شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
AKKAATAA SALAATAA

Duree

 Shahaadaa lamaan

 Arkaanni islaamaa shani
 salaata
Gatii yookaa darajaa salaataa
 Hukmii nama salaata dhiisee
Qaaydaa islaamaa
Salaatafii sharxii isiidhaa
Hadasa xiqqaafii hadasa guddaa

Akkaataa itti dhiqatan

Salaata shananiitifii raka`aa isi`ii
Wuduu`a takkaa wassaa godhatu`
 Sunnaa wuduu`aa
tayammum
 Waan sharxii salaatarra hafe
Nama salaanni irratti wajjabdu
Azhaana salaataa
Azaana xiqqaa takkaayuu iqaamaa
Akkaataa salaataa waan as deemu kanarraa laalii baradhu
Nama salaanni irratti wajjabdu
Salaata jamaakhaadhaa
Gatii salaata jamaakgaadhaa
Faa`idaa takka du`aa
Salaatul`iida
Salaata taraawiiha
Salaata istikhaara`aa
 Salaata janaaza`aa
Salaata musaafiraa takkaa imaltu`uu
alaata nama dhukkubsatuu
Du`aa`ii salaata
 Waan tashahhuda boodaa wajji qara`an
Du`aa`ii salaata boodaa
Du`aa`ii ganamaa galgalaa
dalagaa
 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA
AKKAATAA SALAATAA

   
 

 

تَعَلَم كيْفِيَةِ الصَّلاَةِ مِنِ الآتِي

AKKAATAA SALAATAA WAAN AS DEEMU KANARRAA LAALII BARADHU

 

1: Dura dursoo salaata deemtuf , san fardii, salaata abaluutan salaata je`ii maqaa dhawii, harka kee lamaan hanga ceekhuu tee lamaanitti ol fuudhii , ceekhuu lamaan gubbaa qabii gurratti qixxeessii {allaahu akbar { اللَّه أَكْبَر} je`i.

Duuba akkana je`uudhan salaata hidhattee , waan salaata balleessu hundarraa fagaadhu`, {allaahu akbar {اللَّه أَكْبَر} jechuu kanaan takbiiratul`ihraam je`anii , takbiira hidhanna je`uudha`aa sii dhaabbatu isii je`uun sharxiidha , tanaaf jecha yoo imaama rukuu`af  gad  je`etti hidhatuu feete, dura ziq je`ee , takkaa qajeelii dhaabbadhuu , allaahu akbar , je`ii eegasii lammada {allaahu akbar { je`ii wajji gad je`i.

2 :  Eega salaata hidhattee harka mirgaa kan bita`arra kaayii lappe`erra onnee  gubbaa kaayii eegasii du`aa`ii jalqaba salaata qara`i isiin hunoo tana.

} وَجَهْتُ وَجْهِى لِلَّذِى فَطَرَ السَّمَوَاتِ وَالاَرْضَ حَنِيْفاً مُسْلِماً وَمَا أَنَاْ مِنَ المُشْرِكِينَ اِنَّ صَلاَتِى وَنُسُكِى وَمَحْيَاىَ وَمَمَاتِى لِلَّهِ رَبَّ العَالَمِين ،لاَ شَرِيْكَ لَهُ وَبِذَلِكَ أُمِرْتُ وَأَنَاْ مِنَ المُسْلِمِينَ{ .

{Wajjahtu wajhiya lillazhii faxarassamaawaati wal`ardga hganiifan musliman wamaa ana minalmushrikiin. inna sgalaatii wanusukii wa mahgyaaya wamamaatii, lillaahi Rabbilkgaalamiin, laa shariika lahuu wa bizhaalika umirtu wa ana minalmuslimiin}.

Ma`naan du`aa`ii tanaa { fuula kiyya gara Rabbii sami`iifii , dachii uumee gara galche anaa jallinarraa gara haqaa jallatu ,anaa islaamaa.an nama Rabbiif shariika yookaa masaanuu godhuu miti, salaanni kiyyaafii, ibaadan tiyya , jiruun tiyyaafii duuti tiyya , ta Rabbiitii harka isaati jirti Rabbii waa hunda uumee tooyatu , kan fakkaataa hin qabne an warra islaamarraay} jechu'.

