شروط الجماعة
SHARXII JAMAA`AADHAA
Wanni
nama namatti hidhatee salaaturratti jiru
jum`aakeessatti tayuu salaata biraa keessatti
tayuu waan as deemu kana :
1 –
Bakka dhaabbatuufii hoggaa salaata hidhatu
imaama isaa dura dabruu dhabuu inumaa hidhannaa
salaataa keessatti imaamatti qixxayu dhabuu yoo
itti qindeeyee hidhate salaanni isaa bade ammo
waan biraa keessatti imaamatti qindaayun ni
jibbama yoo aamiinii taate malee ammoo isii
keessatti itti qindaayun ni barbaadama ruknii
dalaga`aa tan akka rukuu`aa fa`aan imaama duraa
dabruun haraami .
Ammo
rukni dalaga`aa lamaan imaama dura dabruun
haraam tayuu wajjiin salaata balleessiti
akkasuma yoo uzri`iin male`etti rukni lamaan
imaamarraa booda aanis salaanni isaa ni baddi
akkasuma yoo ruknii dheertuu sadiyii oliin
imaama jalaa hafe salaanni isaa ni baddi odoo
rakkoon jalaa hanbiftelle`ee rukniin sadii
deertin rukuu`afii sujuuda lamaani .
Ammoo
yoo rakko`oon yookaa uzri`iin ruknii dheertuu
sadii qofaan imaama jalaa hafe salaanni isaa hin
baddu namni uzriin hanbiftu kan akka nama dafee
faatihaa qara`uu hin dandeenyetti kan imaamni
isaa odoo inni faatihaa naannessuu biraa dabru
duuba yoo faatihaa guuttatu`uuf jalaa hafe eega
zamana faatiha`aa bal`atu odoo imaamni rukuu`a
hin godhin wajji dhaqqabalee inni dhaabbatee
faatihaa guutin isarratti waajiba duuba tanaaf
jecha yoo imaama jalaa hafee odoo imaamni
sujuuda lammeysa`arraa hin raw`atin faatihaa
fixee rukuu`atti seenee akkasumatti faana
deema`aa imaama dhaqqabe raka`aan isaaf guutamte
ammo yoo eega imaamni sujuuda lammeysa`arraa
raw`atee dhaabbatee takkaa tashahhudaaf taa`ee
faatihaa isaa guute gaafana rukuu`a hin godhuu
imaama isaa bakka inni jirutti jala deema yoo
dhaabbata keessa jiraate wajji dhaabbata yoo
tashhhuda keessa jiraate wajji taa`a duuba
raka`aan tun isaaf hin hisaabamtuu , eega
imaamni isaa salaammatee fida
2 –
Ammas sharxiin jamaa`aadhaa dalagaa imaamaa
hoggaa imaamni dalagaa takarraa takkatti dabru
beekhu`u arga`aan takkaa dhageyti`iin
3 –
Ammas imaamafii ma`muumni bakka takkatti walitti
qabamuu masjidatti takkaa dirre`etti yoo dirree
keessatti walitti qabaman sharxiin imaamafii
ma`muuma jidduun dhuudhuma dhibba sadiyii ol
tayuu dhabuu .
4 –
Ammas wanni walitti dabruu isaan dhoowu isaan
jidduu jiraatuu dhabuu .
5 –
Ammas salaanni isaan lamaanii gosa takka
tayuutanaaf jecha namni fardii salaatuu kan akka
subhiidhaa faa nama salaata janaaza`aa
salaatutti hin gayu .
6 –
Ammas dalagaa sunna`aa tan keessatti wal dhabuun
frokkatu keessatti imaaman wal dhabuu dhiisuu
sun akka tashahhuda duraa imaamni taa`ee
ma`muunni dhiisu`uuti takkaa ma`muumni taa`ee
imaamni dhiisu`uuti inni kun wal dhabiinsa
fokkataa je`ama tanaaf jecha yoo imaamni waan
akkanaa dalagee jala deemanii wajji dalaguu yoo
inni dhiise wajji dhiisuu .
7 –
Ammas jamaa`aa niyyatuu yoo salaanni jum`aa
taate hoggaa hidhatu isaa { allaahu akbar } je`u
jamaa`aa niyyata yoo jum`aa keessatti hoggaa
hidhatu hin niyyatin jamaa`an fayyaan taatu ammo
salaata biraa keessatti odoo imaama jala deemuu
hin jalqabin dura jalan deemaa , takkaa jamaa`aa
niyyatuu . yoo odoo jamaa`aa hin niyyatin jala
deeme salaanni isaa bade yoo isaa salaata keessa
jiru imaama eegun dheerattes akkasi . namni
salaata keessa jiru tokko yoo imaama salaata
hidhatu`uu deemu wajji salaatu`uu jecha eege ni
gaya , yoo eeginsi dheeratuu baatee jamaa`aa
qalbi`itti niyyate
Ammoo
yoo eeginsi dheerate niyyatuu baatuu salaanni
bade .
Nama
tokko kan isa dura dhaabbatuufii inni yoo
salaata keessatti wal gaxxaman kan jamaa`aa hin
niyyatin kan wal quban qabne sun hin dhibu
sharxiin torbaan dubbanne sun ta ma`muumti .
Ammoo
imaamni takkaa namni namaan salaatu salaata
jum`aadhaa kheessatti jamaa`aa niyyatuun
isarratti waajiba takkaa dirqama akkasuma
salaata deeffamtu keessatti imaamni jamaa`aa
niyyatuun waajiba . salaanni deeffamtu salaata
inni lammada salaatu eega jamaa`aadhan wajji
takka kophaa salaatee nama khophaa salaatuf
sawaaba jamaa`aadhaa argamsiisu`uu jecha .
|