شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
ABII SHUGAAKGA
 

Duree

Kitaabul`aqiidati wa usguulil`ahgkaam

Kitaaba xahaara`aa ( qulqulleessu`uu )
 Kitaaba heera salaataa
Kitaaba zaka`aa
Kitaaba soomana
Kitaaba hajji`iifii umra`aa
Kitaaba gurguraafii waan bira
Kitaaba dhaalafii dhaammataa

Kitaaba nikaaha ( fuudhaa )

Kitaaba balleessa`aa
Kitaaba yakkaa
Kitaaba jihaadaa ( qabso`oo )
Kitaaba al`oolafii waa gorra`uudhaa
Kitaaba wal doggomu`uu 
Kitaaba kaku`uufii qodha`aa
Kitaaba murti`iifii ragaadhaa
Kitaaba gabra bilisoomsu`uu

Hundee Nabsee Qulqulleessu'uu

 

 

 

 

 

 

 

 

kitaaba

abii shugaakha kan fiqhii shaafi`ii  

   
 

 

KITAABA DHAALAFII DHAAMMATAA

ßÊÇÈ ÇáÝÑÇÆÜÜÜÜÜÜÜÖ æÇáæÕíÜÜÜÜÜÜÜÉ

Dhiirarraa namni nama dhaalu nama kudhani . isaan:

1 - Ilma

2 - Ilma ilmaa . haa gadillee bu`uu.

3 - Abbaa .

4 - Akaakiyyee . odoo ol bayelle`ee .

5 - Obboleessa.

6 - Ilma obboleessa , odoo achillee fagaatee

7 - Adeera ( abbeera )( wasiilaa ).

8 - Ilma adeeraa odoo achillee fagaatee .

9 - Jaarsa .

10 - Nama nama bilisoomse .

Dhala`arraa namni nama dhaalu, nama torba. isaan

1 - Intala .

2 - Intala ilmaa .

3 - Haadha .

4 - Akkoo .

5 - Obboleettii

6 - Jaartii .

7 - Isii nama bilisoomsite .

Namni haala tokkottillee dhaalarraa hin kufne nama shani. isaan :

1 - Jaarsa .

2 - Jaartii .

3 - Haadha .

4 - Abbaa .

5 - Ilmoo gudeedati .

Namni haala tokkottillee hin dhaalle , nama torba . isaan :

1 - Gabricha qulqulluu .

2 - Gabricha yoon an du`e , ati bilisa gooftan je`een .

3 - Gabrittii goofta`aaf ilmoo dhalte.

4 - Gabricha maallaqa hangana naa kenni sin bilisoomsaa gooftan je`eenii wal tayan .

5 - Nama nama du`e ajjeese .

6 - Warra diin adda addaati . akka kaafiraafii islaamaa .

7 - Nama islaamarraa deebi'e.

Namni nama du`etti irra dhiyaatu, ilma. eegasii ilma ilmaati . eegasii  abbaa , eegasii abbaa abba`aati . eegasii obboleessa haadhaa abba`aan taye . eegasii obboleessa abba`aan taye . eegasii ilma obboleessa haadhaa abba`aan taye eegasii ilma obboleessa abba`aan taye . eegasii adeera haadha abba`aan taye.eegasii adeera (abbeera ) abba`aan taye. eegasii ilma adeera haadhaa abba`aan taye . eegasii ilma adeera abba`aan taye . yoo aanan dhabame nama isa bilisoomse .

KUTAA QOODA DHAALAA

ÃÍßÇã ÇáÝÑæÖ ÇáãÞÜÜÜÜÜÏÑÉ

Qoonni  dhaalaa , kan qur`aana keessatti dubbatame jaha . jahan :

1 - Cinaa .

2 - Afurirraa tokko .           

3 - Sadiyirraa tokko

4 - Sadiyirraa lama .           

5 - Saddeetirraa tokko.      

6 - Jaharraa tokko .

Cinaan qooda nama shaniiti . isaan :

1 - Intala .    

2 - Intala ilmaati .   

3 - Obboleettii haadhaa abba`aati.

4 - Obboleettii abba`aan taate .        

5 - Jaarsa yoo isiin ilmoo hin qabaatin . ilmoo isarraa dhalte taatuu , tan nama birarraa dhalte taatuu .

Afurirraa tokko, qooda nama lamaati. isaan;

1 - Qooda jaarsati . yoo isiin ilmoo qabaatte .

