صلاة الجنازة
SALAATA JANAAZA`AA
Nama
du`e dhiqu`uufii kafanu`uufii irratti
salaatu`uufii awwaalun isaa fardii namarraa
kufuun mijjaawu kan yoo namni gariin dalage
kaanirraa kufu , kan yoo hundi isaanii walii
galee dheese hundi isaanii dilaayu . wanni
dubanne namarratti wajabuun yoo namni du`e nama
islaamaa kan isaa lubbuu qabu dhalate taye .
Ammo
nama islaama hin tayin kan biyya islaamaa keessa
jiru kafanu`uufii awwaaluu qofaatu wajaba .
Nama
isaa du`aadhaa dhalate dhiqu`uufii awwaalu`uufii
lafanu`uutu wajaba yookaa dirqama ammo salaata
janaaza`aa isaan lamaanirratti hin salaatan .
Namni
lola kuffaaraa keessatti sababaa lolaatin du`e
huccuu isarra jirtuun kafanama . yoo geessu
taate ammo gayuu baattu , itti ida`an . eegasii
ni awwaalama inni hin dhiqamuu irratti hin
salaatamu
Irra
xiqqaan dhiqiinsaa najisa qaama nama du`errsa
jiru dhiqu eegasii qaamafii rifeensa . odoo
rifeensi heddommaatellee , hoggaa takka bishaan
nama qulqulleessun dhiqu` .
Irra
xiqqaan kafanaa waan qaama hunda dhoysu` ,
ammallee huccuun sadii tan qaamatti maramtu ,
nama horii deynii takkaa mugootarraa hafu
dhiisef .
|