معاصى اعضاء الانساء
DILII
LUBBUU HUMAN QAAMA NAMAA
Dilii
human qaamarraa takka dilii yookaa cubbuu
qalbi`iiti .
معاصي القلب
DILIIN QALBI`II
Dilii qalbi`irraa :
1 –
dalagaa kheyri`ii tan dalagan namni haa nu
argu`uuf dalaguu na arganii , haa na faarsan m
jecha qalbi`ii qabaatuu hoggaa waan gaarii
dalagan nama garsiifatu`uuf waa dalaguuf ,
sawaaba dalagaa saniiti balleessa .
2 –
waan ibaadaa taye hoggaa dalagn nabseen anumaatu
dalage jettee boonuu kan rabbumaatu na
dandeessisee isumatu na qunnamsiisee hin yaanne
kunis waan sawaaba dalaga`aa balleessu .
3 –
rabbi guddaa shakkuu takkaa mamuu .
4 –
azaabni rabbi yookaa balaan inni buusu nan tuyxe
jettee nabseen if amanuu kunis waan iimaana
balleessu .
5 –
rahmata rabbi hin argadhu je`ee rahmata
rabbirraa garaa muruu .
6 –
namarra if guddisuu . sun haqa qeebaluu didanii
nama xiqqeessu`uun argama .
7 –
xilaatummaa , gara`atti namaaf qabaatuu yoo
dalaga`arra oolche kan namni waan sanitti isa
hin giddiin .
8 –
diliin qalbi`ii hisdi`ii hisdidiin takkaa
waanyon , waan gaarii rabbiin nama islaamaa
tokkoo kenne, jibbu`u takkaa itti ulfaatu` waan
garaan isaa jibbu kannatti dalagu` ni`maan nama
sanirraa deemtee ifii argatuu jalatuu takkaa
isumarraa deemuu qofa jalatuu ifii waan san
argatuu , argatuu baatuu .
9 –
sadaqaa kennataniin dhaaddatuu nama kenneef
saniin waan akkanaatin sii kenne je`ee
xiqqeessuu akkanatti waan kennaniin dhaaddatuun
swaaba waan saniiti ballaysa .
10
–
dili`irratti didu`uu irraa tawbatuu dhabuu .
11
–
rabbitti garaa badu` waan hamtuu na godhaa
yaaduu .
12
–
namatti garaa badu`u namni hundi waan hamtu`uuf
naa deemaa yaaduu .
13
–
rabbiin waa hunda odoo hin uumin beekhee , muree
dabarsee dhugo`oomsuu dhabuu .
14
–
dilii isarraa argamtuun takkaa nama birarraa
argamtuun gammadu` .
15
–
nama ganuu odoo kaafirallee taatee sun akka
jaala godhatee , hoggaa inni if dagatee
ajjeessu`uuti takkaa miidhu`uutii .
16
–
karaa namni ifirraa quban qabneen hamtuu namatti
yaaduu .
17
–
asaaba`aafii , aalii nabiitifii warra rabbiif
qajeele jibbuu .
18
–
waan rabbiin kennuu isarratti wajjabsiise kennuu
diduu .
19
–
waan rabbiin isaa kenne aminfatuu dhabee bololuu
.
20
–
waan rabbiin guddise xiqqeessuu .
21
–
waan rabbiin khabaje kabajuu dhabuu , waan akka
sawaaba ibaada`aa takkaa iqaaba dili`ii takkaa
qur`aanaa takkaa ilmii islaamaa takkaa ibiddaa
takkaa jannataa kan rabbiin nuu dubbate
xiqqeessu` .
|