Takkaa du'aa'ii tana qara'i :

}سُبْحَانَكَ اللَّهُمَّ وَبِحَمْدِكَ وَتَبَارَكَ اِسْمُكَ وَتَعَالَى جَدُكَ وَلاَ اِلَهَ غَيْرُكَ{

{subhgaanakallaahumma wa bi hgamdika wa tabaaraka  ismuka wa takgaalaa jadduka wa laa ilaaha ghayruka} .

Ma`anaan isaa: {yaa Rabbi waan siin hin mallerraan , si qulqulleysa, qulqullummaan teetii, faarfamu`uun wajji, takkaa si faarsu`uun wajji , maqaan kee guddate  guddinni kee ol taye , si malee Rabbiin biraa hin jiru} jechu' .

Eegasii sheyxaanarraa Rabbitti maganfadhu , akkana je`ii:

} أَعُوذُ بِاللَّهِ مِنَ الشَّيْطَانِ الرَّجِيمِ{

{AKGUUZHU BILLAAHI MINASHAYXAANIRRAJIIM}

Eegasii bismillaa qara`i:

بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَنِ الرَّحِيمِ

BISMILLAAHIRRAHGMAANIRRAHGIIM }

Eegasii faatihgaa qara`i:

{ الحَمْدُ لِلَّهِ رَبِّ العَالَمِيْن * الرَّحْمَنِ الرَّحِيمِ * مَالِكِ يَوْمِ الدِّيْنِ* اِيَّاَكَ نَعْبُدُ وَاِيَّاكَ نَسْتَعِينُ * اِهْدِنَا الصِرَاطَ المُسْتَقِيمِ * صِرَاطَ الَّذِيْنَ أَنْعَمْتَ عَلَيْهِمْ غَيْرِ المَغْضُوبِ عَلَيْهِم وَلاَ الضَآلِين }

{Alhgamdu lillaahi Rabbilkgaalamiin * Arrahgmaanirrahgiim * maaliki yawmiddiin * iyyaaka nakgbudu wa iyyaaka nastakgiin * ihdinassgiraaxalmustaqiim * sgiraaxallazhiin ankgamta kgalayhim * ghayrilmaghdguubi kgalayhim , wa ladgaaalliin } Aaamiin.

Eega faatihgaa qara`anii aamiin je`uun ni barbaadama, ma`naan isaa nurraa qeebali jechu`, eega faatihgaa qaraatee waan qur`aanarraa qomaa qabadu takkaa qara`uu dandeessu aayata tayuu suuraa tayuu qara`i salaata hundarraa rakakgaa lamaan duraa qofa keessatti sanuu yoo khophaa taate, ammoo yoo imaaman wajji salaatte faatihguma qofa qaraata . rakakgaa sadeysa`aatifii kan afreysa`aa keessatti faatihgaa malee suuraa hin qaraatu kophaa taatuu imaaman wajji taatuu suuran qara`an takka { suuratul`ikhlaasg }, {qul huwallahu ahgad} qara`uudhati .

بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَنِ الرَّحِيمِ

{ قُلْ هُوَ اللَّهُ أّحَد * اللَّهُ الصَّمَد * لَمْ يَلِد وَلَمْ يُولَد * وَلَمْ يَكُنْ لَهُ كُفْواً أَحَدْ}

Bismillaahirrahgmaanirrahgiim
{ Qul huwallaahu ahgad * Allaahussgamad * Lam yalid * Walam yuulad * Wa lam yakun lahuu kufuwan ahgad * }.

