شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
ABII SHUGAAKGA
 

Duree

Kitaabul`aqiidati wa usguulil`ahgkaam

Kitaaba xahaara`aa ( qulqulleessu`uu )
 Kitaaba heera salaataa
Kitaaba zaka`aa
Kitaaba soomana
Kitaaba hajji`iifii umra`aa
Kitaaba gurguraafii waan bira
Kitaaba dhaalafii dhaammataa

Kitaaba nikaaha ( fuudhaa )

Kitaaba balleessa`aa
Kitaaba yakkaa
Kitaaba jihaadaa ( qabso`oo )
Kitaaba al`oolafii waa gorra`uudhaa
Kitaaba wal doggomu`uu 
Kitaaba kaku`uufii qodha`aa
Kitaaba murti`iifii ragaadhaa
Kitaaba gabra bilisoomsu`uu

Hundee Nabsee Qulqulleessu'uu

 

 

 

 

 

 

 

 

kitaaba

abii shugaakha kan fiqhii shaafi`ii  

   
 

  

KITAABA HEERA SALAATAA

 

SALAANNI FARDI'II SHANI

        

1 - ZUHRII: Jalqabni waytii isaa, hoggaa aduun gama bayarraa gama dhiyaa jallatte, maayyin waytii isaa, hoggaa gaaddifni wahayyuutuu qixxee isaa tayee, waa xiqqo ida'ame.

2 - KGASGRII: Jalqabni waytii asri'ii, hoggaa gaaddifni wahayyuutuu qixxee isaa tayee, waa xiqqoo ida'ame, ammoo waytiin filatamtuun, hoggaa gaaddifni wahayyuutuu qixxee isaa harka lama taye. ammoo waytiin salaatun namaa gayu hanga aduun seentutti.

3 - MAGHRIBA: Waytiin maghribaa takkitti`i sun: aduun seentee, hangi azaananii, wadda'atanii, huccuu salaataa uffatanii, iqaamaa godhanii, rakakgaa shan salaatan dabruu, hangi kun yoo dabre waytiin maghribaa baate, haa tayuu kun qawlii shaafikgiidhaa kan boodati. ammoo wanni shaafikgiin duraan je'e : waytiin maghribaa: seensa aduudharraa qabdee, hanga diiminni sami'ii, kan eega aduun seentee dhufu deemutti, kanaatu irraa jabaa .

4 - KGISHAA'II: Jalqabni waytii isaa diiminni sami'ii deemu'uuni,waytiin isaa maraxamtuun hanga halkanirraa harki tokko yoo bakka sadiyitti qoonne dabrutti, ammoo waytiin salaatun, namaaf gayu, hanga fajriin lammeysa'aa bayutti, yookaa jalaan ifutti .

5 - SGUBHGII: Jalqabni waytii subhgiidhaa, fajriin lammeysa'aa bayu'uuni, ammoo waytiin isaa maraxamtuun hanga lafti iftutti, ammoo waytiin salaatun namaaf gayu, hanga aduun baatutti .

KUTAA SHARXII SALAANNI WAJJABDUUN

 

Sharxiin salaanni shanan wajabduun sadii, sun:

1 - Islaama tayuu .

2 - Saalfatuu (ballaghuu) .

3 - Aylii qabaatuu, waan sadeen kanaan namni ajaja rabbii dalagu'utti dirqama. haa tayuu haadhaa abbaan joollee amata torbaa salaatatti ajajuun dirqama, yoo bara kudhan guutanii dhiisan , salaatatti tumuun dirqama akkuma soomanatti dhawan yoo dandayan , ammas wanni haadhaa abba`arratti wajjabu , heera islaamaa joollee barsiisuu kun halaali kun haraami je`anii .

SALAATA SUNNA`AA TAN KOPHA`AA  

Salaanni sunna`aa tan fardii jala hin deemne tan kophaa salaatamtu shani.

1 - Salaata iida soomanaati.         

2 - Salaata iida Arafa`aati .

3 - Salaata yoo adu`urraa ifni deeme salaatan .

4 - Salaata yoo ji`arraa ifni deeme salaatan.

5 - Salaata rooba Rabbirra barbaadu`uu jecha salaatan .

SALAATA SUNNA`AA TAN FARDII JALA DEEMTU

Salaanni sunna`aa tan fardi`iin wajji salaatamtu raka`aa kudha torba.subii dura raka`aa lama, zuhrii dura raka`aa afur.isa booda raka`aa lama asrii dura raka`aa afuri. Maghriba booda raka`aa lama , Ishaa`ii booda raka`aa sadii raka`aan lama sunnaa ishaa`iidhati raka`aan tokko irra xiqqaa salaata witriidhati . jiddu jireysi witri`ii raka`aa saadii irra hedduun raka`aa kudha tokko . sunnaa fardii wajjirraa kan irra jabaadhaa , khudhani sun : raka`aa lama subhii dura. raka`aa lama zuhrii  dura lama booda raka`aa,lama maghriba booda raka`aa lama ishaa`ii booda.

SALAATA SUNNA`AA JAJJABDUU

 Sunnaan sadii jajjabduu sun :

1 - Sunnaa halkan keessa salaatan .

2 - Salaata Waare`ee , irra xiqqaan isaa raka`aa lama . guddaan saddeeti raka`aa lama lamaan adda ba-asu`uutu gaarii , waytiin isi`ii hoggaa aduun baatee ol fuudhamterraa hanga orra`atti  isiin salaata ( duhaadhati  ) je`amti .

3 - Salaanni sunna`aa kan sadeessa`aa (sunnaa taraawiihati) ( ) isiin halkan ramadaanaa , hunda salaatamti . isiin rakaa`aa diiddama akka asaabonni irratti walii galanii dalagan akka beyhaqi`iifii , maalik sanada sahiihan odeesse. isiin raka`aa lama lamaan, salaatamti. waytiin isi`ii ishaa`iidharraa hanga subhi`itti.

