شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
ABII SHUGAAKGA
 

Duree

Kitaabul`aqiidati wa usguulil`ahgkaam

Kitaaba xahaara`aa ( qulqulleessu`uu )
 Kitaaba heera salaataa
Kitaaba zaka`aa
Kitaaba soomana
Kitaaba hajji`iifii umra`aa
Kitaaba gurguraafii waan bira
Kitaaba dhaalafii dhaammataa

Kitaaba nikaaha ( fuudhaa )

Kitaaba balleessa`aa
Kitaaba yakkaa
Kitaaba jihaadaa ( qabso`oo )
Kitaaba al`oolafii waa gorra`uudhaa
Kitaaba wal doggomu`uu 
Kitaaba kaku`uufii qodha`aa
Kitaaba murti`iifii ragaadhaa
Kitaaba gabra bilisoomsu`uu

Hundee Nabsee Qulqulleessu'uu

 

 

 

 

 

 

 

 

kitaaba

abii shugaakha kan fiqhii shaafi`ii  

   
 

 

KITAABUL'AQIIDATI WA USGUULIL'AHGKAAM

 

Imaamunnawawiin Rabbi rahgmata haa godhuufii, kitaaba isaa kan (maqaasgidunnawawiyyaa) je'amu keessatti akki je'e;

Wanni dura dursoo nama dirqama ga-yerratti wajjabu , Rabbi isaa beekhuu , Rabbi beekhun;

Rabbiin argama'aa, dhabama'aa mitii yaaduu. inni kan duruma jiru, kan argamni isaa jalqaban qabnee yaaduu , Rabbiin hafa'aa dhabamni isaattin dhaqqabuu yaaduu. inni kan waan guyyaa keessaa argame, makhluuqa hundaan wal hin fakkaannee, kan wanni takka isan fakkaannee yaaduu, inni dureessaa, bakkaafii, nama isa jirjiirutti ,takkaa argamsiisutti hin haaj-amne, inni if gaya'aa yaaduu, inni tokkichaa shariika yookaa hiriyaa hin qabne, kan zaata keessatti ammallee sifaa keessatti, ammallee dalagaa isaa keessatti hiriyaa hin qabnee yaaduu, inni dandeytii, fedhii, beekkomsa jiruu, dhageytii, argaa, dubbii qabaa yaaduu, inni dandayaa, fedhaa, beekhaa, jiraa, dhagayaa, argaa dubbataa tayuu yaaduu.

Rabbiin arjumaa isaatin ergamoota isaa ergee, waan hamtuu isaanin hin malle hundarraa isaan tiysu'uuf if qabe. tanaaf jecha ergamoonni Rabbii dilii xiqqo'oofii , guddo'orraa tiyfamoo, eega afurtama guutanii ergamaniifii , odoo hin ergamin durallee tiyfamoo , isaan dhukkuba namni sanii je'ee, isaanirraa dheeysu hundarraa qulqulluu kan akka juzhaam, kan akka jaamumma'aa, isaan akkuma namaatii, ni nyaatanii, ni dhuganii, ni fuudhan. ergamoonni Rabbii khalqii hundarra guutu'utti caalan, ammoo malaaykaa keessa dubbii adda babaasu'uutu jira, nama hundarraa caalanmoo hin caalanii keessa khilaafatu jira, irra caalan khalqii hunda, nama Rabbiin ergaa isaa isarratti dhaabe ,takkaa fixe, kan shari'an isaa shari'aa isa duraa hunda deemsifte, inni nabiyyii keenya muhammadii nageenyi isarratti haa jiraatuu, asaaboonni isaanii irra caalaa ummataati, zamanaafii waan biralle'een. irra caalan asaabotaa Abuu bakrii, eegasii Umari, eegasii Usmaani, eegasii Aliyyi, jaalalti Rabbii isaan hundarratti haa jiraattu.

Waan Rabbiin karaa nabi muhammadiin nuu odeesse hunda ni dhugo'oomsina. kan akka malaayka'aa , kitaabban Rabbiin sami'ii buusee, gaafii qabri'ii, qabri'itti nama jiraachisuu, qabri'ii nama kaasuu ,dirree qiyaama'atti nama oofuu , rakkoo dirree qiyaama'aa, kitaaba dalagaa ifii namuu achitti harka isaatin fudhatu'uu, dalagaan namaa miizaanamu'uu, miizaanni dhaabbatu'uu, dildilli siraaxa je'amu ni jiraa, shafaa'aa, jannataa,ibiddaa, hunda ni dhugo'oomsina

Waan diina'arraa nama hundaaf beekkamu itti amanuun, dhugo'oomsun waajiba, namni waan dubbanne dura dhaabbate ni yakkama.

