شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

  SHARHGII MATNII ARBAKGIINA NAWAWI’II 

Duree { muqaddimah }

  Hadiisa  tokkoffa`aa 

Hadiisa lammeysa`aa

Hadiisa sadeessa`aa

Hadiisa afreessa`aa

Hadiisa shanaffa`aa

Hadiisa jaheessa`aa

Hadiisa torbeessa`aa

Hadiisa saddeyteysa`aa

Hadiisa seyleessaadhaa
Hadiisa kurneessa`aa
Hadiisa kudha tokkoo
Hadiisa kudha lamaa
Hadiisa kudha sadiyyii
Hadiisa kudha afreessa`aa
Hadiisa kudha shaneessa`aa
Hadiisa kudha jaheessa`aa
Hadiisa kudha torbeysa`aa
Hadiisa kudha saddeetii
Hadiisa kudha seyleessa`aa
Hadiisa diiddammeysa`aa
Hadiisa diiddamii tokkeessa`aa
Hadiisa diiddamii lammeysa`aa
Hadiisa diiddamii sadeessa`aa
Hadiisa diiddamii afreessa`aa
Hadiisa diiddamii shaneessa`aa
Hadiisa diiddamii jaheessa`aa
Hadiisa diiddamii torbeessa`aa
Hadiisa diiddamii saddeetii
Hadiisa diiddamii sayleessa`aa
Hadiisa soddommeysa`aa
Hadiisa soddomii tokkeessa`aa
Hadiisa soddomii lammeysa`aa
Hadiisa soddomii saddeessa`aa
Hadiisa soddomii afreessa`aa
Hadiisa soddomii shaneessa`aa
Hadiisa soddomii jaheessa`aa
Hadiisa soddomii torbeessa`aa
Hadiisa soddomii saddeeteysa`aa
Hadiisa soddomii seyleessa`aa
Hadiisa afurtammeysa`aa
Hadiisa afurtamii tokkoffa`aa
Hadiisa afurtamii lammeysa`aa
 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA

SHARHGII MATNII ARBAKGIINA NAWAWI’II

   
 
 
الحديث الثالث و العشرون

HADIISA DIIDDAMII SADEESSO`OO

*Hadiisni kun ,abbaa maalik hga-aris ilma kgaasgim ash`ari`irraa nuu odeeffame .

 عَنْ أبي مالك الحارِثِ بْنِ عاصِمٍ الأَشْعَرِي y

*Abbaan maalik haaris ilmi kga-asim Rabbi isarraa haa jaalatuu akki je`e

قالَ:

*Ergamaan Rabbii Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je`e

قالَ رَسولُ r:

*Xahaaran ,   ulqullummaan cinaa

الطَّهُورُ شَطْرُ الإِيمَانِ

iimaanati.akkana jechuun sawaabni xahaaraa takkaa qulqullummaa qaamarratti argatan, sawaabni qulqullummaa qalbi`irratti argatan , cinaa sawaaba iimaanarratti argataniiti jechu .

Iimaanni guutun wanni argamuun, qalbin namichaa , dhukkubarraa qulqulluu tayuu dhukkubni qalbi`ii hisdii , yookaa waanyuu, if tuuluu, garaa hammaatuu, nama jibbuu , faadha

Namni shahaadaa lamaan qabatee , qalbii isaa waan hamtuu hundarraa qulqulleyse, takkaa xahaarse , iimaanni isaa guutu` .

Tanaaf jecha wanni mu`minarratti jiru , xahaaraa qaamaa godhatuu tan akka qaama dhiqatu`uu wuduu`a godhatu`uu tayammuma godhatu`uu , yoo bishaan dhaban, ammallee najaasaa qaamarraa if deemsisuu, yoo wanni akka odaanii, fincaanii, dhiigaa, farsho`oo faan, qaama isaa, takkaa huccuu isaa tuyxe wanni qaama takkaa huccuu qulqulleysaniin bishaan qulqullu`uun dhiqu` yoo dhaban tayammuma duuba wanni mu`minarratti jiru Rabbii isaa kan bishaan qaaman if qulqulleysee dhugu, isaaf uumee galata galchuu.

*Alhgamdu ,lillaahi ,jechuun galanni kan Rabbiiti{kan waaqati } faarun ta isaati ,je`anii galata isaa galchuun , miizaana guutti

والحَمْدُ لله تَمْلأُ المِيزانَ

Duuba namni{ alhgamdu lillaahi } je`ee , waan Rabbiin isaa kennerratti , galata isaa galche , sawaabni jecha kanaa guyyaa qiyaa ma`aa , miizaana isaati isaaf guuta .

