شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

  SHARHGII MATNII ARBAKGIINA NAWAWI’II 

Duree { muqaddimah }

  Hadiisa  tokkoffa`aa 

Hadiisa lammeysa`aa

Hadiisa sadeessa`aa

Hadiisa afreessa`aa

Hadiisa shanaffa`aa

Hadiisa jaheessa`aa

Hadiisa torbeessa`aa

Hadiisa saddeyteysa`aa

Hadiisa seyleessaadhaa
Hadiisa kurneessa`aa
Hadiisa kudha tokkoo
Hadiisa kudha lamaa
Hadiisa kudha sadiyyii
Hadiisa kudha afreessa`aa
Hadiisa kudha shaneessa`aa
Hadiisa kudha jaheessa`aa
Hadiisa kudha torbeysa`aa
Hadiisa kudha saddeetii
Hadiisa kudha seyleessa`aa
Hadiisa diiddammeysa`aa
Hadiisa diiddamii tokkeessa`aa
Hadiisa diiddamii lammeysa`aa
Hadiisa diiddamii sadeessa`aa
Hadiisa diiddamii afreessa`aa
Hadiisa diiddamii shaneessa`aa
Hadiisa diiddamii jaheessa`aa
Hadiisa diiddamii torbeessa`aa
Hadiisa diiddamii saddeetii
Hadiisa diiddamii sayleessa`aa
Hadiisa soddommeysa`aa
Hadiisa soddomii tokkeessa`aa
Hadiisa soddomii lammeysa`aa
Hadiisa soddomii saddeessa`aa
Hadiisa soddomii afreessa`aa
Hadiisa soddomii shaneessa`aa
Hadiisa soddomii jaheessa`aa
Hadiisa soddomii torbeessa`aa
Hadiisa soddomii saddeeteysa`aa
Hadiisa soddomii seyleessa`aa
Hadiisa afurtammeysa`aa
Hadiisa afurtamii tokkoffa`aa
Hadiisa afurtamii lammeysa`aa
 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA

SHARHGII MATNII ARBAKGIINA NAWAWI’II

   
 

 

ÇáÍÏíË ÇáÓÇÈÚ

HADIISA TORBEESSO`OO  

*Hadiisa kana saahiba nabii kan tamiimaddaarii , je`amuutu odeesse tamiimadd-aarin, kun hadiisa kana malee , hadiisa biraa hin qabu

 Úóäú Êãöíãö ÇáÏøóÇÑöí y Ãóäøó ÇáäÈí r

*Wanni inni hoggaa hadiisa kana nuu odeesse je`e

  ÞÇá

*Nabi Muhammad akki je`e nageenyi isarratti haa jiraatuu

Ãä ÇáäÈí r ÞÇá

*Utubaan diin islaamaa gorsa waan gaarii yaadu`u  je`e .

ÇáÏøíäõ ÇáäøóÕöíÍóÉõ

*Nabi Muhammad  utubaan diin  toltuu yaadu`u jennaan nuti warri isa dhagaye ,akki jenneen eenyufi, toltuu yaadun barbaadama? yaa ergamaa Rabbii, jenneen jen-naanin .    

ÞõáúäÇ áöãóäú

*Kan nasiihaa , takkaa gorsa, takkaa  toltuu , isaaf  jecha yaadan : tokko Rabbii   gudda`a , tokko qur`aana tokko nabi Muhammadi , tokko matoota islaamati , tokko nama islaamaa hunda  

