شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
AKKAATAA SALAATAA

Duree

 Shahaadaa lamaan

 Arkaanni islaamaa shani
 salaata
Gatii yookaa darajaa salaataa
 Hukmii nama salaata dhiisee
Qaaydaa islaamaa
Salaatafii sharxii isiidhaa
Hadasa xiqqaafii hadasa guddaa

Akkaataa itti dhiqatan

Salaata shananiitifii raka`aa isi`ii
Wuduu`a takkaa wassaa godhatu`
 Sunnaa wuduu`aa
tayammum
 Waan sharxii salaatarra hafe
Nama salaanni irratti wajjabdu
Azhaana salaataa
Azaana xiqqaa takkaayuu iqaamaa
Akkaataa salaataa waan as deemu kanarraa laalii baradhu
Nama salaanni irratti wajjabdu
Salaata jamaakhaadhaa
Gatii salaata jamaakgaadhaa
Faa`idaa takka du`aa
Salaatul`iida
Salaata taraawiiha
Salaata istikhaara`aa
 Salaata janaaza`aa
Salaata musaafiraa takkaa imaltu`uu
alaata nama dhukkubsatuu
Du`aa`ii salaata
 Waan tashahhuda boodaa wajji qara`an
Du`aa`ii salaata boodaa
Du`aa`ii ganamaa galgalaa
dalagaa
 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA
AKKAATAA SALAATAA

   
 

 

GATII YOOKAA DARAJAA SALAATAA

Salaanni gatii guddoo qaba. kan Rabbiin mu`minarratti wajjabsiisee sababaa isaatin waan hamtu`urraa nama ittisee dilii hundarraa nama  ittisee dilii hundarraa nama  xahaarsu .

Rabbiin keenya akki je`e :

{ اِنَّ الصَّلاَةَ كَانَتْ عَلَى المُؤْمِنِينَ كِتَابًا مَوْقُوتاً {

Makgnaan isaa: { salaanni waan mu`minarratti fardii godhame,kan waytii keessatti dalagamu qabu ,kan dura dabarsuun hin taane, kan irraa booda aansun hin taane  jechu` }.

Ammas Rabbiin akki je`e :  

{ اِنَّ الصَّلاَةَ تَنْهَى عَنِ الفَحْشَاءِ وَالمُنْكَرِ {

Makgnaan isaa: {salaanni zinaa, yookaa gumnumma`arraa nama eeydi, ammallee waan hamtuu biraa hundarraa, nama eeydi. takkaa dhoowwiti {jechu`mee isinuu laalaa: namni hoggaa masjida keessa jiru ,waan gaarii malee,hin dubbatu,waan gaarii malee hin yaadu, waan gaarii malee hin dalaguu, hin argu, kun akka salaamni waan hamtu`urraa , nama dhoowitu , nama garsiisa. Maalif salaanni jamaa`aadhan wajji, salaatamtii , dubba nama masjida keessatti hoggaa shan wal argan ,horii isaa balleysun, jaartii isaa ,durba isaa, tuquun ni ulfaata ,wanni  biralleen akkasi .

Nabi Muhammad nageenyi isaanirratti haa jiraatuu akki je`e :  

{ أَرَأَيْتُمْ لَوأَنَّ نَهْراً بِبَابِ أَحَدِكُم يَغْتَسِلُ مِنْهُ كُلَّ يَومٍ خَمْسَ مَرَاتٍ هَلْ يَبْقَى مِنْ دَرْنِه شَئً؟ قَالُوا لاَ يَبْقَى مِنْ دَرْنِهِ شَئً.قَالَ فَذَلِكَ مِثْلَ الصَّلَوَاتِ الخَمْسِ يَمْحُوا اللَّهَ بِهِنَّ الخَطَايَا {.

Makgnaan isaa: { odoo hulaa mana tokkoo keessanii dura layni bishaanii yaa`ee kan hoggaa shan guyya`arraa laga sanitti dhiqatu tayee, xurii qaama isarratti wahi hambisaa je`ee ashaabaa isaa gaafate . duuba hin hanbisuu je`aniin jennaan nabiin akki je`e: salaanni akka laga saniitii Rabbiin sababaa isi`iitin nama isii salaaturraa dilii haqa { je`an } .

Salaanni shanan utubaa diinii namni salaata shanan :  SUBHII, ZUHRII, ASRII, MAGHRIBAAFII, ISHAA`II salaatu diinaa isaa gad dhaabee jabeesse, ammoo namni hin salaanne diinaa isaa jiyse.

Salaanni waan Rabbiifii gabricha isaa walitti hidhu .kan gabrichi guyya`arraa hoggaa shan fuula Rabbii isaa dura dhaabbatee waan fedhu khadhatu qalbii takkitti`iin. salaanni waan qaama dhukkubarraa qulqulleysee fayyaa namaa ida`ee nama jabeessu .

Salaanni asxaa yookkaa alaamaa iimaanaa guddo`orraayi . ammallee asxaa mul`attuu gabrichi galata Rabbiif galchuu beysiftu , tan Rabbiif gad je`uu isaa mul`iftu .

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com