شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
ABII SHUGAAKGA
 

Duree

Kitaabul`aqiidati wa usguulil`ahgkaam

Kitaaba xahaara`aa ( qulqulleessu`uu )
 Kitaaba heera salaataa
Kitaaba zaka`aa
Kitaaba soomana
Kitaaba hajji`iifii umra`aa
Kitaaba gurguraafii waan bira
Kitaaba dhaalafii dhaammataa

Kitaaba nikaaha ( fuudhaa )

Kitaaba balleessa`aa
Kitaaba yakkaa
Kitaaba jihaadaa ( qabso`oo )
Kitaaba al`oolafii waa gorra`uudhaa
Kitaaba wal doggomu`uu 
Kitaaba kaku`uufii qodha`aa
Kitaaba murti`iifii ragaadhaa
Kitaaba gabra bilisoomsu`uu

Hundee Nabsee Qulqulleessu'uu

 

 

 

 

 

 

 

 

kitaaba

abii shugaakha kan fiqhii shaafi`ii  

   
 

ijk

 DUREE

المقدمة

BISMILLAAHI  ARRAHGMAANIRRAHGIIM

 Eegan maqaa Rabbiitin jalqabee rahgmata nabi muhammadiifii aalii isaatifii asaabaa isaanirratti buusee wannin je'u ; kitaabni kun kitaaba waan baratuu isarraa hafiinsi hin jirre nuu addeessu, tawhgiidafii, fiqhi'iifii adaba islaamarraa .

Kitaabni kun qur'aanafii, hgadiisafii, ijmaakgafii, qiyaasarraa fuudhame, namni waan isa keessa jiru beekhee itti dalage dhugumaan amrii diin Rabbii kan irraa hafiinsi hin jirre barate, dhugumaan Rabbiin waan gaarii isaan fedhe.

Nabi muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je'e ; ( man yuridillaahu bihii khayran yufaqqihuhuu fiddiin ) , makgnaan isaa; Rabbiin nama kheyrii isaan fedhe , fiqhii islaamaa isa barsiisa jechuu.

Fiqhiin bakka lamatti qoodamti : fiqhii guddo'oofii, fiqhii xiqqoo, fiqhiin guddoon waan Rabbiif wajjabuufii waan isarratti dhoowwamuufii, waan isaaf gayu nama barsiifti, ammallee waan ergamoota isaatif wajjabuufii waan isaanirratti dhoowwamuufii, waan isaanif gayu hunda nama barsiifti, takkaa fiqhii guddoo jechuun haqa Rabbiitifii haqa ergamoota isaa beekhuu, waan Rabbiin nu odeesse hunda dhugo'oomsuu, fiqhiin guddoon tun aqiidaa yookaa towhgiida je'amti, fiqhii tana keessatti ulamaan maz-haba haqaa wal hin dhabne. 

Ammoo fiqhiin xiqqoon waan akkaataa ibaada'aa nama barsiisu, akka itti salaatan, akka itti xahaaratan, akka itti zakaa baafatan, akka itti soomanan, akka itti hajjii godhan, akka itti bitanii gurguran, akka itti fuudhanii heerumsiisan, akka itti nama yakke qixaaxan, akka haqaan dubbii nama jiddu'utti laalanii muran, fiqhiin  kan kanaafii kan birallee nama barsiiftu, qur'aanafii hgadiisafii ijmaakgatti irkattee.

Fiqhii xiqqoo keessatti ulamaan islaamaa wal ni dhaba waan daliila fiqhii xiqqo'oo keessa, daliilli makgnaa hedduu qabu akkaan jiruuf jecha.duuba namni ijtihaada dandayu makgnaa hedduu sanirraa kan isaa mul'ate qabata, namni biraatis waan makgnaa daliilaa sanirraa isaa mul'ate qabata kan makgnaan namni biraa qabate hin tayuu hin yaanne, sababaa kanaaf jecha mas'alaa takka keessatti yaanni ulamaadhaa wal dhadhaba, tanaaf jecha fiqhii xiqqoo keessatti maz-habni hedduun argama, zamana asaabaa nabirraa qabee hanga ammatti, haa tayuu ummanni islaamaa ar'a ma-zhaba afur qofarratti Rabbi ibaada, mazhabni afran ;

Tokkoffaan : mazhaba abii hganiifa'aati.

Lammaffaan : mazhaba maaliki'iiti.

Sadaffaan : mazhaba shaafi'iiti.

Afraffaan : mazhaba hganbali'iiti , hundinuu haqaa yaadan islaamni mazhaba tokko, ammallee ya-ada nama tokkoo keessatti hin dhumuu beekhan.

Haa tayuu namni hundi mazhaba biyya isaanii keessatti irra heddu'uuti qabatan, akka ummanni isaanii ibaadaa keessatti harka tokko tayuuf jecha.

