شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
ABII SHUGAAKGA
 

Duree

Kitaabul`aqiidati wa usguulil`ahgkaam

Kitaaba xahaara`aa ( qulqulleessu`uu )
 Kitaaba heera salaataa
Kitaaba zaka`aa
Kitaaba soomana
Kitaaba hajji`iifii umra`aa
Kitaaba gurguraafii waan bira
Kitaaba dhaalafii dhaammataa

Kitaaba nikaaha ( fuudhaa )

Kitaaba balleessa`aa
Kitaaba yakkaa
Kitaaba jihaadaa ( qabso`oo )
Kitaaba al`oolafii waa gorra`uudhaa
Kitaaba wal doggomu`uu 
Kitaaba kaku`uufii qodha`aa
Kitaaba murti`iifii ragaadhaa
Kitaaba gabra bilisoomsu`uu

Hundee Nabsee Qulqulleessu'uu

 

 

 

 

 

 

 

 

kitaaba

abii shugaakha kan fiqhii shaafi`ii  

   
 

  

KHAATIMAA (1)

Hundee Nabsee Qulqulleessu'uu

Wanni lubbuu qulqulleessaniin waa shani, shanaan ;

1 - Rabbi sodaatuu, dhoysa'aafii dirre'ettillee.

2 - Sunnaa jala deemuu, jechaafii dalagaa keessattillee.

3 - Namarraa gara galuu hoggaa isaan sitti gara galaniifii, hoggaa isaan sirraa gara galanillee, isaanin boharuu dhabuu.

4 - Rabbirraa jaalatuu, hoggaa sitti xiqqeessefii, hoggaa sitti guddisellee, rakko'oofii bal'ottillee.

5 - Gara Rabbii deebi'uu gammachu'uufii, rifachuu keessattillee.

 {}{}{}{}{}

1 - Sodaan Rabbii wanni argamtuun, dafanii waan hunda keessa bu'uu dhabuu, qajeelanii kara'arratti deemuu.

2 - Sunnaa jala deemun wanni argamuun, waan hunda eeggatuu haala tola.

3 - Namarraa gara galuun,wanni argamuun, obsaafii, Rabbitti irkatuu.

4 - Rabbirraa jaalatuun, wanni argamuun, waan inni isaa kenne aminfatuu waan hunda isatti irkisuu.

5 - Gara Rabbii deebi'uun wanni argamuun, yoo gammadan galata isaa galchuu yoo rifatan isatti dheysuu.

{}{}{}{}{}{}

Wanni shanan sanii, madda tayuu takkaa hundee tayu,waa shani sun ;

1 - Hamileen namaa ol tayuu.

2 - Khabajaa tiysuu.

3 - Dalagaa yookaa khidmaa tolchuu.

4 - Yaada diriiraa fulla'aa qabaatuu.

5 - Qananii Rabbii guddisuu.

{}{}{}{}{}

1 - Namni hamileen isaa olii darajaan isaa ol fuudhamte.

2 - Nama khabajaa Rabbii, waan inni khabaje eegu, Rabbiin isa khabaja ni eega. ni tiysa.

3 - Nama khidmaan isaa tolte, isa guddisuun ragga'e.

4 - Namni yaanni isaa diriira`aa, qajeellon isaa waarte, yookaa turte.

5 - Namni waan Rabbiin isaa kenne guddise, galata isaa galche, namni galata galchu kennaa biraa haqa godhate.

{}{}{}{}{}

Asxaan Waan Dubbannee Shani ;

1 - Dalaga'aan ibaada'aan dhaabbatu'uu jecha barmoota waan dalaguu barbaaduu, baratuu.

2 - Ulamaadhaafii, obboleeyyan Rabbii, warra qajeelaa saahgibuu, haala isaanitiin gorfamu'uu jecha.

3 - Dalagaa lallaaftuu, islaamni nama lallaafa'aaf karaa godhe dhiisuu, ammallee dubbii akka iffii fedhutti fassaratuu dhiisuu, wanni kana dalaguuf diin ifii jabeessu'uu jecha. yookaa tiysu'uu jecha.

