شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA MAQXASARA  

DUREE

 WAAN ISLAAMARRAA BARATUUN DIRQAMA

NAMNI ISLAAMAA DIIN ISAA TIYFATUU QABA
YAKKA NAMA ISLAAMARRAA DEEBI`EE
WAAN NAMNI SAALFATE ITTI DIRQAMU
XAHAARA`AAFII SALAATA
WAAN ABBOOTII IRRATTI ILMAAN ISAANITIIF WAJJABU
WUDUU`A SALAATA
WAAN MANARRAA BAYERRAA IF QULQULLEYSUU

HADASA XIQQAADHAFII GUDDAADHARRAA QULLAAYUU

TAYAMMUMA
WAAN NAMA XAHAARAA HIN QABNERRATTI DHOOWWAMU
SHARXII SALAATARRAA AMMAS
WAAN SALAATA BALLEYSU
SHARXII SALAANNI QEEBALAMUUN
ARKAANA SALAATAA
JAMAA`AA SALAATAA
SHARXII JUM`AADHAA
ARKAANA KHUXBA`AA
SHARXII KHUXBAA LAMAANII
SHARXII JAMAA`AADHAA
SALAATA JANAAZA`A
IRRA XIQQAAN SALAATA JANAAZA`AA
ZAKAATAA
JALQABA HISAABA ZAKA`AA
ZAKAATARRAA HANGA WAJJABU
ZAKAATA FIXRI`II  
ZAKAAN NAMA SADDETIF KENNAMA
SOOMANA RAMADAANAA
HAJJI`IIFII UMRAA
 ARKAANA HAJJIIDHAA
ARKAANA UMRA`AA
SHARXII XAWAAFAA
WAAN NAMA HAJJI`IIFII UMRAA HIDHATERRATTI DHOOWWAMU
WAAJIBA HAJJI`IITIFII UMRA`AA
WAAN NAMAAN WAJJI DALAGAN
RIBAA { HORII DHALAA }
FAA`IDAA
QALLABA
QALLABA JAARTI`IITIFII MAHRII ISI`II
WAAN QALBIIN DALAGUUN BARBAADAMU
DILII LUBBUU HUMAN QAAMA NAMAA
CUBBUU YOOKAA DILII GARA`AA
DILII IJAA
DILII ARRABAA
DILII GURRAA
CUBBUU HARKAA
DILII QAAWA LAMAAN JALAA 
DILII MIILAA
DILII QAAMA HUNDAA
TAWBAA
 

 

 

 

 

 

 

 

kitaaba
gabaabaa waan baratuun nama hundarratti jiru walitti namaa qabu tawhiidafii , faqhiidhafii

   
 

 

صيام رمضان

SOOMANA RAMADAANAA

Baatii ramadaanaa soomanuun nama islaamaa kan baaligh , aaqil tayerratti wajaba takkaa inni itti dirqama dhalaan dhiiyni aada`aa itti jiru ammallee isiin dhiiyni dhalaa itti jiru waan dhiynii itti jiruun soomanuun haraamii fayyalleen tay , haa tayuu waan faxarte qadaa baafti eega ramadaanatii .

Namni imaltuu hanga guyyaa lamaa geessu deemu maylii ( 48 ) soomana dhiisuu takkaa furuu ni qaba odoo soomanni isa dhibullee baatee haa tayuu hoggaa safari takkaa imaltuun isaa dhumte hanga faxare san qadaa baasa .

Namni dhukkubsatu akkasuma isiin ulfaa ammallee isiin hoosiftu kanneen soomanni akkaan isaanitti jabaatu soomana furuu ni qaban haa tayuu waan soomanarraa furan eega ramadaanatti qadaa baasan .

Halkan ramadaanaa cufa odoo farjiin hin baane takka jalaan hin bariine guyyaa kana soomana ramadaanatiin soomana hiyyatuun waajiba , maghribarraa hanga bariisa`aa jiddu`utti .

Guyyaa soomanaa hunda bariisa`arraa hanga aduun lixxutti waan soomana balleesurraa takkaa nama fursiisurraa if dhoowwu` .

Wanni soomana nama fursiisu waan as deemu kana :

1 – Dhala`atti ida`amuu .

2 – Maniyyii beeka`aa ifirraa baasu`u .

3 – If haqqisiisuu .

4 – Waan nama kafarsiisu je`ee takkaa dalagee takkaa yaadee islaama kutu .

5 – Waan karaa qaawatiin qaama isaa keessa seenu , kan zaata qabu kan akka nyaataa dhugaati`iiti hancufa  qulqulluu waa ittin makamin taatu malee .

6 – Guyyaa keessa maraatun itti dhufu`u odoo waa xiqqollee taatee .

7 – Guyyaa hunda gaggabaan oolu .

Guyyaa iida lamaanitiifii guyyaa sadeen iida arafa`aa boodaa kan arabni ayyaamuttashriiq je`uun soomanuun haraami akkasuma sha`baana cinaa boodaa ammas guyyaa shakki`ii kan ramadaana duraa soomanuun hin gayu yoo waan ida duratti maxxansee soomana malee takkaa qada`aaf takkaa nazri`iif takkaa wirdi`iif somane malee akka nama guyyaa isiniinatiifii guyyaa khamiisaa soomanuu aadaa godhatee duuba guyyaan shakki`ii guyyaa san gaxxameeti .

Namni guyyaa tokko ramadaanarraa uzri`iin male`etti dhala`atti ida`amu`uun balleesse diliin isa qabde ammas dafee qadaa basun isa qabe ammas kaffaaran zahaaraa isa qabde kaffaaran zihaaraa gabra bilisomsuu yoo dhabame takkaa dadhabe baatii lama wal faana siimanu kan guyyaa tokkollee jiddu`utti hin furre yoo san dadhabe miskiina takkaa deegaa jahaatamaaf nyaata kenna namuufuu khabala lama lama , muddii takka takka waan bitti nyaaturraa kennaaf .

{ zihaara } jechuun : jaartii isaatin ati akka haa tiyyaati je`uudhaa akkana jechuun isaa akkan haadha tayyatii hin dhiyaannetti sitti hin dhiyaadhu takkaan ida`amu jechu`. suin kakuu je`amaa namni jaartii isaatin akkas je`e yoo dafee hiikuu baatee zamana hiikhun keessatti mijjaayu hiikhuu dhiise kaffaaraa dubbanne santu isa qaba .

 

 

 

 

 

 

 

 

 

  filadhu  

kh_rashad2004@hotmail.com