KUTAA SHARXII SALAATAA

Sharxiin salaataa , ta odoo salaatatti , hin seennee , waa jaha sun :

1 - Wadda`atuu takkaa qaama dhiqatuu najisarraa qulqullaayuu

2 - Awraa yookaa saala if dhoysuu huccuu xaahiraan yookaa qulqulluudhan .

3 - Bakka xaahira dhaabbatuu .

4 - Waytiin seenuu beekhuu .

5 - Qibla`atti gara galuu .

6 - Fardi`iifii sunnaa salaataa adda beekhuu . qibla`atti gara galuu dhiisun haala lama keessatti namaaf gaya sun: salaata hoggaa sodaan jabeessiteeti. lola faa keessatti. salaata hoggaa imaltuu jiran waan yaabbatanirratti salaatan keessatti .

KUTAA ARKAANA SALAATAA

Arkaanni salaataa, wanni salaanni isii malee hin argamne, kudha saddeeti sun :

1 - Niyyaa  .                         

2 - Yoo dandayan dhaabbatuu .             

3 - (allaahu akbar) je'u' .              

4 - Faatihgaa qara'uu, bismillaadhan wajji .

5 - Gad je'u` yookaa rukuukga godhuu .

6 - Rukuukga keessa waa xiqqo turuu .

7 - Rukuukgarraa mataa ol fuudhanii dhaabbatuu akka duratti deebi'anii  isa kanaan  ( ikgtidaala je`anii .) .

8 - I`tidaala keessa waa xiqqo turuu .

9 - Sujuuda .

10 - waa xiqqo sujuuda keessa turuu .

11 - Sujuuda lamaan jidduu taa`uu teessuma tana keessa waa xiqqo turuu .

12 - Eega salaata fixanii teessuma boodaa taa`uu

13 - Teessuma boodaa keessatti tashahhuda qara`uu . tashahhunni hunoo kana .

.

(Attahgiyyaatulmubaarakaatu , assgalawaatu, axxayyibaatu lillaahi assalaamu kgaleyka ayyuhannabiyyu warahgmatullaahi wa barakaatuhuu , assalaamu kgaleynaa wa kgalaa kgibaadillaahissgaalihgiin. ash-hadu an laa ilaaha illallaahu wa ash-hadu anna  Muhammadan abduhuu wa rasuuluhuu ..

14 - Salaata alannabii qara`uu takkaayuu buusuu. irra xiqqaan isaa (allaahumma sgalli kgalaa Mu-hahgammad) ammoo guutun (Allaahumma sgallii kgalaa Muhammad wa kgalaa  aali Muhammad kamaa sgallayta kgalaa Ibraahiima wa kgalaa aali Ibraahiima wa baarik kgalaa Muhgammadin wa-kgalaa aali Muhammad .kamaa Baarakta kgalaa Ibraahiima wa kgalaa aali Iabraahiima fil kgaalamiina innaka hgamiidun majiid ).

  .

15-16 - Eegasii taa`anii salaammatuu. irra xiqqoon salaamta`aa (assalaamu kgalaykum  .irra guddoon hoggaa lama ( assalaamu kgaleykum wa rahgmatullaahi wa barakaatuhuu     ) je`uu, ta duraa keessatti gama mirgaa mil`-atanii ta lammaysa`aa keessatti, gama bita`aa mil`atanii

17 - Ammas salaatarraa bayuu niyyatuu . haa tayuu salaatarraa bayuu niyyatuun sunnaadha malee rukni`ii miti .

18 - Ammas dalagaa salaataa akka dubbannetti oofuu .

SUNNAA SALAATA DURAA

  

Sunnaan salaataa odoo salaatatti hin seenne waa lama sun :

1 - Azhaana . akkaatan azhaanaa hunoo akkana:

1 : Allaahu akbar allaahu akbar

      

2 : Allaahu akbar allaahu akbar,

  

3 : Ash-hadu an laa ilaaha illallaah .

4 : Ash-hadu an laa ilaaha illallaah,

5 : Ash-hadu anna muhgam-madan rasuulullaah

6 : Ash-hadu anna muhgamm-adan rasuulullaah

7 : Hgayya kgalassgalaah

 .    

8 : Hgayya kgalassgalaah

         

9 : Hgayya kgalalfalaahg

       

10:Hgayya kgalalfalaahg

      

11:Allaahu akbarullaahu akbar   

    

12:Laa ilaaha illallaah  

             

Yoo azhaana subhi`ii taye , eega ( hgayya kgalal falaahg )  je`ee

Wanni je`u ( assgalaatu khayrun minannawm ) hoggaa lama . ma`naan isaa salaatatu hirriibarra caala jechu`uu eegasii , azhaana guuta. waan namni hirriibatti jiruuf jecha , kanaan isaan yaadachiisun barbaadama .

2 :  IQAAMAA                     

Iqaaman akkuma azhaanati, haatayuu jechi azhaanaa kan duraa afuri. kan iqaama`aa lama .jechi azaanaa kuun lama lama . kan iqaama`aa tokko tokko. jecha jecha boodaa duraa malee , sun akkuma azhaanatti lamaa. ammoo jechi irraa boodaa,azhaanafii iqaamaa keessattillee tokko.ammas iqaamaa keessatti eega ( hgayya kgalalfalaahg ) je`ee hoggaa lama ( qad qaamatissgalaatu) je`a. ammas azhaana keessatti qooqa akkaan ol fuudhan iqaamaa keessatti gad qabatan . ammas azhaana ni harkisanii iqaamaa ni jarjarsan . namni , nama azhaanu dhagayu, akkuma inni je`u je`a ( hgayya alassalaatifii  hgayya alalfalaahg ) keessatti malee isaan lamaan keessatti ( laa hgawla wa laa quwwqata illaa billaahilkgaliyyilkgzgiim) je`a. akkasuma (qad qaamatissgalaah, gad qaamatissgalaah ) keessatti malee , isaan lamaan keessatti (aqaamahallaahu wa adaamahaa ) ammallee ( assalaatu khayrun minannawm) keessatti malee , isii keessatti ( sadaqta wa baririta ) je`a .

