شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
ABII SHUGAAKGA
 

Duree

Kitaabul`aqiidati wa usguulil`ahgkaam

Kitaaba xahaara`aa ( qulqulleessu`uu )
 Kitaaba heera salaataa
Kitaaba zaka`aa
Kitaaba soomana
Kitaaba hajji`iifii umra`aa
Kitaaba gurguraafii waan bira
Kitaaba dhaalafii dhaammataa

Kitaaba nikaaha ( fuudhaa )

Kitaaba balleessa`aa
Kitaaba yakkaa
Kitaaba jihaadaa ( qabso`oo )
Kitaaba al`oolafii waa gorra`uudhaa
Kitaaba wal doggomu`uu 
Kitaaba kaku`uufii qodha`aa
Kitaaba murti`iifii ragaadhaa
Kitaaba gabra bilisoomsu`uu

Hundee Nabsee Qulqulleessu'uu

 

 

 

 

 

 

 

 

kitaaba

abii shugaakha kan fiqhii shaafi`ii  

   
 

 

KITAABA JIHAADAA ( QABSO`OO )

ßÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÊÇÈ  ÇáÌåÜÜÜÜÜÇÏ

Sharxiin jihaanni wajjabuun torba isiin :

1 - Islaamummaa .                          

2 - Saalfatuu .

3 - Aylii .                                         

4 - Bilisummaa .

5 - Dhiirummaa .                            

6 - Fayyaa .

7 - Lola dandayu .

Namni kuffaararraa boojiyame , bakka lamatti qoodama . qoonni tokko kan matuma boojiyu`uutin gabra tayu . isaan joolle`eefii , beeraa .

Qoonni tokko mataa boojiyu`uutin  gabra hin  tayu . isaan dhiira gurguddo`oo . jara kana bulchaan biyyaaa dubbii isaanii keessatti , waa afurirraa tokko filatee , dalaga`arra oolcha . afran :

1 - Isaan fixuu .                                           

2 - Isaan gabroomsuu .

3 - Bilaashitti isaan gad dhiisuu  . haa biyya isaanitti deebi`anii .

4 - Takkaa horii yookaa nama nurraa boojiyan irraa fudhatee , isaan gad dhiisuu . bulchaan biyyaa afran kanarraa , waan orma  islaamatiif , faaydaa qabu filata .

Namni orma kuffaararraa , odoo hin boojiyamin islaamaye . lubbuu  isaatifii , horii isaa , joollee isaa xixiqqoo ajjeefamu`uufii , boojiyamu`urraa , tiyse .

Ilmoon takka yoo bakka takkatti argamte , ilmoon sun islaama tayuu muruun , waa sadiyiin argama .

1 - Takkaa namni islaamaa isa boojiyuu .

2 - Takkaa  tokkoon haadhaa abbaa isaa islaamayuu .

3 - Takkaa biyya islaamaa keessatti  lafaa argamuu . haala kana hundatti ilmoon sun islaama .

KUTAA MIYA NAMA LOLA KEESSATTI  AJJEEFAMEE

ÍßÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜã ÇáÓáÈ

Namni nama kuffaaraa tokko , lola keessatti ajjeese , wanni miya taye , kan  nama ajjeefame saniin wajji jiru , miyaafii , uffataafii , horiin , kan nama isa ajjeeseti .

Wanni lolaan horii kuffaararra boojiyame , bakka shanitti qoodama.  shananirraa harki afur , warra lolaaf , dirree lolaa san dhuferra qoodama . nama fardaan loluuf , harki sadii kennamee , warra lafaatif , harki tokko kennamee .

Warri horii boojiyame kana , haqa godhatu nama sharxii shan guuttate . isiin :

1 - Islaamummaa .                          

2 - Saalfatuu .

3 - Aylii .                                         

4 - Bilisummaa.

5 - Dhiirummaa .

Yoo sharxiin takka irraa ir`atte , qooda hin seenu . haa tayuu ni gurshama abbaa duulatiitu , laalee waa isaanii kenna . ammallee akka jaatanii isaanii laaleti , waan kennuuf keessatti isaan wal dabarsa .

Ammoo horii boojiyamerraa , harki shaneessa`aa , nama shanirra qoodama, qoonni tokko :  kan rasuula Rabbiiti . kan eega isaan aakhiramanii , waan  dantaan islaamaa keessa jirtuuf , kennamu . qoonni tokko : kan aalii nabiiti . isaan : banii haashimiifii , banilmuxxalibii . isaan warra zakaan  irratti haraamitii , qoonni tokko : kan joollee abbaan qabneeti . qoonni  tokko: kan warra waan qabneeti . qoonni tokko : kan warra imaltuu jiru , kan sinqiin harkaa dhumtee , waan galuun dhabeeti.

KUTAA HORII LOLAAN MALE`ETTI KUFFAARARRAA FUUDHAMEE

          Íßã  ÇáÝÜÜÜÜÜÜÜÜÜíÁ   

Horiin kuffaaraa, kan lolaan male`etti, harka orma islaamaa seene , bakka shanitti qoodama . shaneessan isaa : warra shaneessan , horii lolaan , kuffaararraa fuudhame, irra qoodamurra , qoodama . ammoo harki afran hafe warra loluufii , waan dantaan islaamaa keessaa jirtuuf kennama . kan akka : joollee abbootin lola keessatti irraa dhumtee , ammallee beera  isaanitiif , ammallee joollee ulamaadhatiifii , beera isaanitiif kennama .

KUTAA GABBARAA

 ÍßÜÜÜÜã ÇáÌÒíÜÜÜÜÜÉ  

Namni gabbara kennu , nama haala shan qabu . sun :

1 - nama baaligh .                           

2 - Aaqil .

3 - Dhiira                                        

4 - Bilisummaa qabdu .

5 - Kan warra kitaabaa : yahuuda`aafii , nasaara`arraa taye. takkaa warra kitaaba qabna je`u , kan akka majuusa`arraa taye . majuusan  warra ibidda gabbaruu , kanuma kitaaba qabna ifiin je`an .

Irra xiqqaan gabbaraa diinaara tokko . baratti . yookaa wogga`atti . sun yoo nama horii xiqqaa qabu taye . ammoo jiddu jireysi, diinaara lama kenna , dureessi diinaara afuri .

Bulchaan biyyaa warraa gabbara kunnu kana,akka keessummaa islaamaa bulchan , baallama seensisuu ni qaba ( diinaarri tooko cinaa leeraa  ingiliizitti dhiyaata ) .

Wal tayiinsi gabbara kennu`uu kun , wanni qabsiisu , waa afuri .

1 - Gabbara kennuu .

2 - Heera islaamaa qabatuu , waan isaan haraam tayu  yaadan keessatti . ammoo waan haraam tayuu hin yaanne keessatti , heera  islaamaa jalan seenan . yoo qaadii islaamarratti , wal kasasan malee .gaafas heera islaamatiin , isaan jiddu`utti waan muru mura .

3 - Diin  islaamaa waan gaari`iin malee dubbatuu dhabuu .

4 - Waan orma islaamaa miidhu , dalaguu dhabuu

Ormi sun waan isaanifii , orma islaamaa adda godhu uffatan . takkaa  waan isaan beysisu uffata , isaanirr-atti qobban . ammallee haada kirri`ii  buccuu gubba`aan mudhi`itti hidhatan . waan , if guddisuu isaanii mul`isu , kan akka farda yaabbatu`urraa ni dhoowwaman .

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com