4 - Waytii isaa qoqqoodee, waan qooda hunda keessatti dalagu godhatuu dalagaa if yaadachiisu'uu jecha

5 - Lubbuun ifii hamatuu, waa hunda keessatti, isiin balleessitee dareemuu waan hamtu lubbuun jaalattu jalaa bayuu jecha. akka badi'itti hin seenne.

{}{}{}{}{}

1 - Aafaanni barmoota barbaadu'uu, nama isa gadii wajji deemuu, nama umri'iin isaa gadii yookaa aqli'iin , yookaa gama diinin, waan asglii yookaa qaaydaa hin qabne dalagu'uun  isaa gadii wajji deemuu.

2 - Aafaanni ulamaa'ii wajji jiraatu'uu isaanin wajji jiraatu'uun gowwoomuu. isaanin dagamuu. isaanin dhaaddatuu.

3 - Aafaanni yookaa dhukkubni rukhsgaa yookaa ta'wiila akka fedhanitti dubbii fassaratanii dalagaa balleessu'uu, lubbuu ifiitii nayuu. namni lubbu'uu nayu waan shari'aan jettu ni laaffisa.

4 - Wanni lubbuu ifii dareemuu balleessu, haala isi'ii jaalatuu isiin qajeeltu'uu yaaduu, nabseen qajeeltu'uu yaadun if balleessu'uu , waaqni akki je'e ;

 } {

( wa in takgdil kulla kgadlin laa yu'khazhu minhaa) makgnaan isaa ; nabseen odoo hangamuu an qajeeltuu jettee himattee irraan qeebalamu jechu',

{}{}{}{}{}

Wanni dhukkuba nabseedhatiin wal'aanan waa shani  :

1 - Garaa if saphleessuu, nyaatafii dhugaatii, xiqeessu'uun.

2 - Wanni takka hoggaa namatti argamte, hoggasuma Rabbitti dheeysuu.

3 - Bakka waan hamtu'utti nama geessun sodaatamu hundarraa dheeysuu.

4 - Istighfaara heddommeessuu, araara Rabbirraa barbaaduu heddommeessuu, sgalaata kglannabiyyi wajji, nageenyi isarratti haa jiraatuu, halkaniifii guyyaa, gana-maa galgala qalbii takkaan.

5 - Nama karaa Rabbii si qajeelchu jaala godhatuu.

{}{}{}{}{}

Addeessaa Waan Rabbittiin Gayanii ;

1 - Wanni Rabbitti nama geessu ; waan hgaraam, yookaa dhoowwamaa tayeefii, waan jibbamu hundarraa towbatuu, yookaa dhiisanii, gara Rabbii deebi'anii araara barbaaduu, waan sanitti hin deebi'u je'ee murtee, eega maalifin waan san dalage je'ee sheenayee.

2 - Barmoota hanga waan itti haajamuu barbaaduu, beekkomsa dalagaa islaamatiin qajeelfatu baratuu.

3 - Hoggaa hunda xahaara'an taa'uu,

4 - Waan salaatarraa Rabbiin dirqama yookaa fardgii, waajiba godheefii , waan salaatarraa fardgii jala deemu, sunnaa hoggaa waytiin salaataa seente jamaa'aadhan wajji dalaguu, takkaa salaatuu.

5 - Salaata (dguhga'aa) rakakgaa saddeet aadaa godhatuu sun guutuu isaatii irra xiqqaan rakakgaa lama.

6 - Rakakgaa jecha maghribaafii ishaa'ii  jiddu'utti salaatuu.

7 - Salaata halkanii salaatu',  hanga dandayu.

8 - Witrii salaatuu takkarraa hanga kudha tokko (11).

9 - Ithniinafii khamiisa soomanuu.

10 - Baati'irraa guyyaa sadeen adaadii soomanuu (sun guyyaa 13-14-15).

11 - Ammoo guyyoota khabajaa qabdu hunda soomanuu, sun guyyaa arafa'aa, yoo warra hgajjiidhatti jiru taate malee, ammas kurnan duraa kan baatii hajji'ii, kurneessa'aafii seyleessa, kudha tokkoo baatii (muhga-rram ) , jahan shawwaal, isa wal faana oofun, ammallee iidatti maxxansuun irra gaari'ii, ammas guyyaa guraachaa sadeen baatii hundarraa soomanuun ni barb-aadama guyyaa 28-29-30.

