شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
ABII SHUGAAKGA
 

Duree

Kitaabul`aqiidati wa usguulil`ahgkaam

Kitaaba xahaara`aa ( qulqulleessu`uu )
 Kitaaba heera salaataa
Kitaaba zaka`aa
Kitaaba soomana
Kitaaba hajji`iifii umra`aa
Kitaaba gurguraafii waan bira
Kitaaba dhaalafii dhaammataa

Kitaaba nikaaha ( fuudhaa )

Kitaaba balleessa`aa
Kitaaba yakkaa
Kitaaba jihaadaa ( qabso`oo )
Kitaaba al`oolafii waa gorra`uudhaa
Kitaaba wal doggomu`uu 
Kitaaba kaku`uufii qodha`aa
Kitaaba murti`iifii ragaadhaa
Kitaaba gabra bilisoomsu`uu

Hundee Nabsee Qulqulleessu'uu

 

 

 

 

 

 

 

 

kitaaba

abii shugaakha kan fiqhii shaafi`ii  

   
 

 

KITAABULKGITQI (  KITAABA GABRA BILISOOMSU`UU )

ßÊÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÇÈ ÇáÚÊÜÜÜÜÜÞ

Gabra bilisoomsun waan Rabbiin akkaan jaalatu .

Sharxiin nama gabra bilisoomsuu : baaligh , aaqil , dalagaa horiidharraa hin dhoowwamin tayuu . nabi Muhammad nageenyi isaanirratti haa jiraatuu akki je`an ( namni gabra mu`minaa bilisoomse ibiddarraa if bite .

Gabra bilisoomsun jecha ma`naan adi`ii , kan bilisoomsuu beysisuun fayyaa taya . akka si ataqe takkaa si bilisoomse jechu`uunii.akkasuma jecha daylaan ataquu beysisulle`een fayyaa taya. akka an  irree sirratti hin qabu na khaddamuun sirran jiru . isaan jechu`uutii .

Yoo cinaa gabricha isaa bilisoomse hundi isaa bilisoome . yoo gabra namaan walitti qaban cinaa isaa bilisoomse . qoonni shariika yookii nama wajji qabanii hi-saaba isarratti bilisoome . yoo dureessa taye .  duuba qooda shariika isaa gatii isaatin kafalaaf .

Namni tokko haadhaa abbaa isaa yoo mallake yookaa handhureeffate takkaa ilmoo isaa mallake yookaa handhureeffate , matuma handhuraa isaa tayu`uutin, sababaa dhaalu`uutin, takkaa kenna`aatin, takkaa biti`iitin, bilisooman .

KUTAA HAQA NAMNI NAMA

BILISOOMSE QABUU

ÃÍßÇã ÍÞÜÜÜÜÜÜæÞ ÇáÚÊÜÜÜÜÜÜÜÜÞ

Namni ataqame aanaa nama isa ataqeeti taya. Isaan wal gargaaran . namichi isa bilisoomse isa dhaala. yoo nama biraa - ibaa - kan isa  dhaalu hin qabaatin. haqni gabra bilisoomsan dhaalu`uu kun ,eega inni bilisoomse du`ee aanaa isatti dabra yoo dhiira tayan. akkuma  tartiiba dhaalatti dhaalan. nama bilisoomsan dhaaluu haqa godhatuu kana, nama biraatii gurguru`uufii kennulleen hin tayu .

KUTAA EEGA DU`ANII GABRA BILISOOMSU`UU

ÃÍßÇã ÚÊÞ ÇáÚÈÏ ÈÚÏ ÇáãæÊ

Namni tokko yoo gabricha isaatin eegan an du`ee ati bilisa je'e eega inni du`ee gabrichi sun ni bilisooma. harka sadeessaa horii namicha  du`erraa hisaabamee. Namichi gabricha isaatin akkas je`e sun haala jiruu isatti gabricha san gurguruu ni qaba. duuba yoo gurgure bilisummaan gooftichi sun, eegan an du`ee ati bilisa je`ee isaa dhaame sun badde .

Gabrichi bilisummaa dhaamaniif kun waan gooftan isaa hin du`iniin  inni dabruma qulqulluu. gooftichi isaaf dhaame sun waan fedhe isatti dalaguu qaba.

KUTAA HORI`IIN BILISOOMU`UU

ÚÊÞ ÇáÚÈÏ ÈÇáãÇá

Gabrichi amanamaan dalagaa dandayu yoo gooftaa isaatin horii hanganan sii kennaa, na bilisoomsi je`ee barbaade , gooftan waan inni fedhe isaa eehamuun sunnaa takkaa waan Rabbiin jaalatu .

( Kitaaban ) yookaa hori`iin bilisoomuu barbaadun yoo horii beekkamaa qaaxaro`otti taraa lamatti kennamu taate malee fayyaa hin tayu . irra xiqqaan qaaxaro`oo taraa lama . yoo kuma lamarratti walii galan kumni tokko yaroo takka keessatti kennama. kumni kuun yaroo biraa  keessatti kennama .

Wal tayiinsi hori`iin bilisoomu`uu  kun gama goofta`aatin waan irraa deebi`uun hin taane . ammoo gamaa gabrichaatin waan irraa deebi`uun gayu . tanaaf jecha gabrichi hoggaa fedhe wal taya kana diiguu ni qaba  keessattuu yoo maallaqa san kennuu dadhabe .

Gabrichi kun horii harkaa qabutti dalaguu ni qaba , gooftan isaa isa gargaaru`uu jecha horii itti wal tayanirraa waa isaaf dhiisun dirqama isaati . gabrichi kun yoo horii hunda kenne  malee hin billisoomu .

KUTAA GABRITTI GOOFTA`AA DHALTEE

ÃÍßÇã ÇáÇãÉ ÇáÊì æáÏÊ áÓíÏåÇ

Gooftan yoo gabrittii isatti ida`amee waan nama je`amu dhalte isii  gurguruun , namaa kennuun , deyniidhaf qabdii isii godhuun haraami  dhoowwama . ammoo isii if khaddamsiisu`uufii isii wajji rafuun isaaf gaya .

Gooftan yoo du`e gabrittiin waa isaaf dhalte sun mataa horii isarraa bilisoomti . odoo mugootafii , waan dhaammate irraan baafne  bilisoomti jechu` .

Gabrittiin sun yoo nama biraatii ilmoo dhalte ilmoon isiidhaa sun akkuma isi`itti bilisoomti .

Namni gabrittii nama biraa nikaahan fuudhe ilmoon isiin dhaltu  gabraa ta gooftaa gabrittii saniiti . yoo gabrittii namaa jaartii isaa seyee wajji rafee ulfeesse ilmon sun bilisaa gatii isi`iiti gooftaa isi`iitii kenna .

Gabrittii namaa tan nikaaha godhatee fuudhe yoo hiikee , eegasii  gooftan isi`ii isaaf kennee handhureeffate takkaa bitatee handhureeffate ilmoo nikaaha keessatti dhalte gabra gooftaa isiidhaa taate  sanii jettee eega inni du`ee hin bilisoomtu yoo eega bitatee itti ida`amee dhalteef malee .

Qawlin yookaa yaanni laafan tokko akki je`u yoo gabrittii namaa takka jaartii isaa seyee itti ida`amee ulfooytee eegasii bitate ,  itti ida`amuu saniin (ummulwald ) haadha ilmoodhaa taatee eega inni  du`ee ni bili-soote je`a

Dr/ Mohammad .Rashaad kabiir abdullee kabiir muumayyaa

carcar

Rabbi rahmata isaanii haa godhuu .

4/10/1992

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com