الخاص
Jecha gabaabaa
{khaassii
الخاص
} jechuun waan waa lama hoggaa
takkatti hin qabanne sun akka { dhiira
رجل
} namicha jechu`uuti takkaa waa
lamaa ol qabatuu itti muru`uun wajjii akka {
dhiira lama takkaa dhiira sadii
رجلين او ثلاث رجال
} jechu`uuti sun hundi
jecha gabaabaa je`ama kan hanguma dubbatame
malee waa hunda qabatuu miti .
Dubbii
dheertuu waa hedduu qabattuu gari`irratti
gabaabsuu
التخصيص
}{ takhsiisa
التخصيص
} jechuun waan guutuu dubbanii
garii irraa baasuu yookaa ir`isuu fakkeessa`aaf
rabbiin akki je`e { faqtulul mushrikiin
فاقتلوا المشركين
} ma`naan isaa warra rabbitti kafare
hunda ajjeesaa jechuu haa tayuu daliilli biraa
kuffaara anboome , yookaa jaala nuu taye
kuffaarotii biraa keessaa baasa isaan ajjeessuu
dhoowwu`uun .
Waan dubbatan
takkarraa waan dubbii san jala seenu baasun
takkaa jala seenuu dhoowwun , karaa lamaan
argama
1 -
Waan dubbii
dubbi`irraa hanbisu sun , dubbii duratti
mamaxannuu {
متصل
muttasil tayuu } sun waan kophaa
bayuu hin taane kan dubbii guutuu jala seenu .
2 -
waan dubbii duratti
hin maxxanne kan kophaa bayuun mijjaayu kan
jecha wanni guutun keessatti dubatame jala hin
seenne .
Duuba wanni
dubbii dubbi`irraa baasu waan { istisnaa`a }
je`amu hiikan isaa siif dhufaa ammas waan
sharxii je`amu ammas waan tilmaama je`amu wanni
sharxii je`amu , kan dubbii dubbi`irraa fooyu
akka { akrim banii tamiim in jaa`uuka
اكرم بني تميم ان جاؤك
} jechu`uuti, ma`naan
isaa ilmaan tamiim kabaji yoo sitti dhufan
jechu`u hoggaa ilmaan tamiim guddisi je`u ilmaan
tamiim hunda guddisuun si qabe bakka fedhan haa
jiraatani haa tayuu hoggaa yoo sitti dhufan
je`uu itti ida`e nama sittin dhufin giddisuun
sirran jiru jechuu wanni kana fide sharxii inni
ida`e sun { yoo sitti dhufan } jechu`uu kun
sharxi`iin dubbii hidhuu je`ama ammoo sifaan
yookaa tilmaaman dubbiin hidhuun akka { akrim
banii tamiim al fuqaha`a
اكرم بني تميم الفقهاء
}
jechu`uuti ma`naan isaa ilmaan tamiin guddisi ,
haa tayuu hundaa miti isaan keessaa nama fiqhii
beekhu guddisi jechu`uu odoo ilmaan tamiin
guddisi je`ee achirratti dhaabbatee ilmaan
tamiim hunda guddisuun sirra jira haa tayuu
isaanirraa nama fiqhii beekhu jennaan isaan
malee nama biraa guddisuun sirraa kufe kun
tilmaamatti yo-okaa sifatti dubbi hidhuu je`ama
.
Ammoo {
istisnaa
اشتثناء
} jecha { illaa
الا
}
Takkaa
obboleeyyan isi`iitin {
او احدى اخواتها
} dubbii dubbi`irraa fooyu` akka
.
{
جاء القوم الا محمداً
jaa`a al qawmu illaa muhammadan } ma`naan isaa :
ummani hundi dhufe Muhammad malee } jechuu odoo
ummanni dhufe jechu`urratti dhaabbatee , namni
hundi dhufe jechaa beeyna haa tayu , { Muhammad
malee yookaa
الا محمد
} jennaan Muhammad hin dhufnee
beyne wanni beekhun nurra jiru bakka tana waa
sadiyiitu jira
1 –
Waan irraa fooyame sun
ummanni dhufe
جاء القوم
jechu`uu .
