شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
ABII SHUGAAKGA
 

Duree

Kitaabul`aqiidati wa usguulil`ahgkaam

Kitaaba xahaara`aa ( qulqulleessu`uu )
 Kitaaba heera salaataa
Kitaaba zaka`aa
Kitaaba soomana
Kitaaba hajji`iifii umra`aa
Kitaaba gurguraafii waan bira
Kitaaba dhaalafii dhaammataa

Kitaaba nikaaha ( fuudhaa )

Kitaaba balleessa`aa
Kitaaba yakkaa
Kitaaba jihaadaa ( qabso`oo )
Kitaaba al`oolafii waa gorra`uudhaa
Kitaaba wal doggomu`uu 
Kitaaba kaku`uufii qodha`aa
Kitaaba murti`iifii ragaadhaa
Kitaaba gabra bilisoomsu`uu

Hundee Nabsee Qulqulleessu'uu

 

 

 

 

 

 

 

 

kitaaba

abii shugaakha kan fiqhii shaafi`ii  

   
 

 

KITAABA HAJJI`IIFII UMRA`AA

ßÊÜÜÜÜÜÜÇÈ ÇáÍÜÜÜÜÜÜÌ    

Sharxiin hajjiin wajjabduun yookaa nama qabduun torba, isiin :

1 - Islaama.                                     

2 - Saalfatuu .

3 - Aylii .                                         

4 - Bilisummaa .

5 - Sinqii yookaa galaa argatuu .               

6 - Waan yaabbatu argatuu.

7 - Karaan nagaya tayuu . makka deemee dhaquun mijjaayuu .

Arkaanni hajji`ii , shani. isaan :

1 - Hajji`ittin seenaa yaadee hidhatuu

2 - Arafaa dhaabbatuu .

3 - Beytii Rabbiitin hoggaa torba xawaafuu yookaa naannawuu

4 - Bakka safaafii , marwa je`amtu jidduu hoggaa torba naannawuu .

5 - Rifeensa  mata`aa  haaddatuu  takkaa ciratuu   odoo hanga  rifiinsa sadiyillee taatee .

Arkaanni umra`aa afuri. isaan :

1 - Hidhatuu .                                              

2 - Xawaafuu

3 - Sa`yii godhuu .(safaafii marwa) jidduu , naannawuu jechuu .

4 - Mataa haaddatuu yookaa ciratuu .

Waajibni hajjiidhaa , kan arkaana hin tayin shani :

1 - Bakka irraa hajjii hidhatu`uuf godhamterraa hidhatuu .

2 - Dhagaa boollatti darbatuu .

3 - Muzdalifa buluu .

4 - Guyyaa sadeen iida boodaa mina buluu .

5 - Xawaafa  dhaammanna`aa xawaafuu. inni qawlii tokkoon sunna`. inni dhalaa dhiiga qabdurraa ni kufa .

Sunnaan hajji`ii waan as deemu kana:

1 - Ifraada godhuu. inni hajjii hidhatanii , dalaganii fixanii , eegasii umraa godhuu .

2 - Talbiyaa godhuu. isiin:

 áÈíß Çááåã áÈíß¡áÈíß áÇ ÔÑíß áß áÈíß¡ Åä ÇáÍãÏ æÇáäÚãÉ áß æÇáãáß . áÇ ÔÑíß áß

(labbaykallaahumma labbayka, labbayka laa shariika laka labbeyka,innalhgamda wannikgmata laka walmulka. laa shariika laka)

3 - Xawaafa dhufiinsaa godhuu .

4 - Raka`aa xawaafaa lamaan salaatuu xawaafa hunda booda.

KARAAN HAJJII DALAGANIIN SADII :

1 - Ifraada akka reefu jenne. hajjii godhanii eegasii umraa godhu.

2 - (Tamattu`a) inni baatii hajji`ii , shawwaalifii , zhulqikgdaa, kurnan baatii zulhijja`aa keessa , umraa hidhatee,  dalagee , irraa raaw`atee , eegasii hajjii hidhatuu .

3 - (Qiraana ) sun hajji`iifii , umraa walitti qabee hidhatuu , kan dalaguma hajji`ii qofaan, isaan lachuu argaman .

Hoggaa hajjii yookaa umraa hidhatu`uu ka`an wanni brbaadamu:

1 - Qaama dhiqatanii .

2 - Wayaa hoddha`aan qaamatti nama marsitu ifirraa baasanii .

3 - Marxoodhafii , huccuu gubbaa darbatan uffatanii.

4 - Waan urgaayaa godhatanii .

5 - Raka`aa lama sunnaa ihraamaa je`anii, salaatanii .

6 - Eegasii hajjii yookaa umraa hidhatan. (naweytulhajja wa ahgramtu bihii labbeykallaahummaa labbeyka) je'anii. takkaa (naweytul'umrata wa ahgramtu bihaa) je`an. takkaa (nawaytulhajja, wal`umrata wa ahgramtu bihimaa labbeyka allaahumma labbayka)  je`ee, yoo namarraa hajjii godhe ( labbayka abalurraa , je`ee, abalurraan hajjii yookaa umraa yookaa hajji'iifii umraa godha  je'ee.

