شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA MAQXASARA  

DUREE

 WAAN ISLAAMARRAA BARATUUN DIRQAMA

NAMNI ISLAAMAA DIIN ISAA TIYFATUU QABA
YAKKA NAMA ISLAAMARRAA DEEBI`EE
WAAN NAMNI SAALFATE ITTI DIRQAMU
XAHAARA`AAFII SALAATA
WAAN ABBOOTII IRRATTI ILMAAN ISAANITIIF WAJJABU
WUDUU`A SALAATA
WAAN MANARRAA BAYERRAA IF QULQULLEYSUU

HADASA XIQQAADHAFII GUDDAADHARRAA QULLAAYUU

TAYAMMUMA
WAAN NAMA XAHAARAA HIN QABNERRATTI DHOOWWAMU
SHARXII SALAATARRAA AMMAS
WAAN SALAATA BALLEYSU
SHARXII SALAANNI QEEBALAMUUN
ARKAANA SALAATAA
JAMAA`AA SALAATAA
SHARXII JUM`AADHAA
ARKAANA KHUXBA`AA
SHARXII KHUXBAA LAMAANII
SHARXII JAMAA`AADHAA
SALAATA JANAAZA`A
IRRA XIQQAAN SALAATA JANAAZA`AA
ZAKAATAA
JALQABA HISAABA ZAKA`AA
ZAKAATARRAA HANGA WAJJABU
ZAKAATA FIXRI`II  
ZAKAAN NAMA SADDETIF KENNAMA
SOOMANA RAMADAANAA
HAJJI`IIFII UMRAA
 ARKAANA HAJJIIDHAA
ARKAANA UMRA`AA
SHARXII XAWAAFAA
WAAN NAMA HAJJI`IIFII UMRAA HIDHATERRATTI DHOOWWAMU
WAAJIBA HAJJI`IITIFII UMRA`AA
WAAN NAMAAN WAJJI DALAGAN
RIBAA { HORII DHALAA }
FAA`IDAA
QALLABA
QALLABA JAARTI`IITIFII MAHRII ISI`II
WAAN QALBIIN DALAGUUN BARBAADAMU
DILII LUBBUU HUMAN QAAMA NAMAA
CUBBUU YOOKAA DILII GARA`AA
DILII IJAA
DILII ARRABAA
DILII GURRAA
CUBBUU HARKAA
DILII QAAWA LAMAAN JALAA 
DILII MIILAA
DILII QAAMA HUNDAA
TAWBAA
 

 

 

 

 

 

 

 

kitaaba
gabaabaa waan baratuun nama hundarratti jiru walitti namaa qabu tawhiidafii , faqhiidhafii

   
 

  

ما يجب على المكلف تعلمه من الاسلام

WAAN ISLAAMARRAA BARATUUN DIRQAMAA

Warra saalfate hundarratti wanni jiru islaamatti seenuu ammallee eega seenee irratti jabaatuu heera islaamaa hunda qabtuu .

Wanni hoggaa hunda yaadun waajibaa kan beekhun namarratti jiru kan yoo kaafira taye dafee dubbatuun dirqi`ii kan yoo islaama taye salaata shaman kheessatti dubbatuun dirqii

{ أشهد أن لا اله الا الله واشهد أن محمد رسول الله  } ashhadu an laa ilaaha illaalhu wa ashhadu anna muhammadan rasuulullaahi je`uu .

Ma`naan isaa : اشهد أن لا اله الا الله  ashhadu anna laa ilaaha illallaahu jechu`uu .

Rabbiin dhuga`aa kan ibaadaa haqa godhatu Rabbi tokkicha malee kan biraa hin jiru Rabbi tokkicha guyyaa keessaa hin argamin kan duruma jiru kan zalaalamii jiraatu kan duuti ittin dhaqqabne kan waa hunda uume kan waa hunda beekhu kan waa hunda dandayu kan waan fedhe dalagu wanni Rabbiin haa taatu fedhe hin oolamtuu ni taati wanni Rabbiin tahuu isi`ii hin fedhin hin taatu kan yoo inni waa dalaguu nama dandeessise malee nam tokkolleen waa takka dalaguu hin dandeenye kan heelaa takkaa mala waa dalaguun baasuu hin dandeenye yoo Rabbiin qunnamsiisee dandeessise malee .

Rabbiin akki je`e : { ليس كمثله شئ وهو السميع البصير  } laysa ka mithlihii shay`un wa huwassamii`ulbasiir

Ma`naan isaa : wanni Rabbi tokkicha fakkaatu hin jiru zaatafii sifaafii dalagaa keessatti Rabbiin ni dhagaya dhageytin akka dhageytii isaa hin jirtu Rabbiin ni arga  argaan argaa Rabbi fakkaattu hin jirtu

Rabbiin kan duruma jiru kan argamni isaa jalqaba hin qabne wanni Rabbiin tayin hundi waan guyyaa keessaa argame .