2 –
Waan fooyame sun
muhammad
محمدا
3 –
Waan dubbiin
dubbi`irraa fooyu sun {
الا
malee } jechuu .
Sharxiin dubbii
dubbi`irraa fooyun fa-yyaa tayuun wanni fooyan
waan irraa fooyan fixuu dhabuu akkana jechuun
waan irraa fooyamerraa waa hafuu yoo hin hafin
fayyaa hin tayu .
Fakkeessa`aaf { yoo kudhan narraa qaba sagal
malee
له على عشرة الا تسعة
}
je`e dubbii fooyun fayyaa tayaa tokkumaatu
isarra jira
Ammoo yoo {
kudhan narraa qaba kudhan malee
له على عشرة الا عشرة
} je`e dubbii fooyun
fayyaan tayu .
Waan
مستثنان
wanni fooyame , waan irraa
fooyame fixeef jecha tanaaf jecha kurni isa qabu
. ammas sharxiin dubbii dubbi`irraa fooyun
fayyaa tayuun jechi waan irraa fooyameetifii ,
waan fooyame , je`uun walitti maxxanuu akka
aada`atti .
Haa tayuu
wanni akka qufa`uudhaa faan yoo adda baafte hin
dhibu ammoo yoo { kudhan narraa qaba
له على عشرة
} je`ee eega guyyaa tokkootii {
sagal malee
الا تسعة
} je`ee fooyun fayyaa hin tayuu
waan kan irraa fooyaniifii, kan fooyan je`uun
walitti hin maxxanniif jecha . waan fooyame
irraa fooyame waan dura dursuun ni gaya akkuma {
kudhan narraa qaba sagal malee } je`uu qabu{
sagal malee kudhan narraa qaba } je`uu qaba .
Akkuma waan akka
tokkoo yookaa gosa takkaa walirraa fooyun gayu
waan gosa takka hin tayin walirraa fooyun gaya {
akkuma jarri hundi dhufe waaqo malee } je`uu
qabdu { jarri hundi dhufe harree malee } je`uu
qabda .
Sharxii dubbii
dubbi`irraa footu fooyamaa kan irraa fooyame
dura dursuun ni gaya { akkuma ilmaan tamiin yoo
sitti dhufan guddisi } jettu { yoo sitti dhufan
ilmaan tamiim guddisi jechuun gaya .
Dubbiin
yookaa hukmiin takka , yoo karaa lamaan qur`aana
keessatti dhufte kan karaan tokko sharxi`itti
hidha`aa kan karaan tokko wahitti hin hidhamin
gad dhiifama`aa hukmii gad dhiifamaa saniiti ,
hukmii hidhama`aatii kennina gaafatama jalaa
bayu`uu jecha maalif wanni rabbiin itti ajaje
gad dhiifamaa
مطلق
keessa
jiraatun ni mala akkasuma hidhamaa
مقيد
keessa jiraatun ni mala tanaaf
jecha namni gad dhiifamaa
مطلق
hidhama`atti
مقيد
dhaqa-bsiisee itti dalage
gaafatama jalaa baye .
Fakkeessa`aaf
gabri bilisooman bakka gari`itti kan iimaana
qabu tayu`utti hidhame takkaayuu tilmaamame akka
kaffaaraa nama ajjeessu`uu keessatti dubbatame
ammoo bakka gari`itti gabruma bilisoomsaa je`e
malee kan amane tayuu hin dubbanne kan akka
kaffaara zihaaraa keessatti dubbatamee .
Zihaara jechuun
jaartii ifii akka dudda haadha isatti
fakkeessu`u duuba bakka lachuttu gabri taqan
yookaa bilisoomsan , iimaana qabaatuu laallu
Akkasuma
qur`aanni harki tayammuma keessatti haqamu hanga
ciqile`etti hin hiine .