SUNNAAN SALAATAA GUGURDOON EEGA ITTI SEENANII WAA LAMA

1 : Tashahhuda duraati , hanga allaahumma sgalli kgalaa Muhammad gayutti  .

2 : Qunuuta subiidhatiifii,qunuuta witrii ramadaana gama boodati  15 - 30  irra xiqqaan qunuutaa (allaahummaghfir lii yaa ghafuur   )  

Ammoo guutun hunoo kana :

.

(Allaahummahdinii fiiman hadayta, wa kgaaf-inii fiiman kgaafayta . wa tawallanii fiiman tawallayta, wa baarik lii fiimaa akgxayta, wa qinii sharra maa qadgayta . fa innaka taqdgii wa laa yuqdgaa kgalayka, wa innahuu laa yazhillu man waalayta,wa laa yakgizzu man kgaadayta, tabaarakta Rabbanaa wa takgaalayta, falakalhgamdu kgalaa maa qadgayta, wa nastaghfiruka allaahumma wa natuubu ilayka, wa sgallallaahu kgalaa muhgammadinna-biyyil'ummiyyi wa kgalaa aalihii wasgahgbihii wa sallam) makgnaa isaa  ) . kitaaba barsiisaa salaataa kanin an tolche keessa laali .

DALAGAA SALAATA BOONSITU

 

Wanni salaata boonsu , kan ir`ifne kudha shan :

1 : Harka lamaan hanga ceekhuu lamaanitti ol fuudhuu . harka ol fuudhun bakka afuritti barbaadama:

1 - Hoggaa salaata hidhatu`uuf ( allaahu akbar  )  je`u.

2 - Hoggaa rukuu`af gad je`u .

3 - Hoggaa rukuu`arraa mataa ol fudhatu.

4 - Hoggaa tashuhhudul `awwalirraa dhaabbatu

2 - Harka mirgaa ka bita`arra kaayee qabatuu .

3 - Du`aa`ii tawajjuhaa qara`uu, isiin :

  .

(Wajjahtu wajhiya lillazhii faxarassamaawaati wal`ardga hganiifan musliman, wa maa ana minalmu-shrikiin. inna ssalaatii, wa nusukii , wa mahgyaaya wa mamaatii, lillaahi Rabbilkgaalamiin, laa shariika lahuu , wa bi zhaalika umirtu wa ana minalmuslimiin .

Ma`naan du`aa`ii tanaa akkana (fuula kiyya gara Rabbii sami`iifii dachii uumee gara dalchi anaa jallinarraa gara qajeello`oo jallatu, anaa islaamaa, an nama rabbiif shariika yookaa masaanuu godhuu miti. salaanni kiyyaafii, ibaadan tiyya, jiruun tiyyaafii, duuti tiyya, ta Rabbiitii, harka isaati jirti, Rabbii waa hunda uumee tooyatu kan fakkaataa hin qabni, an warra islaamarraayi ) jechu .

4 - ( Akguuzhu billaahi minashyxaanirrajiim ) jechuu .

5 - salaata subhiidhatiifii, raka`aa lamaan duraa kan maghribaatifii , ishaa`ii keessatti , ammallee jum`aadhafii , iida lamaan keessatti akkasuma salaata ji`arraa ifni deemu`uu , salaata rooba barbaadu`uu , taraawiihafii , witrii ramadaanaa ammallee raka`aa lamaan xawaafaa kan halkanii yookaa waytii subhi`ii keessatti qooqa ol fuudheti qara`a . hanga namni isa dhagayu takkatti .

6 - Ammoo salaata biraa keessatti qooqa gad qabateeti qara`a . hanga lubbuu  ifii dhageessisu takkatti .haa tayuu sunna halkan salaatu keessatti , hogiin qooqa ol fuudheti hogiin . gad qabata .

7 - Aamiin jechuu .

8 - Faatihaa booda suuraa qara`uu, raka`aa lamaan duraa keessatti  salaata hundarraa .

9 - Hoggaa rukuu`afii sujuudaa gad je`uufii, hoggaa sujuudarraa ol je'u ( allaahu akbar je`uu  )

10 - Hoggaa rukuu`arraa mataa ol fuudhu ( sa-mi`allaahu liman hgamidah   ) je`uu. Ho-ggaa qajeelee dhaabbate ,( rabbanaa wa lakalhgamdu  ) je`uu .

11 - Rukuu`a keessatti ( subhgaana Rabbiyalkgazgiim wa bihgamdihii  ) jechuu

12 - Sujuuda keessatti( subhgaana Rabbiyal`akglaa wa bihgamdihii  ) je`uu .

13 - Teessuma sujuuda lamaan jidduu taa`u keessatti , garaa faana bita`aa ol deebisee , irra taa`ee , faana mirgaa qubbeen isi`ii lafa kaayee , hirpha isi`ii ol dhaabee , hunoo akkana je`uu : Rabbighfirlii . warhgamnii wajburnii warfakg  wahdinii , warzuqnii , wakgaafinii , wakgfu kgannii .

  .

14 : teessuma tashahhuda duraa keessatti akk-uma teessuma sujuuda lamaan jidduu taa`etti taa`eti harka lamaan gudeeda lamaanirra kaaya qubbeen harka bita`aa direersee qubbeen harka mirgaa qabee cammee abbaguddu`utti aantufii , abba gudduu malee, akkanatti  tashahhuda qara`a duuba odoo qara`uu , yoo jecha ( illallaahu ) gaye , cammee . yookaa quba abbaguddu'utti aanu , jecha kanaan wajji ol fuudha . Rabbiin tokkichaa akeeku`uu jecha .