Takkaa suuraa biraa takka suuratunnasgrii qara`u suuratunnasgri hunoo tana:

بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَنِ الرَّحِيمِ

{  اِذَا جَاءَ نَصْرُ اللَّهِ وَالفَتْحِ * وَرَأَيْتَ النَّاسَ يَدْخُلُونَ فِى دِيْنِ اللَّهِ أَفْوَاجاً * فَسَبِحْ بِحَمْدِ رَبِكَ وَاسْتَغْفِرَهُ اِنَّهُ كَانَ تَوَاباَ }

 Bismillaahirrahgmaanirrahgiim

{izhaa jaaa`a nasrullaahi walfathgu * wa ra`aytannaasa yadkhuluuna fii diinillaahi afwaajan * fasabbihg bi hgamdi Rabbika wastaghfirhu innahu kaana tawwaabaa }

3: Eega faatihgaa qaraatee quru`aanarraa wa qaraatee {allahu akbar{ je`ii gad  je`i, takkaa rukuu`a godhi {rukuu`a{ jechuun: dhaabbatarraa gad je`u hanga harki jilba gayutti, duuba eegasii harka lamaan jilba lamaanirra kaayii {subhgaanallaah{ takkaa {subhgaana Rabbiyalkgazgiim wa bihgamdihi{ hogga sadii je'i .

} سُبْحَانَ اللَّه أَوسُبْحَانَ رَبِّىَ العَظِيْمِ وَبِحَمْدِهِ{

4 : Eegasii rukuu`arraa mataa ol fudhii, qajeelii dhaabbadhu. sii{ Samikgallaahu Liman Hgamidah} .

} سَمِعَ اللَّهُ لِمَن حَمِدَهُ {

Je`u, amoo hoggaa dirirtee takkaa qajeeltee dhaabbattee  wanni jettu:

} رَبَّنَا وَلَكَ الحَمْدُ {

{ Rabbanaa Walakalhgamdu je'i }

Rukku`arraa mataa ol fudhanii dhaabbatuu kanan i`tidaala je`a.

 

5 : Eegasi : sujuudaf takkaa adda lafa khaayu`uuf bu`i , sii .

}اللَّهُ أَكْبَر{

{ALLAAHU AKBAR } je'i.

Hoggaa addaa  lafa kaayu`uu takkaa sujuudu`uuf buutu dura dursoo jilba lamaan lafa kaayi ,eegasii harka lamaan, eegasii addaafii ,funyyaan lafa khaayi eega akkasitti sujuuddee sujuuda keessatti wanni jettu {SUBHGAANALLAH{ takkaa{Subhgaana Rabbiyala'kglaa Wa Bihgamdihii{ Hoggaa takka yookkaa sadii .

} سُبْحَانَ اللَّهُ أَوْ سُبْحَانَ رَبِّىَ الأَعْلَى وَبِحَمْدِهِ {

6 : Eegasii sujuudarraa mataa ol fuudhi sii {Allaahu akbar{ je`u , faana tee ta bita`aa garaa isi`irra ol debisii taa`i , faana mirgaa hirpha isi`ii ol dhaabii qubeen isi`ii lafatti gad dhaabii, eega sanii du`aa`ii tana qara'i .

{ RABRIGHFIR LII WARHGAMNII WAJBURNII , WAHDINII , WARZUQNII , WA KGAAFIINI }

}رَبِّ إِغْفِر لِى وَارْحَمْنِى وَاجْبُرْنِى وَاهْدِنِى وَارْزُقْنِى وَعَافِنِى {

7 : Eegasii sujuuda biraa kan lammeya`aa sujuudi akkuma sujuuda duraa sujuuddetti siin {ALLAAHU AKBAR JE`U .

}اللَّهُ أَكْـَبـر{

Eegasii { SUBHGAANA RABBIYAL`AKGLAA WAA BI HGAMDIHII {  takkaa { SUBHGAANALLAH { hogga sadii je'i.

 {سُبْحَانَ اللَّه سُبْحَانَ رَبِّىَ الاَعْلَى وَبِحَمْدِهِ{

akkanattii hogga lama sujuuduu takkaa adda lafa kaayuu kanaan sujuuda je`en.

8 : Eega sujuuda lammeeysa`arraa raaw`attee {ALLAAHU AKBAR { .

}اللَّهُ أَكْـَبـر{

je`aadhaa ka`ii dhaabbadhu.