 æóáößöÊÇÈöåö æóáöÑóÓõæáöåö r æáÃÆãÉ ÇáãõÓúáöãöíäó æóÚóÇãøóÊöåãú  

Ma`naan:Rabbiif nasiihaa godhu`uu takkaa waan gaarii yaadu`uu : tokkummaa waaqaa yaadu`u Rabbitti takkaa waaqatti waa qindeysuu dhabuu.waan waaqni qur`aana takkaa hadiisa keessatti je`e, hunda dhagayu`. waaqni takkaa Rabbiin ,guutuu ir`uu hin qabnee yaadu` waan isaan malu malee waan isaa hin malleen isa dubbatuu dhabuu ibaadaa Rabbii jabeessuu waan inni irraa dhoowwerraa dhoowwamuu. Rabbii je`anii waan jaalatan  jaalatanii, waan jibban isaa je`anii jibbuu .nama isatti kafareen loluu. Waan inni namaa kannerratti galata isaaf galchuu waan dalagan hunda isaaf jecha dalaguu. waan dubbanne kana hundatti nama yaamuu. rahmata namaa godhanii, karaa laafa`aan waa nama barsiisuu Rabbiif toltuu yaadun ,waan dubbanne kanaan, dha-abbatuu , haa tayuu gabrichi waan dubbanne san dalaguun , lubbuma ifii gorsuu je`ama , takkaa toltuu ifii yaaduu je`ama. maalif Rabbiin takkaa waaqni, gabrichi isaa, isa gorsu`urraa dureessa ammallee gabrichi toltuu, isaaf yaadu`utti , hin haajamu, wanni gabrichi Rabbii, waaqaa takkaa Rabbii je`ee dalagu hundi , waanuma gabrichaa tolu waanuma ibiddarraa fagaatenii , jannataan seenu

    Ma`naan kitaaba Rabbiitif, takkaa qur`aana isaatif nasiiha yaadu`uu , takkaa toltuu yaadu`uu,qur`aanni waan Rabbiin nabi Muhammadirratti buusee,waan inni je`ee dhugo`oomsuu,yookaa amanu`. Qur`aanni waan Rabbiin je`ee dubbiin namaa isan fakkaattu namni tokkolleen qur`aana akka isaa fiduu hin dandayu ammas qur`aanaf , toltuu yaadun , isa guddisuu , qaraatii gaarii , isa qara`uu qaraatii bareechanii , qalbii soda`aatin qara`uu , harfii isaa tolchanii ammas fassaarii namni, badaan, qur`aana fassaru, irraa dhowwuu nama qur`aana waan hamtu`uun dubbatu irraa deebisu heera qur`aanatti dalaguu. Beekkomsa qur`aanaa jabeessanii baratuu`waan qur`aanarraa Ma`naan isaa namuufuu , beekkamu kan ma`naan isaa namatti wal hin fakkaanne,itti dalagu`akka inni je`etti ammoo waan qur`aanarraa ma`naan isaa namatti wal fakkaatu, qeebalanii beekkomsa ma`naa isaa Rabbumatti irkisuu Rabbumaatu waan itti fedhe beekhaa yaaduu. waan qur`aanarraa heerri isaa waa hunda qabatuufii , kan heerri isaa waa gari`irratti gabaabbatu ,addaan baruu.ammallee waan qur`aanarraa heerri isaa dhumeefii,kan{ mansuukh } je`amu ,waan heerri isaa bakka heera dhumee san dhufe, kan { naasikh } je`amu addaan baruu qur`aanatti nama yaamuu. baratanii barsiisu`uufii, isa kabajanii, guddisu`utti nama yaamuu. Qur`aana Rabbiitif waan gaarii yaadun akkana .

