KITAABUL'AQDGIYAATI WASHAHAADAAT { KITAABA
MURTI`IIFII RAGAADHAA}
ßÊÇÈ
ÇáÃÞÖíÜÜÜÜÜÜÉ
æÇáÔåÜÜÜÜÜÇÏÇÊ
Nama haala kudha shan guuttate malee , qaadii
tayuun hin gayu abbaan biyyaa isa shuumun hin
gayu innilleen eehamuun hin gayu haalli kudha
shanan sun hunoo kana :
1
- Islaama .
2
- Saalfatuu .
3
- Aylii.
4
- Bilisummaa.
5
- Dhiirummaa ,
6
- Qajeelloo.
7
- Heera qur`aanafii heera hadiisni dhufeen
beekuu
8
- Heera ulamaan islaamaa irratti walii
galaniifii , waan isaan irratti wal dhaban ,
beekuu , asaaba nabirraa qabee hanga zamana
isatti. mas`alaa , murtii isi`ii godhu
keessatti. akka waan ijtihaanni keessatti isaaf
gayuufii , waan isaaf hin geenye , adda baruuf.
maalif wanni ulamaan islaamaa isa dura irratti
walii galte , ijtihaada malee fudhatuu qabaa .
9
- Ammas karaa heera daliilarraa itti fudhatan
beekuu .
10
- Afaan arabaa beekuu. waan afaan
qur`aanatiifii, afaan hadiisaa tayeef.
11
- Tafsiira qur`aanaa beekuu .
12
- Nama dhagayu ,
13
- Kan argu ,
14
- Kan waa barreessu ,
15
- Nama dammaqaa hayyuu tayu .
Bakkeen qaadin taa`u wal`akkaa mandaraa bakka
beekkamtuu mul`attuu tayuu . kan namni bakka
sanirraa nama dhoowwu hin jirre .
Murti`ii je`ee masjida keessa hin taa`u. nama
masjida keessa taa`un isaaf hin geenye fa`aatu
dhufaa .
Qaadin yookaa (gara beekan) baalagaaraa waa
sadii keessatti wal qixxeessa. sun;
1 -
Bakka teessumatti .
2 -
Dubbii keessatti.
3 -
Laalcha keessatti.
Hayyuun takkaa (gara beekan) nama biyya dalagaa
isaa keessa jirurraa gumaata hin fudhatu gubboo
fakkaataa . kun yoo nama dubbii qaadii biraa
qabu taye . takkaa nama dur gumaata isaa fiduu
aadaa godhate hin tayin sanuu kan hanga durirra
hin ida`in . akkasuma nyaachisa isallee dhaquun
hin gayu yoo nama hundaan wajji taate malee. kan
akka sargi`ii . ammoo gubboo fudhatuun haraam
caalla.
Qaadin yookaa ( gara beekan) bakka kudhanitti
dubbii laalee mur`urraa fagaata , sun :
1 -
Dallansuu.
2 -
Beela.
3 -
Dheebuu.
4 -
Jaartii isaa bira gayu`uu hawwuu (shahwaan itti
jabaatuu jechuudhaa)
5 -
Rifachuu.
6 -
Gammachuu jabduu.
7 -
Dhukkuba,
8 -
Hoggaa udaanifii fincaan isa mudde.
9 -
Hoggaa mugaatin isa qabde.
10 -
Hoggaa qabbanaafii oow`i itti jabeesse. yoo
haala dubbanne kana keessatti dubbii laalee mure
dubbiin isaa ni deemti .
Qaadin hanga namni waa himatu himatee fixuu nama
inni himatu san waa gaafatu. akkasuma hin
kaysiisu yoo namni himatu barbaade malee, baalaa
gaaraa tokkolleedhaf dubbii hin qajeelchu .
akkaataa dubbii itti oofatu isan garsiisu, sun
haraamii. raga`atti dubbii hin jajjabeessu. waa
isaanittin rakkisu akka namni ragaa tayu`urraa
hin dheeysinef . kan namni akkaan itti haajamu .