ARKAANNI ISLAAMAA WAA SHANI

 

1 - Shahaadaa lamaani (laa ilaaha illallaahu muhgammadun rasuulullaah) shahaadaa lamaan tana malee islaamni fayyaan tayuu.

2 - Salaata .

3 - Zakaata .

4 - Soomana .

5 - Hajjii .

SHARXII ISLAAMAA

Sharxii islaamaa:-

1 - Ballaghuu, saalfatuu. 

2 - Aylii qabaatuu, yoo joollee haadhaa abbaan islaamaa taate malee.

3 - Islaamni isa gayuu.

4 - Filannaa qabaatuu, yoo kaafira nuun lolu taate malee, yoo murtaddii taye malee.

5 - Shahaadaa lamaan qeebaluu. 

6 - Tartiibatti je'uu, dura (ash-hadu an laa ilaaha illallaahu) je'ee eegasii (ash-hadu anna muhgammadan rasuulullaahi) je'ee.

7 - Wal jala oofee je`uu.

8 - Jecha (ash-haduu) shahaadaa lamaan keessatti fiduu.

9 - Makgnaa shahaadaa lamaanii beekhuu, sha-haadaa lamaan je'uudhan wajjii.

10 - Waan ahgkaama islaamarraa diduu ture eehamuu.

11 - Ammas shahaadaa lamaan qurxee, muratee je'uu, kan wahitti hin rarraafne.

ARKAANNI IIMAANAA WAA JAHAA

 

Arakaanni iimaanaa wanni inni argamuun, waa jaha :

1 - Rabbi dhugo'oomsuu.

2 - Malaaykaa isaa dhugo'oomsuu.       

3 - Kitaabban isaa.

4 - Ergamoota isaa.

5 - Guyyaa qiyaama'aa dhugo'oomsuu.

6 - Waan argamu hunda odoo isiin hin argamin, kheyrii tayuu, sharrii tayuu, Rabbiin beekhee muree dabarsee, akkuma inni beekhee muretti argamtii dhug-o'oomsuu  { yaadu.} .

AMRII { DIINAA } ISLAAMAA

  

Amriin diin islaam  sadii sun :

1 - Amrii Rabbii jala deemuu.   

2 - Waan inni irraa dhoowwerraa fagaatuu.   

3 - Waan Rabbiin beekhee muree dabarseef if kennuu, waan inni dalage jaalatuu.

AHGKAAMA SHARII`AADHAA

 

Ahgkaamni sharii'aadhaa shani :

 1 - Waajiba .

2 - Manduuba .

3 - Hgaraami.

4 - Makruuhi.   

5 - Mubaahg .( )

 

Waajiba jechuun : Waan yoo dalagan sawaaba irratti argatan, kan yoo dhiisan qixaaxa mudatan, dirqama jechuu ..

Manduub jechuun : Waan yoo dalagan sawaaba irratti argatan, kan yoo dhiisan qixaaxa hin mudanne, jaalatamaa jechuu ..

Hgaraam jechuun : Waan yoo dhiisan sawaabarratti argatan, kan yoo dalagan qixaaxa mudatan, dhoowwamaa jechuu.

Makruuh jechuun : Waan yoo dhiisan sawaaba irratti argatan, kan yoo dalagan qixaaxa hin mud-anne, jibbama.

Mubaahg jechuun : Waan isa dalagu'urratti sawaab hin arganne, kan isa dhiisu'urratti qixaaxan mudanne, gayaa' jechuu.

Shahaadaa lamaan qabatuun {ash-hadu an laa ilaaha illallaahu wa ash-hadu anna muhgammadan ras-uulullaah } jechuun: umrii keessatti hoggaa takka qofa wajjaba, ammoo shahaadaa je'uu heddommeysu ni jaalatama, makgnaan shahaadaa lamaanii  : tokkummaa Rabbii  beekhanii yaaduu, gooftan keenya muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu ergamaa Rabbii tayuu beekhanii yaaduu.

Irra caalan ibaada'aa eega islaamatii  salaata .

Irra caalan zikrii eega qur'aatii { laa ilaaha illallaahu) jechuu , makgnaan isaa : waan argame hunda keessa, Rabbi malee waani haqaan ibaadamu hin jiru, wanni ibaadaa haqa godhatu Rabbii tokkicha malee hin jiru.jechuu .