12 - Ammas qur'aana qalbii takkaan makgnaa isaa gad laalu'uun wajji qara'uun.

13 - Istighfaar heddommeessuu.

14 - Salaata kgalannabiyyii heddommeessuu, nageenyi isarratti haa jiraatuu.

15 - Zikrii ganamaa galgala qabatuu qara'uu.

{}{}{}{}{}

Zikri Ganama Galgalaa; Sanirraa:  

1 - (Allaahumma bika nusgbihgu wa bika numsii wa bika nahgyaa wa bika namuutu wa ileykannushuur)

) (

 Makgnaan isaa (yaa Rabbi siin bariina, siin dhiina , siin jiraanna, siin duuna, gara keeti deebina) jechuu.

2 - (Asgbahgnaa wa asgbahgalmulku lillaahi, wal hgamdu lillaahi, wal kibriyaa'u lillaahi, wal kgazgamatu lillaahi, wal khalqu lillaahi,wal'amru, wallaylu, wannahaaru , wamaa sakana fiihimaa lillaahi)

 )

Makgnaan isaa ; (nuu bariyee, mootummaan ta Rabbiiti, faarun ta Rabbiiti, jabeenyi kan Rabbiiti, guddinni kan Rabbiiti, waa uumun, ajajni, halkanii guyyaan, wanni isaan lamaan keessa jiru hundi kan Rabbiiti) je-chuu.

3 - (Allaahumma maa asgbahga bii min nikgmatin, aw bi'ahgadin min khalqika, fa minka wahgdaka laa shariika laka falakalhgamdu walakashukru)

 ) ) ,

Makgnaan isaa ; (Yaa Rabbi wanni waan gaarii taye, wanni qananii taye, kan naafii, nama biralle'eef bariye, takkaa kan tokkoon warra ati uumtee argate, sirraayi, suma qofarraayi, ati shariika hin qabdu, faarun teeti, galanni keeti) hoggaa sadii akkana je'a.

4-(Allaahumma innii ush-hiduka, wa ush-hidu hgamalata kgarshika wa malaa'ikataka, wa jamiikga khalqika annaka antallaahu laa ilaaha illaa anta wahgdaka laa shariika laka wa anna muhgammadan kgabduka wa rasuuluka)

 ) ( .

Makgnaan isaa; (Yaa Rabbi an raga'an si godha, warra arshii tee ba'atullee raga'an godha, malaaykaa teetillee raga'an godha, khalqii kee waan ati uumte hunda ragaadhan godha, akka ati Rabbii si malee Rabbiin biraa hin jirre taate, kan tokkicha hiriyaan qabne taate, akka muhgammad gabricha kee, ergamaa kee taye, ragaadhan isin godha) hoggaa afur akkas je'a.

5 - (Radgiitu billaahi Rabban wa bil'islaami diinan , wa bi sayyidinaa muhgammadin rasuulan wa nabiyyaa)

 } { ,

Makgnaan isaa ; ( Rabbumma'aaf Rabbii kiyya jaaladhe, diinumma'aaf diin islaamaa jaaladhe, nabiyyumma'aaf ammallee erga'aaf gooftaa keenya muhammad jaaladhe) jechu', hoggaa sadii.

6 - (Aamanarrasuul bimaa unzila ilayhi min Rabbihii wal mu'minuun kullun aamana billaahi wa malaa'ikatihii wa kutubhii wa rusulihii, laa nufarriqu beyna ahgadin min rusulihii  wa qaaluu samikgnaa wa'axakgnaa ghufraanaka Rabbanaa wa ilaykalmasgiir }285{ Laa yukallifullaahu nafsan illaa wuskgahaa lahaa maa kasabat wakgalayhaa maktasabat, Rabbanaa laa tu'aakhizhnaa in nasiinaa aw akhxa'naa, Rabbanaa walaa tahgmil kgalaynaa isgran kamaa hgamaltahuu kgalallazhiina min qablinaa, Rabbanaa wa laa tuhgammilnaa maa laa xaaqata lanaa bihii wakgfu kgannaa waghfir lanaa warhgamnaa anta mawlaanaa fansgurnaa kgalalqawmil kaafiriin }286{