Ragaan nama qajeellun isaa raggaate malee nama
birarraa hin qeebalamu nama qajeelaa tayuun isaa
rag-ga`uun yoo qaadin akka inni aadila yookaa
qajeelaa taye beeke, takkaa namni qajeelan lama
fuula qaadi`ii duratti akka inni qajeelaa taye
ragaa baye. diinni yoo diina isa-rratti ragaa
baye ragaan isaa hin qeebalamu . abbaan ilmaaf
ragaa bayuun hin tayu . ilmi abbaadhaa ragaa
bayuun hin tayu .
Qaadin biyya takkaa qaadii biyya biratti abaluu
biyya tee jiru sanitti murtii akkanaatin muree
dalaga`arra oolchi je`ee yoo itti barreesse yoo
namni lama qaadii san duratti waan qaadichi sun
muree katabe saniin ragaa baye malee wanni inni
itti barreesse hin qeebalamu .
KUTAA NAMA WAA NAMA JIDDU`UTTI QOODUU
ÃÍßÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÇã
ÇáÞÇÓÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜã
Abbaan biyyaa nama waa nama jiddu`utti qoodu
godhuu yookaa shuumuu ni qaba . duuba sharxiin
nama sanii torba. isiin :
1
- Islaama
2
- Saalfatuu yookaa qaanfatuu gayuu
3
- Aylii
4
- Bilisummaa .
5
- Dhiirummaa .
6
- Qajeellummaa.
7
- Hisaaba yookaa lakkooysa beekuu .
Ammoo namni lama yoo nama tokko yaammatanii waan
akkanaa mee nu jiddu`utti qoodi je`anii
jaa-latan sharxii dubbannetti hin haajamu
baaligh aaqil tayuu malee
Yoo waan qoodan keessa gimmituun yookaa
gateessun jiraatte namni qoodu nama lama
tayu`urraa hafiinsi hin jiru .
Namni lama yoo waa walitti qabaatanii isaanirraa
tokko adda qoodanna je`e, yoo waan qooduu keessa
miidhan hin jirre taate inni kuun eehamuun
dirqama ammoo yoo qooduu keessa dararaan
jiraatte akka ( ulee) takkitti`ii gaafas hin
dirqamu .
KUTAA RAGA`AA
ÃÍßÜÜÜÜÜÜÇã ÇáÔåÜÜÜÜÜæÏ
Namni waa himatu yoo ragaa qabaate haakimni
yookaa qaadin dhagayeeti ragaa saniin isaaf mura
. yoommoo ragaa hin qabaatin namicha waa
isarratti himatantu kakatee waan inni itti
himaturraa qulqullaaya . yoommoo namni waa itti
himatan kakatuu dide nama him-atuutu kakatee
saniin waan himatu isarraa haqa godhata .
Yoo waan harka tokkoo isaan lamaanii keessa jiru
kiyya je`ee namuu himate dubbii nama wanni
himatan harka isaa jirtuutu dhagayama kakuu
isaatin , yoommoo wanni sun harka isaan lamaanii
keessa jiraatte .
Isaan lachuu kakataniiti wanni sun isaan
jiddu`utti qoodamti .
Namni dalagaa ifirratti kakatu mureeti kakata .
namni dalagaa nama birarratti kakatu yoo
raggaasisuu taye mureeti kakata , yoo diduu
taye beekuu dhabu`urratti kakata . akka abalu
waan san dalagee hin beeku je`uutii
KUTAA SHARXII RAGA`AA
ÃÍßÇã
ÔÜÜÜÑØ
ÇáÔåÜÜæÏ
Ragaan nama haala shan qaburraa malee hin
qeebalamu . haalli shanan .
1 -
Islaamummaa .
2 -
Saalfatuu
3 -
Aylii
4 -
Bilisummaa .
5 -
Qajeellummaa .
Qajeelun sharxii shan qabdi . sun:
1
- Dilii (cubbuu) gurguddo`orraa matumaanuu
fagaatuu . diliin guddoon tan yakki isiidhaa
guddatee qur`aanafii hadiisa keessatti dhufe
kan namni isii dalage diin ifii laaffisuu
beysisu . kan akka farshoo dhugu`uu . kan akka
horii dhalaa nyaatu`uu . ammoo diliin xixiqqoon
waan akkas hin tayini, kan akka waan laalun
haraamii laalu`uu. kan akka nama islaamatiin
guyyaa sadiyii ol oodu`uu . duuba dilii
xixiqqoo aadaa godhatuu dhabuu , diliin xiqqoon
yoo heddommaatte guddoo taatii .