 وَسُبْحانَ الله، والحَمْدُ لله تَملآنِ، أَوْ تَمْلأُ ما بَينَ السَّماء والأَرْضِ

Rabbiin waan isaan hin malle hundarraa qulqullaaye .Rabbiin tokkichaa, lamaa mitii beekhun , Rabbiin dandaya`aa ,dadhaba`aa ,mitii inni jaarti`iifii ilmo`orraa dureessaa ,isaatu waa hunda uumee , wanni inni uume gabroottan isaati malee shariika isaatii mitii, ammallee jaartii isaatii miti , akkasuma ilmoo isaatii mitii yaadun,Rabbii yookaa waaqa waan ir`uu taye hundarraa ammallee { alhgamdu lillaahi galanni kan waaqati je`anii galata Rabbiif galchuun, sawaaba guddaa qaba .Sawaabni jecha lamaan kanaa:{ subhgaanallaahi walhgamdu lillaahi } jechu`uu guddina keessa, waan sami`iifii, dachii jidduu jiru guuta .takkaa guutan

*Salaanni shaman,  takkaa wanmu-

والصَّلاةُ نُورٌ

ummaan salaata taye hundi , nama isii salaatuf ifaa taati karaa qajeello`ooti isa agarsiifti waan hamtuu hundarraa isa dhowwiti salaanni guyyaa qiyaama`aa ifaa namaa taati fuula nama salaaturraa ifaan mul`ata karaa siraax , dukkanaayaa san ,isaa ibsiti akkasuma nama salaatu addunya`arratti fuulli isaa ni ifa qaamni isaa qulqulluudhaa .

*Sadaqan ragaa iimaan namni horii

والصَّدَقَةُ بُزْهَانٌ

 isaa Rabbiif je`ee nama haajameef kenne , iimaanni isaa guutu`u tanumaafuu sadaqaa je`amte sadaqaa jechuun dhugo`oomsituu jechu`uu ammallee tanaaf jecha wanni agarru munaafiqni, namni afaanin islaamaa , kan gara`aan kaafiraa , salaata ni salaata, ammoo sadaqaa hin kennatu waan boru sawaaban irratti argadhaa hin dhugo`oomsineef jecha 

*Sabriin   takkaa obsa  qabaatun  

والصَّبْرُ ضِياءُ

ifaa jiru`uuti ma`naan kanaa: namni ibaada`arratti obsee ibaadaa godhu , kan obsee dili`irraa fagaatu, kan balaa addunya`aa  tan akka rakkoo isi`ii, obsee ba`atu, kan waan Rabbiin, itti fide jaalatu , namni sun karaa ifaa, qajeela`arra jira jecha` fakkeessa`aaf  namni dhukkubsatu , yoo obse karaa,gaari`irra jira.ammoo yoo obsa dhabee ,if jibbe , karaa jallaa dukkanarra jira haa tayuu dhukkuba himatanii  quricha yookaa dawaa barbaadun , obsa, takkaa sabrii dhabuu hin je`amu ammoo yoo namni namarraa du`e , takkaa horiin namarraa bade, takkaa gubate, obsanii waan Rabbiin fedhee  yaadun , karaa qajeelaa ifaadha ammoo sabrii dhabanii maraatun karaa jallaadha .

*Qur`aanni yoo qaraatee , itti dalayde, ragaa sii  taya    si fayyada   si  shafa`a

والقُرآنُ حُجَّةٌ لكَ أَوْحُجَّةٌ عَلَيكَ

 ammoo yoo qur`aana qara`uu baattee akkasuma itti dalaguu baatte, ragaa sitti baya sababaa ati itti dalaguu dhabdeef duuba ni yakkamta ni qixaaxamta .

*Namni hundi addunyaa tanarratti , lubbuu isaatif deema ,lubbuu isaatii dalaguudhaa jecha bobbaya

كُلُّ النَّاسِ يغْدُو

*Haatayuu isaanirraa ,

فَبائِعٌ نَفْسَهُ فَمُعْتِقُها

*Namni gariin  kan  lubbuu isaa Rabbiif

أَوْ مُوبِقُها

 gurguree,ibaadaa godhee ataqu takkaa azaabarraa nagaya isii baasutu jira kan lubbuun isaa shayxaanaf gabroomu`urraa bilisoomsutu jira

*Ammoo isaanirraa namni gariin , kan lubbuu takkaa nabsee isaa , sheyxaanaf gurguree cubbuu dalagee , azaaba if seensisee , if balleessutu jira .

*Hadiisa kana Muslimtu odeesse

رَوَاهُ مُسْلِمٌ

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com