Ammoo nabi Muhammadiif { nasiihaa } yaadun takkaa ergamaa Rabbiitif nasiihaa , yaadun: nabi Muhammad ergamaa Rabbii tayuu , dhugo`oomsuu waan inni dhufeen hundatti amanuu  waan inni irraa nu dhowwefii , waan inni itti nu ajaje keessatti , dubbii isaa dhagayuu , haala isaan jiraniifii haala isaan du`anitti isaanii tumsu nama xilaata isaan godhate, xilaata godhatuu. Nama nabi Muhammad jaalatu jabeessanii, wajji dhaabbatuu,haqa nabi Muhammad jabeessanii guddisuu. karaa isaanii sunnaa isaanii jiraa-chisuu ,yaaminsa isaanii owwaatuu,hadiisa isaanii baranii ,barsiisuu. beekkomsa hadiisaa fiqhii hadiisaa ,facaasuu. namallee itti yaamuu hoggaa hadiisa barataniifii, hoggaa barsiisanillee, adabaan tayuu.Hadiisni hoggaa qara`amu yoo gaafi`iif taate malee dubbatuu dhabuu warra hadiisaa ulfeessuu` khabajaa hadiisa,nabiiti jecha. Ammallee adaba nabi Muhammad,itti nu yaame qabaatuu Aalii nabi Muhammad jabeessuu. Asaabaa isaanii hunda,khabajuu isaan jaalatuu. nama bid`aadhan deemu, kan asaaba nabi Muhammad tuqurraa fagaatuu. Ergamaa Rabbiitii , tola yaadun 

Ammas warri gorsan,matootii islaamati, imaamman isaaniti. imaamman islaamatiif toltuu yaadun, haqarratti isaan gargaaru` haqarratti dubbii isaanii dhagayu`, haqatti isaan gorsuu.waan hamtu`urraa isaan dhowwuu , karaa adaba qabuun .

Waan haqaa ,kan isaan fedhan dura dhaabbatuu dhabuu.ummatallee akka isaan dhagayan godhuu. salaata isaan duuban salaatuu odoo haala hammaatanille`ee akka Rabbiin haala isaanii tolchee , isaan qajeelchu, Rabbi isaanii kadhatuu.kun hundinuu wal tayuun haqaa, wal diddaan azaaba jecha`aafi .

Ammas warri toltuu yaadaniif, takkaa waan gaari`itti gorsan ummata islaamaa hunda ,walii gala isaanitiif toltuu yaaduu. Ummata islaamaa hundaa toltuu yaadun waan addunya`aafii , aakhiraa isaanii tolutti, isaan gorsuu. Ammallee irratti isaan gargaruu` hamtuu isaan dalagan irra isaanii dabruu. Dhiifama isaanii godhuu .waan ummata islaamaa miidhu isaanirraa deebisuu. waan isaanii tolu isaanii dhiyeessu , suuta hamtu`urraa isaan dhowwanii , waan gaari`itti isaan kaasuu garaa gaari`iin.. waa isa-anirratti jajjabeessuu dhabuu. Guddaa isaanii kabajanii xiqqaa isaanitii rahmata godhuu. Gorsaan tottooyatu,isaan dagatuu dhabu`isaan hassaduu dhabu`, ganullee dhabu`, waan khe-yri`irraa ifiin jaalatan isaanin jaalatu , waan ifiin hin jaalanne , isaanille`een jaalatuu dhabu` horii isaanirraa, gurra isaanirraa,bakka hundatti hamtuu deebisuu waan haala gaarii taye hundaan dhaabbatu`utti , isaan gorsu .

Waan gaari`itti nama gorsuun waajiba yoo namni hundi walii galee nama gorsuu dhiise,namni gorsuu dandayu hundi dilaaye ,yoommoo namni nama gorsuu dandayu, gariin nama gorsu`uun dhaabbate, waajibni nama kaanirraa kufe,yookaa bu`e maalif nama gorsuu ooltaniif, hin qiaaxaman haa tayuu gorsi namarratti wajjabu hanguma dandayan sanuu yoo namni ati gorsitu narraa qeebalaa, waanan an, je`utti dalagaa beekhe akkasuma yoo miidhaa hin sodaatini ammoo yoo nama gorsurraa miidhan natti dhuftii sodaate , isa gorsuun, isarrattin wajjabu

Ammoo yoo namni tokko mala isaa dhayuu sirra barbaade waan toltuu isaa yaaddee waan gaari`itti isa gorsuun sirratti wajjaba .

Nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu akki je`e yoo tokkoon keessan , gorsa obboleessa isarra barbaade , waan gaari`itti isa haa gorsuu

*Hadiisa kana muslimtu odeesse

ÑóæóÇå ãõÓáöã .

 
 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com