جماعة الصلاة
JAMAA`AA SALAATAA
Lamaa`an salaata fardi`ii kan jum`aa hin tayin
kessatti nama dhiiraa bilisa biyya taa`u kan
baaligh aaqil taye kan wanni jamaa`aa
dhufu`urraa isa dhoowwu itti jirrerratti {
fardu kifaayaa } kan yoo namni gariin jamaa`aa
dhaabee salaate , warra haferraa diliin kuftu .
kan yoo hundi walii galee jamaa`aa dhiise
hundinuu dilaayu .
Ammo
jamaa`an salaata jum`aadhaa keessatti {
fardu`aynii } akkana jechuun waajiba yoo namni
gariin dalage kaanirraa kufuu mitii kan
namurrattuu adda addaan dalaguun waajiba takkaa
fardii taye jechuudhaa yoo nama afurtam tayan
kanneen biyya taa`an baaligh aaqil ganda
qubatee jaarame keessa taa`an , takkaa jiraatan
, warra dasa`aatii mitii kanneen olii gad
goggodaanan isaan jum`aan isaanirratti hin
wajabduu .
Akkasuma jum`aan nama ganda jum`aan irratti
wajabdu bira qubatee gafur gfuutuu isaan bira
taa`uu niyyeterrattis ni wajabdi guyyaan afur
guutun kan guyyaan seenefii guyyaan bayu keessa
hin jirre takkaa wajji hin hisaabne .
Akkasuma nama naannoo takkaa olla ganda
jum`aadhaa jiru kan lallabbii nama qooqa
dheeratuu kan ganda san maddii isatti aantu
dhaabbatee lallabu dhagayurrattis jum`aan ni
wajabdi .
|