شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
AKKAATAA SALAATAA

Duree

 Shahaadaa lamaan

 Arkaanni islaamaa shani
 salaata
Gatii yookaa darajaa salaataa
 Hukmii nama salaata dhiisee
Qaaydaa islaamaa
Salaatafii sharxii isiidhaa
Hadasa xiqqaafii hadasa guddaa

Akkaataa itti dhiqatan

Salaata shananiitifii raka`aa isi`ii
Wuduu`a takkaa wassaa godhatu`
 Sunnaa wuduu`aa
tayammum
 Waan sharxii salaatarra hafe
Nama salaanni irratti wajjabdu
Azhaana salaataa
Azaana xiqqaa takkaayuu iqaamaa
Akkaataa salaataa waan as deemu kanarraa laalii baradhu
Nama salaanni irratti wajjabdu
Salaata jamaakhaadhaa
Gatii salaata jamaakgaadhaa
Faa`idaa takka du`aa
Salaatul`iida
Salaata taraawiiha
Salaata istikhaara`aa
 Salaata janaaza`aa
Salaata musaafiraa takkaa imaltu`uu
alaata nama dhukkubsatuu
Du`aa`ii salaata
 Waan tashahhuda boodaa wajji qara`an
Du`aa`ii salaata boodaa
Du`aa`ii ganamaa galgalaa
dalagaa
 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA
AKKAATAA SALAATAA

   
 

 

ÕÜÜÜÜÜáÇÉ ÇáÌãÇÚÉ

SALAATA JAMAAKGAADHAA

 Salaata jamaakgaadhaa jechuun namaan wajji salaatu`, odoo nama lamallee taatee  

Salaanni jamaakgaadhaa salaata khophaa salaatanirra harka diiddamii torbaan caala .

Akkaatan salaata jamaakgaadhaa :

Hoggaa azaananii , iqaamaa godhan , nama guutuu waa beekhu , if dura dhaabanii , yoo nama hedduu tayan isa duuban dhaabbatanii , yoo nama tokko tayan isa maddii gama mirgaatin irraa booda aananii  , dhaabbatan .

Duuba namichi durfame sun, akka salfiin dirirteefii ,kaan ,laalee wal, qixxeessee ,eegasii salaata jamaakgaadhaa niyyaattee ,{ALLAAHU AKBAR Çááå ÃßÈÑ} je`ee , hidhata .

Duuba eega inni{ALLAAHU AKBAR  Çááå ÃßÈÑ} Je`ee , warri isaan wajji salaatu`uu deemu hundi, salaataa jamaakgaadhaa niyyattee ,{ALLAAHU AKBAR   Çááå ÃßÈÑ }  je`a . namni akkatti imaamatti hidhate , hoggaa imaamtichi , takkaa namni nama salaachisu faatihgaa qara`u,ifiin qara`uu qaraatii imaama isaati dhaggeeffataa , hoggaa imaamni { walddgaalliin{je`e,wajji {AAAMIIN} je`a. yoo salaanni sun ta raka`aa lamaan duraa keessatti, qooqa ol fudhanii waa qara`an taate .

Namni imaaman wajji aamiin je`e ,sawaaba guddaa argata , salaanni isii keessattii, qooqa ol fuudhanii raka`aa lamaan duraa keessattii waa qara`an , ta imamatti qindaayanii aamiin jechuun barbaadamu, tan akka salaata subhgiidhaati ammalle Maghribaafii ,ishaa`iidhaafii jumkgaadhati . duuba hoggaa imaamni faatihgaa , fixee waa xiqqo cal`isu , jidduu inni cali`isu san, ma`muumni faatihgaa qara`a,eega faatihga`arraa raaw`atee  suuraa hin qara`uu , waan imaamni isaa qara`u dhaggeeffata . eegasii hoggaa imamni rukuu`a godhe , faana demeeti rukuu`a godha akkanatti waan inni dalaaguufii , waan inni je`u keessatti faana deema hanga salaanni dhumtutti.   

Namni hoggaa imaamni rukuu`atti jiru dhufee itti hidhatuu fedhe dura dursoo dhaabbateeti {Allaahu akbar{Je`ee hidhatee , isaa jamaakgaa niyyatu , eegasii lammada {Allaahu akbar{je`ee rukuu`a godha. Duuba yoo imaama rukuu`arraa mataa ol hin qabatin rukuu`a keessatti dhaqqabate rukuu`ni sun isaaf lakkaawama qaraatii faatihgaadhaa imaamatu irraa ba`ataa .ammoo yoo achitti hin dhaqqabatin salaanni isaa hidhamtee imaama bakka inni jirurraa jala deema haatayuu raka`aan sun isaaf hin hisaabamtuu, eega imamni salaammatee ka`ee fida .

Namni hoggaa imaamni rukuu`a godhu`uu dhiyaate dhufee itti hidhate du`aa`ii jalqaba salaataa hin qara`uu faatihguma qara`utti seena .duuba hoggaa imaamni rukuu`a godhe rukuu`a wajji godha ,namni salaata namaan salaatu imaama je`amaa kan isa duuba dhaabbatee salaatu ma`muuma takka jala deemaa je`amaa, inni imaama dura dabruun bakka dhaabbataniifii waan dalagamu keessatti, ittillee qindaayun waan {aamiin} hin tayin keessatti akkasuma dalagaa imaamarraa akkaan turuun ni dhowwama. Inumaa turiinsi gariin salaata balleysaa tanaaf jecha waan imaamni dalagaa salaatarraa dalage faana deemanii dalagu`. yoo waan faatihga`arraa qara`uun namarratti wajabe qara`uudhaa jalaa hafan taate malee sanuu waa xiqqo .

Akkaataa salaata jamaakgaadhaa garii arga`aan baranii garii dhageyti`iini.tanaaf jecha waan heera salaatarra hafe jamaa`aa wajji salaattanirraa baraa Nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je`e { sgallauu kamaa ra`aytumuunii usalli} .

}ÕóáøõæÇ ßóãóÇ ÑóÃóíúÊõãõæäöì ÃõÕóáöì {

Ma`naan isaa: {akka naa salaatu gartanitti salaata kiyyarratti laalladha`aa salaataa { jechu' .

 Tanaaf jecha nama akkaan salaata beekhurratti laalladhaa`aa salaataa akkaataa salaataa akkaan baradhaa salaata jamaa`aadhatti jabadhaa .

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com