شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

  SHARHGII MATNII ARBAKGIINA NAWAWI’II 

Duree { muqaddimah }

  Hadiisa  tokkoffa`aa 

Hadiisa lammeysa`aa

Hadiisa sadeessa`aa

Hadiisa afreessa`aa

Hadiisa shanaffa`aa

Hadiisa jaheessa`aa

Hadiisa torbeessa`aa

Hadiisa saddeyteysa`aa

Hadiisa seyleessaadhaa
Hadiisa kurneessa`aa
Hadiisa kudha tokkoo
Hadiisa kudha lamaa
Hadiisa kudha sadiyyii
Hadiisa kudha afreessa`aa
Hadiisa kudha shaneessa`aa
Hadiisa kudha jaheessa`aa
Hadiisa kudha torbeysa`aa
Hadiisa kudha saddeetii
Hadiisa kudha seyleessa`aa
Hadiisa diiddammeysa`aa
Hadiisa diiddamii tokkeessa`aa
Hadiisa diiddamii lammeysa`aa
Hadiisa diiddamii sadeessa`aa
Hadiisa diiddamii afreessa`aa
Hadiisa diiddamii shaneessa`aa
Hadiisa diiddamii jaheessa`aa
Hadiisa diiddamii torbeessa`aa
Hadiisa diiddamii saddeetii
Hadiisa diiddamii sayleessa`aa
Hadiisa soddommeysa`aa
Hadiisa soddomii tokkeessa`aa
Hadiisa soddomii lammeysa`aa
Hadiisa soddomii saddeessa`aa
Hadiisa soddomii afreessa`aa
Hadiisa soddomii shaneessa`aa
Hadiisa soddomii jaheessa`aa
Hadiisa soddomii torbeessa`aa
Hadiisa soddomii saddeeteysa`aa
Hadiisa soddomii seyleessa`aa
Hadiisa afurtammeysa`aa
Hadiisa afurtamii tokkoffa`aa
Hadiisa afurtamii lammeysa`aa
 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA

SHARHGII MATNII ARBAKGIINA NAWAWI’II

   
 

 

الحديث الرابع

HADIISA AFREESO`OO

*Hadiisa kana abbaa abdurra-hmaan abdullaahi ilma mas`-uuditu nabi Muhammadirraa nuu odeesse

 عَنْ عبدالله بْنِ مَسْعُودy

*Saahibtichi nabi Muhammad kun akka je`e Rabbi isarraa haa jaalatuu

 قالَ

*Ergamaan Rabbii nabi Muha-mmad , wanni nuu odeesse rahmataafii nageenyi isarratti haa jiraatuu

حَدَّّثَنا رَسُولُ اللهr

*Nabi Muhammad nama dhugaa dubbatuu kan Rabbiin ragaa bayeefii

 وَهُوَالصَّادِقُ

*Inni nama dhugo`oomfamu kan wanni inni odeesse hundi dhuga`aatii akki je`ee nuu odeesse

 المَصْدُوق

*Tokkoon keessan uuman isaa garaa haadha isaa keessatti  wa-litti qabama gadaamessa kee-ssatti walitti qabama eegasii qaama haadhaa hunda keessa faca`ee, gadaamessa keessatti walitti qabama  

  إِنَّ أَحَدَكُمْ يجْمَعُ خَلْقُهُ في بَطْنِ أُمِّهِ

*Eega   garaa   haadhaa seenee hanga guyyaa afurtamatti , bi-shaan dhala`aafii dhiirarraa bayu miniyyii tayeetuma gada-amessa haadhaa keessa taa`a sun yaroo daydeyni isii qabuu

أَرْبَعِينَ يوْماً نُطْفَةٌ

*Ammoo eega afurtamni biraa irra dabree , garaa Haadhaa keessa guyyaa saddeettama taa`ee,bishaan sun {kgalaqaa }taya { alaqaa }jechuun: dhiiga furdaa ititaa wahitti qabatu

