باب تعارض الأدلة
Baaba daliilli
yookaa ragaan wal didu`uu
Yoo daliilli lama
, kan afaanin dubbatamu , wal dide , akka waan
daliilli kun je`u kuun matumaanuu didu`uu takkaa
garii waan sanii didu`uu gaafana isaan lamaan
waan as deemu kanarraa qullaa hin tayan
Takkaa
isaan lamaan kanneen waa hunda qabatan tayan {
aammii
عام
} tayan jechuu .
Takkaa
kanneen isaan lachuu waan garii qabatan tayan {
khaassii
خاصى
} jechuu.
Takkaa tokkoon
isaanii , kan waan hunda qabatu kan kuun waan
garii qabatu tayan .
Takkaa tokkoon
isaanii gama tokkoon waa hunda qabatee gama
kaanin waan garii qabatuu kan kuun akkas hin
tayin tokkoo waan afran dubbannee kana
tayu`urraa daliilli lamaan hin qullaayu .
Duuba yoo
isaan lamaan kanneen waa hunda qabatan tayan {
aammii
عامي
} tayan , yoo daliila lamaanittu
wajjiin itti dalaguun mijjaaye lachuttuu ni
dalagan haala adda addatti hiikanii
fakkeessa`aaf hadiisa nabirraa nuu dhufeetu jira
kan .
{
sharrushuhuudi allazhii yashhadu qabla an
yustashhada
شر الشهود الذي بشهد قبل ان
يستشهد } je`u
ma`naan isaa irraa badaan ragaadhaa kan odoo
ragaa bayuu irra hin barbaanne ragaa bayu jechuu
kun daliila { aammii
عام
} je`ama kan nama ragaa bayu
hunda qabatu .
ammas
hadiisa biraatitu jira kan { khe-yrusshuhuud
allazhii yashhadu qabla an yustashhada
خير الشهود الذي يشهد قبل ان
يستشهد } je`u
ma`naan isaa irra caalan rag-a`aa kan odoo ragaa
bayuu irra hin barbaanne ragaa bayuu jechu`
kunis hadiisa { aammaa
عام
} je`ama kan nama raga bayu
hunda qabatu inni hadiisa duraatin wal dhaba
maalif inni duraa ragaan badaan je`a , kan
boodaa ragaan gaarin je`a haa tayuu isaan lamaan
wal taasisuun , lamaanittuu dalaguun ni mijjaaya
maalif gaafii ragaan odoo raga bayu irra hin
barbaadin ragaa bayuun isaa hammaatu gaafa namni
ragaa bayaniif nama ragaa bayuuf san kan beeku
taye ammoo gaafni ragaan gaarii tayu gaa-fa
namni raga bayaniif nama ragaa bayuuf san kabn
hin beyne taye hadiisa boodaa kana muslimtu
odeesse kan duraa bukhaari`iifii muslimtu
odeesse .
Ammoo yoo
daliilli lamaan walitti qabanii itti dalaguun
kan hin mijjoona taye lachuttuu dalagu`urraa ,
dhaabbanna yoo taariikhni hin beekkamin hanga
wanni to-kkoo isaanii kaanirra caalchisu
mul`atutti fakkeessan isaa aayataa {
ما ملكت ايمانكم
} , jettuufii aayat {
وان تجمعوا بين الاختين
} jettu aayaanni duraa
dhalaa gabroota obboleeyyan walitti qabanii
fuudhuu beysiftu ammo aayanni boodaa ni
dhoowwiti duuba ka booda kana irra caalchifna
waan diin ifii eeggatuun keessa jiruuf yoo
taariikhni beekhame ka boodatiitu , kan duraa
shaara akka aayata lamaan iddaa du`aa tan
aayanni duraa amata jettee ta boodaa baatii
afuriifii guyyaa kudhan jettee ta duraa shaarte
akka aayata lamaan musaabara`aa yookaa obsaa kan
tan duraa ormi islaamaa diidda-mni sabrii qabu
kuffaaraa dhibba lamaan loluun dirqama jette kan
tan boodaa ormi islaamaa dhibbi tokko kan sabrii
yookaa obsa qabu kaafira dhibba lamaan qabsoo
godhuun dirqama jettee ta duraa shaarte .
Ammoo yoo
daliilli lamaan khaassii taye , kan waan garii
malee waa hunda hin qabanne taye, yoo walitti
qabnee itti dalaguun mijjaaye walitti qabnee
itti dalayna akka hadiisa
1
– nabiin { tawadda`a wasghasla rijleyhi
توضأ وغسل رجليه
} nabiin wadda`teeti miila isaa
lamaan dhiqe je`u inni hadiisa bukhaari`iifii
beyhaqii keessa jiru .
2
– hadiisa nabiin { wadda`ateeti miila isaanii
kan kophee keessa jirutti bishaan facaasan
توضأ ورش الماء على قدميه وهما فى
النعلين } hadiisa
kana nasaa`iidhafii beyhaqiidhafii nama
biralle`eetu odeesse ma`naan hadiisa duraa
nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu
wadda`ateeti miila isaa lamaan dhiqe je`a
ma`naan hadiisa boodaa nabiin wadda`ateeti
bishaan miila lamaanitti if facaase isaanii
khophee keessa jiru je`a .