2 - Ammallee qooda jaarti`iiti . yoo inni ilmoo hin qabaatin takkaa ilmoo ilmo`oo hin qabaatin .

Saddeetirraa ;

1 - Tokko qooda jaartii takkaati . takkaa heddu`uuti . yoo ilmoo , yookaa ilmoo ilmoodhaa dhiisee du`e .

Sadiyirraa harki lama qooda nama afuriiti. isaan :

1 - Intala guddeedaa lama .

2 - Intala ilmaa lama .

3 - Obboleetti haadhaa abba`aa lama .

4 - Obboleettii abbaa qofaan taate . lama .

Sadiyirraa harki tokko, qooda nama lamaati, isaan;

1 - Haadha yoo  irraa hin dhoowwamin.

2 - Obboleeyyan lamaafii lamaa oli, kan haadhan tayan.

Jaharraa harki tokko, qooda nama torbaati , isaan :

1 - Haadha ilmo`oofii ilmoo ilmo`ootin wajji, takkaa obboleeyyan takkaa obboloowwan lamaa oliin wajji dhaaltu .

2 - Akkoo haadha hin jirree dhaaltu .

3 - Intala ilmaa ,tan intalaan wajji dhaaltu.

4 - Obboleettii abba`aan taate, tan obboleettii haadhaa abbaadhan taaten wajji dhaaltu .

5 - Abbaa ilmaan wajji dhaalu .

6 - Akaakiyyee . abbaan jirree dhaalu .

7 - Obboleessa yookaa obboleettii haadhan taate .

Haati akkoota hunda, dhaalarraa dhoowwiti . abbaan akaakiyoota hunda , dhalarraa dhoowwa . Obboleessi yookaa obboleettin haadhan taate , nama afuriin wajji hin dhaalan . isaan :

1 - Ilmoo, 

2 - Ilmoo ilmo`oo.  

3 - Abbaa.      

4 - Akaakiyyee .

Namni sadii obboleessa haadha abba`aan taye , dhaalarraa dhoowwa . isaan :

1 - Ilma .

2 - Ilma ilmaa .

3 - Abbaa.  Obboleessi abbaa qofaan taye , jara  sadeen kanaafii.

4 - Obboleessa haadhaa abba`aan tayeen dhaalarraa dhoowwama.

Jarri afur obboloowwan isaanitiin wajji dhaalan . isaan:

1 - Ilma.

2 - Ilma ilmaa.

3 - Obboleessa  haadhaa abba`aan taye .

4 - Obboleessa abbaa qofaan taye .

Namni afur obboloowwan isaanii malee dhaalan isaan :   

1 - Adeerran.     

2 - Ilmaan adeerranii.

3 - Ilmaan obboleeyyanii.

4 - Aanaa nama gabra bilisoomsee .

KUTAA NAMAA WAA DHAAMU`UU     

ÃÍßÇã ÇáæÕÜÜÜÜíÉ

Namaa waa dhaamun ni gaya . wanni dhaamaniif sun , beekkamaa tayuu , akka mana kana abaluu dhaame jechu`uu . waan hin beekkamne tayuu , akka huccuu na-maa dhaamu`uu kan kana hin je`in . akkasuma waan ar-gamee lafa jiruufii , waan hin argamin namaa dhaamun ni gaya . sun akka waan bunni  kun dhalu`uu taa`u namaa dhaamu`uutii.

Wanni namni namaa dhaame kun eega inni du`ee , horii isaa bakka sadiyitti qoonnee , harka tokkorraa baafamee , nama dhaamef sanii kennama . yoo wanni inni dhaame sadiyirraa harka tokkorra hedduu taye . hangi sanirra dabre , fayyaa tayuun , warri isa dhaalu eehamu`urraatti dhaabbatti .

Nama isa dhaaluf waa dhaamun, hin gayu . yoo warri isa dhaalu kuun ,  jaalate malee .

Waa dhaamun nama saalfate , aaqila , waan dhaamu san qaburraa fayyaa taya . karaa Rabbii keessatti .

KUTAA WAA NAMATTI DHAAMMATU`UU

ÇÍßÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÇã ÇáÇíÕÜÜÜÜÜÜÜÜÜÇÁ

Nama sifa shan qabutti , horii isaa, joollee isaa , tooyatuu dhaammatuun fayyaa taya .sifti shanan :

1 - Islaama tayuu.

2 - Saalfatuu .

3 - Aaqila tayuu .  

4 - Bilisa tayuu .

5 - Nama amaanaa jabeessu tayuu .

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com