شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
AKKAATAA SALAATAA

Duree

 Shahaadaa lamaan

 Arkaanni islaamaa shani
 salaata
Gatii yookaa darajaa salaataa
 Hukmii nama salaata dhiisee
Qaaydaa islaamaa
Salaatafii sharxii isiidhaa
Hadasa xiqqaafii hadasa guddaa

Akkaataa itti dhiqatan

Salaata shananiitifii raka`aa isi`ii
Wuduu`a takkaa wassaa godhatu`
 Sunnaa wuduu`aa
tayammum
 Waan sharxii salaatarra hafe
Nama salaanni irratti wajjabdu
Azhaana salaataa
Azaana xiqqaa takkaayuu iqaamaa
Akkaataa salaataa waan as deemu kanarraa laalii baradhu
Nama salaanni irratti wajjabdu
Salaata jamaakhaadhaa
Gatii salaata jamaakgaadhaa
Faa`idaa takka du`aa
Salaatul`iida
Salaata taraawiiha
Salaata istikhaara`aa
 Salaata janaaza`aa
Salaata musaafiraa takkaa imaltu`uu
alaata nama dhukkubsatuu
Du`aa`ii salaata
 Waan tashahhuda boodaa wajji qara`an
Du`aa`ii salaata boodaa
Du`aa`ii ganamaa galgalaa
dalagaa
 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA
AKKAATAA SALAATAA

   
 

 

DU`AA`II GANAMAA GALGALAA

 

1: Aayatulkursii   

 { {

{Allaahu laa ilaaha illaa huwalhgayyalqayyuum laa ta`khuzhuhuu sinatun waaa nawm, lahuu maa fissamaawaati waa`fil`ardgi man zhallazhii yashfakgu kgidahuu illaa bi`izhnihii yakglamu maa bana aydiihim,wa maa khalahm,wa laa yugiixuuna bishay`in min kgilmihii, illaa bimaa shaaa`a ,wasikga kursiyyuhussaaawaati wal`ardga walaa ya`uuduhuu hgizguhumaa wa huwal kgaliyyuulkgzgim} 

Nabi Muhammad nageenyi isaanirratti haa jiraatuu akki je`an: {namni aayatukursii salaata hunda booda qara`u, isaafii jannata jidduu wanni jiru du`a{ yoo du`e jannata seena jechu. 

Ammas nabi Muhammad akki je`e nani hogga rafu aayatulkursii qara`e. Rabiin isa tiyusuu haqa godhate, hanga baryutti shayxaanni, halkan san isatti hin dhiyaatu, yoo hori`iifii joolle`erratti qar`anis shayxaanni isaanitti hin dhiyaatu.

2: Suuratul'ikhlaasgifii Mukgawwazhtayn

Isaan qul huwallaahu ahgadiifii qul akguuzhu bi Rabbilfalaqiifii qul a`kguuhu bi Rabbinnaasi.

} {

 Nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu  akki jean:

  : { {

Ma`naan isaa {qul huwallaahufii,qul akguuzhu bi Rabbilfalaqii, qul akguuzhu bi Rabbinnaas, ganmaafii galgala hoggu sadii sadii qarai waa hundaafuu siif geessii} hadiisa kana abuu daawuuditu odeessee.

3: Nabi Muhammad nageenyi isaanirratti haa jiraatuu akki jee:

:{ { . {Bismillaahillazhii laa yadgurru makga ismihii shay`un fil`ardgi walaa fissmaa`i wa huwassamiikgulkgaliim}. 

Ma`naan isaa {namni ganamaafii galagala akkas jee waa takkalleen isa hin miitu, yoo ganama hoggaa sadii jee hanga galgalatti yoo galgala hoggaa sadii je`e, hanga ganamatti wanni takalleen isan darartu.

4: Ammas nabi Muhammad nageenyi isaanirratti haa jiraatuu nama tokko kan qeejjabbuun halkan tokko isa ciniintee itti himateen akki jee:

} {

Ma`naan isaa: {silaa odoo galgala san {Akguuzhu bi kalimaatillaahittaammaat min sharri maa khalaqa{ hoggaa sadii jettee, sin miitu{ jechu, ganama yoo jee hanga galgalatti wanni lsa miidhu hin jiru.

