معاصي العين
DILII IJAA
1 –
dhalaa alaga`aa fuulafi shanacha lamaan
fedhiidhan laalun haraami ammo waan fuulafii
shanacha lamaan malee jiru qaama dala`arraa
laalun fedhiidhan tayuu fedhii malee tayuu
haraami .
Akkasuma dhalaan alaga`aa dhiira alaga`aa laalun
haraami akkasuma dhiirafii dhalaan { saala
lamaan } awraa lamaan qaama isaanirraa
qulleessun takkaa mul`isuun haraami odoo kophaa
tayanille`eek an namtokko wajji hin jirre yoo
rakkoon akka oow`aa faan mul`isu`utti geessite
malee .
Ammo
yoo rahima walii kan wal fuudhun hin geenye
taate kan akka obboleeyyanii qaama walii arguun
ni gaya yoo fedhii takkaa shahwa`aan malee taate
. sanuu waan handhuraafii jilba jidduu jiru
malee san laalun hin gayuu .
Akkasuma dhalaan dhalaa laalun akkasuma dhiirti
dhiira laalun ni gaya yoo fedhiidhan malee taate
.
2 –
nama muslimaa tokko ija isa xiqqeessu`uutin
laalun haraami .
3 –
mana namaa keessa jaalala isaatin yokaa eehama
isaan malee laalun haraami .
4 –
waan namni dhoysu laalun haraami .
|