Duuba dalagaa tanaan raka`aan salaataa tokko guutamee raka`aan lammeysa`aa jalqabame .

9 : Hoggaa rakakgaa durarraa dhaabbatee rakakgaa lammeysa`atti seente eega qajeeltee dhaabbattee akguuzhu billaahi minasheyxaanirrajiimifii, faatihaa amaallee waan dandeessu kan biraa qur`aanarraa  qaraata , eegasii rukku`a goota akkuma rakakgaa duraa dubbannetti, eegasii ikgtidaala goota, eegasii sujuuda lamaan sujuudda akkuma duraan dubbannetti.

10 : Ammoo eega rukkuu`a lammeysa`aa kan raka`aa lammeysa`arraa mataa ol fuutee hin ka`inii taa`i faana bita`aa afadhuu ta mirgaa dhaabii akka sujuuda lamaan jidduu teessetti taa`i, eegasii sii taa`u tashahhuda takkaa attahgiyyaata qara`i salaat alannabiin wajji .

} التَّحِيَاتُ المُبَارَكَاتُ ، الصَّلَوَاتُ ، الطَّيِبَاتُ لِلَّهِ، السَلاَمُ عَلَيْكَ أَيُّهَا النَّبِّىُ وَرَحْمَةُ اللَّهِ وَبَرَكَاتُهُ ، السَّلاَمُ عَلَيْنَا وَعَلَى عِبَادِ اللَّهِ الصَّالِحِينَ ، أَشْهَدُ أَنْ لاَ اِلَهَ اِلاَّ اللَّه وَأَشْهَدُ أَنَّ مُحَمَّداً عَبْدُهُ وَرَسُولُهُ{ .

Tashahhunni hunoo kan as deemu kana {Atta-hgiyyaatu ,almubaarakaatu, asgalawaatu, axxayyibaatu , lillaahi,assalaamu kgaleyka ayyuhannabiyyu, wara-hgmatullaahi, wabarakaatuhuu, asslaamu kgaleynaa, wa kgalaa kgibaadillaahisgalihgiin , ashhadu an laa`ilaaha illallaahu, wa ashhadu anna Muhgammadan kgabduhuu wa rasuuluhuu} .

Ammo salaata kgalannabiin gabaaban hunoo kana

{ ALLAHUMMA SGALLI KGALAA MUHAMMAD}

}اللَّهُمَّ صَلِّ عَلَى مُحَمَّد{

Yoo salaanni ati salaattu kan rakakgaa lamarratti dhumtu taate tan akka salaata subhiidhaa, salaata ibraahiim guuttee qaraata.  sun hunoo kanaa:

} اللَّهُمَّ صَلِّ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى آلِ مُحَمَّد كَمَا صَلَّيْتَ عَلَى اِبْرَاهِيمَ وَعَلَى آلِ اِبْرَاهِيمَ وَبَارِكْ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى آلِ مُحَمَّد كَمَا بَارَكْتَ عَلَى اِبْرَاهِيمَ وَعَلَى آلِ اِبْرَاهِيْم فِى العَالَمِينَ اِنَّكَ حَمِيْدٌ مَجِيْد{

{Allaahumma sgalli kgalaa Muhgammadin wa kgaalaa aali Muhgammadin kamaa sgalleyta kgalaa ibraahiima wa kgalaa aali ibraahiima wa baarik kgallaa Muhgammadin wa kgalaa aali Muhgammadin kamaa baarakta kgalaa ibraahiima wa kgalaa aali ibraahiima filkgaalamiina innaka hgamiidun majiid } .

Ammoo yoo salaanni ati salaattu tan rakakgaa lamarratti hin dhumne taate tan akka salaata rakakgaa sadiyii , yookaa afurii salaata ibraahiim hin qaraatuu attahiyyaata qaraateti {ALLAAHUMMA SGALII KGALAA MUHAMMAD { jettee waan salaatarraa hafetti kaata.sii {allaahu akbar je`aadhaa harka ol fuudhu. Eega dhaabbattee akkuma raka`aa lameyso`otti waan hafe salaatta eega faatihaadhatii suuraa hin qaraatu malee.

