شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA MAQXASARA  

DUREE

 WAAN ISLAAMARRAA BARATUUN DIRQAMA

NAMNI ISLAAMAA DIIN ISAA TIYFATUU QABA
YAKKA NAMA ISLAAMARRAA DEEBI`EE
WAAN NAMNI SAALFATE ITTI DIRQAMU
XAHAARA`AAFII SALAATA
WAAN ABBOOTII IRRATTI ILMAAN ISAANITIIF WAJJABU
WUDUU`A SALAATA
WAAN MANARRAA BAYERRAA IF QULQULLEYSUU

HADASA XIQQAADHAFII GUDDAADHARRAA QULLAAYUU

TAYAMMUMA
WAAN NAMA XAHAARAA HIN QABNERRATTI DHOOWWAMU
SHARXII SALAATARRAA AMMAS
WAAN SALAATA BALLEYSU
SHARXII SALAANNI QEEBALAMUUN
ARKAANA SALAATAA
JAMAA`AA SALAATAA
SHARXII JUM`AADHAA
ARKAANA KHUXBA`AA
SHARXII KHUXBAA LAMAANII
SHARXII JAMAA`AADHAA
SALAATA JANAAZA`A
IRRA XIQQAAN SALAATA JANAAZA`AA
ZAKAATAA
JALQABA HISAABA ZAKA`AA
ZAKAATARRAA HANGA WAJJABU
ZAKAATA FIXRI`II  
ZAKAAN NAMA SADDETIF KENNAMA
SOOMANA RAMADAANAA
HAJJI`IIFII UMRAA
 ARKAANA HAJJIIDHAA
ARKAANA UMRA`AA
SHARXII XAWAAFAA
WAAN NAMA HAJJI`IIFII UMRAA HIDHATERRATTI DHOOWWAMU
WAAJIBA HAJJI`IITIFII UMRA`AA
WAAN NAMAAN WAJJI DALAGAN
RIBAA { HORII DHALAA }
FAA`IDAA
QALLABA
QALLABA JAARTI`IITIFII MAHRII ISI`II
WAAN QALBIIN DALAGUUN BARBAADAMU
DILII LUBBUU HUMAN QAAMA NAMAA
CUBBUU YOOKAA DILII GARA`AA
DILII IJAA
DILII ARRABAA
DILII GURRAA
CUBBUU HARKAA
DILII QAAWA LAMAAN JALAA 
DILII MIILAA
DILII QAAMA HUNDAA
TAWBAA
 

 

 

 

 

 

 

 

kitaaba
gabaabaa waan baratuun nama hundarratti jiru walitti namaa qabu tawhiidafii , faqhiidhafii

   
 

 

γΪΗΥν ία ΗαΘΟδ

DILII QAAMA HUNDAA

Dilii qaamarraa :

1 – haadhaa abba`atti jallatuu .

2 – hoggaa islaamafii kuffaarri lolaaf wal seene ashkara islaamaa kan rabbi je`ee lolu lola keessatti dhiisee dheysun eeguma bakka lolaa san dhufee haraami .

3 – dilii qaamarraa fira ifirraa muruu .

4 – olla miidhuu odoo ollaan kaafira amaanni akka biyya teenya taa`u eehamni isaaf kenname tayelle`ee .

5 – matraa waan gurraachumsuun halluu ulamaan gariin waan san baqqaasisee jira yoo haqa dhoysuun keessa hin jiraatin .

6 – diliin qaamaa dhiirti dhala`atti fakkaatuu dhalaanis dhiiratti fakkaatuu uffataafii waan biraa keessatti akka dhalaan uffata dhiira qofaaf qophaaye , takkaa dhiirti uffata dhalaa qofaaf qophaaye uffatu`uutii , sun haraami .

7 – diliin qaama hundaa uffata akka khofo`oo boonaf koome`erra gad dabarsuu .

8 – diliin qaamaa salaata fardi`ii , yookaa soomana dardi`ii cabsuun , takkaa hajji fardi`ii , yookaa umraa fardi`ii , cabsuun haraami .

9 – akkasuma sunnaa hajji`iitifii umraadhaa cabsuun dilii qaamati .

10 – diliin qaamaa dhiirti hinnaa miilafii harkatti hidhatuu haaja`aan male`etti .

11 – nama mu`mina tokko isa xiqqeessu`uu jecha akkeessuu dubbii keessatti tayuu waan biraa keessatti tayuu .

12 – waan namni dhoyfatu jala deemanii basaasuu .

13 – irgoo faa fumatuu .

14 – nama muslima tayeen guyyaa sadiyii ol oodun dilii qaamati yoo waan shari`aadhatti taate malee .

15 – nama bid`aa dalagu takkaa nama faasiqa kan dilii dalagu dilii sanirratti isa mirqaansu`uuf wajji taa`un yookaa wajji deemun dilii qaama hundaati .

16 – dhiirti ziqiyaafii meeta , ammallee hariira qulqulluu takkaa waan inni miizaanan irra caalu , namni baaligh aaqil taye uffatuun haraami . yoo hamartii meetaa taate malee .

17 – dhalaa alaga`aatin wajji kophaa bayuun hanga namni biraa kan isaan irraa qaanfatan hin agarre takkatti dhalaa tayuu dhiira tayuu haraami .

18 – dhalaan aanaa isi`iitin wajji malee takkaa jaarsa isi`iitin wajji malee imaltuu bayuun haraami .

19 – dirqiidhan bilisa dalaysiifatuun haraami .

20 – waliyyii rabbi tokko xilaatumma`aaf qabatuun haraami .

21   dili`irratti nama gargaarun haraami .

22   waan qulqulluu hin tayin qulqulluu je`anii dhaadhessuun haraami .