ثمَّ يكُونُ عَلَقَةً مِثْلَ ذلكَ

 

*Ammoo eega   afurtamni biraa irra dabree,guyyaa dhibbaafii, diiddama garaa haadhaa keessa taa`ee bishaan sun{ mudgghaa }taya{ مضغة mudgghaa } jechuun foon jechu`. kan hanga foon alanfatan gayu

ثُمَّ يكُونُ مُضْغَةً مِثْلَ ذلكَ

 

*Ammoo eega baatii afur gu-utee Rabbiin foon san , suuraa namaa godheeti, gurraafii ijaa funyaan, afaan itti godhee,waan akka tiru`uu, onne`ee ,waan garaa keessa jiru hunda , uumee , malaaykaa itti erga    

ثمَّ يرْسَلُ إِلَيهِ المَلَكُ

 

*Duuba malaaykichi sun lubbuu itti afuufa

فَينْفُخُ فِيهِ الرَّوحَ

 

*Ammas malaaykichi sun, waa afuritti ajajama

وَيؤْمَرُ بأَرْبَعِ كَلِماتٍ

 

*Afran sanirraa    tokko rizqii namni uumamu sun,hanga jiruu isaa ,nyaatee, dhugee, uffatee, keessa galu ,katabuu,rizqiin isaa guyya`atti hanganaa , amatatti hangana biyya tanatti hanganaa, biyya taanitti hangasi kan nam tokkolleen rizqii isaa fixu malee hin duune kan nam tokkolleen rizqii nama kaanii hin nyaanne

بِكَتْبِ رِزْقِه

 

*Afran malaaykichi kataburra kan lammeysa`aa umrii isaati kataba kan umrii san ixu malee hin duune

وأَجَلِه

 

*Kan sadeysa`aa   dalagaa isaati kataba waan inni hanga jiru dalagu kataba, kheyrii tayuu sharrii tayuu

  وعَمَلِه

 

*Kan afreesa`aa inni warra azaabaf uumamemoo

  وشَقِي

 

*Warra jannataaf uumamee ad-daan kataba kan namni Rabbiin kufri`irratti du`ee, dhiyana ibi-ddaa tayuu katabe , akkas ta-yuun oolle kan namni Rabbiin jannataaf uume akkas tayuu hin oolle

  أَوْ سَعِيدٌ

 

*Nabi Muhammad eega dubbii dabarsine dubbatee akki je`e Rabbii isa malee Rabbiin biraa hin jirreen isinii khakhadhe

فَوَالله الذي لا إِلَهَ غَيرَهُ

 

*Tokkoon keessan ka`eeti dalagaa warra  jannataa dalagaa    salaata salaatee , soomanee zakaa baafatee, hajjii godhee, waan gaarii dalagee, waan ham-tu`urraa fagaatee ,dalagaa akka namaa mul`atutti jannata nama seensiftu dalaga

إِنَّ أَحَدَكُمْ ليعْمَلُ بعَمَل أَهْل الجَنَّةِ

 

*Hanga isaafii jannata jidduu hanga dhuudhuma tokko  malee  hin  hafinitti takkaa hanga za-mana xiqqaa malee, jannata seenu`uu homaa hin hafinitti .

حتَّى ما يكونَ بَينَهُ وَبَينَها إِلا ذِراعٌ

 

*Duuba kitaabni   malaaykan  isaa garaa jiru , inni warra ibi-ddaati , jettee, katabdi isa dura dabree isa injifatee namichumti duraan qajeela`aa ,jallatee kan duraan tola`aa badee jirjii-ramee  

فَيسْبِقُ عَلَيهِ الكِتَابُ

 

*Dalagaa warra jannataa dhii-see dalagaa warra azaaba,takkaa ibiddaa dalagee

فَيعْمَلُ بِعَمَلِ أَهْلِ النَّارِ

 