15 - Teessuma hunda keessatti akka teessuma sujuuda lamaan jiddu`utti . miila bita`aa afatee irra taa`uu .

16  - Ammoo teessuma tashahhuda boodaa kee-ssatti faana miila bita`aa ka mirgaa jalaan achi baasee taa`aadhan lafa taa`uu .eegasii tashahuda qara`uu.

17 - Wanni salaata bareechu kan irraa boodaa salaamtaa lammeeysa`aa baafatuu .

KUTAA WAAN DHALAADHAA DHIIRTI KEESSATTI WAL DHABANII

    

Dhalaan waa shan keessatti dhiiran wal dhabdi :

dhiirti rukuu`afii sujuuda keessatti ciqilee lamaan cinaacha lamaanirraa fageessiti .garaa gudeeda lamaanirraa fageessiti . salaata qooqa keessatti ol fuudhan keessatti qooqa ol fuuti . yoo salaata keessatti waa itti argaman (subhgaanallaa  ) jetti . salaata keessatti saalli dhiiraa waan handhura isaatifii jilba isaa lamaan jidduu jiru.

Ammoo dhalaan ciqilee lamaan rukuu`afii sujuuda keessatti cinaachatti maxxansa, garaa guudeedatti waxxansa . bakka dhiirti alaga`aa jirtutti qooqa ol fuutee hin qaraatu . yoo salaata keessatti waa isi`itti dhufe , keessa shanacha mirgaatin dudda shanacha bita`aa dooyti . salaata keessatti qaamni dhalaadhaa hundi saala fuula isi`iitifii shanacha harka lamaanii malee, gabrittiin salaata keessatti akkuma dhiiratii , saalli ( kguwran ) isi`ii waan jilba isi`iitifii handhura jidduu jiru . ammoo ala salaatatti isiin akkuma bilistitti`iiti .

KUTAA WAAN SALAATA BALLEESSUU

Wanni salaata balleessu waa kudha tokko, sun:

1 - Beeka'aa waan salaatattin rarraane dubbii namaa dubbatu'.

2 - Dalagaa hedduu akka tarkaanfii sadiyii faa dalagu', 

3 - Wuduu'ni duraa diigamuu,

4 - Najifni isa tuqu,

5 - Bakkiti qamaaraa dhooysuun dirqamaa, osoo inni salaatatti jiruu mul'atuu,

6 - Odoo salaatatti jiruu niyyaa jirjiiruu, sun akka salaatarraan bayaa yaadu'uuti,

7 - Qibla'arraa gara galuu,

8 - Nyaatafii,

9 - Dhugaati'iifii, 

10 - Kufla, 

11 - Ammallee waan nama kafarsiisu dalaguu, yookaa je'u`, yookaa yaadu'. .

Kutaa Waan Salaanni Qabu

 

Rakakgaanni salaata fardi'ii shanan keessa jiru, kudha torba. rakakgaa san keessa sujuuda soddomii afurtu jira,(allaahu akbar ) sagaltamii afurtu jira. tashahhuda sagaltu keessa jira, salaamtaa khudhantu keessa ira, tasbiihga dhibbaafii shantamii sadiyiitu keessa jira.

Walii galli arkaana salaataa, ruknii dhibbaafii diiddamii jaha, salaata subi'ii keessa soddoma, maghriba keessa afurtamii lama , zuhrii keessa shantamii afuri, asrii keessa shantamii afur, ishaa'ii keessaa shantamii afur.

Namni salaata fardi'ii dhaabbatee salaatuu dadhabe, taa'eti salaata, namni taa'ee saalaatuu dadhabe, ciiseti salaata.

Kutaa Waan Salaatarraa Dhiifamuu

 

Wanni salaatarraa dhiifamu waa sadii, sun :

1 - Fardii .

2 - Sunnaa .

3 - Hay'aa, (waan salaata boonsu) .

Fardiin yoo dhiifamte sujuunni irraanfi`ii irraa bakka hin dhaabbatu . wanni isarratti jiru , yoo fardii dhiise san , dafee dhiyo`otti yaadate , waan san fideeti, waan isa boodaa dalagee, eega tashahhuda qara`ee, odoo  hin salaammanne sujuuda lama , sujuuda . irraanfii isarraa argamte saniif jecha .

Waan sunnaa je`amu , kan akka tashahhuda duraa , qunuutaa faa , eega irraanfatee, bira dabree , fardii isa bo-odatti seenee , itti hin deebi`uu , bakka waan dhiisee san , sujuuda lama odoon salaammanne sujuudee salaammata

Waan (hay`aa) je`amu , kan akka harka ol fuudhuudhaa , kan akka tasbiihgaa , kan salaata bareechu , kan ir`ifne , yoo dhiise , itti deebi`ee hin dalagu ammallee sujuuda irraanfi`ii , isi`ii je`ee hin sujuudu .

Namni raka`aa hangamin salaate je`ee shakke sadii moo afuri je`ee fakkeessa`aaf, hanga hubate kan irra xiqqa`aa qabateeti sun sadiyii, ka afreessa`aa fidee , irraanfi`iif sujuuda lama sujuuda  .

Sujuunni irraanfi`ii, sunna`aa dhiisanillee salaanni hin badu waytiin isa sujuudan odoo hin salaammanne .

KUTAA YAROO SALAANNI SABABAA HIN QABNE KEESSA DHOOWWAMUU

Waytii shan keessa, salaanni sababaa hin qabne , hin salaatamtu . sun:

1 - Eega salaata subhi`ii salaatanii salaatun ni dhoowwama . yoo sunnaa subhi`ii takkaa qadaa faa taate malee . hanga aduun baatutti .

2 - Ammallee eega salaata asri`ii salaatanii , hanga aduun seentutti . yoo sunnaa asri`ii ta duraan hin salaatin , takkaa salaata masjida seenu`uu , taate malee .