Tashahhunni rakakgaa lamarratti qara`an sun nama salaanni irratti hafeef tashahhuda duraati je`amaa eega waan hafe salaatee ammas tashahhuda biraati , salaata ibraahiimin wajji qara`a takkaa qaraata .teessumti tashahhuda duraatii taa`aniifii , tan tashahhuda  boodatiif taa`an , waa xiqqo wal dhabdi.

Maalif hoggaa tashahudda duraati taa`an faana bita`arra if taa`aan faana mirgaa hirpha isi`ii ol dhaabanii , ammoo teessuma tashahhuda boodaa keessaatti faana bita`aa ta mirgaa jalaan achi baasaniiti huddu`uun lafa taa`an akka suuraa tana keessatti sii mul`atu.

11 : Hogaa attahgiyyaata qara`uudhaa teessu harka kee lamaan jilba lamaanirra kaayii , qubbeen harka bita`aa diriirsii afi, qubbeen harka mirgaa dachaasii akka nama waa dumucutti qabi abba guddu`uufii cammee isatti aantu malee , ammoo isaan lamaan cammee diriirsiteeti abba guddu`us dirirsitee cammee jala isii keessee cammee qarqara jilbarra keessee attahiyyaata qaraata . duuba hoggaa sii tashahhuda takkaa attahiyyaata qara`u {ashhadu an laa ilaaha illallaahu{ geesse jecha {illaallaahu{ biratti cammee ol fuuta tokkummaa Rabbii acheekhu`uu jecha duuba hanga salaammattuu akkasumatti dhiifta.

12 : Eega attahiyyaat boodaa qaraatee irraa raw`attee sii mirga kee mil`aatu

{Assalaamu Kgalaykum Wa Rahgmatullaahi Wa Barakaatuhuu}.

} السَّلاَمُ عَلَيْكُمْ وَرَحْمَةُ اللَّهِ وَبَرَكَاتُهُ {

13  : Ammas sii bitaa kee mil`atu

{Assalaamu Kgalaykum Wa Rahgmatullaahi Wa Barakaatuhuu}.

}السَّلاَمُ عَلَيْكُمْ وَرَحْمَةُ اللَّهِ وَبَرَكَاتُهُ{

 

بَقِيّةْ شُرُوطْ الصَّلاَة

WAAN SHARXII SALAATARRA HAFE

 

 2 : Sharxiin salaataa ta duraa xahaara`aa dubbannee jirra xahaaraa qaamaa taatuu xahaaraa waya`aa taatuu ta bakka irra dhaabbatanii taatuu hadasaafii najisarraa if qulqulleysun sharxii salaatati . {najisa{ jechuun: waan akka udaanii fa`a haatayuu faltiin yookaa udaan waan foon isi`ii nyaadhamuu kan akka gaalaa re`e`ee , loonii,xaahiraa najisaa miti , ulamaa garii biratti , warri baadiya`aa kan hori`irraa hin maaramne kan bishaan isaanitti xiqqa`aa ,dhoqqeen na tuyxe je`ee salaata dhiisuu dhabee salaatu`uutu gaarii natti fakkaata.

Duuba sharxiin salaataa ta lameysoodhaa qaama yookaa nafa if dhuysu`, hoggaa salaatatti ka`an dhiirti waan qaama isi`irraa handhuraafii jilba jidduu jiru if dhuysu`u,lubbuu isaatifii namarralle`ee ammoo dhalaan qaama isi`ii hunda if dhuysu` waan hoggaa dalaga`aa qaama isi`irraa mul`atu malee,sun akka ulamaan je`anitti fuulafii shanacha lamaani .

3 : Sharxiin salaataa ta sadeysa`aa waytiin salaataa seenu`u.salaata oddo waytiin isi`iin hin seenne salaatun hin gayu. Salaanni hundi waytii qabdii siifin dubbatu`uu taa`aa.

4 : Sharxiin salaataa ta afreessa`aa qibla`atti gara galu`sun gara ka`ba`aa tan makka keessa jirtutti qaaman gara galuudhaa .

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com