WUDUU`A SALAATA
Sharxii salaatarraa tokko { wuduu`a } fardiin
wuduu`a jaha .
1 –
Niyyaadha :
salaatafan takkaa waan biraatifan wadda`adhaa
takkaa xahaaradhaa qalbi`iin yaadu`u takkaa
niyyatu`u hoggaa fuula djhiqatu imaamushaafi`ii
biratti niyyaan dhiqiinsa fuulatti qindaayun
sharxi kan dura hin dabarre kan irraa boodan
aanne ammo imam maalik biratti yoo niyyaan xiqqo
dhiqiinsa fuulaa dura dabarte hin darartuu ni
geessi .
2 Fuula dhiquu :
gunda
isaa bakka rifeensi mata`aa aada`atti irraa
mayrurraa hanga lafee areedatti gurrarraa hanga
gurratti rifeensafii qaama yookaa corallee
waliin gayee yoo areedafii gaalee tuuttee lalan
qaamni keessan hin mul`anne taate malee san
keessa bishaan seenun dirqamaa mitii .
3 –
Harka lamaan :
hanga
ciqilee lamaanitti dhiquu waan isaa lamaanirraa
jiruun wajji .
4 –
Mataa takkaa rifeensa :
isaa
haquu odoo garii isallee taatee sharxii rifeensi
sun wasana mata`aa keessa jiruun yoo ka`ee
rifeensa mudhi`irra jiru haqe hin gayu akkasuma
ka jihaa isaatin mormarra gad dabrelleen .
5 –
Miila lamaan dhiquun :
hanga
hoomee lamanitti takkaa kophee gubbaa haquu yoo
sharxii khuffi`irra haqaniin guutta .
نواقض
الوضوء
WAAN WUDUU`A DIIGU
1 –
Wanni karaa lamaan jalaatin bayu hundi wuduu`a
ni diiaga yoo maniyyii taate malee .
2 –
Qaawa lamaan jalaa kan duraatifii kan duuba tuqu`
shanacha keessan girdoodhan male`etti odoo ta
ifillee takkaa ta joolle`ellee taatee ta dhiira
taatuu ta dhalaa taatuu .
3 –
Qaama dhalaa alaga`aa ta dhiirti isii khajeeluu
geese girdo`oon maleedhatti tuquu .
4 –
Ayliin namarraa deemuu .
5 –
Hiriiba yoo hirriiba nama taa`aa isaa lafatti
maxxansee taate malee .