3 - Hoggaa aduun bayu`utti jirtus , hanga baatee , xiqqo ol , fuudhamtutti .

4 - Hoggaa aduun seentus hanga lixiinsi isi`ii guutamutti .

5 - Yaroo aduun sammuu namaa geesses hanga isiin gara dhiyaa jallattutti waytii shanan kana kan salaanni isii keessatti dhoowwamu, yoo salaata sababaan isaa waytii san dhufu taate malee takkaa  sababaa yaroo tana dura dabare tan akka qadaa baasu`uu  takkaa sababaa yaroo tanatti qindaayu kan akka salaata yaroo san masjida seenu`uu salaatanii, taate male . .

KUTAA SALAATA JAMAA`AADHAA

Salaanni jamaakgaadhaa fardii , yoo namni biraa dalage namarraa kuftu kan yoo hundi walii galee dhiise , itti dilaayan . namni nama duuban salaatu , imaama kana jalaan deemee, salaataa niyyatuun , dirqama . ammoo namni namaan salaatu imaama tayeetin  namaan salaataa niyyatuun dirqi`ii miti. haa tayuu ni barbaadama. sawaaba jamaadhaa argatu`uuf jecha .

EENYU NAMNI NAMAAN SALAATUN GAYU

 

Bilisni , gabrichatti hidhatee , duuban salaatun , namni saalfate naman saalfatinitti hidhatee , duuban salaatu, ni gaya. dhiirti dhala`atti hidhattee, duuban salaatun, hin gayu . namni faatihgaa qara`uu beekhu kan hin beynetti hidhatuun hin gayu .

Yoo bakka fedhe dhaabbatee masjida keessa isaa jiru, imaamatti hidhate, isaa dalagaa salaata  imaamaa beekhu, isa argu'uun yookaa dhagayu'uun  yookaa saffii garii argu'uun, salaanni isaa fayyaa taya, waan imaama dura hin dabriniin, kun yoo imaamafii, ma`muumni, masjida keessa jiraatan, ammoo yoo imaa-mni masjida keessa dhaabbatee, ma`muumni , ala masjidaa dhaabbatee , itti hidhate, hanga dhuudhuma dhibba sadiyii , itti dhiyaatee , kan salaata imaamaa beekhu , arga`aan , takkaa dhageyti`iin kan wanni imaamatti , achi dabruu takkaa arguu isa dhoowwu isaan jidduu hin jirre , itti hidhatuun fayyaa taya.

Kutaa salaata imalaa ( safaraa )

 

Sharxii salaata gabaabsu`uu

 

Namni imaltuu jiru , salaata raka`aa afur afurii , gabaabsee .raka`aa lama lama godhee , salaatuu ni qaba . sharxii shaniin :

1 - Safarri isaa safara dili`ii ( cubbu`uu ) tayuu dhabuu .

2 - Bakki inni itti deemu dheertuu ( kiilu mirtii 82 ) tti dhiyaattu  tayuu . sun waan farsakha je`amu ( 16 ) ni gayaa .

3 - Salaata raka`aa afurii san , kan ada`aan salaatu tayuu kan qadaa biyyaan tayinii.

4 - Hoggaa hidhatu , salaata kana nan gaba-absaa niyyatuu .

5 - Nama musaafira hin tayinitti hidhatuu dha-buu yoo hidhate ni guutaa .

SHARXII SALAATA WALITTI QABU'UU

 

Ammas namni musaafiraa yookaa imalaa salaata zuhri`iitifii asri`ii, walitti qabee , yaroo tokkoo isaan lamaanii keessatti salaatuu ni qaba . yoo fedhe , asrii zuhri`iin wajji salaatee yoo fedhe zuhrii asri`iin wajji booda aansee salaatee . akkasuma maghribaafii ishaa`illee , tokkoo , waytii isaan lamaanii keessatti  salaatuu ni qaba .

ROOBA JE'ANII SALAATA WALITTI QABUU

Namni musaafira hin tayin , kan biyya jiru  , roo-baa je`ee masjida keessatti asrii dursee zuhri`iin wajji, ishaa`ii maghribaan wajji salaatuu ni qaba.  Sharxii roo-bni walitti dhaabbatu`uutin hanga salaata lammeysa`aa hidhatutti  sharxii manni isaa fagoo tayee , masjida keessatti jamaa`aadhan salaatu`uutin kan roobni isa miidhu. warri masjida keessa galu imaama malee roobaa je`ee salaata walitti qabuu hin qabu. Imaamni jamaa`aa niyyatuun sharxii . ammoo roobaa je`anii zuhrii booda aansee asri`iin wajji , maghriba booda aansee ishaa`iidhan wajji salaatun hin gayu . salaata uzri`iin male`etti waytii isarraa baasu`uutu keessa jiraa .

DHUKKUBAA JECHA SALAATA

WALITTI QABUU

Namni dhukkubni dhaabbatuu isa dhoowwe isatti jiru , salaata dursee , yookaa booda aansee , walitti qabuu ni qaba qawlii mazhaba shaafi`ii tokkorratti deemnee . duuba namichi dhukkubsatu , dursu`uufii , booda aansu`urraa kan isaaf irra caalu dalaga .

SALAATA JUM'AADHAA

  

Sharxiin jum`aan namarratti wajjabduun torba :

1 - Muslima tayuu .

2 - Saalfatuu yookaa ballaghuu .

3 - Aylii qabaatuu .

4 - Dhiira tayuu .

5 - Fayyaa qabaatuu .

6 - Bilasa tayuu .

7 - Warra qubatee taa`u tayuu , warra goggodaanuu mitii.

Sharxii dalagaadha

 

Ammoo sharxiin jum`aa dalaguun fayyaa tayuun sadii :

1 - Bakkeen jum`aan itti dalagamu mandara , yookaa ganda tayuu .

