شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
AKKAATAA SALAATAA

Duree

 Shahaadaa lamaan

 Arkaanni islaamaa shani
 salaata
Gatii yookaa darajaa salaataa
 Hukmii nama salaata dhiisee
Qaaydaa islaamaa
Salaatafii sharxii isiidhaa
Hadasa xiqqaafii hadasa guddaa

Akkaataa itti dhiqatan

Salaata shananiitifii raka`aa isi`ii
Wuduu`a takkaa wassaa godhatu`
 Sunnaa wuduu`aa
tayammum
 Waan sharxii salaatarra hafe
Nama salaanni irratti wajjabdu
Azhaana salaataa
Azaana xiqqaa takkaayuu iqaamaa
Akkaataa salaataa waan as deemu kanarraa laalii baradhu
Nama salaanni irratti wajjabdu
Salaata jamaakhaadhaa
Gatii salaata jamaakgaadhaa
Faa`idaa takka du`aa
Salaatul`iida
Salaata taraawiiha
Salaata istikhaara`aa
 Salaata janaaza`aa
Salaata musaafiraa takkaa imaltu`uu
alaata nama dhukkubsatuu
Du`aa`ii salaata
 Waan tashahhuda boodaa wajji qara`an
Du`aa`ii salaata boodaa
Du`aa`ii ganamaa galgalaa
dalagaa
 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA
AKKAATAA SALAATAA

   
 

 

DALAGAA

Jiruun addunya`aa , akkasuma jiruun aakhira`aa dalaga`arratti jaaramti, namni hin dalayne jirruun isaa guutu`uu miti, tanaaf Rabbiin, eega salaattanii adda yaa`aadhaa dalagaa je`ee ummata islaamaa ajaje:

ÝóÇöÐóÇ ÞõÖöíóÊö ÇáÕøóáÇóÉõ ÝóÇäúÊóÔöÑõæÇ Ýöì ÇáÃóÑúÖö æóÇÈúÊóÛõæÇ ãöä ÝóÖúáö Çááøóåö

Ammas Rabbiin akki je`u: {Yaa warra Rabbitti amane. dalagaa.dalagaa teessan Rabbiifii rassuulli isaa ammallee ummanni islaamaa hundi argu`uuf   taa`aa {æóÞõáú ÇöÚúãóáõæÇ ÝóÓóíóÑóì Çááøóåõ Úóãóáóßõã æóÑóÓõæáóåõ æóÇáãõÄúãöäöíäó}.

 maalif salaanni waan dalaga`atti nama kaasu malee waan dalaga`arraa  nama dhoowwuu miti. salanni dalagaa hunda waytii isaa keessatti dalaguu nama barsiifti, sharxii waan dalaganii eeggatanii,waan isii balleessurraa fagaatanii, akkuma salaata sharxii isi`ii eegatanii salaatanitti.

 Salaanni waan fayyaa qaamaa, ammallee fayyaa lubbu`uu,namaa eegu,salaanni waan akkaataa dalaga`aa nama barsiisu, mataa nama dalaysiisu godhatanii. waan inni je`u dhagayanii.

 Mu`mina  guutuu jechuun : kan salaatee, Rabbi khadhatee, dalaga`atti lafaa kha`u, dalaguma taatee haa taatuu,nama wajji dalaganiin wal tayee dalagaa waa barsiisu`uu taatuu. tan waa baratu`uu taatuu. tan waa tolchu`uu taatuu, tan  lolanii lolchiisu`uu taatuu dalagaa lafa qotatu`uu taatuu, dalagaa waa bitanii gurguru`uu taatuu.

 Maalif namni waan dalayne, humna takkallee argatuu hin dandayu, tanaaf jecha xilaata ilma namaa sadeen : wallaalafii , dhukkubaafii , waa dhabatti duul-aadhaa , cabsaa , salaatafii waa baratu`uufii , dalaga`aan , waa takka beekhaa:nama fayyaa qabuutu dalagaa guutuu dandaya, nama qaaman dhukkubsatuu  mitii, wanni dhukkuba qaamatti fidu : funyaanin waa fuunfatu`, takkaa afaanin, wanni qulqulluun tayin,nama seenu`. Takkaa harkaan waan qaama miidhu qabatu`, takkaa miilan tuqu`, duuba namni salaataa je`ee, funyaanifii, afaan hoggaa khudha shan, khudha shan dhiqu, kan harkaafii miilas akkasitti dhiqu halkaniifii guya`arraa, qaamni isaa dhukkuba hin arguu nagayaan ,fayya`aan jiraata,akkanatti salaanni fayyaa qaamaf fiddi akkuma Rabbii keetin walitti si hiitee, dagatuu si dhowwitee ,fayyaa lubbu`uu fiddu. tanaaf salaatatti jabaadha`aa ,fayya`aan dalaga`aa hidhadhaa.

 Kitaabni salaataa asirratti dhumee galanni kan Rabbiitii wannin isa kadhu kitaaba faaydaa qabu kan nama tolcheefii, kan qara`e, ammallee nama facaasee tolu godhu`,obboleeyyan kiyyarraa wannin khajeelu gaarii qeebalanii hamtuu tolchanii du`aa`iidhan na yaadatu, obbolleessa keessan:

 

Dr.   MUHAMMAD RASHAAD

KABIIR ABDULLEE KABIIR MUUMAYYAA

HARAR  CARCAR   

 LAGA ARBA}

faarun dura duubatti ta Rabbiiti rahmataafii nageenyi kan nabiiti .

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com