5: Ammas nabi Muhammad akki jee:

:{   {  

Ma`naan isaa namni salaata subhiidhatiifii salaata maghribaa booda hoggaa khudhan {laa ilaaha illallaahu wahdgahuu laa shariika lahuu lahulmulku, walahulhgamdu wahuwa kgalaa kulli shay`in qadiir{ je`e . rahmata khudhantu isaaf katabama, dilli khudhantu irraa buufama , darajaa kudhantu isaaf ol fuudhama,guyyaa san takkaa halkan san shayxaanafii, waan hamtuu hundarraa dallaya takkaa hirzii isaaf taati.

6: Namni qaama isaarraa waa isa dhukkube, bakka isa dhukkubdu sanirra harka kaayee hoggaa sadii {Bismillaah { jeee, eegasii hoggaa torba.

 {Akguuzhu bikgizzatillaah wa qudratihii, min sharri maa ajidu wa uhgaazhiru}.

} {

Haa je`uu Rabbiin irraa deemsisaa yoo niyyaa tole. maalif kan dhukkuba uume Rabbii , ammallee kan fayyaa fidu Raabii. Duuba namni dhuga`aan isatti dheyse hin hoongayu.

Du`aa`in tun, dawaa adda addaa kan nabi Muhammad nu barsiisanirraa takkaa dawaa biraa kan akka mukaa, kan akka isii dhalaa kaate, dafanii mana haakimaa geessu`uudharraa,takkaa deessiftuu isi`ii fidu`urraa naman dhoowwitu. Maalif Rabbiin dhukkuba hundaaf, dawaa godhee jira, namaatu hin beyne malee. tanaaf jecha , aaqilli nama, dhukkubsatu dawaa barbaaddatu, dawaa mukhaa tayuu, dawaa du`aa`iidhaa tayuu, dawaa biraa tayuu, Rabbumatti irkatee, isumaatu nama dhukkuba kiyya beekhu, kan dawaa isaa beekhu, na gaxxamsiisee, na fayyisaa yaada`aa .

7: Dawaa cinqii addunya`aa kan guyyaa qiyaama`aa nabi Muhammaditti akkaan nama dhiyeessu.

Sun salawaata nabi Muhammadirratti busu`uu Nabi Muhammad akki jee:

}    

  

Ma`naan isaa : nama hoggaa takka allaahumma salli alaa Muhammad je'ee Rabbiin hoggaa kudhan rahmata isarratti buusa, dilii kudhan irraa haqa darajaa kudhan ol fuudhaf, ammas nabi Muhammad akki jee:

 { {

Manaan isaa: {namni guyyaa qiyaama`aa akkaan natti dhiyaatu kan shafaa`aa tiyya haqa godhatu nama addunya`arratti salawaata  narratti buusuu heddommeysu} jechu. 

Tanaaf jecha namni nabirratti rahmata buusuu heddommeysu cinqii addunya`aa aakhira`aa hunda jalaa baya namni tokko asaabaa nabirraa nabi Muhammadiin akki jee:

Ma`naan isaa: {yaa ergamaa Rabbii bakkan silaa du`aa`ii godhu hunda salawaatuman sirratti buusuu maraxadhee du`aa`ii ifii godhu  dhiisee akkamii je`een jennaanin nabi Muhammad akka je`een: yoo akkasuma taate Rabbiin addunya`aa aakhira`arraa waan ati argatuu feetuu hunda sii kenneeti waan ati jibbitu hunda sirraa qaba je`een}.  

Salawaanni nabirratti buusan ibaadaa Rabbitti nama dhiyeessitu, tan addunya`aa aakhira`atti nama milkeysitu.

 Namni salawaata aadaa godhate dhugumaan milkaaye. Du`aa`in salawaata gama duratti takkaa jiddu`uutti takkaa gama boodatti hin je`in hin qeebalamtu,wanni gaarin hoggaa du`aa`ii godhan salawaata duraafii jiddu`uu boodallee je`u

Salawaata hoggaa hunda heddommeysun odoo barbaadamuu, guyyaa jim`ataa akkaan barbaadama heddommeysun wanni argamuun akka gariin ulama`aa je`utti hoggaa dhibba sadii je`u. haa tayuu hanga dandayan heddommeysu`uutu irra caala. maalif akkuma allaahumma sgalli kgalaa Muhammad jettuun rahmata Rabbii kudhan argattaa ,duuba namni rahmata Rabbii tokkichumaayuu argate maal dhabe? ifittin taa`inii rahmata itti busu`utti jabaadhu,doyn`i nama maqaa nabii, Dhagayee rahmata irrattin ,buusini namni wal gayee odoo rahmata nabirrattin buusin adda yaa`e sheenayu`uuf jiraata waan kheyrii guddoo dhiisaniif jecha.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com