شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA MAQXASARA  

DUREE

 WAAN ISLAAMARRAA BARATUUN DIRQAMA

NAMNI ISLAAMAA DIIN ISAA TIYFATUU QABA
YAKKA NAMA ISLAAMARRAA DEEBI`EE
WAAN NAMNI SAALFATE ITTI DIRQAMU
XAHAARA`AAFII SALAATA
WAAN ABBOOTII IRRATTI ILMAAN ISAANITIIF WAJJABU
WUDUU`A SALAATA
WAAN MANARRAA BAYERRAA IF QULQULLEYSUU

HADASA XIQQAADHAFII GUDDAADHARRAA QULLAAYUU

TAYAMMUMA
WAAN NAMA XAHAARAA HIN QABNERRATTI DHOOWWAMU
SHARXII SALAATARRAA AMMAS
WAAN SALAATA BALLEYSU
SHARXII SALAANNI QEEBALAMUUN
ARKAANA SALAATAA
JAMAA`AA SALAATAA
SHARXII JUM`AADHAA
ARKAANA KHUXBA`AA
SHARXII KHUXBAA LAMAANII
SHARXII JAMAA`AADHAA
SALAATA JANAAZA`A
IRRA XIQQAAN SALAATA JANAAZA`AA
ZAKAATAA
JALQABA HISAABA ZAKA`AA
ZAKAATARRAA HANGA WAJJABU
ZAKAATA FIXRI`II  
ZAKAAN NAMA SADDETIF KENNAMA
SOOMANA RAMADAANAA
HAJJI`IIFII UMRAA
 ARKAANA HAJJIIDHAA
ARKAANA UMRA`AA
SHARXII XAWAAFAA
WAAN NAMA HAJJI`IIFII UMRAA HIDHATERRATTI DHOOWWAMU
WAAJIBA HAJJI`IITIFII UMRA`AA
WAAN NAMAAN WAJJI DALAGAN
RIBAA { HORII DHALAA }
FAA`IDAA
QALLABA
QALLABA JAARTI`IITIFII MAHRII ISI`II
WAAN QALBIIN DALAGUUN BARBAADAMU
DILII LUBBUU HUMAN QAAMA NAMAA
CUBBUU YOOKAA DILII GARA`AA
DILII IJAA
DILII ARRABAA
DILII GURRAA
CUBBUU HARKAA
DILII QAAWA LAMAAN JALAA 
DILII MIILAA
DILII QAAMA HUNDAA
TAWBAA
 

 

 

 

 

 

 

 

kitaaba
gabaabaa waan baratuun nama hundarratti jiru walitti namaa qabu tawhiidafii , faqhiidhafii

   
 

 

المعاملات

WAAN NAMAAN WAJJI DALAGAN

Wanni mu`mina baaligh aaqil tayerratti jiru waan dalagu takkatti seenuu dhabuu hanga waan rabbiin waan dalagu`uu deemu sanirraa halaal godheefii waan inni haraam godhe beekhutti . maalif rabbiin waan itti nu dirqe kan dalaga`aa na gabbaraa je`e qaba akkuma waan dhiisuu isi`itti nu dirqe qabu duuba waan rabbiin dalagaa isi`itti nu ajaje saniifii waan inni irraa nu dhoowwe adda baruun dirqama akka waan irraa nu dhoowwerraa dhooqqamu`uun azaaba rabbi jalaa baanee waan itti nu ajaje dalagu`uun jannata argannu .

Fakkeessa`aaf rabbiin biti`ii gurgura halaal godheeti ( ribaa ) takkaa horii dhalaa haraam godhee jira gurguraafii bitiin rabbiin halaala godhe gurguraafii bitii sharxii guuttatte kan sharxii san eeggatu`urraa hafiinsi hin jirre tanaaf jecha namni biti`ii gurguraa deemu sharxii waan bitii gurguruutifii arkaana isi`ii baratuun waajiba ammo yoo baratuu baate ribaa keessa bu`uun oolu fidhuu fedhuu baatuu .

Nabi mohammad nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je`e :.

التاجر الصدوق يحشر يوم القيامة مع الصديقين والشهداء

Attaajirussaduuq yuhgsharu yawmalqiyaamati ma`assaddiiqiina washuhadaa` }

Ma`naan isaa : nagaadichi naggada isaa karaa  dhuga`aatin oofu guyyaa qiyaama`aa warra darajaan isaanii anbiyootattii aantutfii warra karaa rabbi keessatti ajjeefameen wajji kaafama .

Wanni inni jara gaggaarii saniin wajji kaafafuuf  isaatu  nafsee isaatin wajji jihaada godhee waan biraa keessattis sawana rabbiin je`een qabatee gurguraafii waan biraa keessattis wasana rabbiin kaayefirraan tarkaanfatuu dhabeef jecha , darajaa san argate maalif ? nama heera rabbiin kaayerraan tarkaanfatu azaaba jaba`aatu isaaf qopheeffamee jiraa .

Akkasuma wanni akka kira`aa liqi`ii qabdi`ii wakaala`aa takkaa wabi`ii amaana`aa ergisa`aa wajji  dalagatu`uu hundinuu sharxi`iifii arkaana baratuun waajibaa takkaa dirqamaati qabdi .

Ammoo fuuni akkaan heera isaa baratnii if jala laalu`utti haajama waan fuudha jala hayni` hedduun deemuf jecha kan yoo haqa fuudhaa san eegatuu baatan badiin namicha fuudhefii iimaana isaatifii aalii isallee geessu .

Rabbiin waan nama fuudherratti jirutti akheekhee akki je`e :

يا ايها الذ1ين آمنوا قوا انفسكم واهيلكم نارا وقودها الناس والحجارة

Yaa ayyuhallazhiina aamanuu quu anfusakum , wa ahliikum naaran waquuduhannaasu wal hgijaarah .

Ma`naan isaa :  { yaa warra rabbitti amane lubbuu teessaniifii aalii teessan ibidda namaafii dhagaadhan shidamurraa eegaa } jechu`u .

Sheekhtichi { asxaa` } je`amu tokko akki je`e wanni nama ifii ibidarraa eeganiin akkaataa salaataa akkaataa soomana akkaataa biti`ii gurgurii akkaataa fuudhaa hiikka`aa baratu`uufii ammallee barsiisu`uuni .

 

 

 

 

 

 

 

 

 

  filadhu  

kh_rashad2004@hotmail.com