شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
USUULA FIQHIHI`II
 

Duree

 Beysa bu`urraa 

Beysisa ma`naa fiqhi`ii
 Maali wanni fiqhi`itti fedhame
Heera ibsu`uu
Waan beekkomsa taye addeessu
 Wallaala jechuun maali
Beekkomsa namaa
 Raga`aafii raggaafifatuun maali

Waa seyuun takkaa dareemuun akkami

Waan shakkiin yookaa mamni taye himuu
Waan usuula fiqhii taye himuu
Daliila fiqhi`ii adda babaafamaa
Hulaa usuulul fiqhi`ii
Hulaa dubbii qoodu`uu
Dubbiin bakka afuritti qoodamti
Dubbiin bakka sadiyitti qoodamti
Dubbiin bakka lamatti qoodamti
Haqiiqan bakka sadiyitti qoodamti
Waan amri`iifii nahyii jala seenufii waan isaan jala hin seene
Dhoowwaa
Jecha waa heduu qabatu
Jecha gabaabaa
Dalagaa ergamaa rabbii
Waan argame deemsisuu
Naskhiin bakka heddu`utti qoodama
 Hulaa daliilli yookaa ragaan wal didu`uu
Walii gala ulamaa`ii fiqhii islaamaa
Akhbaara sunnaa hadiissa
Qiyaasa
 Qiyaasni bakka sadiyitti qoodama sun
Dhoowwa` halaal
Waan duraan jirutti dalagu
Istis-haab haala dur haala ammaatii kennuu
Daliila tarreessuu
Sharxii mujtahidaa
Sharxii nama waa baruu barbaaduu
Al ijtihaada
 

 

 

 

 

 

 

 

kitaaba

waraqaat je`amu kan usuulaa fiqhi`ii  

   
 

  

باب تعارض الأدلة

Baaba daliilli yookaa ragaan wal didu`uu

Yoo daliilli lama , kan afaanin dubbatamu , wal dide , akka waan daliilli kun je`u kuun matumaanuu didu`uu takkaa garii waan sanii didu`uu gaafana isaan lamaan waan as deemu kanarraa qullaa hin tayan

Takkaa isaan lamaan kanneen waa hunda qabatan tayan { aammii  عام  } tayan jechuu .

Takkaa kanneen isaan lachuu waan garii qabatan tayan { khaassii  خاصى } jechuu.

Takkaa tokkoon isaanii , kan waan hunda qabatu kan kuun waan garii qabatu tayan .

Takkaa tokkoon isaanii gama tokkoon waa hunda qabatee gama kaanin waan garii qabatuu kan kuun akkas hin tayin tokkoo waan afran dubbannee kana tayu`urraa daliilli lamaan hin qullaayu .

Duuba yoo isaan lamaan kanneen waa hunda qabatan tayan { aammii  عامي  } tayan , yoo daliila lamaanittu wajjiin itti dalaguun mijjaaye lachuttuu ni dalagan haala adda addatti hiikanii  fakkeessa`aaf hadiisa nabirraa nuu dhufeetu jira kan .

{ sharrushuhuudi allazhii yashhadu qabla an yustashhada  شر الشهود الذي بشهد قبل ان يستشهد  } je`u ma`naan isaa irraa badaan ragaadhaa kan odoo ragaa bayuu irra hin barbaanne ragaa bayu jechuu kun daliila { aammii  عام  } je`ama kan nama ragaa bayu hunda qabatu .

ammas hadiisa biraatitu jira kan { khe-yrusshuhuud allazhii yashhadu qabla an yustashhada  خير الشهود الذي يشهد قبل ان يستشهد  } je`u ma`naan isaa irra caalan rag-a`aa kan odoo ragaa bayuu irra hin barbaanne ragaa bayuu jechu` kunis hadiisa { aammaa  عام  } je`ama kan nama raga bayu hunda qabatu inni hadiisa duraatin wal dhaba maalif inni duraa ragaan badaan je`a , kan boodaa ragaan gaarin je`a haa tayuu isaan lamaan wal taasisuun , lamaanittuu dalaguun ni mijjaaya maalif gaafii ragaan odoo raga bayu irra hin barbaadin ragaa bayuun isaa hammaatu gaafa namni ragaa bayaniif nama ragaa bayuuf san kan beeku taye ammoo gaafni ragaan gaarii tayu gaa-fa namni raga bayaniif nama ragaa bayuuf san kabn hin beyne taye hadiisa boodaa kana muslimtu odeesse kan duraa bukhaari`iifii muslimtu odeesse .