2 - Warri salaatu nama afurtam , kan jum`aan irratti wajjabe tayuu.

3 - Waytii zuhri`ii keessatti dalagamuu, yoo waytiin baate. takkaa sharxiin dubbanne ir`atte zuhri`iitu salaatama .

ARKAANA JUM`AADHAA

 

Fardiin jum`aadhaa sadii :

1 - 2 : Khuxbaa lamaani, kan isaan lamaan jidduu waa xiqqo taa`u .

3 :  Raka`aa lama jamaa`aadhan salaatuu ..

SUNNAA JUM`AADHAA

   

Sunnaan jum`aadhaa jaha :

1 - Dhiqatanii qaama if qulqulleessuu .

2 - Huccuu adii uffatuu .

3 - Qeensa ciratuu .

4 - Waan urgaayaa godhatuu .

5 - Suuratulkahfiifii dukhaan halkan jum`aadhatiifii guyyaa qara`uu .

6 - Salaata alannabii guyyaa jum`aadhaa heddommeysuu .

Hoggaa imaamni khuxbaa qara`u cal`isuun ni barbaadama namni hoggaa imaamni khuxbaa godhu`utti jiru masjida seene raka`aa lama haffallii salaatee , eegasii gad taa`a .

KUTAA SALAATA IIDAA

Salaanni iida soomanaatifii , salaanni iida arafa`aa sunnaa jabaa, akkaan barbaadamu. salaanni iidaa raka`aa lama. akkaatan itti salaatan, raka`aa duraa ke-essatti , eega hidhatanii , odoo faatihgaa hin qaraane , hoggaa torba ( Allaahu akbar ) je`an . allaahu akbarii hidhanna`aa malee . ammoo raka`aa lammeysa`aa keessatti, hoggaa shan ( ) Allaahu akbar)  je`an . allaahu akbarii dhaabbatiinsaf , je`an malee . eega salaatarraa raa'watanii khuxbaa lama qara`an. khuxbaa duraa keessatti hoggaa sagal ( Allaahu akbar ) je`a . ta lammeysa`aa keessatti , hoggaa torba ( allaahu akbar ) je`a .

Halkan iidaa , maghribarraa qabanii, hanga imaamni salaata iidatti seenutti (Allaahu akbar ) je`uun ni barbaadama . sun halkan iida lamaanitii . ammoo iida arafa`aa keessatti , waytiin,( allaahu akbar) je`an, subhii guyyaa arafa`aa, kan iida  durarraa qabdee , hanga asrii , guyyaa sadeen , iida boodatti , deemti ..

KUTAA SALAATA IFAA, JI`AAFII,ADU`UU, BARBAADU`UU

Sababaa ifaan adu`uufii , ji`arraa deemu`uutif , salaata salaatanii , Rabbi kadhatuun akkaan barbaadama haa tayuu yoo odoo hin salaatin ifni itti deebi`e , qadaan baasan , salaanni kun , raka`aa lama, raka`aa hunda keessa dhaabbatiinsa , lamaatu jira. akkana je-chuun , hoggaa rukuu`a godhan , ammas dhaabbatatti , deebi`aniiti , faatihaadhafii , suuraa biraa qara`an , jechuu .kan eegasii rukuu`a biraa godhan. Dhaabbatiinsa lamaanuu keessatti qaraatii akkaan dheeressan. akkasuma rukuu`a lamaan keessatti tasbiiha dheeressan ,. sujuuda keessatti malee . eega raka`aa lamaani-rraa raaw`atee khuxbaa lama qara`a . salaata ifni  adu-`urraa deemu`uuf , salaatan keessatti qooqa gad qabataniiti waan qara`an , qara`an. kan ji`aa keessatti , qooqa ol fuudhan .

KUTAA SALAATA ROOBA BARBAADU`UU

Salaanni hoggaa roobni namarraa cite , rooba barbaadaf salaatan, sunnaa akkaan barbaadamu. Akkaatan isa itti salaatan , mataan biyyaa yookaa gandaa ummata tawba`aafii , waa sadaqatu`uufii , cubbuu hunda dhiisa`uufii , nama wal didaniin , araarfatu`uufii , guyyaa sadii soomanu`utti ijaja . duuba guyyaa afr-eessa`aa , dirre`etti ummataan baya . huccuma dalaga`aa , tan boonni , keessan jirreen , Rabbiif , if xiqqeessa`aa khadhaa Rabbii mul`isa`aa bayan. duuba akkuma salaata iidatti, raka`aa lama isaanin salaata. eegasii khuxbaa qara`a. huccuu darbatu gubbaa jala godheeti , jala gubbaa godha. danboobaf jecha. du`aa`iidhafii , istighfaara heddommeysa . du`aa`ii nabi Muhammad nageenyi  isarratti haa jiraatuu nu barsiisen khadhatuu. du`aa`in sun hunuu tana :

   

(Allaahummajkgalhaa suqyaa raghmatin walaa tajkgalhaa suqyaa kgazhaab walaa mahgq , walaa ba-laa`, walaa hadm . walaa gharaq. allaahumma kgalazg-iraab wal`aakaam . wa manaabitisshajar . wa buxuunil'awdiyati allaahumma hgawaalaynaa walaa kgaleynaa . allaahumma isqinaa ghaythan mughiithan , hanii`an marii`an mariikgan . sahhgan kgaamman ghadaqan . xabaqan mujallilan daa`iman ilaa yawmiddiin . allaahumma isqinaalghaytha walaa tajkgalnaa minalqaanixiin . allaahumma inna bilkgibaadi walbilaad minaljahdi wal juukgi waddganki maa laa nashkuu illaa ilayka . allaahumma anbit lanazzarkga wa adirra lanaaddarkga . wa anzil kgalaynaa min barakaatissmaa`i wa anbit lanaa min barakaatil`ardgi . wakshif kgannaa minal balaa`i maalaa  yakshifuhuu ghayruka . allaahumma  innaa nastaghfiruka innaka kunta ghaffaaraa fa arsilissmaa`a kgalaynaa midraaraa ).

