎‎} fudhatuu dhiise .yoo sharxii guuttate  malee sharxiin sun kitaabban usuula fiqhi'ii keessatti dubbatamte .hadiisa {mursal‎‎} jechuun: hadiisa warri asaabaa nabirraa dhagaye na birraa odeessu .kan asaabticha irraa dhagaye san hin dubbanne ifumaa rasuulli akkana je'e je'ee. kan inni rasuula dhaqabee gurra isaatin irraa hin dhagayin . asaabticha dhaqqaberraa dhagayuu malee

 2  Wanni shaafi'iin arge : warri isa dura mazhaba kaaye heera hadiisa wal dhabe wal taasisu beekkamaa hin qaban.kan sanii jecha mazhabni isaanii duraa qaawe. Duuba shaafi'iin heera san kaayee akkaataa qur'aanafii hadiisarraa heera itti fudhatan baase .akkasitti shaafi'iin karaa ijtihaadaa qajeelaa, kan warri isa dura dabre hin argin fide .karaan inni baase kun miizaana qur'aanafii hadiisa beeku'uuti je'ama .akkuma {ilmii usuula fiqhi'ii‎‎} je'amu. beekkomsa dhaaba fiqhiidhaa kana, kan {usuulalfiqhi‎‎} je'amu namni dura dursoo kaaye shaafi'iidha .kan kitaaba isaa kan {arrisaalaa‎‎} je'amu keessatti baasee dubbate.

  Fakkeessa'aaf shaafi'iin saahiba  abuu haniifa'aa kan Muhammed hasan je'amu tokko isaa warra madiina'aa, {maalik‎‎} faa hamatu dhagaye. wanni Muhammed hasan warra madiina'aa tuqeen,hunoo akkana: warri madiina'aa akkamitti ragaa tokkoofii kakuu takkaan firdii yookaa murtii godha .sun waan qur'aanni je'erra ,hadiisa namni tokko qofti odeessen murtii ida'uudha je'amaa sun hin gayuu,murtii qur'aanaa  hadiisa namni tokko qofti nabirraa odeessee je'anii dhiisun hin jiruu .je'e Mahammed hasan . inni akkas jennaan  shaafi'iin wanni je'een : akka hadiisa nabii kan nam tokko qofti asaaba'arraa nuu odeessee je'anii heera qur'aanaa dhiisun hin geenye si biratti ragga'ee jiraa? je'een. jennaanin Muhammed hasan eeyee je'een .jennaan shaafi'iin akki je'een  : yoo akkana taate maalif , namni tokko nama isa dhaaluf horii isaa, isaa dhaamun hin gayu jette , waan hadiisni nabii nageenyi isarratti haa jiraatuu { الا لا وصية لوارث alaa laa wasgiyyata li waarith} je'eef ma'naan isaa :namni tokko nama isa  dhaaluuf horii isaa dhaamun hin jiru jechu'uu . kanuma qur'aanni nama isin dhaaluu dhaamaa je'e. kun waan namarraa didde fudhatuu je'amaa je'eenii, waan kana fakkaatu hedduu gaafatee, duuba Muhammed hasan waan deebisuuf dhabee cal'ise.

3  Waan shaafi'iin argee :Warra asaabaa dhaqqabe kan qaadii godhamee dalagaan ummataa harka kaayamte mara hadiisni nabii kan fayyaa qabu hundi hin geenye , waan asaabaa nabii hunda hin arginiif, tanaaf jecha namuu waan qur'aanafii hadiisarraa dhagayeefii mala isaatin dubbii laalee muruu ture. akkaataa warri isaan dura asaabonni dubbii itti muran takkaa fatwaa itti godhanirratti laallatanii. jala deemanii ijtihaada godhan. duuba eega gadaan asaaba'aa dabree ammas gadaan warra isaan dhaqqabee dabree, gadaan sadeessa'aa dhufee, hadiisni fayyaa qabu hedduun mul'ate. haa tayuu warri gadaa lameysa'aa hadiisa kanatti hin dalayne. waan dalagaa warra biyya isaatin wal dhabuuf.ammallee waan, waan isaan biyya isaanii keessatti irratti walii galanii dubbii oofaniin wal dhabuuf jecha. Warri madiina'aa dalagaa warra madiina'aa irratti argan qabatee. warri kuufatis dalagaa warra kuufaa qabatee . namuu hadiisni dalagaa warra biyya isaatin wal dhabu fayyaan qabuu yaadee.Takkaa hadiisni gadaa sadeessa'aa keessatti hin mul'annee ,eegasii mul'ate. gaafa warri hadiisaa hadiisa gad qabee laalee ,karaa hadiisni dhufeen hunda walitti qabanii laalanii ,biyya hunda keessa deemanii nama hadiisa beekaa  isaa dhagayan itti fe'atanii, irraa baranii. duuba wanni argame hadiisa hedduu kan namni tokko yookaa lama qofti asaaba'arraa odeessu. kan isaanirraayis namumti tokko yookaa lama qofti odeessu.kanuma akkanatti deemu.duuba kun warra fiqhi'irraa gaafas dhokateeti, gadaa warra hadiisa haffazii , walitti qabee  karaa hadiisa  hunda laaluu  keessatti mul'ate. fakkeessa'aaf hadiisa heddu'uutu mul'atee jira kan warri  basraa qofti odeesse kan warri  biyya biraa quban qabne .