Ammoo aayata
wuduu`aa keessatti ciqile`etti hidhe hanga
ciqile`etti dhiqaa je`ee duuba hukmii aayata
wuduu`aa hidhamaa aayata tayamummaa gada
dhiifamadhaf kenninee , hanga ciqile`etti haquu
wajjabsiifna sababaan isaan lamaanii tokkoo sun
hadasaa waduu`ni caphu`uu .
Wanni kana
dalayneef gaafatama jalaa bayu`uufi maalifi
namni heera hidhama`atti dalage gaafatama jalaa
baye ammoo namni gad dhiifama`atti dalage
gaafatama jalaa hin bayu wanni rabbiin fedhe
heera hidhamaa san keessa jiraatu`uutu malaa ,
heera gad dhiifama`aa mitii.
Hukmii yookaa
heera gad dhiifamaa aayanni tokko dhufeen ,
heera hidhamaa aayanni biraa dhufteenitti
hidhuun ni gaya.
Fakkeessa`aaf ,
aayanni takka dhalaa Rabbitti waa qindeessu ,
kan Rabbitti kafare hin fuudhinaa jetti aayanni
tun gad dhiifamtuu tan dhalaa rabbitti waan
dhalaa Rabbitti waa qindeesse mara fuudhuu
dhoowwitu ammo aayanni biraa dhufteeti, dhalaa
warra kitaaba yahuuda`aafii nasaara`aa fuudhun
ni gaya jettee hiite .
Ammas sunna`aan
heera qur`aanaa , gad dhiifamaa hidhuun , ni
gaya sun akka qur`aanni ilmaan keessan
dhaalchisuu isinii dhaame je`ee heera yookaa
sirna ilmaan mara qabatu gad dhiifamaa
dubbatu`uuti , kan sunnaan yookaa hadiisni
ilmaan nama abbaa ajjeessee , ammallee ilmaan
kaafiraa dhaalurraa dhoowwitee heera gad
dhiifamaa hiite .
Heera hadiisaa ,
gad dhiifamaa qur`aanan hidhuun , ni gaya akka
hadiisa ( Rabbiin nama hin wadda`atinirraa
salaata hin qeebalu ) je`u kan salaata hundaaf
wadda`atuu wajjabsiisu , aayanni tayammumaa
hiitee , namni wadda`atuu dadhabe tayammuma
godhatee salaatuu ni qabaa irraa qeebalamaa
beysifte buutee hukmii hadiisa gad dhiifama`aa
heeti .
Ammas hadiisni
hadiisa hidhuun ni gaya , akka hadiisa midhaan
rooban mayre keessatti zakaan ni wajjaba je`u
kan waan rooban baye keessatti xiqqaatuu
guddatuu zakaa wajjabsiisu hadiisni ( waan
rooban mayre kan daawwillaa shan hin geenyerrati
zakaan hin wajjabu je`u hidhe .
Ammas qur`aanafii
hadiisa hidhuun ni gaya , akka hadiisa midhaan
rooban mayre keessatti zakaan ni wajjabe je`u
kan waan rooban baye keessatti xiqqaatuu
guddatuu zakaa wajjabsiisu bhadiisni { waan
rooban mayre kan daawwillaa shan hin
geenyer-ratti zakaan hin wajjabu je`u hidhe
Ammas qur`aanafii
hadiisa gad dhiif-amaa qiyaasan hidhuun yookaa
gabaabsun ni gaya fakkeessan waan rabbiin je`e
qiyaasan hidhu`uu aayata { isaafii isii zinaa
goote dhibba garafaa } jettu sun gad dhiifama`a
haatayuu aayata { gabriittin yoo heerumtee ,
eega sanii zinaa goote cinaa yakka
bilistitti`iiti qabdi } jettuutu hidhee ,
bilisti`irratti gabaabsee yakka isi`ii cinaa
yakka bilistitti`ii godhe haa tayuu aayanni
yakka gabrichaa hin dubbanne duuba
gabritti`irratti qiyaasanii yakka isaa cinaa
yakka bilisaa godhaa .