Ma`naan isaa : ( yaa Rabbi rooba kana rooba nagayaa nuu godhi. dhugaatii miidha`aa , tan barakaa dee-msiftu , ta bala`aa , rooba waa diigu kan waa fuudhu hin godhinii . yaa Rabbi gaarafii , tulluu , ammallee bakka mukaa citaan mayru , nuu roobsi . yaa Rabbi nutti roobsitee , nun miidhinee , naannoo keenya , nuu roobsi . Yaa Rabbi rooba rakko`oo nu baasu , gaarii hegereen isaa faarfamtu , kan lafa gabbisu. kan guddisee lafa dhayu, kan wal gayu , hedduu kan biyya hunda wal gayu kan lafa ha-googu kan hanga itti haajamanitti deemu. yaa Rabbi rooba nuu roobsi warra sirraa garaa muraterraa nun godhinii , yaa Rabbi namaafii biyyatti cinqi`iifii , beelafii , rakkoo, si malee  nama biratti hin himanneetu jira, yaa Rabbi midhaan nuu magarsi, aanan nuu  heddommeysi, barakaa sami'ii nuu buusi , barakaa dachi'ii nuu baasi, balaa si malee namni biraa nurraa hin deemsifne , tana, nurraa deemsisi, yaa waaqa araara sirra barbaanna , ati kan namaaf  araaramuu, duumessa rooba gudda'aa nuu ergi ) jechuu .

Hoggaa roobni roobee galaanni yaa'e , bishaan isatti dhiqatuun , ni barbaadama, hoggaa mandiisuu dhagayaniifii hoggaa hangaasuu argan tasbiihga godhuun ni barbaadama , hunoo akkana je'anii :

     

(  Subhgaana man yusabihgurrakgdu bi hgamdihii walmalaa'ikatu min khiifatihii)  , takkaa   ( Subhgaana man yuriikumulbarqa khawfan wa xamakgan). ma'naan isaa: (Rabbiin malaaykichi (ra'di) je'amu tasbiiha isa godhee galata isaa galchee isa faarsu, kan malaaykan hundi sodaa isaatif waan isaan hin malle hundarraa isa qulqulleessitu, Rabbiin akkaanaa kun waan isaan hin malle hundarraa qulqullaaye jechu'u --- ma'naan ( subhgaana man yuriikumulbarqa khawfan wa xamakgaa ) jechu'u; ( Waaqni hoggaa isin roobni isinitti roobuu sodaattaniifii. hoggaa isin roobni isinii roobuu khajeeltan hangaasuu isin agarsiisuu waan isaan mallerraa qulqullaaye irraa guddate jechuu ).

KUTAA SALAATA HOGGAA SODA`AA

Salaanni hoggaa soda`aa salaatan gosa sadiyitti qoodama :

1 - diinni , gara qiblaa hin tayin keessa jiraatuu . duuba imaamni ashkara bakka lamatti baasa . isaanirraa tuutti takka , diina dura dhaabbatti . ammoo takka imaama duuba dhaabbatteeti imaamni raka`aa tokko isaanin salaatee, daddaftee , kaatee , kophaa salaata guuttatti. imaama dhiiftee deemtee , fuula diinaa dura dhaabbatti . ammoo tuutti diina dura dhaabbattu , dhu-fteeti imaamatti hidhattee , raka`aa tokko ,imaaman wajji salaattee , hoggaa imaamni tashhudaaf taa`e , raka`aa tokko , kan imaamni isaan dura salaate , kaatee fiddi duuba imaamni taa`ituma isaan eegee hoggaa isaan fixanii tashhuda qara`an salaammata .

2 - Diinni gama qibla`aa kan itti gara galanii salaatan keessa jiraatuu. gaafana imaamni ashkara isaa bakka  lamatti qooda. duuba hundaan wajji salaata hidhataa , hoggaa inni rukuu`a godhe , hundi wajjiin rukuu`a godha . haa tayuu hoggaa imaamni sujuudaf bu`u , saffii takkaatu wajjiin sujuuda. salfiin takka dhaabbatteeti , isaan eeydii hoggaa imaamafii , warri wajji sujuude dhaabbate , salfiin isaan tiysu`uu jalaa hafte buuteti sujuuddi .

3 - Lolli walitti jigee wal seenanii sodaan jabaatuu .  gaafana namuu akka isaa mijjaayetti salaata. lafa deema`aa. waa yaabbata`aa qibla`atti gara gala`aa  . qibla`arraa gara gala`aa .

KUTAA UFFATAA

  

Dhiirti hariira uffatuun , ziqiya hamartii yookaa qubee godhatuun ni dhoowwama . ammoo dhala`aaf ni gaya. ziqiyni  xiqqa`aafii , guddaan isalleen, haraam , yookaa dhoowwamuu keessatti, wal qixa .

Yoo gariin huccu`uu hariira taatee, gariin jibrii taate , uffatuun ni gaya . waan hariirri irran heddommaatiniin .

KUTAA JANAAZA`AA ( REEFFAA )

Nama du`eef, waa afurtu nu qabata takkaayuu waa afur dalagu`utti dirqamna. sun :

1 - Dhiquu

2 - Kafanuu .

3 - Irratti salaatuu .

4 - Awwaaluu .

Namni lama hin dhiqamu irrattillee hin salaatamu isaan nama lola kuffaaraa keessatti ajjeefameefii , ilmoo isii jirtu hin dhalatini .

Namni du`e qari`itti dhiqama. hogga sadii takkaa shan. taraa duraa , baala qurqura`aati tumanii itti ida`an. tan boodatti waan kaafuur je'amu ida`an .