 duuba shaafi'iin dhufee Rabbi rahmata haa godhuufii, wanni ibse :ulamaan asaaba'aatifii ulamaan warra isaan dhaqqabee, hoggaa dubbiin itti dhufte hadiisa ragaa godhatan barbaadan yoo hadiisa dhaban waan biraati ragaa godhatanii waan muran muran . yoommoo eegasii hadiisa nabii argan ,kan tuqaa hin qabne , kan murtiin isaan muran hadiisa kanaan wal dhabdu ,murtii isaanirraa deebi'aniiti hadiisa qabatan. duuba isaan odoo hadiisa hin argin mala isaanitiin dubbii muruu qoftiin hadiisni sun tuqaa qabaatuu nuun kennu.yoo wanni hadiisa san dhiifnef waan kana je'anii sababaa mul'isan malee. Fakkeessa'aaf hadiisa qullateyni'ii haa fudhannuu. inni hadiisa fayyaa qabu kan tuqaa hin qabne. kan karaa heddu'uun odeeffame. kan irra hedduun  karaa hadiisa kanaa {waliid ilma kasiirifii ,muhammed ilma abbaaditti‎‎} deebi'u. kan eegasii karaan isaa heddommaate . jarri lamaan kun warra amanamaa tayu'uun wajji, warra qaadiifaa tayee ummata keessatti beekkame .kan namni waa irraa baru'uuf itti yaa'uu miti . tanaaf jecha hadiisni kun sheekkotii maalikiifii sheekkotii abuu haniifa'aa biratti hin beekkamini. inni zamana sa'iid ilma musayyibiifii zamana zuhriidhaa ,keessatti hin mul'anne .tanaaf jecha maalikiyyootafii , hanafiyyoonni hadiisa kana hin qabanne .waan warri isaan duraa ittin dalaginiif.ammoo shaafi'iin hadiisa kana qabateeti itti dalage .maalif wanni laalamu hadiisni fayyaa tayu'u malee abalu qabate abalu hin qabanne, jechu'uu mitii. isaan wanni hin qabatiniif hadiisa santu isaan hin gayin taya. yoo waan kanaafan hin qabatin je'ee nuu addeesse malee.

  Hadiisni  {yoo waa walirraa bitanii gurguran, hanga wajji jiran odoo qaaman addan yaane ,gurgura guutu'uufii dhiisu'ullee ni qaban‎‎} je'u ,hadiisa fayyaa qabu kan karaa heddu'uun odeeffame .kan asaaba'arraa ibnu umariifii, abuu barazaan itti dalagan. ammoo fuqahaa'ota torbaniifii , warra zamana isaanii jiru hadiisni kun hin geenye .tanaaf itti dalaguu oolan .{duuba abuu haniif'aafii, maalik ‎‎}jarri sun hadiisa sanitti dalaguu dhabuun hadiisa toqa je'anii qabatuu  dhiisan . ammoo shaafi'iin itti dalage . waan hadiisni fayyaa qabuuf jecha. waan warri nu duraa itti dalaguu dhabuun hadiisa hin miinef jecha .yoo waan itti dalaguu dhabaniif kan fudhatamu himan malee. kun waan shaafi'iin warra isa duraa harkatti qabee qaaydaa lafa kaaye.  

