شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA MAQXASARA  

DUREE

 WAAN ISLAAMARRAA BARATUUN DIRQAMA

NAMNI ISLAAMAA DIIN ISAA TIYFATUU QABA
YAKKA NAMA ISLAAMARRAA DEEBI`EE
WAAN NAMNI SAALFATE ITTI DIRQAMU
XAHAARA`AAFII SALAATA
WAAN ABBOOTII IRRATTI ILMAAN ISAANITIIF WAJJABU
WUDUU`A SALAATA
WAAN MANARRAA BAYERRAA IF QULQULLEYSUU

HADASA XIQQAADHAFII GUDDAADHARRAA QULLAAYUU

TAYAMMUMA
WAAN NAMA XAHAARAA HIN QABNERRATTI DHOOWWAMU
SHARXII SALAATARRAA AMMAS
WAAN SALAATA BALLEYSU
SHARXII SALAANNI QEEBALAMUUN
ARKAANA SALAATAA
JAMAA`AA SALAATAA
SHARXII JUM`AADHAA
ARKAANA KHUXBA`AA
SHARXII KHUXBAA LAMAANII
SHARXII JAMAA`AADHAA
SALAATA JANAAZA`A
IRRA XIQQAAN SALAATA JANAAZA`AA
ZAKAATAA
JALQABA HISAABA ZAKA`AA
ZAKAATARRAA HANGA WAJJABU
ZAKAATA FIXRI`II  
ZAKAAN NAMA SADDETIF KENNAMA
SOOMANA RAMADAANAA
HAJJI`IIFII UMRAA
 ARKAANA HAJJIIDHAA
ARKAANA UMRA`AA
SHARXII XAWAAFAA
WAAN NAMA HAJJI`IIFII UMRAA HIDHATERRATTI DHOOWWAMU
WAAJIBA HAJJI`IITIFII UMRA`AA
WAAN NAMAAN WAJJI DALAGAN
RIBAA { HORII DHALAA }
FAA`IDAA
QALLABA
QALLABA JAARTI`IITIFII MAHRII ISI`II
WAAN QALBIIN DALAGUUN BARBAADAMU
DILII LUBBUU HUMAN QAAMA NAMAA
CUBBUU YOOKAA DILII GARA`AA
DILII IJAA
DILII ARRABAA
DILII GURRAA
CUBBUU HARKAA
DILII QAAWA LAMAAN JALAA 
DILII MIILAA
DILII QAAMA HUNDAA
TAWBAA
 

 

 

 

 

 

 

 

kitaaba
gabaabaa waan baratuun nama hundarratti jiru walitti namaa qabu tawhiidafii , faqhiidhafii

   
 

 

ما يدفع من النصاب

ZAKAATARRAA HANGA WAJJABU

Gaala shanirraa ra`ee takkaatu fuudhama  ammo re`ee afurtamarraa hoolaa ilkee cabse takkaa re`ee amata lamaatu fuudhama .

Loon soddomarra dibicha bara tokkootu fuudhama ammo yoo waan dubbanne sanirra ida`ame waan ida`ame san keessatti hisaabuma isaatin irraa fuudhama wanni mu`minarratti jiru waan rabbiin isii keessatti zakaa isarratti wajjabsiise baruu .

Ammo timiraafii zabiiba { inaba } hisaabni isaanii suguda biyya madiina`aa dhibba sadii gayuu { qun`aa dhibbaa shantama } sun { xaana shanii } midhaan amata tokkoo waliin hisaaba guutan . midhaan gosa takkaa malee gosti adda addaa wal hin guuttu kan akka garbuudhafii qamadi`ii .

Zakaan midhaan keessatti sharxii lamaan wajjaba :

1 – asheetuudha hanga nyaatun mijjaayu takkatti .

2 – daalifuu hanga odoo haamanii hin ir`ane takkatti .

Wanni midhaanirra kennuun wajabu khudhanirraa tokko yoo hin obaafamin waan akka tooyinsaa fa`aan waan akka roobaa fa`aan obaafamuu hanga asheetutti takkaa bilchaatutti ammo yoo cinqi`iin obaafame maagada faa itti baasu`uun wanni irraa kennuun wajjabu cinaa kurneesa`aati .

Waan hisaabarra ida`ame hisaabuma isaatin irraa baafama waan hisaaba hin gayin keessa zakaan hin jiru yoo tola oolee sadaqaa kennatte malee .

Ammo hisaabni ziqiyaa { misqaala } diiddama hisaabni meetaa dirhama dhibba lama .

Wanni hisaaba ziqiyaatifii meetaa keessatti wajabu kurneessaa isaanii bakka afuritti baafnee harka tokko . wanni hisaabarra ida`ame hisaabuma isaatin irraa baafama .

Sharxiin zakaan ziqiyaafii meetaa keessatti wajabu`uu eega hisaaba zaka`aa guutee amanni takkaa barri guutun irra dabru`u yoo ziqiyaafii meeta lafaa qutamu taate ,alee . takkaa maallaqa ummanni islaama duraa awwaale kan argame taate malee . san amanni irra naannawuun sharxii mitii hogguma san zakaa irraa baasun waajiba .

Zakaan maallaqa islaama dura lafatti awwaalamee , argamee kan namni argate wanni irraa kennamu bakka shanirraa tokko wanni inni islaama dura tayuu beekhaniin maqaan mootii islaaman duraa irratti katabamuudhani , takka suuran isaa irra jiraatuudhani ammoo yoo maqaan mootii islaamaa irra jiraate namni arge zakaa irraan baasuu ni iyyaafata . duuba yoo abbaan isaa beekkame kan nama sanitti takkaa dhaalaa isaati .

Ammoo zakaan meeshaa naggadaa yookaa daldalaa waan meeshan sum bitamteenitti dhuma amataa gimmitamti . yoo ziqiyaan meeshaa bituu jalqabe hisaaba ziqiyaatin laalamti yoo meetan meeshaa san bitee naggada jalqabee hisaaba meetatti gimmitamti . sanuu yoo eega naggada jalqabee amanni guutamee . wanni meeshaa naggadarraa kennamu kurreesaa bakka afuritti qoonnee harka tokko { rubu`ul`ushrii } jechuu .

Horiin namni hedduun walitti makhate akkumaa horii nama tokkooti hisaabafii hanga irraa baasan keessatti yoo sharxiin walitti ida`atu`uu guutamte takkaa argamte .

 

 

 

 

 

 

 

 

 

  filadhu  

kh_rashad2004@hotmail.com