KUTAA WAAN NAMA HAJJII YOOKAA UMRAA HIDHATARRATTI DHOOWWAMU

ãÍÑãÇÊ ÇáÅÍÜÜÜÜÜÜÑÇã

Nama hajjii yookaa umraa hidhaterratti waa kudhantu dhoowwama, sun:

1 - Huccuu hodha`aan qaamatti nama marsitu , tan akka kofo`oo faa , uffatu`uutu dhiirarratti dhoowwama .

2 - Mataa hagooggatu`uutu dhiirarratti dhoowwama .

3 - Dhalaan fuula hagooggatu`uutu dhoowwama .

4 - Mataa filatu`uutu dhoowwama . yoo rifeensatu citaa siye .

5 - Mataa haaddatu`uutu haraami .

6 - Kottee ciratuu .

7 - Waan urgaayaa godhatuu .

8 - Bineensa al`oolu`uutu .

9 - Nikaaha hidhu`uutu , .

10 - Dhala`atti  ida`amu`uutu .

11 - Jaalalaan dhala`aan wajji taphatu`uutu , nama hajjii , yookaa umraa hidhaterratti haraami yookaa dhoowwama .

Waan dubbanne kana hunda yoo dalage , yakka qaba. nikaahni inni hidhe takkaa hidhate fayyaan tayu . waan dubbanne san dalagu`uun hajjiin hin baddu , yoo dhala`atti ida`amuu taate malee inni hajjii ni balleessaa haa tayuu badde je`ee hin dhiisuu ni guuta odoo hajjii sunna`allee taatee . ammas hajjii san amata as deemu keessatti , qadaa baasun isarra jira .

Namni arafaa dhaabbatuun isa dabarte , dalagaa umra`aa dalageeti , hiikkata sanumaan wajji qadaa baasa . namni ruknii hajji`ii dhiise , hanga ruknii san fidutti hajji`irraa hin hiikkatu . ammoo namni waajiba hajji`ii dhiise , hajjiin isaa fayyaa taatii, haa tayuu waa qalu`uutu, isa qaba. nama sunnaa hajji`ii dhiise, wanni takkalleen isa hin qabdu .

KUTAA DHIIGA NAMA QABUU

ÇáÏãÜÜÜÜÜÇÁ ÇáæÇÌÈÉ

Dhiiyni hajjii keessatti, namarratti wajabu shani

1 - Dhiiga dalagaa hajji`irraa waa dhiisu`uutin , nama qabu . akka miiqaatarraa hidhatuu dhiisu`uu . dhiiyni kun tarreeffamaa. dura re`ee takka qalu`uutu irratti wajjaba . yoo dhabe guyyaa kudhan soomanu`uutu isa qaba. sadii hajjii keessatti, odoo arafaan dhaa-bbanne, soomana. torba eega biyyatti galee soomana .

2 - Dhiiga rifeensa haaddatu`uun , takkaa waan (taraffuh) yookaa boona je`amu , kan akka dhadhaa dibatu`uu , waan urgaayaa godhatu`uu , fa`aan , nama qabu . dhiiyni kun akka fedhanitti dalagama yoo fedhe , re`ee qala. yoo fedhe , guyyaa sadii soomana . yoo fedhe , suguda midhaanii sadii deegaa jaharratti sadaqata , hundaa-fuu cinaa sugudaa ( 1,00 ) garaama kenna  .

3 - Dhiiga hajji`irraa dhoowwamu`uun nama qabu eeguma hajjii hidhatanii . diinni , yookaa wanni biraa , makka seenuu nama dhoowwitee , dhiiyni, kun re`ee takka qaluu .

4 - Dhiiga bineensa ajjeesu`uun nama qabu . inni filanna`arratti kaayame . yoo wanni inni ajjeese waan fakkaataa qabu taye , waan isa fakkaatu , beylada`arraa qala. takkaa dhaadhesseeti , gatii isaatin mi-dhaan bitee , sadaqata . takkaa midhaan sun , muddii, yookaa kabala lama lamaan yoo laalan meeqa tayaa, bareeti, muddii hundarraa guyya tokko soomana. yoo bineensi sun, baylada`arraa , waan fakkaatu kan hin qabne taye gatii isaatin, nyaata bitee sadaqata. takkaa muddii hundarraa , guyyaa tokko  soomana .

5 : Dhiiga dhala`atti ida`amu`uun , nama qabu inni tarreeffamaa. dura gaala qala . dhabu looni. dhabu re`ee torba , dhabu gaala gateesseti , maallaqa isaatin midhaan bitee , sadaqata . yoo dhabe muddii hundarraa guyaa tokko tokko soomana .

Wareega  yookaa dhiiga namarratti wajabe qaluun , nyaata namarratti wajjabe, nyaachisuun , harama keessatti malee , hin gayu. ammoo soomana hajjii keessatti nama qabe , soomanuun bakka fedhetti ni gaya .

Bineensa harama makkaa ajjeesun hin gayu. akkasuma muka haramaa muruun haraami . yoo waan akka citaa mana fa`aan ajjeerratanii taate malee, bineenssafii muka haramaa balleessun, dhoowwamuu keessatti , namni hajjii yookaa umraa hidhateefii, kan hidhatinis wal qixa, isaan lachurrattuu haraami. yoo jiidha tayee, kan nama hin miine taye. yoo baala muruu takkaa dawa`aaf muruu taate malee .

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com