Ammoo yoo daliilli lamaan walitti qabanii itti dalaguun kan hin mijjoona taye lachuttuu dalagu`urraa , dhaabbanna yoo taariikhni hin beekkamin hanga wanni to-kkoo isaanii kaanirra caalchisu mul`atutti fakkeessan isaa aayataa { ما ملكت ايمانكم  } , jettuufii aayat {  وان تجمعوا بين الاختين  } jettu aayaanni duraa dhalaa gabroota obboleeyyan walitti qabanii fuudhuu beysiftu ammo aayanni boodaa ni dhoowwiti duuba ka booda kana irra caalchifna waan diin ifii eeggatuun keessa jiruuf yoo taariikhni beekhame ka boodatiitu , kan duraa shaara akka aayata lamaan iddaa du`aa tan aayanni duraa amata jettee ta boodaa baatii afuriifii guyyaa kudhan jettee ta duraa shaarte akka aayata lamaan musaabara`aa yookaa obsaa kan tan duraa ormi islaamaa diidda-mni sabrii qabu kuffaaraa dhibba lamaan loluun dirqama jette kan tan boodaa ormi islaamaa dhibbi tokko kan sabrii yookaa obsa qabu kaafira dhibba lamaan qabsoo  godhuun dirqama jettee ta duraa shaarte .

Ammoo yoo daliilli lamaan khaassii taye , kan waan garii malee waa hunda hin qabanne taye, yoo walitti qabnee itti dalaguun mijjaaye walitti qabnee itti dalayna akka hadiisa

1 – nabiin { tawadda`a wasghasla rijleyhi  توضأ وغسل رجليه  } nabiin wadda`teeti miila isaa lamaan dhiqe je`u inni hadiisa bukhaari`iifii beyhaqii keessa jiru .

2 – hadiisa nabiin { wadda`ateeti miila isaanii kan kophee keessa jirutti bishaan facaasan  توضأ ورش الماء على قدميه وهما فى النعلين  } hadiisa kana nasaa`iidhafii beyhaqiidhafii nama biralle`eetu  odeesse ma`naan hadiisa duraa nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu wadda`ateeti miila isaa lamaan dhiqe je`a ma`naan hadiisa boodaa nabiin wadda`ateeti bishaan miila lamaanitti if facaase isaanii khophee keessa jiru je`a .

Duuba akkaatan isaan lamaan itti wal taasisaniin wuduu`ni boodaa wuduu`a haarayoomsu`uuti .

yoo walitti qabuun hin mijjaayin , kan taariikhni hin beekkamin , hadiisa lachuttuu hin dalaganii irraa dhaabbatan hanga wanni tokkoo isaanii kaanirraa caalchisu , mul`atutti .

fakkeessan dubbii tanaa nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu waan jaartii isaa ta dhiiga aada`aa qabdurraa halaal godhaturraa gaafatamnaan  akki je`e waan marxoo isi`ii gubbaa jirutti qanani`uu qaba waan handhuraafii jilba isi`ii jidduu jiruu mitii abuu daawuuditu hadiisa kana odeesse .

Ammas nabiin jaartii akkanarraa gaafatamnaan waan hunda itti dalagaa wajji rafuu taatu malee je`an hadiisa kana muslimtu odeesse duuba marxoo gubba`aan wajji rafuun ni dhoowwamamoo hin dhoowwamu ? akkanatti hadiisni lamaan wal dhabe duuba diin ifii eeggatu`uu jecha gariin ulama`aa haraam godhe ammoo gariin halaal godhe waan qaamni jaarti`ii halaal tayuu tureef jecha .

