شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

  SHARHGII MATNII ARBAKGIINA NAWAWI’II 

Duree { muqaddimah }

  Hadiisa  tokkoffa`aa 

Hadiisa lammeysa`aa

Hadiisa sadeessa`aa

Hadiisa afreessa`aa

Hadiisa shanaffa`aa

Hadiisa jaheessa`aa

Hadiisa torbeessa`aa

Hadiisa saddeyteysa`aa

Hadiisa seyleessaadhaa
Hadiisa kurneessa`aa
Hadiisa kudha tokkoo
Hadiisa kudha lamaa
Hadiisa kudha sadiyyii
Hadiisa kudha afreessa`aa
Hadiisa kudha shaneessa`aa
Hadiisa kudha jaheessa`aa
Hadiisa kudha torbeysa`aa
Hadiisa kudha saddeetii
Hadiisa kudha seyleessa`aa
Hadiisa diiddammeysa`aa
Hadiisa diiddamii tokkeessa`aa
Hadiisa diiddamii lammeysa`aa
Hadiisa diiddamii sadeessa`aa
Hadiisa diiddamii afreessa`aa
Hadiisa diiddamii shaneessa`aa
Hadiisa diiddamii jaheessa`aa
Hadiisa diiddamii torbeessa`aa
Hadiisa diiddamii saddeetii
Hadiisa diiddamii sayleessa`aa
Hadiisa soddommeysa`aa
Hadiisa soddomii tokkeessa`aa
Hadiisa soddomii lammeysa`aa
Hadiisa soddomii saddeessa`aa
Hadiisa soddomii afreessa`aa
Hadiisa soddomii shaneessa`aa
Hadiisa soddomii jaheessa`aa
Hadiisa soddomii torbeessa`aa
Hadiisa soddomii saddeeteysa`aa
Hadiisa soddomii seyleessa`aa
Hadiisa afurtammeysa`aa
Hadiisa afurtamii tokkoffa`aa
Hadiisa afurtamii lammeysa`aa
 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA

SHARHGII MATNII ARBAKGIINA NAWAWI’II

   
 

 

الحديث العاشر

HADIISA KURNEESSO`OO

*Hadiisa kana abuu hureyra`aatu Rabbi isarraa haa jaalatuu odeesse, inni akki je`e

عَنْ أبي هُرَيرَةَ y  قالَ

*Ergamaan Rabbii nabi Muham-mad nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je`e

قالَ رَسُولُ r

*Rabbiin ol taye qulqullu`uu wanni ir`uu taye marti, isaan hin maltuu, inni kan waan gaari`iin itti dhiy-aatanii

إِنَّ الله َتعالى طَيب

*Inni waan  gaarii   malee waan ha-mtuu hin qeebalu, wanni gara

لا يقْبَلُ إِلا طَيبا

isaa dhiyaataniin ,waan gaari`ii,Rabbiin dalagaa gaarii malee , dalagaa hamtuu gabroottan isarraa hin jaalatu akkasuma Rabbiin waan halaal malee,waan haraam sadaqatuu hin qeebalu Rabbiin midhaan gaarii dhiiftee, midhaan hamaa sadaqatuu hin qeebalu waan horii kiyyaa beytu dhiiftee, waan horii kiyyamoo ,kan nama biraatii shakkitu , sadaqatuu Rabbiin hin jaalatu Rabbiin akki je`u

{ ولا تَيَمَّمُوا الخبيثَ منه تنفقون {    

Ma`naan isaa: waan gaarii dhiiftanii ,waan badduu namaa kennu`uu , takkaa sadaqatuu hin hamilinaa,takkaa hin yaadinaa ,Rabbiin san hin qeebalu  jechu`.

Rabbiin akkuma horii gaari`iin malee , horii bada`aan gara isaa dhiyaatuu hin qeeballe , dalagaa gaari`iin malee, dalagaa baddu`uun gara isaa dhiyaatu hin qeeballe

Dalagaan badduun tan hoggaa dalagaan , salaata tayuu waan biraa tayuu , haa namni na argu`uuf takkaa isi`iin dhaaddatu`uuf dalagan .

Dalagaan Rabbiin qeebalu dalagaa jaalala Rabbii barbaadu`uu jecha dalagan .

