شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
AKKAATAA SALAATAA

Duree

 Shahaadaa lamaan

 Arkaanni islaamaa shani
 salaata
Gatii yookaa darajaa salaataa
 Hukmii nama salaata dhiisee
Qaaydaa islaamaa
Salaatafii sharxii isiidhaa
Hadasa xiqqaafii hadasa guddaa

Akkaataa itti dhiqatan

Salaata shananiitifii raka`aa isi`ii
Wuduu`a takkaa wassaa godhatu`
 Sunnaa wuduu`aa
tayammum
 Waan sharxii salaatarra hafe
Nama salaanni irratti wajjabdu
Azhaana salaataa
Azaana xiqqaa takkaayuu iqaamaa
Akkaataa salaataa waan as deemu kanarraa laalii baradhu
Nama salaanni irratti wajjabdu
Salaata jamaakhaadhaa
Gatii salaata jamaakgaadhaa
Faa`idaa takka du`aa
Salaatul`iida
Salaata taraawiiha
Salaata istikhaara`aa
 Salaata janaaza`aa
Salaata musaafiraa takkaa imaltu`uu
alaata nama dhukkubsatuu
Du`aa`ii salaata
 Waan tashahhuda boodaa wajji qara`an
Du`aa`ii salaata boodaa
Du`aa`ii ganamaa galgalaa
dalagaa
 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA
AKKAATAA SALAATAA

   
 

 

حكم من ترك الصلاة

HUKMII NAMA SALAATA DHIISEE

  Rabbiin akki je`e :

}حَافِظُوا عَلَى الصَّلَوَاتِ ،وَالصَّلاةِ الوُسْطَى{

Makgnaan isaa:{salaata eega`aa salaataa . salaata jiddu`uu akkan eega`aa{ jechu`. duuba wanni Rabbiin aayata tan keessatti itti nu ajaje salaata shanan tiyfatu`u keessattuu salaata jiddu`uu,nabi Muhammad akki je`e:{waani namni guyyaa qiyaama`aa dura dursoo irraa gaafatamu salaata yoo toltee irraa qeebalamte dalagaan gaarin biraa tan inni dalage hundi irraa qeebalamtii inni warra milki`iiti. ammoo yoo baddee irraa qeebalamuu baatte wanni biraa hundi irraan qeebalamtu} .

Rabbiin eega shahaadaa lamaanitii wanni wajabsiise  salaata shanani. duuba namni salaatarraa fagaate islaamarraa fagaatee Rabbii isa uume dallaansiise .

Nabi Muhammad akki je`e :  

} بَيْنَ الرَّجُلِ وَبَيْنَ الكُفْرِ تَرْكُ الصَّلاَةِ {

Makgnaan isaa: { wanni nama islaamatiifii kufrii jidduu jiru salaata dhiisu` girdoon isaan lamaan jidduu jirtu salaata , yoo salaata lakkise girdoon jiddu`uu fuudhamtee kufri`iin walitti bayan { jechu`

  Ammas nabi Muhammad akki je`e :  

}العَهْدُ الذِّى بَيْنَنَا وَبَيْنَهُم الصَّلاَة فَمَنْ تَرَكَهَا فَقَد كَفَرَ {

Makgnaan isaa:{baallamni nuufii warra Rabbitti kafare, takkaa morome jidduu jiru salaata .duuba namni salaata dhiise dhugumaan kafare waan asxaa isaafii kuffaara adda baaftu hin qabneef jecha{tanaaf jecha, namni hedduun ashaaba nabi Muhammadirraa kan akka  ashaab {umar namni beekha`aa salaata dhiise hanga waytiin salaata sanii baatutti inni kaafira jechaa yaadan .

Wanni salaata dhiisun azaaba nama seensiftii nu garsiisu, guyyaa qiyaama`aa hoggaa warra ibidda azaabatti darbameen ,maaltu azaaba hamaa kana isin seensise maal balleysitan je`anii gaafatan nuutu warra salaaturraa hin tayinii tanaaf ibidda hamaa kana seennee je`an tanaaf Rabbiin akki je`e

} كُلُّ نَفْسٍ بِمَا كَسَبَتْ رَهِيْنَةٌ اِلاَّ أَصْحَابِ اليَمِيْنْ فِى جَنَاتٍ يَتَسَاءَلُونَ عَنِ المُجْرِمِينَ مَا سَلَكَكُمْ فِى سَقَر قَالُوا لَمْ نَكُ مِنَ المُصَلِيْنَ {.

Makgnaan isaa: {Lubbuun hundi guyyaa qiyaama`aa waan dalaydeef qabamtee irraa gaafatamti ,namni amanee salaate warra mirgaa kan milkaayee, jannata seenan.jarri jannata seene sun hoggaa warra ibiddatti gubatu argan itti lallabaniitti : maaltu ibidda isin seensise je`aniin duuba warri ibiddaa sun wanni deebisuuf nuutu warra salaaturraa hin tayinii tanaaf ibidda haqa godhannee je`an ibidda hamaa waan itti darban walam godhee naa ida`aa je`u . duuba sun jazaa warra utubaa diina`aa jiysee waan Rabbiin itti ajajerraa kharaa qur`aanni dhufeenirraa bayeetii.namni qixaaxa san mudate if zigaaluu malee nama biraa hin zigaalu takkaayuu hin sakkabu .

Namni gariin akki je`u : diinan salaata qofaa mitii nama meeqaatam kan salaatu kan dalagaan isaa hamtu`uuti agarraa inumaa nuutu isarra waan gaarii dalagaa waan qalbiin teenya gaarii  taatee diinaa keenya Rabbii keenya nabii keenya jaalannuun salaanni homaan ir`isu je`a,yaanni kun yaada akkan qabne bada`.maalif inni yaada dalagaa nama badee laalanii,waan diinan itti ajaje , waan Rabbi dalagaa je`e dhiisu`utti nama yaamuu sun wahi akkaa ?.

Salaanni wahi dalagaa gaari`irraa nama dhowwaa? namni qalbiin tiyya gaariidha je`ee salaata dhiisu akka waan diinan qalbii keessatti awwaalamuu malee dalaga`aan mul`atuun waajiba hin tayiniiti yaada. Haatayuu yaanni kun yaada badaadha .kan waan islaamni dhufeen dura dhaabbatu takka waan Rabbiin je`u , didu .

Dhuga`aa .islaamni waa salaata qofaa miti .islaamni salaatafii qalbii tolu`uufii, haala hama`arraa qulqullaayu`uufii , jaalala Rabbiitifii kan nabiitifii kan diina`aa qabaatu`uufii,baallama guutu`uufii, soomanaafii, zaka`aafii ,hajji`iifii, arjuma`aafii , haqa Rabbirraa haqa ifirraa xilaata deebisu`uufii , waan dalagan hunda Rabbii je`anii dalagu`utti islaamni nama yaama , waan dubbane kanaatu diinaa islaamaa je`ama maalif iimaana jechuun yaada qalbii keessa jiru kan dalagaan mul`iftu. dalagaan gaarin midhaan iimaana jaba`aati .

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com