شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
ABII SHUGAAKGA
 

Duree

Kitaabul`aqiidati wa usguulil`ahgkaam

Kitaaba xahaara`aa ( qulqulleessu`uu )
 Kitaaba heera salaataa
Kitaaba zaka`aa
Kitaaba soomana
Kitaaba hajji`iifii umra`aa
Kitaaba gurguraafii waan bira
Kitaaba dhaalafii dhaammataa

Kitaaba nikaaha ( fuudhaa )

Kitaaba balleessa`aa
Kitaaba yakkaa
Kitaaba jihaadaa ( qabso`oo )
Kitaaba al`oolafii waa gorra`uudhaa
Kitaaba wal doggomu`uu 
Kitaaba kaku`uufii qodha`aa
Kitaaba murti`iifii ragaadhaa
Kitaaba gabra bilisoomsu`uu

Hundee Nabsee Qulqulleessu'uu

 

 

 

 

 

 

 

 

kitaaba

abii shugaakha kan fiqhii shaafi`ii  

   
 

   

KITAABA SOOMANA

      ßÊÇÈ ÇáÕÜÜÜÜÜÜÜíÇã

 Sharxiin soomanni ramadaanaa wajabuun afuri , isiin :

1 - Islaama.                          

2 - Buluugha .saalfatuu.

3 - Aylii .                              

4 - Soomanuu dandayuu .

Faraa`inni yookaa arkaanni soomanaa , wanni irraa hafiinsi hin jirre, afuri isiin;

1 - Guyyaa hunda , odoo hin bariine , niyyatuu. boru nan soomanaa yaaduu .

2 - Nyaata dhiisuu ,     

3 - Dhugaatii dhiisuu .   

4 - Beeratti ida`amuu dhiisuu.          

5 - Beeka`aa haqqisuu dhiisu`. takkaa irraa if qabuu .

Wanni soomana balleessu , waa kudhani isiin

1 - Waan beekka`aan garaa seenu  yoo hancuf isaa qulqulluu taate malee.

2 - Takkaa mataa seenu .

3 - Qaawa lamaan jalaatin waa seenuu .

4 - Beeka`aa haqqisuu .

5 - Beeka`aa qaawa dhala`atti ida`amuu .

6 - Dhalaa qaqqabatu`uun bishaan dhiiraa irraa bayuu .

7 - Dhiiyni aada`aa itti dhufuu.

8 - Takkaa dhalti , dhala`atti dhufuu .

9 - Maraatuu .

10 - Kafaruu .

Soomana keessa waa sadii ni barbaadama, isaan :

1 - Hoggaa aduun seente , dafanii faxaruu, yookaa waa nyaatanii  dhuguu

2 - Hiraabbatuu , gara bariisa`aa , achi dhiyeessuu .

3 - Waan hamtuu dubbatuu dhiisuu .

Guyyaa shan soomanuun haraami yookaa ni dhoowwama, isaan ( 1 - 2 ) iida lamaanifii . ( 3 - 4 - 5 )guyyaa sadeen iida arafa`aa boodati .

Guyyaa shakki`ii . soomanuun ni dhoowwama . yoo guyyaa inni soomanuu aadaa godhateen wal ga-xxaman malee , akka guyyaan shakki`ii guyyaa isniinaa kan inni soomanuu aadaa godhate dhufu`uu , guyyaan shakki`ii , soddommeysuu sha`baanaa , kan namni soomanamoo , soomanaa mitii shakku . akkasuma baatii sha`baan wal`akkaa boodaa , soomanuun haraami. yoo wal`akkaa duraatin walitti dhaabe malee.

Namni guyyaa ramadaanaa beeka`aa jaartii isatti ida`ame , qadaa baasu`uufii,  kaffaaraa guddo`ootu , irratti wajaba, yakki yookaa kaffaaran: gabra islaamaa bilisoomsuu , yoo dhabe baatii lama wal faana soomanuu . yoo dadhabe , miskiina jahaatamaa , nyaata kabala lama lama kennuu .

Namni odoo qadaan soomanaa irra jiruu du`e, horii inni irraa du`erraa , guyyaa hundarraa kabala lama miskiinaa kennan. heerri kun heera nama uzrii malee faxareeti takkaa uzri`iin faxaree , eega qadaa ba-asu`urraa mijjeeffatee du`eeti. tanaaf jecha namni uzri`iin faxaree, odoo qada`arraa hin mejjeeffatin du`e . homaa irratti hin jiran .

Namni dulleemee soomanuu dadhabe soomana dhiiseti kabala lama guyya`arraa miskiinaa kennaa, dilii yookaa cubbuu hin qabu .

Isiin ulfaatifii , tan hoosiftu , yoo soomanaan , midhamnaa sodaatan , faxaraniiti , qadaa baasanii, kaffaaraa hin qaban . yoommoo ilmoo isaan lamaanirratti sodaatan ni furanii haatayuu qada`aafii kaffaaraa baasan guyyaa hundarraa kabala lama. kaballi lama muddii je`amaa muddiin takka , waan garaam (600) dhiyaatu.

Namni dhukkubsatuufii , namni safara dheeraa deemu , fureeti qadaa baasa .

SOOMANA SUNNA`AA

ÕÜÜÜæã ÇáÊØæÚ        

Guyyaa isniinatiifii, khamiisaa, guyyaa saddeeteysaa baatii arafa`aatifii sayleessaa isi`ii yoo nama hajjii godhu`utti jiruuf taate malee ammallee kurneessaa baatii ashuura`aa, seyleessaa isi`ii , guyyoota adii ,  guyyoota gurraacha guyyaa jaha shawwaalirra soomanuun ni barbaadama. guyyoonni adiin sadeessa`aafii afreessa`aafii shaneessaa baatii hundaati. Guyyoonni  gurraachi baatii hundarraa guyyaa sadeen boodati irra caalan soomanaa guyyaa tokko soomanee guyyaa tokko furu .

KUTAA MASJIDA KEESSA TAA`UUDHAA

ÇáÅÚÊßÜÜÜÜÜÜÜÇÝ

Ikgtikaafni : masjida keessa taa`un, sunnaa, ni barbaadama . inni sharxii lama qaba sun :

1 :Nan taa`aa niyyatu`uufii .

2 :Masjida keessa taa`uu . yoo guyyaa tokko faa masjida keessa taa`un narratti haa jiraatu je`ee nazzaree, if qabsiise . yaroo san keessa , masjidaa bayuun qabu. yoo (hammaama), yookaa sagaraa seenu`uu baye malee. takkaa uzrii akka heydi`ii, dhiiyni aada'aa, yookaa dhukkuba masjida keessa taa`uu isa dhoowwuf taate , malee .

Yoo odoo i`tikaafatti jiruu beeratti ida`ame , i`tikaafni isaa duraa badee , jalaa jalqaba.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com