Rabbiin isa waa uumu wanni isan tayin hundi waan uumame wanni argame hundi zaata tayuu dalagaa tayuu waan xixiqqoo hanga mixii xixiqqo`orraa waan guddoo akka arshi`itti ammallee sosso`iinsi waan Rabbiin uumetiifii cal`isiinsi isaanii hundinuu ammallee wanni isaan dalaganiifii wanni isaan hamilan hundinuu waan rabbiin khalaqe yookaa uume namni biraa kan Rabbi hin tayin waa takkallee waan sanirraa hin uumne falkaan takkaa xabii`an waan uumtu akkasuma sababaan wanni akka nyaataa yoo Rabbiin nama quubsuu isaa hin fedhin nama hin quubsitu nam meeqaatamiitu jira kan nyaatu hin quufne .

Wannummaan argame hundi fedhii Rabbiitin ammallee dandeeytii isaatin ammallee beekkomsa isaatin kan odoo wanni sun hin argamin beechen argamti .

Rabbiin ol taye akki je`e .

{ wakhalaqa kulla shay`in وخلق كل شئ  } .

Ma`naan isaa :  Rabbiin waa hunda uume khalaqe dhabamarraa argamsiise jechu`u namni Rabbiin tayin kan waa uumu takkaa dhabamarraa argamsiisu hin jiru 

Rabbiin akki je`e : { hal min khaaliqin dheyrullaahi ?  هل من خالق غير الله  } ma`naan isaa : namni Rabbiin tayin kan waa uumu kan dhabamarraa waa argamsiisu ni jiraa ? jechu`u deebisan gaafii tanaa hin jiru jechu`u .

Imaamunnasafin akki je`e namni tokko yoo birillee takkaa dhayee cabse dhayiinsanifii cabsiinsafii capheen sa san rabbumaatu uume namichi dalagaa qofa keessaa qaba dalaga`aafii uumun adda dalagaan ta namichaati ammoo uumun ta Rabbiiti gabrichi Rabbi dalaga`arraa gaafatama yoo dalagaan isaa tolte sawaaba irratti argata yoo hammaatee qixaaxa mudata Rabbiin akki je`e

{ لها ما كسبت وعليها ما اكتسبت  lahaa maa kabat wa aleyhaa maktasabat 

Ma`naan isaa : nabseen nama hundaa waan gaarii addunya`arratti dalayde qabdii aakhira`atti sawaaba galata irratti argatti ammas nabseen hundi waan hamtuu addunya`arratti dalaydeef qabamtee qixaaxa mudatti jechu`u .

Rabbiin dubbata`aa dubbiin Rabbi waan guyya keessaa jalqabamee miti qadiima kanuma duruma jiru  akkuma sifa isaa ta biraa ta akka beekkomsaa faa maalif ? Rabbiin zaatafii sifaafii dalagaa keessatti waan uumame maraan adda namni Rabbiin waan uumame fakkaata je`u kaafira rabbiin waan kuffaarri je`urraa ol tayee qulqullaayee .

Waan dubbannee dabarsinerraa wanni nuu qulqullaayee nuu beekkame sifa Rabbi gudda`arraa sifa khudha sadii isiin tn qur`aana kheessatti deddeeffamtee hedduu dubbatamte jechaan dubatamtuu ma`naan dubbatamtuu isiin sun hunoo tana .

1 – Rabbiin argamaadhaa dhabama` miti .

2 – Rabbiin tokkichaa heddu`uu miti .

3 – Rabbiin hafaadhaa kan dhabamni isaan maluu miti 

4 – Rabbiin kan duruma jiru kan guyyaa keessaa argamee miti .

5 – Rabbiin dureessaa kan waa takkatti haajamuu miti

6 – Rabbiin dandayaadhaa dadhabbiin isaan hin maltu

7 – Rabbiin fedhaadha dirqamiinsi isaan hin malu .

8 – Rabbiin beekkaadhaa wallaalli isan hin malu

9 – Rabbiin dhagayaadhaa duudummaan isaan hin maltu

10 – Rabbiin argaadhaa ballummaan isaan hin maltu .

11 – Rabbiin jiraadhaa duuti isaan hin maltu .

12  Rabbiin dubbataadhaa dubbii dahdabuun cal`isuun isaan hin malu .

Rabbiin waan guyyaa keessaa arhame hin fakkaatu waa hundaan adda .