{285} {286} . 285-286

Makgnaan isaa ; (Nabi muhammad waan isarratti buufame dhugo'oomse, ormi mu'minaatis dhugo'oomse, hundi isaanii Rabbitti malaaykaa isatti, kitaabban isatti, ergamoota isatti, amanan. wanni isaan je'an ; nuti ergamoota Rabbii addaan hin baafnu, tokkitti amannee kaanitti hin kafarru, wanni isaan je'an ; waan Rabbiin je'u dhageenyee, qeeballe, yaa Rabbii keenya nuu araarami nuti gara keeti deebina, Rabbiin nafsee namaa waan hin dandeenyetti hin dirqu, waan isiin dandeessutti malee waan isiin hin dandeenyatti hin dirqu; khayrin nafseen dalayde, sawaabni sanii nabse'eef deebi'a, ammoo sharriin  nabseen dalayde nabsumatti deebiti, itti qixaaxamti, yaa Rabbii keenya waan nuti irraanfi'iin daleyneefii, waan nuti wallaalan dalayneef nun qabin, yaa Rabbii keenya waan nu dhibu nurran kaayin, akka warra nu durarra waan isaan rakkisu keessatti, yaa Rabbii keenya waan nuti dalaguu hin dandeenye nurran kaayin, itti nun ajajin , yaa Rabbi cubbuu teenya dhiifama nuu godhi, nuu araarami, rahgmata nuu godhi, ati dirmataa keenyaa, nuu dirmadhuu warra kafarerratti nu gargaari).

7-(Fa'in tawallaw faqul hgasbiyaallaahu laa ilaaha illaa huwa, kgalayhi tawakkaltu wa huwa Rabbulkgarshil kgazgiim)

 ) (                      - 129

Makgnaan isaa ; Yoo islaamarraa gara galan wanni jettu ; Rabbiin isa malee Rabbiin biraa hin jirre naaf gaya, an isarrattin irkadha inni kan arshii guddoo uumee qabu .

8 - (Fasubhgaanallaahi hgiina tumsuuna wa hgiina tusgbihguun }17{ walahulhgamdu fissamaawaati wal ardgi wa kgashiyyan wahgiina tuzghiruun }18{ yukhrijulhgayya minal mayyiti wa yukhrijul mayyita minal hga-yyi wa yuhgyil'ardga bakgda mawtihaa wa kazhaalika tukhrajuun }19{

  {17} {18} {19}

Makgnaan isaa ; (Rabbii keessan waan isaan hin malle hundarraa qulqulleessaa, keessattuu galgalaa ga-nama , faarun dachi'ii samii keessatti ta Rabbiiti isumaatu haqa godhate, ammallee waytii maghribaatifii asrii jiddu'utti Rabbii keessan waan isaan hin mallerraa qulqulleessaa, akkasuma hoggaa waytii zuhri'iitis Rabbii keessan qulqulleessaa, waytii tana salaataa jechuu, Rabbiin ibaadaa haqa godhatu isa, waan lubbuu  qabu waan lubbuu hin qabnerraa baasu, akka lukkuu khille'erraa baasu'uu, ammallee isa waan lubbuun qabne waan lubbuu qaburraa baasu' akka anqaaquu yookaa khillee duutuu waan jirurraa baasu'uu, Rabbiin dachii eega isiin duutee jiraachisa, dachiin du'uun goggoydee waa magarsuu dhiisu', jiraachisuun, rooba itti roobsee akka magarsitu godhuu, duuba Rabbiin akkuma waan dubbanne san jiraachisuttii qabrii keessatti isin jiraachisee akka dachiin rooban waa magarsitutti rooba jiru'uu isitti roobsee qabrii keessaa magartan.

9 - Suraa Yaasiin qara'uu( ) .

