شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
USUULA FIQHIHI`II
 

Duree

 Beysa bu`urraa 

Beysisa ma`naa fiqhi`ii
 Maali wanni fiqhi`itti fedhame
Heera ibsu`uu
Waan beekkomsa taye addeessu
 Wallaala jechuun maali
Beekkomsa namaa
 Raga`aafii raggaafifatuun maali

Waa seyuun takkaa dareemuun akkami

Waan shakkiin yookaa mamni taye himuu
Waan usuula fiqhii taye himuu
Daliila fiqhi`ii adda babaafamaa
Hulaa usuulul fiqhi`ii
Hulaa dubbii qoodu`uu
Dubbiin bakka afuritti qoodamti
Dubbiin bakka sadiyitti qoodamti
Dubbiin bakka lamatti qoodamti
Haqiiqan bakka sadiyitti qoodamti
Waan amri`iifii nahyii jala seenufii waan isaan jala hin seene
Dhoowwaa
Jecha waa heduu qabatu
Jecha gabaabaa
Dalagaa ergamaa rabbii
Waan argame deemsisuu
Naskhiin bakka heddu`utti qoodama
 Hulaa daliilli yookaa ragaan wal didu`uu
Walii gala ulamaa`ii fiqhii islaamaa
Akhbaara sunnaa hadiissa
Qiyaasa
 Qiyaasni bakka sadiyitti qoodama sun
Dhoowwa` halaal
Waan duraan jirutti dalagu
Istis-haab haala dur haala ammaatii kennuu
Daliila tarreessuu
Sharxii mujtahidaa
Sharxii nama waa baruu barbaaduu
Al ijtihaada
 

 

 

 

 

 

 

 

kitaaba

waraqaat je`amu kan usuulaa fiqhi`ii  

   
 

 

الاجتهاد  

AL`IJTIHAADA

ijtihaada jechuun waan beekkomsarraa baruun barba-adamutti gayu`uuf jaatanii godhuu yoo humna jaataniidhaa , yookaa humna beekkomsaa guutuu qabaate akka tanaan dura dubbanne .

duuba fiqhii keessatti ijtihaada godhee dhugaa qun-name takkaa gaxxame sawaaba lama argata jaatanii isaa tanarratti ammoo yoo hin gaxxamin sawaaba tokko argata daliilli dubbii tanaa siif dhufu`uu taa`a . 

Ulama`arraa warra namni fiqhii keessatti jaatanii godhe hundi haqarra jira je`uutu jira, waan hukmii , yookaa firdiin rabbi , waan ijtihgaanni isaa itti geessee yaaduf jecha .

Namni { hundee } yookaa aqiidaa ke-essatti ijtihaada godhe hundi haqarra jira hin je`amu warri jallataan akka nasaara`aa , kanneen rabbiin sadii je`u ammallee kanneen akka majuusa`aa kanneen aalama ifaafii dukkanaatu oofa je`an ammalleen kanneen akka warra tokkummaa waaqaa tokkummaa rabbi diduu, kanneen akka warra ergaa ambiyootaa diduu kanneen guyyaa qiyaama`aa dhugo`oo-msuu diduu ammalee kanneen akka warra sifa rabbi kan akka dubbii rabbi diduu , ammallee kan akka warra aakhira`atti rabbi arguu hin dhugo`oomsinee .

Duuba yoo namni tawhiida keessatti ijtihaada godhe hundi haqarra jira jenne , jara dubbanne kana hunda dhugo`oomsu`uutu keessa jiraa , tanaaf jecha namni tawhiida kheessatti ijtihaada godha hundi haqarra jira hin je`amu .

Daliilli warri namni fiqhii  keessatti ijtihaada godhe hundi haqarra jira je`u daliilfatu hadiisa nabi muhammed nageenyi isarratti haa jiraatuu kan { man ijtada fa`asaaba falahuu ajraani waman ijtahada fa`akhxa`a falahuu ajrun waahgid  من اجتهد فأصاب فله اجران ومن اجتهد فأخطأ فله اجر واحد  }

          ma`naan isaa namni ijtihaada godhee  gaxxame , sawaaaba lama qaba namni ijtihaada haqa hin gaxxamin sawaaba tokko argata  .

 

Dr / Muhammed Rashaad Kabiir

Abdullee Kabiir Muummayyaa

CARCAR - HARAR

 

 

 

 

 

 

 

 

 

  filadhu  

kh_rashad2004@hotmail.com