شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
ABII SHUGAAKGA
 

Duree

Kitaabul`aqiidati wa usguulil`ahgkaam

Kitaaba xahaara`aa ( qulqulleessu`uu )
 Kitaaba heera salaataa
Kitaaba zaka`aa
Kitaaba soomana
Kitaaba hajji`iifii umra`aa
Kitaaba gurguraafii waan bira
Kitaaba dhaalafii dhaammataa

Kitaaba nikaaha ( fuudhaa )

Kitaaba balleessa`aa
Kitaaba yakkaa
Kitaaba jihaadaa ( qabso`oo )
Kitaaba al`oolafii waa gorra`uudhaa
Kitaaba wal doggomu`uu 
Kitaaba kaku`uufii qodha`aa
Kitaaba murti`iifii ragaadhaa
Kitaaba gabra bilisoomsu`uu

Hundee Nabsee Qulqulleessu'uu

 

 

 

 

 

 

 

 

kitaaba

abii shugaakha kan fiqhii shaafi`ii  

   
 

  

KITAABA ZAKA`AA

    ßÊÜÜÜÜÜÜÇÈ ÇáÜÜÜÜÜÜÜÜÒßÇÉ

Zakaan waa shan keessatti wajjabdi isiin :

1 - Bayladaa .

2 - Meetaa , ziqiya .

3 - Midhaan .

4 - Inabaafii , timira .

5 - Meeshaa naggadaati.

Duuba baylaa`arraa waa afur keessatti zakaan wajaba . sun :

GAALA , LOON , RE`EEFII , HOOLAA

SHARXII ZAKAAN KEESSATTI WAJJABBUUN

ÔÜÜÜÜÑæØ æÌæÈ ÇáÒßÇÉ ÝíåÇ

Sharxiin zakaan isii keessatti wajabuun jaha :

1 - Islaamummaa .

2 - Bilisummaa

3 - Handhurummaa guutuu.

4 - Hanga zakaan itti wajabu gayuu .

5 - Amanni , yookaa barri , guutamuu , yookaa irra naannawuu

6 - Tiyfamuu, kan bakka takkatti khaayamuu mitii.

Ammoo maallayni zakaan keessatti wajabu lama sun :

1 : Ziqiya .

2 : Meeta .

Sharxiin zakaan keessatti wajjabuun

ÔÑæØ æÌæÈ ÇáÒßÇÉ ÝíåÜÜÇ

1 - Islaamummaa .

2 - Bilisummaa .

3 - Handhuraa . 

4 - Lakkooysa .

5 - Barri irra naannawuu .

Ammoo midhaan qotamu sharxii sadiyiin zakaan keessatti wajaba sun

ÔÑæØ æÌæÈ ÇáÒßÇÉ Ýí ÇáäÈÇÊ

1 - Waan namni facaafatu tayuu .

2 - Waan olkaayamu tayuu

3 - Lakkooysa guutuu . sun callaan  (wasaqa ) shan tayuudhaa  wasaqni, tokko : suguda jahaatama , rixilii biyya baghdaaditti kumaafii , dhibba jaha (1600) kiiloo garaamitti dhibba torbaafii kudha shani ( 715 dhiyaata ). wanni sanirra ida`ame , hisaabuma isaatin zakaan  irraa baafama .

Ammoo midhaan mukaa keessaa waa lamatti zakaan wajaba sun:

1 - Timiraafii,

2 - Kginaba. sharxii afuriin isaan keessatti zakaan wajaba. Sun  ÔÑæØ æÌæÈ ÇáÒßÇÉ Ýì ÇáËãÇÑ  .

1 - Islaamummaa                     

2 - Bilisummaa .

3 - Waan isaa tayuu ,               

4 - Hisaaba zakaadhaa guutuu.sun:

xoona yookaa wasaqni shani .

Ammoo meeshan naggadaa , sharxuma , zakaan ziqiyaafii , meeta keessatti wajabuun keessatti wajabdi

KUTAA LAKKOOYSA GAALAA  

äÕÜÜÜÜÜÇÈ ÇáÇÈÜÜÜÜÜá

Jalqabni gaala zakaan keessatti wajjabuu , gaala shani . gaala shan keessatti re`ettii takkaatu , wajaba re`ee takka irraa baasa jechu` . gaala kudhanirraa re`ee lama. khudha shanirraa ra`ee sadii . diiddamarraa afuri . gaala diiddamii shanirraa , waatiyyoo gaala , ta haati irraan rimaya fuute baasa .soddomii jaharraa gaala dhalaa haati irratti dhaluu geesse ka amata lama guute baasa. afurtamii jaharraa gaala amata sadii guute baasa . jahaatamii tokkorraa gaala amata afur guute baasa .torbaatamii jaharraa gaala amata lama guute , lama baasa

Gaala sagaltamii tokkorraa , gaala amata sadiyii lama baasa . dhibbaafii , diiddamii tokkorraa , gaala amata lama guute sadii baasa . eegasii gaalli isaa yoo ida`ame afurtama hundarraa ,  gaala amata lama gu-utee , sadeessa`atti seene tokko baasa . gaala shantama hundarraa , gaala amata sadii guutee afreessa`atti seene tokko baasa .