10 - ( Akguuzhu billaahissamiikgilkgaliim) hog-gaa sadii je'uu , ( )  

Makgnaan isaa ; (Rabbii dhagayaa beekha'attan sheyxaana darbama'arraa maganfadha) jechuu.

11 - (Law anzalnaa haazhalqur'aana kgalaa jabalin la ra'aytahuu khaashikgan mutasgaddikgan min khashyatillaahi, wa tilkal'amthaalu nadgribuhaa linnaasi lakg-allahum yatafakaruun}21{Huwallaahullazhii laa ilaaha illaa huwa kgaalimulghaybi wasshahaadati huwarrahg-maanu arrahgiim}22{ Huwalallaahullazhii laa ilaaha illaa huwa almalikulqudduus , assalaamulmu'minu , almuhayminulkgaziizul jabbaarul mutakabbir, subhgaan-allaahi kgammaa yushrikuun }23{ Huwallaahulkhaaliqul baari'ul musgawwiru lahul'asmaa'ul hgusnaa yusabihgu lahuu maa fissamaawaati wal'ardgi wahuwal kgaziizul hgakiim}24{

{21}   {22} {23} {24} -   21-24

Makgnaan isaa ; (Qur'aana kana odoo gaararratti buufnee aylii namaa keessa keenyee silaa kan sodaa Rabbiitif baqaqu garta. fakkeessaa dubbi'ii kan dubbanne san namaaf  dubbii ibsu'uuf dubbanne akka dubbii keessa baraniif, Rabbii isa malee Rabbiin biraa hin jirre, kan waan mul'atuufii waan dhokhatu beekhu, inni kan ra-hgmata xiqqa'aafii guddaa qabu, inni mootii isa malee Rabbiin biraa hin jirre, kan waan uumame fakaatu'urraa qulqullaaye kan waan fafa taye hundarraa qulqullaaye ,kan anbiyoota isaa dhugo'oomsu,kan waa hunda quba qabu,jabaa waa takka isa hin injifanne, kan waan fedhetti nama giddu, Rabbiin waan kuffaarri shariika isaaf godhurraa qulqullaaye inni kan waa uumu kan maqaa gaggaarii qabu, wanni sami'ii dachii keessa jiru hundi isa qulqulleessa inni jabaa hikmaa qabu jecha).

12 - (Bismillaahillazhii laa yadgurru makgasmihii shay'un fil'ardgi walaa filsamaa'i wa huwassamiikgulkgaliim) hoggaa sadii akkana je'a jechuu,

.

Makgnaana isaa ; (Maqaa Rabbiitinan jalqaba Rabbii maqaa isaatin wajji waa takkalleen dachii sami'ii keessatti nama hin miine, dachi'ii samii kessatti , dhagayaa beekaa jechuu) hoggaa sadii.

13 - (Akguuzhu bi kalimaatillaahi attaammaati min ghadgabihii, wa kgiqaabihii, wa sharri kgibaadihii, wa min hamazaatisshayaaxiin wa an yahgdguruun), hoggaa sadii,

. .

Makgnaan isaa ; (jecha Rabbii guutu'uunan maganfadha, dallansuu Rabbiitifii qixaaxa isarraa, ammallee sharrii gabroottan isarraa, ammallee jecha Rabbii-tinan sheyxaanni dalagaa tiyyatti seenu'urraa Rabbitti maganfadha) jechu' hoggaa sadii.

14 - (Astaghfirullaahalkgazgiim allazhii laa ilaaha illaa huwalghayyul qayyuum wa atuubu ilayhi), hoggaa sadii.

. .

Makgnaan isaa ; (Rabbii gudda'arraan araara barbaada, Rabbii isa malee Rabbiin biraa hin jirre, jiraa dalagaa gabroottan isaa hundaan dhaabbatu,an dilii hundarraa gara isaa deebi'a) hoggaa sadii akkana je'a.

15 - (Subhgaanallaahi wa bihgamdihii) hoggaa sadii akkana je'a. makgnaan isaa ; (Rabbiin waan isaan hin malle hundarra qulqullaaye faaruu isaatin wajji.

