ما يفسد الصلاة
WAAN
SALAATA BALLEYSU
Wanni
salaata balleysu waan as deemu kana .
1 –
Dubbi namaati odoo harfii lamallee taatee takkaa
harfii takka tan ma`naa beysiftullee taatee yoo
dubbii san irraanfiidhan kan dubbate taye malee
sanuu wanni inni dubbate xiqqaate malee .
2 –
Ammallee dalagaa hedduu dalagaan hedduun salaata
balleesitu ulamaa`ii garii biratti waan yaroo
raka`aa tokkoof bal`atu gayu ammo gariin
ulama`aa dalagaan guddoon salaata balleessitu
akka tarkaanfii sadiyyiiti je`a haa tayuu gama
daliilatiin kan duraatu irraa jabaa akkasuma
dalagaan salaata balleessitu sosso`iinsa
wasanaa baye akkusama dalagaan salaata
balleessitu rukni salaata ida`uu akkasuma
sossoo`insa taphaa tokkichaatu salaata balleessa
3 –
Ammallee nyaatau salaata balleessa .
4 –
Ammallee dhugaati`iitu balleessa yoo
irraanfi`iin tayee sanuu xiqqaate malee .
5 –
Ammallee salaata caphsuu yookaa muruu
niyyatu`uutu balleessa .
6 –
Ammallee salaata muruu wahirratti rarraasu`uutu
salaata balleesa akka yoo abaluu dhufe nan cabsa
.
7 –
Ammallee salaata caphsu`uufii cabsuu dhabuun
garaa isaa keessa yaa`utu salaata balleessa .
8 –
Ammallee salaata hidhemoo hin hidhannee
shakku`uun wajji salaata oofuu takkaa
dalaguudhatu salaata balleessa .
9 –
Takkaa salaata keessatti shakkee zamanni
shakki`ii dheeratu`uutu salaata balleessa .
|