Duuba waan sifti Rabbi khudha sadeen tun qur`aanafii hadiisa kheessatti hedduu deddeebitee dubbatamteef jecha isii baratuun waajiba nama hundarratti jiru kan haala tokkolle`etti namarraan kufne je`an

Waan zaatti Rabbi tan duruma jirtu tan guyyaa keessaa hin argamin taatef jecha safti isaa akkasuma tana duruma jirtu tan guyyaa kheessaa hin argamini maalif ? sifti Rabbi guyyaa kheessaa argamuun zaattii isaa guyyaa kheessaa argamuu qabsiisaa duuba sun waan Rabbiin hin mallee tanaaf jecha zaata Rabbiitifii wanni sifaa isaa taye hundi tan akka beekkomsaa dubbii dhatiifii biraa hundi waanuma dur jiraati malee waan guyyaa kheessaa argamee miti akka beekkomsa namatifii dubbii isaanitti wanni dubbannee dabarsine kun .

ma`naan isaa :{ ashhadu anna laa ilaaha illaallaahu } jechu`uuti .

Ammoo ma`anaan { wa ashhadu anna muhammadan rasuulullaah  واشهد أن محمدا رسول الله  } jech`uu Muhammad ilmi abdullaahii ilmi abdulmuxxalib ilmi haashim ilmi abdu manaaf kan qureysi`irraa taye akka inni gabricha Rabbi kan Rabbiin waan uume hundatti arge taye raga`an taya nan beekha nan yaada jechu` rahmataafii nageenyi isarratti haa jiraatuu .

Wanni kanarraa nuu beekkamu argamaan rabbiin Muhammad makkatti dhalatee achitti guddatee makka kheessatti ergaan Rabbirraa itti dhuftee ergamaa Rabbi tayee islaamati nama yaamuu jalqabee eegasii makarraa madiina`atti godaanee madiina`atti du`ee achitti awwaalame .

Nabi Muhammad ergamaa Rabbi tayuu yaadun wanni maxxanfatu inni waan Rabbirraa nuu fide hunda kheessatti dhugaa dubbataa yaadu`uu waan Rabbiin ummataatti geessi je`een hunda geessee yaduu { amanu` } takkaa dhugo`oomsuu

Waan nabi Muhammad Rabbirraa nuu odesse kan dhugo`oomsun wajibarraa waan as deemu kana :

1 – Azaaba qabri`itti .

2 – Ni`maa qabri`iiti .

3 – Gaafii malaaykaa lamaanii kan munkar nakiir .

4 – Eega du`aniui qabri`ii kaafamu`u .

5 – Dirree qiyaama`atti wal gayuu .

6 – Guyyaa qiyaama`aa dhufu`u .

7 – Waan dalaganirraa Rabbiin nama gaafatu`u

8 – Waan gaarii dalaganirratti galata yookaa sawaaba argatu` .

9 – Waan hamtuu dalaganirratti qixaaxa mudatuu

10 – Ibiddaafii jannata .

11 – Dalagaan namaa miizaanamuu .

12 – Siraaxa dildila ibaaddaa jahanama gubbaa dhabamerra dabru .

13 – Hawdii nabii takkaa naanniga isaa kan bishaan jannatarraa itti yaa`u kan mu`minni eega dirree qiyaama`arraa adda yaa`anii dhugee dheebuu dirree qiyaama`aa bayu

14 – Shafaa`aa guyyaa qiyaama`aati .

15 – Rabbi ifii mu`minni guyyaa boruu arguu akkanaafii bakkaafii qaama male`etti argan akka wanni uumame itti argamtuu mitii .

16 – Kuffaarri azaaba kheessa zalaalam kan dune kan baane taa`uu .

17 – Mu`minni zalalamii jannata kheessa taa`ee qanni`u

18 – Ammas malaaykaa Rabbi tan Rabbiin dalagaa adda addatti dalaydu ni jirti dhugo`oomsuu 

19 – Ergamoota Rabbiin erge hunda dhugo`oomsuu .

20 – Kitaabban Rabbiin anbiyootarratti buuse akka inni haqaan buufame dhugo`oomsuu .

21 – Rabbiin waan uume hunda khayrii taatuu sharrii taatuu odoo hin argamsiisin akka isii itti argamsiisu beekhee muree dabarsee dhugo`oomsuu kan akka itti uumuu fedhe sanirraa hin mayn`e .

22 – Nabi Muhammad maayyii warra Rabbiin ergeetii dhugo`oomsuu kan isa booda nabiin haaroyni kun dhufne

23 – Nabi Muhammad caalaa ilmaan aadamii dhugo`oomsuu .

Ammas wanni yaadun namarratti jiru nabiyyiin takkaa namni Rabbiin erge hundi nama dhugaa dubbatu amanama qara tayuu tanaaf jecha kijibni nama ganuun doomaa tayuu isaanin hin malu .

Anbiyoonni hundi dilii cubbuu gurguddo`oofii xixiqqoo ammallee dalagaa gadi galoo hundarraa tiyfamoodha eega ergamaniifii odoo hin ergamin durallee ammo wanni san hin tayin isaanitti dhufuun ni gaya .

 

 

 

 

 

 

 

 

 

  filadhu  

kh_rashad2004@hotmail.com