 4  Waan shaafi'iin argee : zamana isa duraa keessatti wanni asaabonni je'eefii wanni isaan dalagan hundi walitti hin qabamne. ammoo yaroo shaafi'iin dhufe hundi walitti qabamteeti wal dhadhabdee , adda damooyte .warri sheekkoti'irraa dhagaye hedduun adda addaa argamee.

 duuba shaafi'iin wanni arge :akka wanni hedduun isaan warra isaan durarraa kan akka taabi'iyootafii,asabotarraa odeessan hadiisa fayyaa qabuun wal dhabu. waan garii isaanii hadiisni sun hin gayiniif. Ammas shaafi'iin wanni arge: warra isa duraa kanneen , odoo hadiisa fayyaa qabu hin argin mala isaanitiin waan muran muran.hoggaa hadiisa fayyaa qabu argan mala ifii dhiisanii hadiisa qabatan . tanaaf jecha shaafi'iin waan warri isa duraa irratti walii hin galin ,qabatuu dhiisee hadiisuma nabii kan fayyaa qabu qabate.

 waan ormi sheekkoti'ii kan isa duraa je'e qabatuu dhabuu keessatti shaafi'iin akki je'e:Qur'aanafii hadiisa qabannee waan keessatti isaan  ijtihaada godhan nutis ijtihaada goona nu lachuu dhiiraa . waan isaan odoo hadiisni isaan hin gayin je'anirratti goggoguu  hin qabnu  je'e.

5  Waan shaafi'iin argee: sheekkotii isa duraa kanneen qiyaasa shari'aan hin eehamne qiyaasa shari'aan eehamtutti makanii waan muran muran. kan qiyaasa lamaan addaan hin baafne arge. isaan hogiin qiyaasa fidan saniin {istihgsaana  استحسان  } je'aniin. ma'naan kanaa wanni isaan je'an :wanni waan kana murreef , rakkoodhatu  yookaa danta'aatu keessa jira je'anii waan muran saniif , rakkoon yookaa dantaan jiraatuu sababaa godhan .kan qiyaasni shari'aan eehamtu , waan haarawa argame waan shari'aan heera isi'iitin dhufteen walitti laalanii yoo ma'naan isaanii wal fakkaate murtii, yookaa heera waan qur'aanni yookaa hadiisni dhufeenii isaa kennuu.kan waan haaraya argame keessa mas`alaan yookaa dantaan yookaa miidhan jiraatuu hin laalle . wanni isarraa laalamu waan qur'aanni yookaa hadiisni firdii isaa nuu hime fakkaatuu. duuba shaafi'iin yaada ormi isa duraa dubbii tana keessatti qabu dura dhaabbatee. ragaa haqaatin balleessee, namni dantaa laalee dubbii mure shari'aa if biraa kaayuu fedha .je'e .dubbiin tun sharhii {mukhtasarul'usuul‎‎} keessatti dubbatamte.

 fakkeessa'aaf yatiimni aylii horuun waan namarraa dhukhatu.warri shaafi'ii duraa wanni je'e :waan ayliin yatiimichaa hin mul'anneef jecha ,hoggaa guddate, horii isaa isaaf kennu'uu jecha wanni laalamu, bara diiddamii shan guutuu. gaafa bakka tana gaye horiin isaa ni kennamaaf je'an .maslahaa yookaa dantaa isaatu keessa jiraa. kan qiyaasni ,aylii horuu, umri'iin wassanu'uu mitii, eega ballaghee yookaa saalfatee  mokkoranii aylumti argamuu laaluu taye. bara diiddamii shanitti aylii godhatuu takkaa sanii gaditti yookaa sanii olitti aylii godhatuu

  Walii galli dubbi'ii :shaafi'iin waan warri isa duraa dalage, keessatti ir'ummaa garraan, fiqhii matuma gubbaadhaa qabee akkaataa qur'aanafii hadiisarraa heera itti fudhatan kaayee hundeessee dhaabee, damee dameessee ,kitaaba dubbii tana addeessu tolchee, barreessee ummata islaamaa fayyadee warri fiqhi'ii waan shaafi'iin dalage kana jaalatee itti wal tayee bal'isanii raggaasisanii, karaa shaafi'iin baase kanaan islaama nama barsiisu'uuf biyyoota addunya'aa keessa faca'an . duuba kanaatu mazhaba shaafi'iidhaa je'ama.wanni je'uu feene beekan Rabbii  hangana .

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com