الآخبار والسنة والحديث
Akhbaara
sunnaa hadiisa
Oduun,nama
odeesse laalu`uun male`etti , waan dhugaa
tayu`uufii kijiba tayuun malu akka abalu dhufe
jechu`uu duuba dhufuun isaa dhugaa tayu`uufii
kijiba tayuun ni mala .
Ammoo yoo nama
dubbate laalle dhugaa tayuun odu`uu ni murama ,
kan akka waan Rabbiin yookaa nabiin nuu odeessee
takkaa kijiba tayuun ni murama kan akka waan
kijibamaa mul`atuu sun akka waan namni tokko
samiin olii mitii gadi je`uuti ammallee akka
waan wal hin taani kan diddaa walii qabu wal
tayan je`ee odeessu`uuti .
Khabarri yookaa
hadiisni bakka lamatti qoodama sun hadiisa
aahaadatti je`amaa
1 -
hadiisa namni hedduun
hin odeessine sun hadiisa aahaadati je`amaa .
2 –
hadiisa namni hedduun
kijibarratti walii galuun isaanii hin malle
odeesse ha-diisa dhageyti`iifii arga`arraa
odoossun kaate mala dhawu`uunii mitii kan akka
waan falaasiftaan mala dhooytee { aalamni
qadiimi
العالم قديم
} jettuutii mitii hadiisni namni
hedduun kijibarratti walii galuun isaanii hin
mijjooyne hin odeessin { aahaad } je`amaa,inni
siyiina nuu kenna malee, ilmi`ii miti yookaa
hubanti`ii mitii waan khaxaan keessa jiraatun
maluuf tanaaf jecha inni itti dalaguu
wajjabsiisa malee { ilmalyaqiin } takkaa aqiidaa
nuun kennu mas`alaa aqiida`aa hin wajjabsiisu
hadiisni namni
xiqqaan odeesse , bakka lamatti qoodama .
1
– Mursali .
2
– Muttasili akkana jechuun hadiisa warri namni
odeesse walitti hin dhaabbanneefii , hadiisa
warri odeesse walitti dhaabbatu jechuu .
hadiisni mursal
je`amu hadiisa namni sahaabaa dhaqqabe kan nabin
argin hadiisa sahaaba`arraa dhagaye kan nabirraa
hin dhagayin nabiin akkana je`e , je`ee odeessu
sahaabicha isaafii nabi jidduu jiru dubbatuu
dhiisee mursal jechuun hadiisa warri odeesse
hanga nabitti walitti dhaabbatee hin dubbatamin
.
Duuba yoo namni
warra odeesserraa dhiifame sahaabaa hin tayin
inni hujja`aa miti waan namni dhiifame sun
aadila tayuu , dhabuun maluuf jecha yoo mursal {
ibnul musayyib } taate malee inni ni qeebalama
waan inni nama biraatii mitii sahaabuma dhiisun
beekkameef asaabtichi inni hadiisa irraa dhagaye
, dhiisu irra hedduu soddaa isaa , abbaa jaartii
isaa abuu hureyra`a. ibnul musayyib ,
taabi`iyyootarraayi hadiisni inni nabirraa
odeessu hujjaadha, waan hadiisni inni
saghaabicha irraa dhiise sun ,. Laalamee namni
biraa karaa biraatin sahaabicha inni dhiise san
dubbatee odeessef jecha tanaaf inni ni
fudhatama .
Ammoo hadiisni
sahaabichi sahaabicha akka isarraa dhagayee ,
hoggaa namaa odeessu sahaabicha irraa dhagayee
dhiisee akka waan ifii nabirraa dhagayetti
nabiin akkana je`e je`ee odeessu hadiisni
akkanaa ni fudhatama inni hujja`aa maalif
sahaabichi inni irraa dhagayee maqaa dhayuu
dhiise aadila tayuun beekkamaa waan asaabo-nni
nabii hundinuu aadiloota tayaniif .
{ Hadiisni musnad
} je`amu hadiisa warri odeesse walitti
dhaabbatee hanga nabi gayyutti walirraa odeesse
abalu abalurraa nuu odeesse abalu abalurraa nuu
ode-esse je`anii hanga abalu nabirraa nuu
odeesse je`anitti .
Hadiisa akkanaa
kanaan hadiisa { anan } je`u kanaan hadiisa
an`ana`aatii je`an an`anaan isnaadatti ni seenti
karaa hadiisni odeeffamuunitti ni seenti .
hadiisni {
an aniin }
عنعنة
odeeffame akkuma hadiisa
musnadaatii mursalii mitii waan karaan warra
odeessee akka laallee garrutti walitti
dhaabbateef jecha
Namichi hadiisa
odeessu, abuulu hadiisa kana naa odeesse je`uu
ni qaba akkasuma { haddasanii } takkaa {
akhbaranii } je`uu ni qaba .
Yoo sheekharratti
kitaaba hadiisaa qara`e akhabranii je`a malee
haddasnii hin je`u waan inni ittin odeessiniif
haa tayuu ulamaadharra nama haddasanii je`uu ni
qaba je`uutu jira waan hamileen shaakhticharraa
odeessuu beysisuun kheessa jirtuuf taatef
kanarratti aadan warra hadiisaa deemti
Yoo sheekni kan
inni irraa inni hin odeeffatin narraa odeessi
je`ee iznii yookaa ijaazaa godheef wanni inni
je`u karaa ijaaza`aatin sheikh abalu hadiisa
kana , naa odeesse , je`a .