Fakkeessa'aaf ummanni Turkii, ummanni Afgh-aanistaan, kan Baakistaan, mazhaba abii hganiifa'a-rratti Rabbi ibaadan, ummanni Suudaan, kan Liibiya'aa, kan Tuunus, kan Maghrib, kan Jazaa'ir, kan Neejeeriya'aa mazhaba maalikirratti Rabbi ibaadan, ummanni Habasha'aa, Oromiya'aa, Afar, Soomaali'ii, Jibuuti'ii, Kiinya'aa, ummanni Habasha'aa kan biraa hundi  ummanni Yaman, ummanni Misraa, Iraaq, Shaam, Khaliijaa, ummanni Malaayo'oo, ummanni Sangaafoora'aa, ummanni indooniisiya'aa, kan Maliiziya'aa hu-ndi mazhaba shaafi'iidharratti Rabbi ibaadan, ammoo ummanni su'uudi'ii mazhaba hganbali'irratti Rabbi ibaadan . akkaataa ibaada'aa keessatti wal dhabuun waan islaama miidhuu miti, sun waan Rabbiin ijitihaadan karaa godhee, tanaaf jecha ummanni tokkummaa ifii eeggatu maz-haba tokko qabatuun waan irraa hafiinsi hin jirre akka harka tokko tayanii Rabbii isaanii ibaadan, kan mazhaboonni biraa baaxilaa hin yaanne, ta-naaf jecha nama mazhaba tuqu ifirraa eegan, akkasu-ma nama mazhaba guddaa warri biyyaa dantaa tokkumma'aatif qabate tuqu ifirraa eegan, maalif ummanni ibaadaa keessatti wal dhabu, siyaasaa keessatti wal dhabuun waan irraan oolle, ummanni masjida keessatti wal lolu karaa keessatti wal loluun waan adii.

Mazhabni afran aqiidaa keessatti yaada tokkorratti jira, sun { Aqiidaa Ahlussunnati Waljamaakgaadhatii } kitaabni aqiidaa mazhaba afranii addeessu , matnii aqiidaa xahgaawi'iitifii, kitaaba akka isi'iiti .

Duuba kitaabni kun gama towhgiidatiin aqiidaa mazhaba islaamaa afranirratti kaayame, ammoo gama fiqhiidhatiin mazhaba shaafikgiidharratti kaayame, namni kitaaba kana yookaa kitaaba akka isaa qara'ee yookaa dubbisee itti dalage dhugumaan qur'aanafii, sun-na'aafii, ijmaakgafii , qiyaasatti dalagee, karaa qajeelaa deemee, ibaadaa guutuu Rabbi ibaade.

Namni mataa isaatin qur'aanafii, hgadiisafi, ijmaakgafii, qiyaasarraa hukmii yookaa heera fudhatuu hin dandeenye, mazhaba afran dubbannerraa tokko qabatuu qaba, akka ibaadan isaa fayyaa isaaf taatu, namni beekkomsaan male'etti waa dalagu, dalagaan isaa fayyaan taatu, Rabbiin wanni ummata islaamaa itti ajaje waan hin beyne warra beekhu gaafatuu irra caalan nama waan wallaalan gaafatanii, ulamaa'ii mazhaba afraniiti , isaan ummata islaamaa waa barsiisu'uuf, akkaataa ibaada'aa isaan garsiisu'uuf , hedduu jaa-tanii godhan, Rabbiin isaanirraa haa jaalatuu.

Duuba waan ummanni keenya mazhaba shaafi'iidharratti Rabbi ibaadduf jechan kitaaba abuu shujaakg je'amu kan mazhaba shaafikgiidhaa keessatti beekkama'aa afaan oromo'otti deebisee, ummata keenyaf dhiyeesse. waan irraa ir'ate itti ida'uudhan wajji. Rabbiin warra irraa fayyadamu isaan haa godhuu, ammallee warra afaan arabaa hin beyne kan maqaa hgadiisatiin fiqhii islaamaa tuqee yookaa mazhaba shaafi'ii nama jibbisiisee, fuqahaa'iidhafii ummata adda muree ummata wallaalatti  hanbisan isinirraa haa qabuu isaan ,fiqhiin hgadiisa qofaa mitii, fiqhiin { qur'aanafii, hgadiisafii. ijmaa'aa, qiyaasarraa fuudhamtee } hin beekh-anii, ammallee akka namni fiqhii shaafi'iidhaa kan ulamaan keenya fatwaa godhuun kaaye imaamunnawawii , abbaa hgadiisaa, abbaa { riyaad }, abbaa arbakgiinaa taye hin beekhanii akka namni fiqhii hin beyne qaadii tayuu hin dandeenye hin beekhanii, Rabbiin fi-qhii diin keenyaa nu barsiisee, kheyrii addunya'aa aakhira'aa nu haa argachiisuu nagayaan jiraadha'aa waan feetan argadhaa.

Dr : Mohammad Rashaad Abdullaahii

Muummayyaa Umar

Carcar

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com