23 – meeshaa ziqiyaatifii meeshaa meetatti dalagatuun haraami qorii faa fal`aana faa godhatanii takkaa ulee godhatanii .

24 – dilii qaamarraa waan rabbiin fardii isarratti godhe takkaa itti dirqe dhiisuu takkaa waan fardiin isaan malee hin argamne kan akka rukni`ii sharxi`ii fardi`irraa ir`1isuu takkaa waan fardii balleessu dalaguu .

25 – diliin qaama hundaa jum`aa isarratti wajabe dhiisuu odoo zuhrillee salaatee ..

26 – dillin qaamaa warri ganda tokkoo faan walii galee salaata fardi`ii keessatti jamaa`aa dhiisu`uu .

27 – fardii uzri`iin male`etti waytii isarraa booda aansun haraami .

28 – bineensa nyaadhamu waan ulfinaan ajjeessu kan akka dhaga`aa fa`aan darbatanii ajjeessun haraami .

29 – waan lubbuu qabaa kaayatanii horda godhatanii biiflummaa itti laallatuun haraami .

Dhalaan iddaa ba`atu yookaa gufufu man keessatti hiikkame yookaa irraa du`erraa bayuun haraami yoo cinqiin baafte malee .

30 – diliin qaamaa dhalaan jaarsa isi`iitif gufufuu dhabuu .

31 – diliin qaamaa masjida najisuu takkaa fokkisuu odoo waan xaahiralle`een taatee .

32 – hajji eega namarratti wajjabdee hanga du`atti booda aansun haraami .

33 – namni yoo deynii fuudhe galchuun isaa hin kajeelamne kan akka nama waa takka waan deyni`iin galchuu hin qabnee kan namni deynii isaa kennuu akka inni deynii san isaa galchuu hin dandeenye hin beyne , liqii yookaa deynii fudhatuun haraami . ammo yoo abbaan deyni`ii haala isaa beekhe fudhatuun haraamii miti .

34 – nama deynii fuudhee waan galchuu dhabe afatuu dhabuun haraami .

35 – horii ifii waan dilii tayetti baasun haraami .

36 – diliin qaamaa wasana yookaa seera yookaa daangaa lafa teetifii lafa nama biraa jidduu jiru deemsisuun takkaa jirjiirun haraami

37 – waan nama miidhu karaa namni yaa`u keessatti dalaguun haraami .

38 – waan namarraa ergifatan waan ergifataniif malee waan biraa itti dalaguun haraami akkasuma hanga ergifaniif sanirra ida`anii itti dalaguun haraami . takkaa waan ergifate san nama biraatii ergisuun haraami .

39 – waan rabbiin nama hundaaf uume nama irraa dhoowwee ifumaa kophaa isaa itti fayyadamuun haraami sun akka dheeda dachii nam tokkolleen hin jiraachisinii tan akkuma rabbiin uumetti jirturraa nama dheeduu fedhu dhoowwu`uutii ammallee akka lafa  akkasirraa soogidda takkaa ziqiya takkaa meeta bakka inni irraa bayurraa fudhatuu nama dhoowwee ifii kopha`aan bayatu`uuti bishaanis akkasi bishaan maddarraa dhuguu nama dhoowwun takkaa obaafatuu nama dhoowwun haraami .

40 – waan lafaa argan odoo ittin iyyaanfanne itti dalagatuun haraami .

41 – bakka waan rabbiin irraa dhoowwe itti argu taa`un haraami yoo rakkoon teessifte malee .

42 – bakka nyaachisaa takkaa cidhaa kan itti hin yaamamin dhaquun haraami . akkasuma bakka nyaachisaa kan garaa gaari`iin itti isa hin yaamin takkaa bakka zigaalaf isa yaaman dhaquun haraami 

43 – beera isaa qallabaafii bira buluu keessatti wal qixxeessuu dhabuun haraami . ammoo jaalala qalbi`ii keessatti wal qixxeessuu dhabuun dili`ii miti .

Dhalaan yoo kan manaa baatee dhiira alaga`aa if garsiisu`uu deemtu taate manaa bayuun haraami .

44  –  dilii qaamarraa falfala takkaa sihrii godhuu 

45 – diliin qaamaa imaama yookaa bokkuu karaa haqaa eegu dhagayuu didanii isaan morkuun diliidha  kanneen akka jara asaab aliyyii abii xaalib dhagayuu didee isaan lolee imaamulbeyhaqiin akki je`e warri khaliifa nabi mohammad asaab aliyyiin lole hundi lola san keessatti haqarra hin jiran imaamushaafi`iinis isa dura akkasuma je`e odoo warra asaab aliyyiin lolu san kessa matootin asaabaadhaa jiraattelle`ee maalif waliyyiin dilii ni dalaga diliin isaanirraa argamuun odoo dilii gurgurdollee taatee waanuma malu .

46 – dilii qaamarraa yatiima tiysuu yookaa eeguu , masjida eeguu , qaadii tayee dubbii nama jiddu`utti laaluu if qabsiisee odoo dalagaa saniin dhaabbatuu hin dandayuu if beekhuu .

47 – roorrisaa qubsiisun takkaa dhoysuun nama haqa isarraa fedhu jalaa isa miliysuun nama islaamaa sodaachisuun diliidha karaa dabruu nama khuttun diliidha .

48 – dil;iin biraa waan rabbiif if qabsiise guutu dhabuu .

49 – soomana guyyaa lama faa walitti dhaabee soomanuu kan waa takka waan nama fursiisu jiddu`utti hin fudhanne halkan keessa .

50 – bakka namni biraa taa`uu ture , duraa qabatuu takkaa rakkoo hamtuu isaa rakkisuu.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

  filadhu  

kh_rashad2004@hotmail.com