Irra caalan Rabbi faarsu'uu hunoo akkana jechuu : { subhgaanaka laa nuhgsgii thanaa'an kgalayka anta kamaa athnayta kgalaa nafsika }

 } {

makgnaan isaa : { yaa Rabbi qulqullummaan teetii, si faarsinee fixuu hin dandeenyu dubbiin akkuma ati ifii if faarsite }  jechu ..

Irra caalan galata Rabbiif galchu'uu hunoo akkana jechuu : { alhgamdu lillaahi hgamdan yuwaafii nikgamahuu, wa yukaafi'u maziidahuu }

 } { .

 makgnaan isaa : { galanni kan Rabbiiti, galata qananii inni nuu kenne galchee, waan inni nuu ida'etti qixxaayu }.jechu` .

Irra caalan akkaataa nabirratti rahgmata busu'uu hunoo akkana jechuu : { allaahumma sgalli kgalaa muhgammadin wa kgalaa aali muhgammadin kamaa sgalayta kgalaa ibraahiim wa kgalaa aali ibraahiima, wa baarik kgalaa muhgammadin wa kgalaa aali muhgammadin kamaa baarakta kgalaa ibraahiima wa kgalaa aali ibraahiima  innaka hgamiidun majiid }

} {

Makgnaan isaa ; { yaa Rabbi nabi muham-madiifii aalii muhammadirratti rahgmata buusi akka ibraahimifii aalii ibraahiimirratti rahgmata buuftetti, yaa Rabbi muhammadiifii aalii Muhammadirratti barakaa buusi akka ibraahiimifii aalii ibraahiimirratti barakaa buuftetti ati guddaa faarfama'aa } jechuu .

Nabirratti rahgmata buusun, Rabbiin sharafa if biratti isaaf haa ida'u, tashahhuda boodaa keessatti wajjaba salaata fardgi'ii hundarraa, gariin akki je'u ; umrii keessaa hoggaa takka qofa, gariin hogguma maqaa isaa dhawan hunda je'a, gariin teessuma hunda keessatti je'a wanni biralleen je'ama,

{  }{ Fardgi'iifii, waajibni, muhgattamii, laazimni), hunda makgnaan isaa tokko. sun waan itti dirqaman jechu'uu.) .

Eegasii fardgiin bakka lamatti qoodama, sun : fardgu kgayni'iifii, fardgu kifaayaa

{  } Fardgu kgaynii jechuun ; waan namni dirqame hundi dalaguun dirqi'iiti, mataa isaatin, kan namni isarraa bakka dhaabbatuun hin taane, kan akka salaataa kan akka zakaataa,

Ammoo fardgu kifaayan, fardgii, yoo namni gariin dalage kan dalaganirraa kufu, sun akka salaamataa deebisu'uu, salaata janaaza'aa, qur'aana qomatti tiyfatu'uu, kan akka waan gaari'itti nama ajajanii waan hamtu'urraa nama dhoowwu'uu, sharxii isaatin, kan akka miya manaa kan ummanni itti haajamu tolchu'uun dhaabbatu'uu.

{    } {  Sunna'aafii, manduubaa, mustahgabi'ii, fadgiila'aa, marghuubun fiihi }, jechuun makgnaa tokko qaba, sun ; waan nabiin je'eefii waan inni dalage nageenyi isarratti haa jiraatuu, yoo waan nabi qofaaf karaa godhame ta-ye malee.akkasuma sunnaan waan nabi biratti dalagamee nabiin irraan dhoowwini kan jaalatan . ammallee waan nabiin dalaguu yaadee hin dalagin kan akka soomana guyyaa sayleessa'aa kan baatii muhgarram.

HUNDEEN DIIN ISLAAM AFUR

 

Hundeen diin islaam afur. sun ;

1 - Qur'aana .

2 - Sunnaa.

3 - Ijmaa'a .

4 - Qiyaasa, fudhatamaa, wanni afran kanaan wal dhabe badaa, yookaa bid'aa je'amaa , namni waan san dalagu bid'icha je'amaa, irraa fagaatu'uufii irraa dhowwun nama qaba.

Nama waa baree waan baretti dalage, kan adaba sharii'aadhaa eeggatu kan nama gaggarii jaalatu yookaa jaala godhatu, namni akkanaa kun nama Rabbiitii yaadun  ni barbaadama.

Ammoo nama ayliin irraa deemte, takkaa ayliin isaa tuqamte, kan akka warra jazbaayee, haala isaanii itti dhiifna dubbii isaanii Rabbitti dhiifna, waan isaanirraa argamu kan laalan amrii Rabbiitin wal dhabu didu'uun wajji, waan san diduu. heera shari'aadhaa tiysu'uuf jecha.

dubbiin nawawi`ii asitti dhumti.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com