2
- Ammas kan aqiidan ,( yaanni) isaa waan
isla-amaa keessatti fayyaa qabu tayuu ,
3
- Nama hoggaa dallane if qabuu dandayu tayu
4
- Nama naamusa hiriyaa ifii eeggatu tayuu . kan
waan isaan hin malle bakka takkattillee hin
dalayne .
KUTAA HAQAA
ÃÍßÜÜÜÜÇã
ÇáÍÞÜÜÜÜÜÜæÞ
Hayn`i lama. tokko kan Rabbiitii tokko kan
namaati .ammoo hayn`i namaa gosa sadii ;
1
- Kan isa keessatti ragaa dhiiraa lama malee
ragaan biraa hin qeebalamne. sun waan horiin
tayinii. kan akka fuudhaa hiikka`aa
dhaammanna`aa. kan akka waan biraa kan dhiirti
arguu dandeessu .
2
- Kan isa keessatti shaahinni (ragaan) lama
dhiirti, takkaa dhiira tokkofii dhalaan lama,
takkaa dhiira takkaafii kakuun nama himatuu
qeebalamu. sun waan horiidhatti rarra`uu. kan
akka biti`ii gurguraa, kira`aa, qabdi`ii fa`aa .
3
- Waan isa keessatti dhiirti lama takkaa dhiira
tokkoofii dhalaan lama takkaa dhalaan afur
qeebalamu, sun : waan irra hedduu dhiirti hin
agarree kan akka fafa dhalaadha . kan akka
hoosisaa, dhalaa.
Ammoo haqa Rabbii keeessatti dhalaan hin
qee-balamu , hayni Rabbii kun gosa sadii :
1
- Kan ragaa dhiira afurii malee hin qeebalamne
sun zina`a . yookaa sharmuuxummaa gumnummaa .
2
- Kan ragaan lama keessatti qeebalamu .sun :
waan Rabbitti balleessu`uu kan zinaa malee jiru
kan akka zina`aan nama arrabsu`uu . kan akka
farshoo dhugu`uu .
3
- Kan isa keessatti namni tokko qofti qeebalamu.
sun: baatii ramadaanaa yookaa soomanaa argu`uu
namni tokko qofti arge je`ee ragaa bayuun ni
gayaa.
Ragaan nama ijaan waan garree ( jaama`aa ) bakka
shanitti malee hin dhagayamu shanan sun :
1
- Waan faca`ee namni hundi beekun mijjaayu. sun;
akka abalu du'e abalu fira abaluutu - ilma
isaati je'ee ragaa bayu'uu.
2
- Handhuraa. kan handhuraa nama kanaati hin
je'en. sun: akka yoo namni tokko waani kun
kiyyaa je`ee himate kan nam tokkolleen dura hin
dhaabbatin duuba jaaman wanni kun
handhureeffamaa waan namaati je'uuti. kan
handhuraa abaluuti hin je'in. gaafana ragaan
isaa ni qeebalama
3
- Dubbii baalagaara`aa yookaa dubbii warra
ra-gaa bayuu tarjamuu yookaa addeessuu keessatti
ni qeebalama .
4
- Waan odoo ijan dhabin arge keessattis ni
dhagayama .
5
- Yoo namni ragaa bayuuf akkasumaa kan ragaa
itti bayu maqaafii abaabu`uun beekkamaa taye ,
yoo namni waa je`eenii duuba nama san qabee
qaadii bira geessee waan inni je`een saniin
ragaa taye ni dhagayama
Ragaan nama dantaa isaatif ragaa bayuu hin
qeebalamu akka namni tokko kan nama isaa namni
dhaye odoo innin du`en deemee du`e je`ee ragaa
bayu`uuti gumaa fudhatu`uu jecha . ragaan nama
dararaa ifirraa deebisu`uu ragaa bayuu hin
qeebalamu .
|