Fakkeessan waan
nabiin je`e nageenyi isarratti haa jiraatuu
qiyaasan hidhu`uu waan as deemu kana sun hadiisa
{ namni waa qabu yoo waan isarra jiru kennuu
dide isa arrabsuu isa yakkoo baqqaasisuu } kun
nama abba`aa ilma hin tayini .
Ammoo ilmi
abbaa tuquun hin gayu jecha haadhaa abbaa
keessaniin hin je`inaa je`u kan qur`aanan
dhuferrattiu qiyaasanii hadiisa san nama abbaa
hin tayinirratti gabaasan waan abbaa arrabsuun
jecha{ uf أف
}
je`urra
hamaa tayeef .
Wanni {
mujmal
مجمل
} je`amu waan ma`naa lamaaf malu
kan waan itti fedhame ibsu`utti haajamu sun akka
jecha { qur`ii
قرء
} je`u kan qur`aana keessatti
dhufe inni ma`naa xuhri`ii yookaa
qulqullumma`aa tayu`uuf ni mala akkasuma ma`naa
heydi`-iitin yookaa dhiigatiinis hiikkamuun ni
mala shaafi`iin { qur`ii
قرء
} xahaara`aan fassare waan
laalee akkas je`eef jecha ammoo waan isa
ibsutti haajamuuf isaatu ma`naan heddu`uun
malaadhafi wanni isa ibsu ( nassi
نص
)
Ammoo wanni
{ nassi
نص
} je`amu waan ma`naa tokko malee hin qabne
takkaa { nassiui jechuun waan tafsiirri isaa
bu`iinsa yookaa dhufiinsa isaa taye kan matumaa
dhagayu`uutin ma`naan isaa namaa galu akka {
guyyaa sadii soomanuu
فصيام ثلاثة ايام
} guyyaan sadii guyyuma sadii
malee waan biraatii hin malu {
الظاهر
} wanni zaahira je`amu jecha
ma`naa lamaan malu , kan tokko irra mul`atu akka
{ ar`a leencan arge
رأيت اليوم أسداً
} jechu`uuti jechi { leenca }
je`u bineensa nama nyaa-turratti irra hedduu
dubbatama ammallee ma`naan isaa irra mul`ata
ammoo ma`naan biraa kan inni maluuf nama
jaynarratti dubbatamuu haatayuu ma`naan isaa
akkaan hin mul`atu tanaaf { mu`awwal
مؤول
} je`ama wanni zaahir je`amu
jecha ma`naa isaa lamaanirraa kan irra
mul`atutti dalagama ammoo mu`a`wala jechuun
jecha ma`naan akkaan hin mul`annetti dalagma .
Zaahir , inni
jecha ma`naa lama qabu kan ma`naan isaa raga`aan
awwaalamu gaafas kan raga`aan hiikkame je`ama
ma`naan akkaan mul`aturraa maquun , raga`aan
taya .
Fakkeessa`aaf Rabbiin wanni je`e{ wassamaa`a
banaynaahaa bi`aydin
السماء
بنيناها بأيدينا
} ma`naan isaa samii harka
jaarre { aydin
أيدا
} jechuun harkoota harki ma`naa
lama qaba tokko harka namaati tokko humna duuba
ma`naa harkaa tayu`uutu irra mul`ata haa tayuu
ma`naan mul`atu kana dhiifneti ma`naa humnaatin
fassarra yookaa hiiyna ragaa ma`naa kaanirraa
nu dhoowwu qabannee sun harka akka harka
namaatin fassaruun rabbiin hin malu jecha`aafi
waan Rabbiin nama hin fakkaannef sun waan ayliin
didduu .