القياس ينقسم الى ثلاثة أقسام
Qiyaasni
bakka sadiyitti qoodama sun :
1 -
qiyaasa illa`aati waan
jarri lamaan hunde`eefii , sun qamadi`ii ,.
Dameen sun ruuzaa{ illaa }takka qabaatuu
keessatti wal gaxxamaniif jecha , sun isaan
lachuu waan nyaadhamu tayuudhaa .
2 –
qiyaasa dilaala`aati .
3 –
qiyaasa wal fakki`iiti
.
qiyaasni illa`aa
waan illaan isa keessa jirtu dubbii muru`utti
nama dirqitu hanga yoo illaan sun argamte
murtiin takkaa firdiin irraa hin oolletti sun
akka dhayiinsa haadhaa abba`aa ufi`irratti
qiyaasu`uuti takkaa dhaqqabsiisu`uuti haadhaa
abbaa dhawuun dhoowwamuu keessatti waan lachuu
miidhaa tayeef jecha .
ammoo qiyaasni
dilaala`aa waa lama kan wal fakkaatu walitti
ragaa godhatuu inni kun illaan isa keessa
hukmi`itti nama qajeelchiti malee, hin
wajjabsiiftu sun akka horii joolle`ee horii nama
gurguda1`arratti qiyaasu`uuti zakaanni itti
wajabuu keessatti waan horiin lachuu waan wal
horu tayeef jecha akkasuma zakaan horii
joolle`ee keessatti hin wajjabu jechuun ni gaya
akka abuu haniifan je`utti .
Ammoo {
qiyaasusshabah }
الشبه
} jechuun dameen yookaa far`iin
fakkii keessattii hundee yookaa { aslii
اصلي
} lama jidduu deddeebi`uu kana
fakkaattee kaanis fakkaatuu duuba kan aslii
lamaanirraa irra itti dhiyaattutti
dhaqqabsiifama .
Fakkeessa`aaf
gabrichi gama tokkoon bilisa fakkaata waan ilma
namaa tayeef jecha gama kaanin horii fakkaata
waan bitamee waan bitamee , gurguramuuf jecha .
Sharxiin dame
hunde`etti dhaqqabsiisu`uu dameen hunda`een
maluu wal fakkaatuu waan hirfii isaanii walitti
qabu keessatti akkana jechuun wanni firdii takka
isaan lamaanitti muruu nuu himu isaan walitti
qabuu .
Ammas sharxiin
dame asli`irratti qiyaasu`uu , asliin daliila
warri falamu yookaa muggutu , hin dinneen raga`u
akka yoo ratta`aman dubbii fudhatan .
Ammoo yoo namni
moromu hin jiraatin sharxiin asliin daliiluma
qiyaasni eehamuun ragga`uu .
Sharxiin illa`aa
, waan illaa taatef san keessaa hogguma
takkallee ,dhabamuu dhabuu ma`na`aafii
jechalle`een yoo jechi dhabame akka wasfiin
illaa je`aniin argamtee , hukmiin dhabamu`uu
takkaa ma`na-an argamee, hukmiin dhabamu`uu,
gaafana qiyaasni ni bada
Fakkeessan isa
duraa wanni je`amu waan ulfaatun nama ajjeessun
ajjeechaa beekha`aa,yaada`aa roorro`oon taatee ,
sun akkuma waan waan qaraatin nama
ajjeessu`uutii qisaasni , akka inni ajjeesseti
ajjee-sun ni wajaba .
Haa tayuu yoo
abbaan ilmoo ajjeesse kanuma yaada`aa beekka`aan
ajjeessu`uu , abbaan hin ajjeefamuu qiyaasni
bade .
Fakkeessan boodaa
wanni je`amu zakaan wanni wajabduuf , rakkoo
warra waan qabnerraa deemsisu`uuf duuba wanni
kana diigu ma`dana yookaa alboodaa qaalii akka
almaasaa faa kan zakaan keessatti hin wajjabne
odoo zakaan irraa baafamuu keessa rakkoo
deega`arra deemsisuun jirtuu .
Sharxii
murti`irraa murtiin yookaa hukmiin illaa jala
deemuu hanga yoo illaan yookii sababaan argamte,
murtiin argamtee yoo dhabamte dhabamtutti.
Illaan waan
sababaa murti`ii tayu murtiin waan sababaan
fiddu .