Duuba akkaatan
isaan lamaan itti wal taasisaniin wuduu`ni
boodaa wuduu`a haarayoomsu`uuti .
yoo walitti
qabuun hin mijjaayin , kan taariikhni hin
beekkamin , hadiisa lachuttuu hin dalaganii
irraa dhaabbatan hanga wanni tokkoo isaanii
kaanirraa caalchisu , mul`atutti .
fakkeessan dubbii
tanaa nabi Muhammad nageenyi isarratti haa
jiraatuu waan jaartii isaa ta dhiiga aada`aa
qabdurraa halaal godhaturraa gaafatamnaan akki
je`e waan marxoo isi`ii gubbaa jirutti qanani`uu
qaba waan handhuraafii jilba isi`ii jidduu jiruu
mitii abuu daawuuditu hadiisa kana odeesse .
Ammas nabiin
jaartii akkanarraa gaafatamnaan waan hunda itti
dalagaa wajji rafuu taatu malee je`an hadiisa
kana muslimtu odeesse duuba marxoo gubba`aan
wajji rafuun ni dhoowwamamoo hin dhoowwamu ?
akkanatti hadiisni lamaan wal dhabe duuba diin
ifii eeggatu`uu jecha gariin ulama`aa haraam
godhe ammoo gariin halaal godhe waan qaamni
jaarti`ii halaal tayuu tureef jecha .
Yoo taariikhni
isaan lamaanii beekkame hadiisni duraa kan
boodatiin shaarama kan akka hadiisa lamaan
qabrii ziyaaru`uu kan tokko dhoowwi kan tokko
geessisu duuba kan geessisuutu taariikhan irraa
boodaa tanaaf qabri ziyaarun barbaadama .
Yoo
daliilli tokko { aammii
عامي
} tayee , tokko khaassii taye ,
ka duraa ka waa hunda qabatuu, kuun ka waa hunda
hin qabannee , duuba kan waa hunda qabatu ka waa
hunda hin qabanneen fassarama yookaa { aammin }
sun khaassi`iin khassasama takkaa hidhama takkaa
fassarama sun akka hadiisa sahiihgeyni`ii kan {
فيما سقت السماء اعشر
} je`u ma`naan isaa waan
roobni magarse hunda keessatti kudhanirraa harka
tokko , zakaa kennuun ni wajaba je`uufii hadiisa
sahiiheyni`ii {
وليس فيما دون خمسة اوسق صدقة
} je`u ma`naan
isaa waan daawwillaa yookaa { wasaqa shan hin
geenye keessatti zakaan hin wajjabu jechu`uu ,
duuba hadiisa lammeysa`aa kanatti dalagama waan
hadiisa duraa khassaseef yookaa hidheef jecha .
Ammoo yoo
daliilli lamaan gama tokkoon {
عام
aammii } tayee, gama kaanin khaassii taye gama
isaanirraa aammi`ii, gama khaassi`iitu khassasa
gama waa hunda qabatu , gama waa hunda hin
qabanneetu hiikha takkaa hidha gama hidha`atti
dalagan .
Fakkeessan sanii
hadiisa abii daawuudifii kan nama biraatillee
kan .
{
اذا بلغ الماء قلتين فإنه لا ينجس
} je`u hadiisa
ibnu maajahiifii namni biraa odeessen wajji kan
.
{
الماء لا ينجسه شئ الا ما غلب على ريحه وطعمه
ولونه } hadiisni
duraa qullateyni`itti khaasse` bishaan
jirjiirametti aammii bishaan jirjiirame kan
qullata gayuufii kaanillee qabata jechuu ammoo
hadiisni boodaa bishaan jirjiirametti khaassii
qullata lamaafii kan jirjiiramenitti ammii duuba
{ aammummaan } kanaa { khaassummaa } kanaatin
hiikkamti hanga bishaan qullata lama gaye yoo
jirjiirame ni najifama jennutti khaassummaan
kanaa aammummaa kanaatin hiikkamti hanga bishaan
qullata lamaa gadii jirjiramuu jirjiiramu baatuu
ni najifama jennutti .
Ammoo yoo {
aammummaan } kanaa khaassummaa kanaatin,
khaassummaan kanaa aammummaa kaanitiin hiikun
hin mijjaayin , waan kana kaanirra caalchisu ,
yookaa injifachiisu argatu`utti haajama .
Fakkeessan
isaa hadiisa bukhaari`ii kan {
من بدل دينه فاقتلوه
} { man baddala diinahuu
faqtuluuhu ma`naan isaa nama diinaa isaa
jirjiire ajjeesaa } je`uu hadiisa kanaafii
hadiisa { B / M } kan nabiin nageenyi isarratti
haa jiraatuu isa keessatti beera hin ajjeesinaa
je`an takkaa beera ajjaasurraa dhoowwan } wajji
hadiisni duraa { kan man baddala diinahuu
faqtuluuhu } je`u dhiiraa dhalallee qabata haa
tayuu nama diinirraa deebi`e qofa kan
lammeysa`aa beera qofarratti gabaabbata haa
tayuu beera kafareefii beera diinaa jirjiire ni
qabata akkanatti hadiisni lamaan nama
murtaddaaye keessatti wal dura dhaabbata tanaaf
jecha isiin murtaddooyte ni ajjeefamtimoo hin
ajjeefamtuu keessatti ulamaan wal dhabe haa
tayuu mu`tamanni
المعتمد
isiin ni ajjeefamti jechuu .