16 - (Subhgaanallaahi wa bihgamdihii kgadada khalqihii wa ridgaa nafsihii, wa zinata kgarshihii wa midaada kalimaatihii) hoggaa sadii akkana je'a,

  )   (  .. Makgnaan isaa ; (Rabbiin waan isaan hin malle hundarraa qulqullaaye kan faaruu hanga waan inni uume geessu, tan hanga jaalala isaa geessu, tan hanga miizaana kgarshii isaa geessu, tan hanga dibeeta jecha isaa katabu heddommaattu, haqa godhatu'uun wajji) .

17 - Yoo yaroon bal'atte hunoo akkana je'a ; (Subhgaanallaahi wal hgamdulillaahi wa laa ilaaha illallaahu wallaahu akbar)

( ).

Makgnaan isaa ; (Rabbiin waan isaan hin malle hundarraa qulqullaaye, faarun ta isaati, isa malee Rabbiin biraa hin jiru, Rabbii waan isaan hin malle hundarraa guddate) jechu' hoggaa dhibba akkas je'a.

18 - (Walaa hgawla walaa quwata illaa billaa-hilkgaliyyilkgazgiim),

.

Makgnaan isaa; (Malaafii humnallee namni qa-bu hin jiru, Rabbi guddaa waan isaan hin malle hundarraa ol tayeen malee, namni waan Rabbiin isan qunnamsiisin, heelaa isaatin, humna isaatin dalaguu dandayu hin jiru, dili'irraa tiyfamuun, ibaada'arratti jabaatun, Rabbiini. gabrichi Rabbii, waan Rabbiin fedhe malee waa takka fedhuu hin dandayu, wanni Rabbiin fedhe kheyrii taatuu sharrii taatuu, akka Rabbiin fedhetti taati) jechu' hoggaa dhibba akkana je'a.

19 - (Laa ilaaha illallaahu almalikulhgaqqulmubiin)

.

Makgnaan isaa; (Rabbii tokkicha malee Rabbiin biraa hin jiru, Rabbii mootii haqaa, kan karaa haqaa namaa ibsu) jechu' hoggaa sadii akkana je'a.

20 - (Laa ilaaha illallaahu wahgdahuu laa shariika lahuu, lahulmulku wa lahulhgamdu wahuwa kgalaa kulli shey'in qadiir)

Makgnaan isaa; (Waaqa tokkicha malee waaqni biraa hin jiru, kan shariika yookaa fakkaataa hin qabne, kan mootummaan guutun kan isaa taate, kan faarun hundi kan isaa taate, inni waa hundarratti dandayaa) jechu' hoggaa dhibba tokko, takkaa hoggaa sadii kudhan akkas je'a.

21 - (Allaahumma sgalli kgalaa sayyidinaa muhgammadin kgabduka wa nabiyyika wa hgabiibika wa rasuulika annabiyul'ummiyyi wa kgalaa aalihii wa sgahgbihii wa sallim)

.

Makgnaan isaa; (Yaa Rabbii gooftaa keenya  muhammad, gabricha kee, nabiyyii kee, ergamaa kee, jaalallee kee, nabiyyicha katabbii mallee qara'uufii aalii isaatifii, asaabaa isarratti rahgmataafii nagaya buusi) jechu' hoggaa sadii takkaa hoggaa dhibba tokko akkas je'a.

{}{}{}{}{}

Wanni dubbanne dabarsine kun, nama Rabbiin qajeelchee ni gaya, kan qajeelloo nama gaxxamsiisu Rabbii tokkichaa, Rabbumaatu waan gaarii nama qunnamsiisaa, isuma kan nuuf gayu, inni wabii yookaa wakiila gaari'ii. yaa Rabbi dalagaa tiyya tana narraa qeebalii, tan naafii ummata kiyyalle'eef  faaydaa qabdu godhi, aamiin.

 

Dr / Muhammad Rashaad kabiir Abdullee kabiir Muummayyaa Umar Jaaraa Jiloo

Carcar

22/9/1415H

Makkah Al Mukarramaa

__________________________

(1)Kitaaba Maqaasida Nawawi'irraayi    

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com