الطهارة والصلاة
XAHAARA`AAFII SALAATA
Waan
Rabbiin namarratti wajabsiiserraa tokko salaata
shani halkaniifii guyyaa keessatti isiin hunoo
tana:
1 –
Zuhrii
الظهر
:
waytiin zuhri`ii hoggaa aduun gara dhiyaa
jallaterraa hanga gaaddifni wahayyuutu qixxee
isi`ii gayuttu gaaddisa orra`aa malee .
2 –
Asrii
العصر
:
waytiin ari`ii waytii zuhri`iitii
hanga aduun lixxutta .
3 –
Maghriba
المغرب
:
waytiin maghribaa lixa adu`urraa hanga diiminni
sami`ii kan lixa adu`uu booda dhufu deemutti .
4 –
Ishaa`ii
العشاء
:
waytiin ishaa`iidhaa eega waytii maghribaatii
hanga guyyaan jalaan ifutti
5 –
Subhii
الصبح
:
waytiin subhiidhaa eega waytii
ishaa`iidhati hanga aduun baatutti .
Salaata fardi`ii shaman kana waytii isi`ii
keessatti salaatun nama islaamaa kan baalig
aaqil tayee xahaaraa qaburratti waajiba yookaa
dirqama .
Salaata shaman kana wayti`ii isi`ii dura
salaatun takkaa irraa boodaa aansun ni dhowwama
yoo wanni salaata waytii isi`ii dura nama
salaachiftu takkaa irraa booda nama aansiftu
jiraatte malee tan akka safaraa safara dheeraa
sharxii guuttate keessatti asrii waytii zuhri`ii
keessa isha``ii waytii maghribaa kheessatti
takkaa zuhrii waytii asri`ii takkaa maghriba
waytii ishaa`iidhaa kheessatti wajji salaatun ni
gaya .
Isiin
dhiyni aada`aa itti jiru salaatun isi`irratti
hin wajjabu haa tayuu yoo dhiiyni aada`aa intala
takkatti dhufe eega waytiin salaataa seentee
hangi salaata saniifii xahaaraa kheessattii
dalaguu dandeessu takka dabarte kan xahaarattee
hin salaatin salaata san qadaa teessun
isi`irratti wajaba wan isiin salaatuu ooltee
teessef namni fincaan faan irraan cinnes akkasi
.
Ammo
yoo wanni akka dhiigaa kan salaatarraa nama
dhoowwu odoo waytiin salaataa hin bayin odoo
hanga { allaahu akbar
الله اكبر
}
je`anillee taatee irraa deemte salaata san
salaatan isii qaba akkasuma salaata isii
duraatis salaatun isii qaba yoo kan salaanni sun
isi`iin wajji walitti qabamtu taate
fakkeessaadhaf yoo waytiin asriidhaa kan aduun
seenuudhaa hanga {
الله اكبر
allaahu akbar } qofti hafe uzriin irraa deemte
dhiiyni faan irraa cite asrii san salaatun
wajabe wan waytii isi`irraa waa xiqqo
dhaqqabatteef jecha akkasuma salaata isii duraa
salaatun isii qaba sun salaata zuhri`iitii waan
isaan lamaan safara keessatti wajji
salaatamaniif jecha akkasuma wajji
ishaa`iidharraa hanga { allaahu akbar
الله اكبر
}
je`an dhaqqabe ishaa`iidhafii maghriba salaatun
isarratti wajabe waan waytiin isaanii safara
keessatti akka waytii takkaa taatee wajji
salaatamtuuf dursanii takkaa booda aansanii .