*Rabbiin warra isatti amane hunda waan  ergamoota yookaa  anbiyo-ota , isaa itti ajajetti, isaan ammare takkaa ajaje, waan anbiyootan dalagaa je`e mu`mintootan dalagaa je`e   

وإِنَّ الله تعالى أَمَرَ المُؤْمِنِينَ بِمَا أَمَرَ بِهِ المُرْسَلِينَ

*Rabbiin  guddaan wanni ergam-oota isaatin je`e yaa anbiyoota kiyya halaal nyaadhaa

فَقالَ تعالى يأيها الرُّسُلُ كُلُوا مِنَ الطَّيباتِ

*Waan gaarii dalagaa , waan hamtu`urraa fagaadhaa

واعمَلُوا صَالِحا

*Ammas Rabbiin guddaan wanni warra isatti amaneen je`e yaa  wa-rra natti amane  waan

وَقاَلَ تعالى ياأيهَا الَّذِينَ آمَنُوا كُلُوا مِنْ طيبات ما رًزَقْناكُمْ

nuti isinii kennine, takkaa isin razaqnerraa, waan halaal taye nyaadhaa haraamirraa fagaadhaa akkanatti Rabbiin, anbiyootafii, warra isatti amane halaal nyaatu`utti ammare , takkaa ajaje 

Tanaaf jecha namni halaal nyaatu, ibaadaa Rabbirratti jabaatu`uuf , takkaa lubbuu ifii jiraachisu`uu jecha nyaatu , sawaaba Rabbirraa argata

Ammoo namni nyaata, mi`uma isaatii jecha ,takkaa qananiidhaa jecha nyaatu , kan haqarratti jabaatuu ittin niyyanne ,namni sun, nyaata sanirratti, sawaaba hin argatu .

*Nabi Muhammad eega Rabbiin anbiyo-otafii, warra isatti amane, halaal nyaatanii, waan gaarii dalagu`utti ammaree , nuu himee 

ثمّ

 

*Nama tokko kan safara takkaa imaltuu dheertuu, hajji`ii jecha takkaa jihaadaf , takkaa ibaadaa biraatif deemu nuu dubbate

ذكَرَ الرَّجُلَ يطِيلُ السَّفَرَ

*Kan namicha san dhukkeen irraan gara galte

أَشْعَثَ أَغْبَرَ

*Kan harka isaa lamaan Rabbi khadha`aaf sami`itti ol fuudhu

يمُدُّ يدَيهِ إلى السَّماءِ

*Kan yaa Rabbu, yaa Rabbu, je`ee Rabbittii booyu

يا رَبِّ يا رَبِّ

*Kan wanni inni nyaatu haraamii

وَمَطْعَمُهُ حَرَامٌ

*Kan wanni inni dhugu haraamii

وَمَشْرَبُهُ حَرَامٌ

*Kan uffanni isaa haraamii

وَمَلْبَسُهُ حَرَامٌ

*Kan haraam quufee dhaabbatee Rabbitti booyu

وغُذِي بالْحَرَامِ

*Mee   akkamitti isaaf qeebalama mee

فأَنى يسْتَجابُ لِذلكَ ؟

 akkamitti namni akkanaa kun Rabbiin du`aa`ii tiyya,takkaa khadhaa tiyyaa narraa qeebalaa khajeela? odoo sharxii du`aa`in namaa qeeb-alamu`uu, ir`isee jiruu sun halaal nyaatanii,halaal dhuganii, halaal uffatu`uu maalif namni akkasii du`aa`in  isaa   qeebalamu`urraa fago`o haa tayuu Rabbiin nama akkasiitif rahmata godhee irraa qeebaluun ni mala odoo sharxiin du`aa`in namaa qeebalamu`uu halaal nyaatuu tayuu maalif rahmanni Rabbii bal`aadhaa .

          Hadiisa kanarraa wanni fudhannu

Wanni Rabbi biratti qeebalamu waan gaariidha

 Namni du`aa`in isaa Rabbi biratti qeebalamtu nama  halaal nyaatu, nama halaal uffatu nama haraam nyaatu, du`aa`iifii dalagaan isalleen irraan hin qeebalamtu .

*Hadiisa kana muslimtu odeesse

رَوَاهُ مُسْلِم

 
 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com