  KUTAA LAKKOOYSA HORI`II

äÕÜÜÜÜÜÜÇÈ ÇáÈÞÜÜÜÑ

Lakkooysi zakaa hori`ii horii soddoma . horii soddomarraa , dibicha amata - bara - tokko guutee, lammeysa`atti seene baasa, afurtamarraa , raada amata lama guuttee sadeessa`atti seente baasa . akkanumatti , horii soddomarraa dibicha , afurtamarraa raada baasa`aa deema .

KUTAA LAKKOOYSA RE'E'EETIFII HOOLA'AA

äÕÜÜÜÜÜÜÇÈ ÇáÛäã

Jalqabni zakaa re`eedhaa, hoola'aa afurtama. afurtamarraa re`ee amata lama guuttee sadeessa`atti seente baasa . takkaa hoolaa amata tokko guutee lammaysa`atti seene baasa. re`ee, hoolaa, dhibbaafii diid-damii tokko keessatti re`ee lama, dhibba lamaafii takkarraa re`ee sadii baasa . dhibba afurirraa re`ee afur baasa. eegasii akkanumatti dhibba tokkorraa, re`uma takka baasa .

KUTAA HORII NAMA LAMAA

äÕÜÜÜÜÜÇÈ ãÇá ÇáÔÜÜÑíßíä

Horiin nama lamaa, kan walitti makame, akkuma horii nama tokkotti zakaan irraa baafama. sharxii torbaan :

1 - Yoo mooran takka taate .

2 - Yoo bakkeen horiin itti walitti qabamee irraa bobbayu takka taate .

3 - Yoo bakkeen dheeddu takka taate .

4 - Yoo bakkeen irraa dhuydu takka taate .

5 - Yoo kurmi .tokko taye .

6 - Yoo namni elmu .

7 - Yoo bakkeen  itti ilman. wanni kun hundi tokko taye. shaarxii kanaan zakaan keessatti wajabdi. maallaqa yoo walitti ida`atanis, akkasumatti zakaa nam tokko baasan. yoo hori'iin wal qixa taate tolte. yoo wal dabre namuu hanguma horii saati kenna.

KUTAA LAKKOOYSA ZIQIYAAFII MEETAA

äÕÜÜÜÜÜÜÜÜÇÈ ÇáÐåÈ æÇáÝÖÜÜÉ  

Lakkooysi ziqiyaa, kan zakaan keessatti wajabu misqaala diiddama.  garaama saddeettamii shani ( mis-qaalli tokkichi garaama ( 3/60 ) wanni irraa baasan cinaa bisqaalati. misqaalafii (diinarri) waanuma  takka . inni amma cinaa leeraa ( ingiliizi ) waan misqaala diiddamarra ida`ame lakkooysuma, yookaa hisaabuma dubbanneen irraa baasan .

Hisaabni , yookaa lakkooysi meetaa. kan zakaan keessatti wajjabu, dirhama dhibba lama . dirhama dhibba lamarraa dirhama shantu kennama sun afrees-saa kurneessaa dhibba lamaatii. kurneessan dhibba lamaa diiddama afreessan diiddamaa shani .

Waan dhibba lamarra ida`ame akkuma dubbannetti irraa baasa.

KUTAA LAKKOOYSA FIRI`IIFII, MIDHAANII

äÕÜÜÜÜÜÜÜÜÇÈ ÇáËãÇÑ æÇáÍÈæÈ

Hisaabni firii mukaatifii midhaanii : xaana shani . xaanni tokko suguda jahaatami. inni rixlii iraaqitti kumaafii , dhibba jaha ( 1600 ) kiiloo garaamitti dhibba torbaafii kudha shani ( 715 ) wanni sanirra ida`ame , hisaabuma kanaatin irraa baafama .

Duuba yoo midhaan , xaana shan gaye sun , kan bishaan roobaa yookaa galaanaa dhugee bilchaate taye , harka kudhanirraa harka tokkootu kennama . yoommoo kan bishaan akka tooyinsaa fa`aan kan bilchaate , taye , cinaa kurneeysa`aatu irraa kennama .

KUTAA ZAKKAA MEESHAA NAGGADAA

äÕÇÈ ÇáÚÑæÖ ÇáÊÌÇÑíÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÉ

Meeshan naggadaa , waan isiin bitamteenitti , dhuma amataa (baraa) lakkaawamtee zakaan hisaaba isaatin irraa baafama . yoo ziqiyaan bitee  naggada jalqabe , ziqiyatti (warqi`itti) gimmitamti. yoo meetan jalqabe meetatti gateeffamti . wanni meeshaa naggadaa tanarraa baafamu afreessaa kurneessa`aati .

KUTAA ZAKAA MAALLAQA LAFAA ARGAMEE

ÒßÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÇÉ ÇáÑßÜÜÜÜÜÜÇÒ

Wanni alboodaa ( ma`dina ) ziqiyaa yookaa meetarraa lafaa argame , lafa keessatti awwaalamee faa afreessaa kurneessa`aati yaruma argame san  irraa baasan. ammoo wanni ziqiyaafii , meeta warri dur awwaale , kan akka maallaqaa girjaa , kan abbaan isaa wallaalame , yoo argame, wanni irraa baafamu , harka shanirraa harka tokko. waan inni xaaxaa malee argameef.