*Sababaa saniin ,ibidda seena

فَيدْخُلُها

 

*Ammas tokkoon keessan ka-`eeti dalagaa warra ibiddaa dalaga

وإِنَّ أَحَدَكُمْ ليعْمَلُ بِعَمَلِ أَهْل النَّار

 

*Hanga isaafii , ibidda jidduu hanga dhuudhuma tokkoo ma-lee hin hafinitti takka zamana xiqqaa malee hin hafinitti

حتَّى ما يكُونَ بَينَهُ وَبَينَها إِلا ذِرَاعٌ

 

*Duuba  kitaabni   malaaykan isaa garaa jiru , inni warra ja-nnataatii katabde , isa dura dabree, isa injifatee, jirjiira-mee , kan duraan jalla`aa qa-jeelee , kan duraan bada`aa tolee

فَيسْبِقُ عَلَيهِ الكِتابُ

 

*dalagaa warra ibiddaa dhiisee , dalagaa warra jannataa dalagee

فَيعْمَلُ بِعَمَل أَهْلِ الجَنّةِ

 

*Duuba sababaa saniin jannata seena.

فَيدْخُلُها

 

Tanaaf jecha namni kaafiraa tokko,yoo shahaadaa lamaan qabatee, { laa ilaaha illallaahu, Muhammadun rasuulullaahi } je`ee hoggasuma du`e , jannata seena .

Ammoo namni islaamaa tokko,yoo hoggaa du`aa ka`e kafare takkaa islaamarraa deebi`e , ibidda seena

Hadiisni kun,wanni nu beysisu nam tokkolle`eef , inni warra jannataati jennee ragaa bayuu dhabuu odoo hangamuu waan gaarii dalagee,yoo nama akka anbiyootaa taate malee takkaa warra nabi Muhammad inni warra jannataati je`ee , nuu hime malee takkaa nama namni hundi inni kun warra jannataati je`ee quba itti laati malee ammas nam tokkolle`een  inni warra ibiddaati jennee ragaa hin baanu, odoo hangamuu waan hamtuu dalagelle`ee,nama kufri`irratti du`uu isaa beyne malee takkaa nama Rabbiifii, rassuulli isaa ,inni warra ibiddaati nuu odeesse malee kan akka abuu lahab .

Haa tayuu nama waan gaarii dalageef jannata khajeella ammoo nama waan hamtuu dalageef azaaba sodaanna. akkasuma warri kafare warra azaabatii warri amane jilma`atti warra jannataatii yaanna

Ammas hadiisni kun wanni nu beysisu akka nam tokkolleen, dalagaa isatti irkatee , dalagaa isaatin hin dhaaddanne , waan Rabbiin dalagaa isaa itti fixu , hin beekhuu .

Tanaaf jecha namni kaafiraa tokko , yoo shahaadaa lamaan qabatee, { laa ilaaha illallaahu Muhammadun Rasuulullaahi} je`ee hoggasuma du`e jannata seena

Ammoo namni islaamaa tokko , yoo hoggaa du`aa ka`e kafare takkaa islaamarraa deebi`e ibidda seena .

Tanaaf jecha, wanni Mu`minarratti jiru , takkaa isarraa barbaadamu , Rabbiin haala gaari`irratti du`uu, isa qunnamsiisuu kadhatuu, dalagaan hundi maayyi`iin laalamtii

Haala hama`arratti du`urraa isatti maganfatu` haa tayuu namni waan gaarii dalagu Rabbumaaf je`ee haala gaari`irratti du`a .

Ammoo namni waan gaarii dalagu, kan haala hama`arratti du`u inni hogguma waan gaarii dalagu, san Rabbiif je`ee hin dalayne haa na argani`iif dalage malee .

 

*Hadiisa afreysa`aa bukhaari`iifii Muslimtu odeesse

رَوَاهُ البُخارِي وَمُسْلِمٌ

 

       

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com