Huccuu sadii adaadi`iin kafanama. kan qamisa-afii imaamanni keessa hin jirre

Hoggaa irratti salaatan hoggaa afur ( allaahu Akbar    ) irratti je`an

Ta duraa booda faatihaa qara`an :

Ta lammeysa`aa : booda salaata alannabii ,

Ta sadeessa`aa booda du`aa`ii . tana qara`an .

    ǡ   .

(Allaahumma haazhaa kgabduka wabnu kgabdika kharaja min rawhgiddunyaa wa sakgatihaa, wa mahgbuubuhuu wa ahgibaa'uhuu fiihaa ilaa zgulmatilqabri wa maa huwa laaqiihi, kaana yashhadu an laa ilaaha illaa anta, wahgdaka laa shariika laka wa anna muhgammadan kgabduka wa rasuuluka wa anta akglamu bihii minnaa, allaahumma inahuu nazala bika wa anta khayru munzuulin bihii, wa asgbahga faqiiran ilaa rahgnmatika wa anta ghaniyyun kgan kgazhaabihii, wa qad ji'naaka raaghibiina ilayka shufakgaa'a lahuu, allaahumma in kaana muhgsinan fa zid fii ihgsaanihii, wa in kaana musii'an fa tajaawaz kganhu, wa laqqih bi rahgmatika ridgaaka, wa qih fitnatalqabri wa kgazhaabahuu, wafsahg lahuu fii qabrihii, wa jaafil'ardga kgan janbayhi. wa laqqih bi rahgmatikal'amna min kgazhaabika hgattaa tabkgathhuu aaminan ilaa jannatika, bi rahgmatika yaa arhgammarraahgimiin), ma'naan du'aa'ii tanaa hunoo akkana: (Yaa Rabbi inni kun gabricha kee ilma gabricha keetitii qilleensa addunya'aatifii bal'ina isi'irraa gara dukkana qabri'iitifii gara waan achitti argee bayee, waan jaalatuufii waan isa jaalatu hunda dhiisee, yaa Rabbi inni tokkummaa teetifii muhammad gabricha kee ergamaa kee tayuu ragaa bayuu turee siitu nurra isa beekaa inni si bira qubatee ati irra caalaa nama bira qubataniiti, inni rahgmata keetitti haajama'aa ati isa gubu'urraa dureessaa nuti araara isaaf barbaadu'uuf sitti dhufnee yaa Rabbi yoo nama gaarii taye gaarii isaa ida'i, yoo nama hamaa taye irraa dabriifiii rahgmata godhiifii irraa jaaladhuu, azaaba qabri'iitifii cinqii isi'irraa tiysi, qabrii bal'isiifii dachii cinaacha isaa lamaanirraa fageesii, nagaya kenniif hanga nagayaan jannata kee geessitutti yaa irra caalaa rahgmata namaa godhuu).

Eega takbiira afreessa`aatii , hunoo akkana je`a

(   (

(allaahumma laa tahgrimnaa ajrahuu walaa taftinnaa bakgdahuu waghfir lanaa walahuu) ma'naan isaa ; (yaa Rabbi eega isaatii fitnaa nun godhin. galata isarraa nun hoonggesin , yaa Rabbi nuufii isalle'ee ara-arami jechuu)

Eega takbiira afreessa`aatii ni salaammata salaamtaa lama.

Nama du`e boolla gad qotaniiti eegasii labbaa qotanii goda keessatti awwaalan. yoo dachiin jabduu hin jejjiyne taate yoo kaan boolluma gad qotan tana garaa jidduu hanga ciisa namaa takka , gad qotanii , keessa ciibsanii , itti cufan duuba akkuma tayettuu , haa awwaalamuu , qibla`atti gara galfamee , kaayama hoggaa awwaalaniifii , hoggaa irratti salaatanillee .

Hoggaa qabrii kaayu`uu ka`an , suuta gara mata`aatin , fuudhamee , buufama namni goda, yookaa lahdii keessa , isa kaayu akki je`u .

(bismillaah, wa kgalaa millati rasuulillaah, sgallallaahu kgalayhi wa sallama)

( (

M'naana isaa : (Maqaa Rabbiitinan karaa erga-maa Rabbirratti nageenyi isarratti haa jiraatuu nama kana awwaala jechu' ).

Eega qabrii hanga namni keessa dhaabbatee harka ol diriirsu takka , gad fageessanii keessa ciifsan .

Qabriin lafarraa ol fuudhamtee, tulleeffamuu dhabdee , wal qixxeeffamuu? qabri`irratti waa jaaruu dhabuu , ammalleee addeeffamuu dhabuu . dhagaa irra dhaabanii dhiisuu . nama du`eef booyun hin dhibu yoo faarsanii iyyu`uufii huccuu dhoosanii boqoo if tumuun keessa hin  jiraatin .

TA`ZHIYAA

  

Warri namni irraa du`e ta`ziyaa godhama ni obsisiifamaa ta`ziyaan sabbarsiisu`uu

Afaan arabatti wanni je`an ( akgzgamallaahu ajrakum wa ahgsana kgazaa`akum wa ghafara limayyitikum )

( )

kun yoo namni du`e islaama taye.

Afaan Oromo`otti wanni je`an ( Waaqni, Rabbiin sabrii  , obsa , isinii haa kennu irraa isin haa taraachisu. nama keessan kan du`eefis haa araaramu jannata haa seensisu rahmata haa godhuuf) je`anii . yoo joollee taate, wanni je`an : Rabbi ta shafa`aa ta si shafaatu sii haa godhu je`anii waan nama sabbarsiisu dubbatanii akka obsan godhan .

Ta`ziyaan awwaalcharraa qabdee, hanga guyyaa sadiyitti , deemti yoo nama imaltuu jiruuf taate malee .

Namni lama qabrii takka keessatti hin awwaalamu . yoo dirqiin nama goote malee sanuu biyye`een adda baafaman . keessattuu yoo dhiiraa dhalaa alaga`aa tayan.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com