Yoo taariikhni isaan lamaanii beekkame hadiisni duraa kan boodatiin shaarama kan akka hadiisa lamaan qabrii ziyaaru`uu kan tokko dhoowwi kan tokko geessisu duuba kan geessisuutu taariikhan irraa boodaa tanaaf qabri ziyaarun barbaadama .

Yoo daliilli tokko { aammii  عامي  } tayee , tokko khaassii taye , ka duraa ka waa hunda qabatuu, kuun ka waa hunda hin qabannee , duuba kan waa hunda qabatu ka waa hunda hin qabanneen fassarama yookaa { aammin } sun khaassi`iin khassasama takkaa hidhama takkaa fassarama sun akka hadiisa sahiihgeyni`ii kan { فيما سقت السماء اعشر  } je`u ma`naan isaa waan roobni magarse hunda keessatti kudhanirraa harka tokko , zakaa kennuun ni wajaba je`uufii hadiisa sahiiheyni`ii {  وليس فيما دون خمسة اوسق صدقة  } je`u ma`naan isaa waan daawwillaa yookaa { wasaqa shan hin geenye keessatti zakaan hin wajjabu jechu`uu , duuba hadiisa lammeysa`aa kanatti dalagama waan hadiisa duraa khassaseef yookaa hidheef jecha .

Ammoo yoo daliilli lamaan gama tokkoon { عام  aammii } tayee, gama kaanin khaassii taye gama isaanirraa aammi`ii, gama khaassi`iitu khassasa gama waa hunda qabatu , gama waa hunda hin qabanneetu hiikha takkaa hidha gama hidha`atti dalagan .

Fakkeessan sanii hadiisa abii daawuudifii kan nama biraatillee kan .

{  اذا بلغ الماء قلتين فإنه لا ينجس  } je`u hadiisa ibnu maajahiifii namni biraa odeessen wajji kan .

{ الماء لا ينجسه شئ الا ما غلب على ريحه وطعمه ولونه  } hadiisni duraa qullateyni`itti khaasse` bishaan jirjiirametti aammii bishaan jirjiirame kan qullata gayuufii kaanillee qabata jechuu ammoo hadiisni boodaa bishaan jirjiirametti khaassii qullata lamaafii kan jirjiiramenitti ammii duuba { aammummaan } kanaa { khaassummaa } kanaatin hiikkamti hanga bishaan qullata lama gaye yoo jirjiirame ni najifama jennutti  khaassummaan kanaa aammummaa kanaatin hiikkamti hanga bishaan qullata lamaa gadii jirjiramuu jirjiiramu baatuu ni najifama jennutti .

Ammoo yoo { aammummaan } kanaa khaassummaa kanaatin, khaassummaan kanaa aammummaa kaanitiin hiikun hin mijjaayin , waan kana kaanirra caalchisu , yookaa injifachiisu argatu`utti haajama .

Fakkeessan isaa hadiisa bukhaari`ii kan { من بدل دينه فاقتلوه  } { man baddala diinahuu faqtuluuhu ma`naan isaa nama diinaa isaa jirjiire ajjeesaa } je`uu hadiisa kanaafii hadiisa { B / M } kan nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu isa keessatti beera hin ajjeesinaa je`an takkaa beera ajjaasurraa dhoowwan } wajji hadiisni duraa { kan man baddala diinahuu faqtuluuhu } je`u dhiiraa dhalallee qabata haa tayuu nama diinirraa deebi`e qofa kan lammeysa`aa beera qofarratti gabaabbata haa tayuu beera kafareefii beera diinaa jirjiire ni qabata akkanatti hadiisni lamaan nama murtaddaaye keessatti wal dura dhaabbata tanaaf jecha isiin murtaddooyte ni ajjeefamtimoo hin ajjeefamtuu keessatti ulamaan wal dhabe haa tayuu mu`tamanni المعتمد  isiin ni ajjeefamti jechuu .

 

 

 

 

 

 

 

 

 

  filadhu  

kh_rashad2004@hotmail.com