KUTAA ZAKAA QAAMA NAMAA

ÒßÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÇÉ ÇáÝØÜÜÜÜÜÜÜÜÑ

Zakaanni fixri`ii , wa sadiyiin namarratti wajjabdi , yookaa itti dirqaman sun :

1 - Islaamummaa .               

2 - Aduun guyyaa soomanni dhumuu seenuu. isaa jiru.

3 - Waan nyaata isaatifii , kan nama inni qallaburraa , guyyaa iidaa , isaa hafu argatuu .

Zakaa fixri`ii kana , dura dursoo lubbuu ifirraa baasa . eegasii nama islaamaa , kan (nafaqaan) takkaa qallabuun isaa, isarra jirturraa baasa. wanni nama tokkorraa baafamu suguda tokko . nyaata warri biyya isaa , irra hedduu nyaaturraa . sugunni tokko kabala saddeeti inni rixlii iraaq shaniifii sadeessaa , garaamatti ( 2400 ) kum lamaafii dhibba afuritti dhiyaata .

KUTAA NAMA ZAKAA HAQA GODHATUU

ãä íÓÊÍÞ ÇáÒßÇÉ

Zakaanni gosa namaa saddeetif kennama , kanneen Rabbiin qur`aana keessatti dubbate, isaan .

1 - ÅäãÇ ÇáÕÏÞÇÊ ááÝÞÑÇÁ  : Zakaan kan deega`aati { faqiirati } inni nama waa kudhanitti haajamee , wal`akka'aa gad , lama faa argatu .

2 - æÇáãÓÜÜÇßÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜÜíä : Kan warra waan itti haajamu hunda hin arganneeti { miskiinni } nama waa kudhanitti haajamee duuba saddeet argatu. nama wal`akkaa waan itti haajamuutii ol argatu jechu` .

3 - æÇáÚÇãáíä ÚáíåÇ : Ammallee kan nama dalagaa zaka`aatin dhaabbatuuti. kan akka nama zakaa walitti qabuu. yookaa qooduu .kan mataan biyya itti maddabi.

4 – æÇáãÄáÝÉ ÞáæÈåã  : Ammallee kan nama islaamatti seenee iimaana isaa jabeessun barbaadamuuti .

5 – æÝí ÇáÑÞÇÈ : Ammallee gabroota gooftonni isaanii , isaan bilisoomsu`uuf , horii noo kennaa je`aniinii , walii galaniif zakaan kennama. Bilisumma`arratti isaan gargaaru`uu jecha.

6 -  æÇáÛÇÑãíä  : Ammalee zakaan warra mugoonni , yookaa daynin , irra jirtu , kan waan galchu dhabeef , kennama.

7 –  æÝí ÓÈíá Çááå : Ammallee warra karaa Rabbii keessatti lolu , kan damooza yookaa qallaba hin qabneef kennama .

8 – æÇÈä ÇáÓÈíá  : Ammallee zakaan , nama imaltuu jiru , kan sinqiin yookaa galaan , harkaa dhumteef , kennama. jara saddeettan kanarraa nama argameef kennama .gosa hundarraa  nama sadii sadiyiif  kennama . yoo dalayduu zak`aa taate malee. isaanirraa na-muma argameeti fudhata.

Nama shaniif zakaa kennuun hin gayu isaan .

1 - Dureessa horii takkaa dalagaa qabu .

2 - Gabricha . yoo mukaatab if bitu'uu deemu taye malee.

3 - Banuu haashimiifii , banulmuxxalib. yoo haqa isaanii dhaban malee.

4 - Kaafira .

5 - Nama nafaqaan isaa abbaa zaka`arra jirtu. isaan maqaa nama waan qabneetin hin kennamuuf yoo maqaa nama deeynin irra jirtuu fa`aan taate malee .

SADAQAA SUNNA`AA

Tola oolanii waa nama kennuun sunna`a. waan Rabbiin jaalatu, isii dhoysa`aan kennu`uutu, ramadaana keessa tayu`uutu, fira ifiitii kennu`uutu , ollaa ifiitii kennu`uutu, irra caala .akkuma fardii mul`isuun irra caalu sadaqaa dhoysuun irra caala. yoo namni haa narratti laallatu`uuf mul`isan malee . namichi waan qabu hunda sadaqatuun ni barbaadama yoo kan obsu taye. yoo kaan harami. ammoo waan isarraa hafe nama du`aa deemuu kennee du`arraa hambisuun, waajiba; dureessi waan haajaa isaa tan amata tokkorraa hafeen , nama waan qabne gargaarun akkaan barbaadama ; dureessarratti waa sadaqatuun ni gaya. waa kadhatuun yoo haaja`aaf taate ni gaya . nama waa khadhatu afaan gaari`iin deebisu`uutu barbaadama. yoo waan kennaniif dhaban.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com